Skip to toolbar

Lesson 1

Barannoo 1ffaa: ADUNYAAN ANA WALIIN EEGALTI

Kaayyolee Barannichaa

  • Barattootni barnootarra jiraachuu isaanii hubachuun itti gammadu;
  • Barattootni wantootata leenjicharraa eeganii fi wantoota isaanirraa eegaman ni tarreessu;
  • Barattootni kaayyoo fi maalummaa ofii isaaniirratti xiyyeeffannoo ni kennu, ofiifis kabaja ni kennu
  • Barsiisaa fi barattootni haala daree waliin mari’achuuf mijataa tahe ni uumu
  • Daree mariif mijataa tahe uumuuf wantoota isaanirraa eegaman ni himu
  • Jechoota shana kan isaan ibsuu fi amala tokko kan isaan ibsu ni tarreessu
  • Garaagarummaa yaadaa fi haqaa ni himu
  • Wantoota afur kan jireenya isaanii keessatti baay’ee barbaachisaa tahe ni himu
  •  Mirga ofiif murteessuu fi of ibsuu ni hubatu, garaagarummaa namaa namatti jirus adda baasuun ni ibsu
  • Nama addaa ta’uu isaanii ni fudhatu
  • Amala addaa isaanii fi kabaja namaaf qaban ni himu
  • Yaada namootaa kabajuu fi kan ofiis ni ibsatu
  • Barattoota daree waliin hariiroo gaarii ni uummatu
  • Hiriyoota daree isaanii waliin kabaja waliif kennuu ni baru

Seensa

Barannoon kun koorsii kanaaf isa jalqabaa waan ta’eef, miira gaarii haala mirqaansaadhaan eegalla. Koorsiichi maal akka barsiisu, barattootarraa maaltu akka barbaadamuu fi jarris koorsicharraa maal argachuu akka barbaadan itti himuu danda’uu qabda. Barattoonni waa’ee ofiisaanii akka dubbatanu eegali; yemmuu koorsicha hordofan seera dhaabbataa ittiin bulan ofumasaaniitiin akka tumatan taasisi; seera tumatan kabajuu fi kabachiisuu akka qabanis hubachiisi. Gochaan barannoo kanaa inni bu’uuraa battallee sansakkaa ofii ittiin madaalan hojjechuudhaan eenyummaasaanii ibsuufi akka mallattoo eenyummaa isaaniitiif akka ka’umsaatti akka itti fayyadaman gochuudha.  

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee Barannoo

  1. Seensa: Wal-baruu, Koorsii, Seera ittiin Bulmaataa, Eeggannoo (Expectations) (daq. 20) 
  2.  Dorgommii Sansakkaa (daq. 20)
  3. Milkaa’ina Dhuunfaa (daq. 15)  
  4. Sansaakkaa addaa fi duudhaalee dhuunfaa isaanii uummatu (daq. 30) 
  5. Dhiyeessa (daq. 15)
  6. Faaruu faarfatu (daq. 5)
  7. Calaqqee (daq. 5)
  8. Hoj-manee
  1. Seensa (daq. 20)   

Galma

Barannoo kana keessatti tokkoon tokkoon barataa maaliif akka dhufe beekuu, simannaa godhameefitti gammaduu, seera ittiin bulmaataa irratti waliigaluu, maaltu akka irraa eegamuu fi innis koorsicharraa maal akka eeggatu sirriitti beekuun baayyee barbaachisaadha.

Akkamitti

Tartiiba 1 

Wixinee barattoonni guutumaa guutuutti koorsicha yemmuu hordofan maal akka hojjetanuu fi maal akka baratanu agarsiisu dhiyeessiif. Koorsichi waa’ee guddina dhala namaa fi wantoota guddina dhala namaatiin walqabatuu mara ta’uu itti himi. Waa’ee keefi waa’ee hiryoota keetiiti; waa’ee jijjiirama qaamaa guddina keessatti si mudatuu; akkamitti fayyaa qaama hormaataa akkamitti akka eeggattu fi dhukkuboota qaama hormaataa adda addaa kanneen akka HIV/AIDS fi ulfa hin barbaachisnerraa akkamitti of eegdu kan barsiisudha. Seen-duubee kee, hojii fi kaka’umsa kee hanga xiqqoo itti himi. Yoo sitti tola ta’e, haala jijjiirama qaamolee hormaataa yeroo dargaggummaa kee dabarsite ykn muuxannoo beekumsa barnoota saal-quunnamtii qabdus itti himi.

