Skip to toolbar

Lesson 10 for Students

Barannoo 10ffaa: HIV/AIDS: GA”EE TAPHACHUU QABDU

Seensa

Barannoo 10; Dhukkuboota wal quunnamtii saalaatiin daddarban (DhWQSD) irratti xiyyeefatu kanatti aansee, Barannoon inni kun walumaagala HIV/AIDS qofa irratti xiyyeefata. Sababni isaas dhukkuba kanatu akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasummaatti balaa hamaafi sodaachisaa waan ta’eef. Barannoo keenyatti galuuf barattootni keenya dura dursoo wa’ee dhukkuba kanaa dhugaa tokko tokko beekuu qabu. Kanaafuu barattootni kun nama baataa vaayiresii HIV/AIDS ta’e tokko ykn dhukkuba kanaan qabamee jiru tokko waliin gaaffii fi deebii afaanii godhanu akka dhaggeeffatanu godhi. Sanaan booda barattootni gareedhaan ta’anii akka ga’eessa tokkootti itti yaadanii maal gochuu akka qabanu murteessu. Xumura irratti nama vaayiresiin dhukkuba HIV/AIDS/ dhiiga isaa keessatti argame tokko gargaaruuf kaardii ergaa qabu tokko tokko akka qopheessanuuf taasisi.   

Toftaalee adda addaa yeroo barbaadne shaakallu sadiitu jiru, 

  1. Barattoota keenya kiliinika, ykn buufata fayyaa dhi’ootti argamu geessuudhaan Ykn imam hojjetaa fayyaa gara mana barumsaatti affeeruudhaan odeeffannoo sirrii akka argatan gochuu,
  2. Nama vaayiresiin dhukkubichaa dhiigasaa kessa jiru tokko gara mana barumsaatti affeeruudhaan akka inni barattootaaf ergaa barsiisaa ergaa dabarsu gochuu,
  3. Barreeffamoota waa’ee HIV/AIDS Dubbatanu (gaazeexaa, barruulee, kkf) fiduudhaan irraa barsiisuu,

Kun barannoo ati waa’ee dhukkuba kanaa barattoota kee ittiin beeksiftuudh. 

 Ati nama sirriitti waa’ee dhukkuba kanaa dubbistees haata’uu dhaggeeffattee hubannoo ga’aa qabduudha. Tarii nama dhukkuba HIV/AIDS hubamee ykn qabamee jiru argiteeta ta’a. Garuu ammam dhugaadha isa jedhu hubatteetta? Miidhaa inni hawaasa Kenya irraan ga’u beekta?

Ofuma keetiifuu dhiiga kee laalamtee bilisa ykn dhibamaa ta’uu kee mirkaneeffatteetta? Nama dhukkuba kanaan qabamee ykn hubamee jiru gargaaruuf ammam sochoote? Mee hundumti keenya gaaffiilee kanaaf maal gooneerra, ga’ee maal taphanne jennee ofi haa gaafatnu? Sababni isaas nutis ga’ee taphachuu qabnu taphachuu qabna waan ta’eef.

Ji’a tokkoo hanga waggaa kudhaniitti namni vaayresii kanaan qabame tokko mallattoowwan isaa osoo irratti hin baramne lubbuun turuu ni danda’a, garuummoo nama biraa dhukkuba kanaan faalaa daddabarsaa akka jiraatu ni odeessu. Namni HIV/AIDS posetivii ta’e tokko fayyummaan jiraachuu ni danda’a, miidhhaan isatti dhufu sodaachisaa akka hin taane suuta suuta fixaa akka deemu ni ibsu.

  Dhukkubootni saal quunnamtiin daddarbanu fi dirqisiisanii gudeeduun ammam tokko akka inni dhukuba kana balaafamaa miidhaa isaa daran dabaluu danda’u ni ibsu. Qorich antiretroviral jedhamu dhukubich carraa haadharraa mucaatti akka hin dabarre akka ittisu ni addeessu, Dhiiga ofii qorachiisuun namni tokko vaayress dhukkuba AIDS tiin  hubamuu fi bilisa ta’uusaa adda baasuuf akka ta’e ni himu.  HIV/AIDS attamitti nama tokkorraa gara nama biraatti darbuu danda’u akkasumas dhiiga qoratamuun faayidaan isaa maaliif akka ta’e gorsa barbaachisaa ta’e argachuuf.

Namoota dhimma HIV/AIDSn walqabateen rakkoo keessa jiranu lama fudhadhu; Tokko osoo dhiigasaa hin ilaalamin dhukkubsatee kan lafatti hafe ykn du’e, kan biraa kan baataa vaayresichaa ta’ee dhukkubicha waliin jiraatu jedhii adda baasii tarreessi, Ga’een Motummaan, Dhaabbatni Miti mootummaan fi dhaabbileen farra HIV/AIDS irratti hojjetanu ba’uu qabu ibsi,  

Gama biraatiinis:   Odeeffannoo waa’ee fayyaa wal hormaata saalaa ilaalchisee barnootni fi odeeffannoon argame buaa’aa qabeessa moo miti? Yaada jedhuuf murtee mataasaanii kennu.  

 Dandeettii Ogummaa waa uumuu fi miidhagsuu

 Kaardii waa’ee HIV/AIDS maxxansuudhaan ofii isaaniitiif Hawaasaaf ibsa kennuu.

Nama isaaniif wa’ee dhukkuba kanaa barreessuudhaan ergaa dhuunfaasaa kennu filatu,

Ergaa gabaaba human qabu qopheessu. Kaardii ergaa adda addaa qabu maxxansa adda addaa irraa kukkutuudhaan, Footoo fi waraqaa poosterii adda addaa irraa kukkutuudhaan uumanii poosterii hojjetu.

 Keewwattoota barbaachisoof hawataa ta’an adda addaa gaazexootaa fi barruulee adda addaa irra jiranu kukkutuudhaan poosterii babbareedaa qopheessu.

Learning Resources

Teaching Methodologies

Dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarbanii fi HIV/AIDS irraa of eegaa
Saalqunamtii of eeggannoo hin qabne raawwatamun dhukkubootni
akka nutti dhufan ni beekna. Rakkoowwan kanneen maal maal fa’ii?
Saalquunnamtii of eeggannoo hin qabne kan jennu yoomii? Dhukkubotni
saalqunamtiin daddarban maal akka ta’e beektuu? dhukkubootni
kun kanneen saal-quunamtiin nama dhukkubsataa irraa gara fayyaatti
daddarbaniidha. Sanyii kormaatiin dhangala’oo qaama dhalaa keessaa
bahuun akkasumas dhiigaan nama tokko irraa gara nama biraatti
daddarbu. Dhukkubootni kanneen saalquunamtii dogongoraa tokkoon
raawwatamun daddarbuu ni danda’u. Dhukkubootni kunneen
atattamaan yoo yaalamne osoo hin cimin fayyuun ni danda’ama.
Dhukkubootni saal-qunamtiin daddarban Coopxoo, Fanxoo, Abbaa
seeruu fi HIV /AIDS dha.
Yaadannoo qabataa jirtuu?
Mallattoon dhukkuboota saalquunnamtiin daddarban
• Naannoo qaamota saalaa hoqsiisuu – garuu kan nama hoqsisuu
hundumaa jechuu miti.
• Qaamotni saalaa dhiita’uu
• Qamoota saalaa keessaa dhangala’oo kelloon bahuu
• Qaamota dhalaa keessaa dhangala’oon hin beekamnee fi foolii
ajaa’aa qabu gadi bahuu(dhangala’oon qaama saalaa keessaa bahan
hundinuu mallattoodha jechuu miti)

• Yeroo saalquunnamtiin raawwatamuu ykn fincaan fincaa’amuu
gubuu fi dhukkubuudha.

Dhukkubootni kun qoricha qabuu?
Yeroo baay’ee dhukkubootni saalquunnamtiin daddarban wal’aansa
argachuun fayyuun nurraa eegama.
Mana yaalaatiin alaa fi qorichoota aadaatiin fayyuun hin danda’amu.
Copxoon, fanxoo fi Abbaan seeruu dhukkuboota baay’ee cimoo
ta’aaniidha. Salphaadhumatti fayyuu ni dandeenya. Garuu
atattamaan yaalii argachuu baannaan rakkoowwan armaan gadii fiduu
ni danda’uu.