Tartiiba 2 

Barattoonni akka of beeksisan gaafadhu; maqaasaanii akka himan, eessa akka jiraatan, umuriisaanii, koorsicha hordofuuf kaka’umsa isaanii fi erga baratanii booda maal argachuu akka abdatan. Barattoonni sirriitti wal beeku yoo ta’e, odeeffannoo dabalataa akka wal jijjiiran fakkeenyaaf, nyaata baayyee jaallatan, muuziqaa dhaggeeffachuuf filatan, yeroo boqonnaa isaanii maalitti akka bashannanan, yeroo dhuma seemisteeraatti manni barumsaa cufamu maal akka hojjetanuu fi namoota biroorraa wanta adda isaan taasisu tokko akka maqaa dhahan akka walitti himan gochuun ni danda’ama.

Dabalata 1 

Malli filatamaan barattootaaf kibiriita kennuudha. Kibiriita qabsiisanii haasaa akka eegalanuu fi yemmuu inni boba’ee dhumu akka dhaaban gochuudha. Yoo kibiriinni boba’ee dhumu yeroon isaaniis ni dhuma jechuudha. Kun barattoota mirqaansuuf qofa osoo hin ta’in yeroo gilgaalchi itti xumuramu murteessuufis ni fayyada. Akkuma darabeen dabalaa deemuun barattoonni waan dubbatan yoo dhaban yookiin immoo barattoonni sodaatan yoo si mudatan gaaffilee dabalataa tokko tokko gaafachuudhaan keessa seenuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, “maalan baradha jettee abdatta?” jettee gaafachuu dandeessa.

Dabalata 2 

Yeroo ga’aatu jira yoo ta’e, barattoota lama lamaan qooduun  gaaffii fi deebii akka geggeessan gochuun ni danda’ama. Daqiiqaa sadi sadiif akka wal gaafatan gochuudhaan itti aansuun miiltoo isaanii barattootatti daqiiqaa lama keessatti akka beeksisan godhi. Kun barannoo eegaluuf mala filatamaadha. Haa ta’u malee, mala duraan ibsame caalaa yeroo dheeraa fudhata.

Tartiiba 3 

Seerawwan ittiin bulmaataa kitaaba keessatti dhiyaatan filiip chaartiirratti barreessi. Barattoonni seerawwan tartiibaan dhiyaatan keessaa fudhachuu fi dhiisuusaanii filatu; seerawwan dabalamuu qabu jedhanis itti ida’uu ni danda’u. Tokkoon tokkoon seerawwan ittiin bulmaataa barattoota maraan fudhatama argachuun baayyee barbaachisaadha.

Tartiiba 4

 Barattoonni yeroo-eegduu, jaarsa eebbaa yookiin bakka bu’aa isaanii akka filatan carraa kenni. Barattoota keessaa kan dhiirota fi dhalaa biratti fudhatama qabuufi bakka isaanii bu’ee akka barsiisaatti fedhiin barataa dhuunfaas ta’e kan garee maal akka ta’e barataatti himu filachuun gaarii ta’a. 

Tartiiba 5 

Barachuudhaaf walitti dhufuu keenya, tokkoon tokkoon barataa walqixa kan simatamu ta’uu, yaanni eenyuyyuu kennu bu’a-qabeessa ta’uu, yaanni barataa kamiiyyuu kan kabajamu ta’uu fi gammachuudhaan kan waliin baratan ta’uu itti himuudhaan xumuri.  

2. Dorgommii Sansakkaa (daq. 30)

Galma

  • Barattoonni tokkoon tokkoon namaa adda ta’uu fi sansakkaa addaa kan mataasaa akka qabu ni hubatu.
  • Barattoonni waa’ee mataasaanii iftoomaan dubbachuu baratu
  •  Xiyyeeffannoon barattootaa amala dhuunfaasaanii fi sansakkaa isaaniirratti ta’a.

Akkamitti

Barattoonni daqiiqaa muraasa fudhatanii dhuunfaadhaan Dorgommii Sansakkaa kitaaba barataa keessa jiru hojjetu.

Qajeelfama Argannoo Dorgommii Sansakkaa

Kanneen armaan gadii barattoonni dorgommii sansakkaatiin walbarsiisuuf yemmuu hojjetan gargaaruuf qabxiilee fayyadanudha:  

  • Amala
  • Jireenyasaanii keessatti beekumsa isaan barbaachisu, duudhaalee barbaachisoo akkamii akka horatanu murteefachuuf filannoo gaarii geggeessuu akka qaban yaadachiisuu.
  • Barattoonni of ibsuuf jecha kitaaba barataa keessatti hin kennamnes filachuuf mirga ni qaba; fakkeenyaaf, (miidhagduu, dheeraa).

Gorsi dabalataa dorgommicharratti gareedhaan mari’achuuf yeroo ni jira yoo ta’e fayyadamtu armaan gaditti kennameera.

  • Namni kamiyyuu kanneen biroorraa adda eenyuun waliinuu walqixa.
  • Deebiiwwan gaaffilee kunneeniif kennaman keessaa barattoonni ajaayisiisatan ni jiraa?