  1. Dhiiras ta’e dubartootni akka ilmoo hin arganne (maseena)
    ta’uu danda’u. Akkasumas ulfa baasuu ni danda’u.
  2. Qaamni saalaa ni dhiita’a. Gogaan bifa keelloo ta’uun dhukkuba
    HIV tiif salphaatti nu saaxila.
  3. Daa’ima dhalatu irratti miidhaa fida. Fakkeenyaaf jaamina fi
    buusaa lafee irratti balaa (miidhaa) fidaa.
    HIV /AIDS dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarban keessaa kan
    dawaa hin qabneedha.
    HIV /AIDS – dhukkuba vaayirasii yoo ta’uu kan inni keessatti argamu
    dhiiga, mi’oo kormaa(semen) harma haadhaa keessatti vaayirasiin
    kun seelota dhukkuba ittisan miidhuun dhukkuboota birootiif nama
    saaxiluun nama ajjeesa.
    HIV/AIDSiin kan gara qaama keenyaa seenu saal-quunnamtii of eeggannoo
    hin qabne raawwatamu dhiiga qulqulluu hin taanee fi hin
    qoratamneen fi meeshaalee qara qabaniin daddarba. Karaa biraatiin
    yoo qaamni keenya madaa qabaatee dhiiga nama HIV/AIDSiin qabameen
    yoo wal tuqe daddarbuu ni danda’aa. Yeroo dhiiga keenninu dhiiga
    qulqulluu hin taanee fudhachuu fi meeshaalee qara qaban waliin
    fayyadamuun dhukkuboota kana daddabarsuu ni danda’a.
    AIDSi jechuun nama dhukkuba HIV/AIDSitiin qabamee fi sadarkaa cimaa
    irra gahee jechuudha. Vaayirasiin kun seelota dhukkuba addaa addaa
    irraa nama ittisan miidhuun dhukkuboota addaa addaaf nama saaxila.
    Fakkeenyaaf dhukkuba sombaa. Dhukkuba HIV/AIDSii fayyisuun hin
    danda’amu. Garuu dawaan Anti retroviraal jedhamanu jiru. Qorichootni
    kunVaayirasii HIV/AIDS akka qaama keenya keesatti hin baay’anne
    gochuun gara Edsiitti akka hin jijjiiramne godhu.
    Isin HIV poozaativiidha kan jedhamtan yoo vaayrasiin HIV/AIDSii dhiiga
    keessan keessatti mul’ateedha.
    Namni HIV poozaativii ta’e tokkoo mallattoo tokko iyyuu osoo irraatti
    hin mul’atiin yeroo bay’ee jiraachuu fi turuu ni danda’a. Garuu namoota
    birootti dabarsuu ni danda’a.
    Namni HIV qabame tokko osoo gara Eedsiitti hin jijjiiramin hammam
    turuu danda’aa? Kana kan murteessu haala jireenya isaanii yoo ta’u
    waggaa baay’ee jiraachuu ni danda’a.
    Maloota dhukkuba saal-quunnamtiin daddarban ittiin ittisan
    Tooftaalee ittisuu sadi jiru. Seerota sadeen armaan dura dhageessani
    jirtu ta’a. Mee amma waa’ee seeroota ittisaa sadeen gadi fageessinee
    haa ilaallu.
  1. Saal-quunnamtii kam irrayyuu of qusachuu
  2. Jaalallee ofiitiif amanamuu
  3. Kondomii fayyadamuudha. Namoota amantiin isaanii dhorku
    kana hin gorfaman (hin ilaallatu)
    Karaa biraatiin meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuu dhiisuu
    fi dhiiga qoratamee fi qulqulluu ta’e qofa fudhachuun ittisuun ni
    danda’ama.
    Dhiiga haadhaa keessa vaarasiin HIV jiraannan dhukkubni kun yeroo
    da’umsaa fi karaa harma haadhaa silga jedhamuun waan haadha irraa
    gara ilmootti daddarbuu danda’uuf yeroo ulfaa dawaa antiritrovaayiraal
    jedhamu fudhachuun carraa daddarbuu hir’isuun ni danda’ama.
    Seerotni kanneen armaan olitti ibsaman salphaa fakkaachuu ni
    danda’uu. Garuu yeroo gochaan agarsiifnu baay’ee cimuu ni danda’uu.
    Fakkeenyaaf:
  4. Yeroo namootni filannoo isaanii sirriitti beekuu dhaban
  5. Namootni tokko tokko ofii isaanii of eeggannoo yoo gochuu
    baatan.
  6. Namootni jaalallee isaanii wajjin ifaan ifatti waa’ee sal-quunnamtii
    marii gochuu yoo baatan
  7. Namootni jaalallee isaanii filannoo isaanii ibsachuuf sodaatanii
    fi amansiisuuf dandeettii dhabaniidha.
    Kanaafuu waliin marii gochuu fi waliin dubbachuun murtee sirrii ta’ee
    murteessuuf isin gargaara. Dubartootni dhiirota caalaa salphaa dhumatti
    dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarbaniif saaxilamu. Maaliif
    akka ta’e beektuu? sababoota afurtu jiru.
  8. Saal-quunnamtiin of hin eegnee yommuu raawwatamuu uumamaan
    qaamotni saala dhalaa haphii waan ta’eef salphumatti
    baqaquu danda’a. Yeroo kana sanyiin kormaa salphumatti qaama
    dhalaa keessatti gadi nammuu danda’a.
  9. Dubartootni jaalalleen isaanii kondomii akka fayyadamu saal-quunnamtii
    of hin eegne akka hin raawwatne saal-quunnamtii raawwachuu
    diduuf ofitti amanummaa wanta hin qabnee fi jaalalleen
    isaanii isaan dhaga’uuf eyyamamaa wanta hin taaneef
  10. Shamarran (dubartootni) dhiirota caalaa osoo hin barbaadiin dirqiisiifamanii
    saal-quunnamtii wanta raawwataniif mataa isaanii
    eeggachuun itti jabaata.
    Aadaa keenyaaaniis wantoota dhiirotni jedhan dubartootni tole jedhanii
    akka fudhatan namootni barbaadan jiru.
    Haata’u malee yeroo ammaa biyya keenya keessatti gara fuulduratti ilalcha
    kana hambisuuf hojjatamaa jira. Jaalala kam keesattuu shamarraan
    jaalallee isaanii wajjin wal qixa mirga qabu. Dubartootni saal-quunnamtii
    raawwachuuf yeroo sirrii, bakka filachuu akkasumas raawwachuuf dhiiisuu
    ni danda’u. Dubartootni gara fuulduraatti haadhoota waan taa’aniif
    kunuunsa barbaadu. Dhiirotni kunuunsa isaanii keessatti shoora (gahee)
    guddaa qabu.
    Dhukkuboota saal-qunamtiin daddarbaniin qabamtan maal gochuu
    qabduu?
    Gara mana yaala deemuun yaallamaa (qoratamaa)
    Naannoo keessan mana yaalaa gaarii ta’ee fi tajaajila tola kennan barbaadaa.
    Mana yaalaa kana deemuun dhukkuboota saal-quunnamtiin
    daddarbanii fi HIV/AEDsii qoratamaa. Manneen yaalaa tokko tok

ko namaqooran/yaalan kaffaltii salphaa kaffalchisu. Mana yaalaa
yommuu deemtan sodaan isinitti dhugaa’amu hin qabu. Namootni
mana yaalaa keessa hojjatan dargaggoota akka keessanii baay’ee
waan yaalii godhaniif isin kunuunsuun miirri gaariin akka isinitti
dhaga’amuu fi iccitii keessaan eeguuf dirqama qabu. Haaluma kana
ta’ee yoo sodaan isinitti dhaga’ame hiriyaa keessan wajjin deemaa.
Mana yaalaa sana yaalii gahaa ta’e yoo hin argannee isin akka lammii
tokko yaalii argachuuf mirga akka qabdanu ibsaaf. Namootni
wal’aansa kennan isin diduufis ta’ee isin rakkisuu hin danda’anu.
Mana yaalaa sanaan namni tokko dhukkuboota kanaan akka qabame
yoo itti himame dawaa keennameef osoo wal irraa hin kutiin seeraan
fudhachuu qaba. Haata’u malee jaalalleen lamaan isaaniyyuu walqixa
qoratamanii yoo dawaa fudhachuu baatan walquunnamtii saalaa
raawwachuu hin qabanu.
Namni tokko dhukkuba HIV/AIDsii tiin qabamu kan beeku qorannoo
dhiigaa qofa gochuuni. Sabani isaas qorannoon kun garaa garummaa
ji’oota sadii dura argamuu waan hin dandeenyeef. Vaayirasichi yoo
dhiigaa keenya keessatti argame ta’e of eeggannoo gaarii ta’e gochuun
vaayirasicha dadhabsiisuun ni danda’ama. Yoo vaayirasiichi qaama
keenya keessatti hin argamne ta’e namoota birootiif gorsa kennun
qabna.
Yaadota Dogongoraa