Gaaffilee gareewwan sadiitu jiru:  

  1. Gaaffilee murtii kennuurratti xiyyeeffatan

Hagam saffisaan murtiirra geessa, erga murteessitee booda sitti tolee fudhatta moo murteessuun dura gammaddee gorsa kennuuf gaaffii keessa seenta.  

   B. Gaaffilee waa’ee hiryaa fi walitti dhufeenyaa: Barattoonni kan namaan waliigalan, kan nama jaallatanii fi salphaatti hiryaa haaraa baafachuu danda’an ta’uusaanii yookiin callisoo namootaan walbaruun yeroo itti fudhatu ta’uusaanii dubbachuu danda’a.

 C. Gaaffilee waa’ee hoggansaafi fedhii dhuunfaa.  Barattoonni galiisaanii bira ga’uuf harooraan hojjetumoo akka salphaadhatti ilaaluudha barbaadu. Hogganootaa?  Moo namoonni biroo akka isaan hogganu filatu?   

Dabalata

Maaloo; barattoota gidduudhaa garaagarummaa dhabamsiisi.   

3. Milkaa’ina Dhuunfaa

Tokkoon tokkoon barataa dabtara yaadannoo Mahaarrabeesaa irratti milkaa’inasaa yookiin sansakkaa dhuunfaasaa sadii barreessa.  Milkaa’inasaanii sadan akka salphaatti argachuu danda’anutti duuba dabtara yaadannoorratti akka kataban itti himi.  Yeroo gad-aantummaan itti dhaga’ame yookiin abdii kutatan mara milkaa’ina kunneen ilaalanii abdii horachuu danda’u.

4. Fakkii Sansaakkaa addaa fi duudhaalee dhuunfaa

A. Waraqaarratti (daq. 30)   (A yookiin B keessaa filadhu)

Kaayyoolee

  • Barattoonni haala salphaa ta’een suuraa fakkii maalummaa ofiif qaban uummachuu danda’u;
  • Barattoonni jecha caalaatti isaan ibsu suuraa fakkii maalummaa ofiif ittiin ibsanutti dabalu.

Akkamitti

Tartiiba 1

 Barattoonni halluu jaallatanu fayyadamanii suuraa ofii kaasuu (irsaasaan yookiin barruulee keessaa kutuun)

Tartiiba 2 

Barattoonni jecha gilgaala “milkaa’inasaanii dhuunfaa” keessatti of ibsuuf fayyadaman fudhatanii itti ida’u.

Tartiiba 3

Fakkii sansakkaa isaanii milkaa’ina dhuunfaa tarreessanii turan waliin akka kaawwatan itti himi.  

B. Asxaa dhuunfaa qopheessuu (A fi B keessaa filadhu) 

Kaayyoo

  • Barattoonni asxaa dhuunfaasaanii haala salphaa ta’een qopheessu; 
  • Barattoonni jecha isaan ibsu fakkii sansakkaasaaniitti dabalu .   

Akkamitti?

Tartiiba 1  

  • Barattoonni waraqaa, irsaasa, peennaa yookiin maarkera qabaachuusaanii mirkaneeffadhu. Wantoonni adda addaa kanneen akka gaazexaas fayyaduu ni danda’u. .  
  • Barattoonni jecha yookiin gaalee na ibsa jedhananii amananu akka qabatan taasisi. Jechoota gilgaala dorgommii sansakkaa yookiin milkaa’ina dhuunfaa keessatti fayyadaman keessaa filachuu ni danda’u.

Tartiiba 2 

Barattoonni jecha filatan irratti hundaa’uun fakkii ofiisaanii akka kaasan taasisi. Fakkeenyaaf, gaazexaa keessaa qubee, aartii yookiin halluu itti tole fayyadamuu danda’u. Mallattoo ni ibsa jedhanii amananus itti ida’uu ni danda’u.

5. Dhiyeessa (daq. 15)  

Galma

  • Barattoonni tokkoon tokkoonsaanii kanneen irraa garaagarummaa qabaachuufi walqixa addaa ta’uu hubatu. 

Akkamitti

Tartiiba 1 

Gareewwan walitti qabamanii fakkii sansakkaa dhuunfaa fi asxaa dhuunfaa barattoota garagaraatiin qophaa’an ilaalu. Hanga danda’ametti hojiiwwan garaagaraa heddumminaan filachuudhaan martinuu carraa hojiisaanii daawwachiisuu akka argatan taasisuu yaali.