  1. Namni tokko fayyaa waan fakkaatuuf, qulqulina ofii waan eeggatuu
    fi huccuu gaarii waan uffatuuf dhukkuba hin qabu.
    • Dogongora: yomiyyuu nama tokko ijaan ilaaluun
    fayyaa ykn dhukkubsataa ta’uu isaa addaan baasuun hin
    danda’amu.
  2. Dhukkubootni saal-quunnamtiin daddarbanii fi HIV/ AIDSi mana
    fincaanii tokkotti fayyadamuun dadarbu ni danda’u.
    • Dogongora: dhukkubootni kun huccuu waliin uffachuun
    mana fincaanii tokkotti waliin fayyadamuun wajjin rafuun,
    bookee buusaatiin ciniinamun, wal hammachuu fi wal
    dhungachuun hin daddarbu.
  3. Dhukkuboota saal-quunamtiin daddarbanii fi HIV/AIDSiin qabamnaan
    jaalallee baay’ee qabachuutu nurra eegama.
    • Dogoggora: dhukkubootni kun saal-quunnamtii of hin eegnen
    raawwatamee tokko qofaan daddarbuu danda’a.
  4. Dhiirri tokko ykn shamarreen tokko kondomii fayyadamna jette
    yaada yoo dhiyeessitee dhukkuba qabdi
    • Dogoggora:kun jechuun of eeggannoo fi ulfinaaf kan
    gaafataniidha.
  5. Namni HIV/AIDSi qabu daa’ima qabaachuu (argachuu) hin
    danda’u.
    • Dogongora: Eeyyeen ni danda’ama. Kanaan dura akka hin
    danda’amnetti ilaalamaa ture. Amma garuu ni danda’ama.
    Haati HIV/AIDSiin qabamte maatii argachuu ni dandeessi.
    Yaalii addaa addaa hordofuu fi qorichaa (dawaa) fudhachuun
    dhukkubni kun haadha gara ilmootti akka hin darbarree
    ittisuun ni danda’ama.
  6. Vaayirasiin HIV/AIDSi uraa kondomiitiin gara qaamaa seenuu ni
    danda’a.
    • Dogongora: eyyee / hin danda’amu. Hin danda’amu kon

domiin yoo urate malee vaayirasiin dhukkuba kana dabarsuu
ykn sanyii kormaa (sperm) dabarsuu hin danda’u.

  1. Namoota sooreyyiif dawaa (qorichi) jira.
    • Dogongora: Eyyee /miti. Miti hanga ammaatti dhukkuba
    kanaaf dawaan hin argamne. Garuu umurii dheeressuuf
    (tursiisuuf) qorichoonni fayyadan jiru. Dawaan kun garuu
    bakka maratti hin argamu. Dhiigni guutumaan guututti
    jijjiramu iyyuu vaayirasichi xannachoota keessatti argamuu
    ni danda’a.
    Haala fayyadama kondomii
    • Dhukkuboota saal-qunamtiin daddarban HIV/AIDSi fi ulfa itti hin
    yaadamne irraa of eeguuf kondomii sirnaan fayyadamuu qabna.
    • sirnaan koondomii akka itti fayyadamtan beektuu?
    • Namootni baay’ee koondomii akkataa itti fayyadaman sirriitti
    hin beekan. Yaadota dogongoraa ykn ilaalcha hin taane qabu.
    Fakkeenyaaf
    • Koondomiin namoota Afrikaaf hin ta’u
    • Koondomii keessa vaayirasiin darbuu danda’a
    • Bal’achuu ykn dhiphachuu danda’a
    • HIV/AIDSin nama filata
    • Koondomiin feedhii saal-quunnamtii saalaa hir’isa .
    Hubadhaa ilaalchi akkanaa koondomii fayyadamuuf fedhii dhabuu fi
    dirqama ofii bahachuu dhabuu irraa kan ka’ee wantoota oodeeffamaniidha.
    Koondomii sirnaan fayyadamuun 98% dhukkuboota saal-qunamtiin
    daddarbanii fi ulfa itti hin yaadamne ittisuu ni danda’ama.
    Murtee murteessuuf maal gochuu qabna?
    Namni tokko filannoolee jireenyaa keessaa murtee kam murteessuuf
    yommuu rakkatu filannoowwaan jiran kaa’un bu’aa isaanii fi miidhaa
    isaanii addaan baafachuu qaba. Fakkeenyaaf sal-quunnamtii irraa of
    qusachuu fi koondomii fayyadamuu yommuu filannu:
  2. Waraqaa qulqullu tokko bakka lamatti qooduun gara tokkotti
    walquunnamtii saalaa irraa of dhorkuu jedhaa barreessaa. Gara
    isa birootti ammoo koondomii fayyadamuu jedhaa barreessaa.
  3. Bakka sirrii ta’etti maaliif saal-quunnamtii irraa of qusachuu ykn
    kondomii fayyadamuu barbaadaniif barreessaa.
    Fakkeenyaaf, saal-quunnamtii irraa of qusachuuf amma saal-quunnmatii
    raawwachuuf qophii hin qabu.
  4. Maatii kootiif hanga umuriin koo gahutti saal-quunnamtii akkan
    hin raawwanne waadaa galeera.
  5. Yeroo ammaatti anaaf namni ta’u hin jiru
    Fayyadamuu:
  6. Saal-quunnamtii raawwachaa wantan jiruuf dhukkuboota karaa
    saal-qunamtii daddarbaniin qabmu hin barbaadu.
  7. Koondomiin ulfa itti hin yaadamne, dhukkuboota karaa saal-quunnamtii
    daddarbani fi HIV/AIDSi irraa na ittisa.
  8. Maaloota lamaanuu erga tarreessitanii booda taa’atii gadi fageenyaa
    waliin madaluun murtee keessan filadhaa. Kunis filannoon
    keessan maal akka ta’e isinitti ibsa.
    Murtee sirrii ta’e murteessaa. Namni biraa barbaadeef qofa wanta
    hin fedhin tokko hin raawwatinaa. Filannoo dhunfaa keessanitu isinis
    ta’e jaalallee keessan ittisuuf maqaa keessan eeguuf isin gargaara. Yeroo
    kana garuu isiniif filannoo ta’uu kan qabu sal-quunnamtii irraa of
    dhorkuudha.