Tartiiba 2 

Namoota gidduu garaagarummaan jiraachuu fakkii sansakkaa dhuunfaa fi asxaa dhuunfaa barattoonni dhiyeessan fayyadamuun ibsi. Namni kamuu walqixa akka barbaachisaa ta’e itti himi. Waa’ee mataa keenyaa (ofii keenyaa) yoo dubbannu haqaa fi ilaalchi jiraachuu ibsi. Fakkeenyaaf, “Ani ija gurraachaa fi rifeensa luuccaan qaba,” yoo jenne haqa ta’a. “Ani jaalala namootaa nan qaba; namootas nan bashannansiisa” yoo jenne ilaalcha. Haqa qorannaan mirkaneessuun ni danda’ama. Ilaacha qorannaan mirkaneessuun hin danda’amu. Ilaalchi namoonni garaagaraa qabanus garaagara ta’uu danda’a. Kanaaf, ilaalcha nama tokkoo “sirriidha” yookiin “dogoggora” jechuun hin danda’amu.

6. Faaruu Faarfachuu (Faaruu barbaadan filachuu danda’u)

Kaayyoo

  • Barattoonni barannoo itti aanuuf qophaa’u.

7. Calaqqee  

Barattoonni dabtara yaadannoo kan dhuunfaasaanii akka fayyadaman ni gorsamu. Yaadannoon dhuunfaa akka galmee yaadannoo dhuunfaa (diary) isaaniitti tajaajila. Xumura barannoo tokkoon tokkoorratti daqiiqaa muraasa fudhatanii akka yaadan ta’a. Guyyoota muraasa itti aanan keessatti wantoota nu mudatu jedhanii yaadan, kanneen barbaachisoo fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti murteessoo ta’anii fi barnoota argataniin walqabatan barreessu. Barattoonni dhuunfaan yaadannoo Maarrabee xiqqoo calaqqee dhuunfaasaanii irratti kataban qabaatu. Kaayyoon calaqqee kanaa barattoonni barnoota barannicha keessaa argatan wantoota jireenyasaanii keessatti mudatuun akka walqabsiisan gargaaruudha.

Akkamitti 

Tartiiba 1

Faayidaa yaadannoon calaqqee maarrabee hanga sagantichi kennamu xumuramutti qabu ibsiifii gilgaala calaqqee akka hoj-maneetti ykn yeroo boqonnaasaanii akka hojjetan kenniif.  

Tartiiba 2 

Barannicha keessaa maal akka baratan yaada akka waliif hiranu gaafadhu. Barnooticha keessaa maal akka jaallatanii fi maal akka jibban addaan akka baasanii himan taasisi.

8. Hoj-manee  

Barattoonni waa’ee duudhaalee nuuf barbaachisoodha jedhanii barreeffatanii yookiin uummatanii yoo yaadan waan itti dhaga’amu guyyoota itti aanan keessattis dabtara yaadannoo isaaniirratti akka barreessan itti himi.  

Dorgommiilee Seensarratti Fayyadan Kanneen Biroo:   

1.  Dorgommii Maqaa (daq. 10)   

Kaayyoo

  • Barattoonni maqaa hiryootasaanii yaadatu;
  • Barattoonni ni dadammaqu; 
  • Barattoota gammachuutu itti dhaga’ama.
  •  Barattoonni haala bashannansiisaadhaan wal-baru.

Akkamitti 

Barattoonni geengoo hojjetu. Barataan tokko jalqaba maqaa barattoota sadii waama. Barataan itti aanu maqaa maqaa namoota sadanii, maqaasaa/ishee fi kan barataa itti aanuu waama. Hanga dhumaatti haaluma kanaan itti fufa. Barataan maqaa barataa tokkoollee dogoggore dorgommii keessaa baha. Dorgommichis deebi’ee jalqabarraa eegala.

Handouts

Assessment

 

5
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 1

Quiz for Lesson 1

1 / 10

1.1. Kaayyoon barnoota “Education for Health and Well Being” inni ijoon maali?

2 / 10

1.2. Barnoota maaliif hordofaa jirta?

3 / 10

1.3. Maatiin kee sababa maal siif godhaniif namoota murteessoo siif tahu?

4 / 10

1.4. Jireenya kee keessatti namni fakkeenya siif tahu eenyu?

5 / 10

1.5. Cimina kan ibsu kami?

6 / 10

1.6. Namummaa gaarii ibsuuf jecha filatamaa kan hin taane kami?

7 / 10

1.7. Dargaggoonni kan irratti xiyyeeffachuu qaban?

8 / 10

1.8. Fayyaalessummaa dargaggootaa eeguuf kan nurraa eegamu

9 / 10

1.9. ” Ani qal’aa fi dheeraa dha”. Yaadaa moo haqa?

10 / 10

1.10. ” Ani nama gamnaa fi yeroo hunda nama kofalchiisu dha”. Yaada dhuunfaa ti moo haqa?

Your score is

The average score is 34%

0%

References