Adaraa isin of eeggadhaa!
Dhukkuba HIV/AIDSi tiin namoota qabaman qooduu dhiisuu.
Vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabamne jechuun dhukkubsataadha jechuu
miti. Guutummaan guututti hojii hojjachuu ni dandeenya. Namootni
baay’een nama vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabame akkamitti akka qabame
osoo hin beekiin namoota vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabaman
kunuunsa isaan barbaachisa. Dhukkubicha caalaa kan isaan miidhaa
irraan gahu namootaan qoodamanii ilaalamuudha.
Vaayirasii HIV/AIDSi tiin yoo qabamtan maal gochuu dandeessuu?
• Namoota birootti dabarsuu dhiisuu
• Mataa ofii fi hiriyaa keenya eeggachuu
• Vaayirasichi gara dhukkuba Eedsiitti akka hin jijjiramne carraa
isaa hir’isuun of eeggachuu. Hubadhaa vaayirasii HIV/AIDSi tiin
qabamtan iyyuu gammachuu fi fayyaan jiraachuu ni dandeessuu.
• Yommuu yaaddoon isinitti dhaga’amu hiriyaa amanamaa kee
wajiin marii gochuu qabdu.
• Boqonnaa (haara galfii) gahaa argachuu qabdu.
• Nyaata sirnaan nyaachuu qabdu. Yeroo yeroodhaan mana
yaalaa deemuun ilaalamuu qabdu.
• Gargaarsa isiniif godhamuutti gammaduu qabdu.
Vaayirasii HIV/AIDSi tiin yoo hin qabamne maal gochuu qabdu?
• HIV/AIDSin akka hin qabamne of eeggachuu
• Hiriyoota keessaan gargaaruu. Ollaa fi hiriyoota keessan waa’ee
HIV/AIDSi odeeffannoo kennuu
• Namoota vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabaman kunuunsuu
• Namoota vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabaman akka namootaan
addaan hin qoodamne ittisuu
• Miidhaa karaa saal-quunnamtiitin dhufan dirqisifamanii gudeedamuu
dabalatee rakkoowwan uumaman atattamaan gara qaama
ilaallatutti beeksisuu.
• sHawaasa keessa jiraatan akka vaayirasii HIV/AIDSi tiin hin qabamne
odeeffannoo kennuu.
Hubadhaa! Hiriyaan vaayirasii HIV tiin qabame ammas hiriyaa dha!
Walgargaaruu qabdu.
Hubadhaa! Ittisa vaayirasii HIV/AIDSi keessatti isinis gahee qabdu.
Gaaffilee Saal-quunnamtii of hin eegne geggeeffamuuf dhiyaatan

  1. Sal-qunamtii of eeggannoo hin qabne rakkoon isaa maalii ?
    • Dhukkuboota karaa sal-qunnamti daddarbanii fi HIV/AIDSi
    tiif nama saaxila.
    • Ulfa hin barbaachifne fida
    • Laamanuu
  2. Nama tokko ilaaluun dhukkuboota sal-quunnamtiin daddarban
    qabaachuu isaa beekuun ni danda’amaa?
    • Eeyyeen
    • Hin danda’amu
    • Yeroo hundaa yoo ta’uu baatus
  3. Akkamitti ulfa itti hin yaadamne, dhukkuboota sal-qununamtii
    daddarbanii fi HIV/AIDSi ittisuu dandeenyaa?
    • Yommuu sal-quunnamtii raawwannu maraa koondomii
    fayyadamuu
    • Dhaabbatanii sal-quunnamtii raawwachuun
  1. Jaalalleen (hiriyaan) keessan koondomii fayyadamuu barbaachuu
    yoo baate maal gootuu?\
    • Hiriyaa keenya waan jaalannuuf amansiisuu
    • Koondomiin mallattoo jaalalaa ta’uusaa hubachiisuu
  2. Dhukkuboota sal-quunnamtii daddarban qaba jettanii yoo of
    shakkitan maal gochuu qabduu?
    • Hamma fayyamutti callisnee ilaalla.
    • Atattamaan yaalamuun rakkoo guddaa irraa of hambifna.
  3. Mallattoowwan armaa gadii keessaa kamtu kan dhukkuboota
    sal-quunnamtiin daddarban hin taane?
    • Foolii hajaawaa
    • Mataa bowwuu
    • Dhangala’oon qaamota wal hormaataa keesaa gadi bahuu
  4. Shamarreen tokko sal-quunnamtii hin raawwadhu gaafa jettuu
    maal jechuu barbaadde?
    • Hin ta’u / hin raawwadhu
    • Eyyee
    • Ittaan yaada.
  5. Dhukkuboota sal-quunnamtii daddarbaniif HIV/AIDSin kan salphaati
    saaxilamuu eenyuu?
    • Dhiirota jaalallee baay’ee qaban
    • Dubartoota jaalallee baay’ee qaban
    • Namoota sal-quunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwatan
    • Hunduma.
    Bu’aa qorannoo beekuun/ baruun dura deebii keessan irra deebitanii
    ilaaluu barbaadduu?
  6. Sal-quunnamtii of hin eegne rakkoowwan kan akka HIV/AIDSi
    dhukkuboota sal-quunnamtii daddarbanii fi ulfa ittin hin yadamneef
    nama saaxilaa.
  7. Namni tokko dhukkuboota sal-quunnamtii daddarban nama
    qabu ilaale qofa beekuu/ addaan baasuun hin danda’amu garuu
    miidhaa isaan geessisaan irraa ka’uun dhukkuboota maal akka
    ta’an beekuun ni danda’aama.
  8. Dhukkuboota tarreeffaman kana furuuf carraan qabnu sal-quunnamti
    raawwachuu dhiisuudha. Filannoon lammafaa kondomii
    fayyadamuudha. Dhaabbatanii sal-quunnamtii gaggeessuun
    garuu maaluma irraa nu ittisuu hin danda’uu.
  9. Jaalalleen keessan koondomii fayyadamuu yoo baatee waliin
    dubbachuun walii galuun sal-quunnamtii of eeggannoo qabu
    raawwachuutu isin irraa eegama.
    • Sal-quunnamtii alatti wantoota jaalala calaqqisiisan kanneen
    akka wal dhungachuu, wal hammachuu fi k.k.f raawwachuun
    ni danda’ama. Haata’u malee hiriyaa keessan
    sal-quunnamtii geggeessinu malee hin ta’uu yoo jedhe ykn
    jettee dhiisuutu nu irraa eegama. Sal-quunnamtii of hin eegne
    yoomiyyuu jaalala ibsuu hin danda’u.
  10. Dhukkuboota sal-quunnamtiin daddarban qaba jettanii yoo of
    shakkitan atattamaan gara mana yaalaa deemuun ilaalamuu
    qabdu. Fayyaa keessan miidhuu ni danda’a. Gara fuldurratti akka
    ilmoo /daa’imaa hin argamne godha. Dabalatanis namoota birootti
    dabarsuu ni dandeessuu.
  1. Kanneen tarreeffaman keessaaa mallattoo dhukkuboota salquunnamtii
    daddarbanii kan hin taanee mataa bowwuudha.
    Kanneen biro kan akka foolii ajaa’aa, dhangala’oon qaama
    wal hormataa keessaa gadi bahuu fi qaamota wal hormataa
    hooqsiisuu mallattoolee dhukkuboota sal-quunnamtii saalaatiin
    daddarbaniiti.
  2. Shamarreen tokko sal-quunnamtii hin raawwadhu jechuun
    ishee hin raawwadhu / hin ta’u jechuu isheeti, kolfaa hin ta’u
    jechuun ishee jaalallee ishee akka itti hin dallanneefi.
  3. Dubartootni sal-quunnamtii namoota hedduu wajjin raawwatan
    carraan isaan dhukkuboota sal-quunnamtii daddarbaniif
    saaxilaman ol’aanadha. Sababiin isaa qaamni walhormaata
    dhalaa salphaadhumatti dhukkuboota addaa addaaf saaxilamu
    danda’a. Dhirootni dubartoota hedduu wajjinis sal-quunnamtii
    raawwatan akkasuma. Dhiiras ta’ee shamarran yeroo
    jalqabaatiif sal-quunnamtii rawwatan sadarkaan saaxilamuu
    isaanii guddaadha.
    Odeeffannoo dabalataa
    Dhiiraafis ta’ee dubaraaf maloota dhukkuboota sal-quunnamtiin
    daddarban ittisuuf sal-quunnamtii raawwachuu dhiisuu, koondomii
    fayyadamuu fi maloota biros fayyadamuuf
  4. 1. Yeroo sirrii filachuu – jaalala keessa yommuu jirtan maloota
    armaan olii hiriyaa keessan waliin dubbachuun ni cima. Garuu
    yommuu karaa waliin deemtan laaqana nyaattani fi bashanantan
    waliin dubbachuun wal amansiiftanii murtee keessan murteesschuu
    qabdu.
  5. Ergaa / yaada ifa ta’e dubbachuu murtee keenya wanta ibsachuu
    barbaannuu ifaan ifatti dubbachuu fi ibsachuu qabna. Fakkeenyaaf
    akkana jechuu ni dandeenya:
    • Sal-qunamti raawwachuu hin barbaadu sababiin isaa qophii
    wantan hin taaneef ykn ulfaa’uu fi dhukkuboota sal-quunnamtiin
    daddarbaniif saaxilamuu hin barbaadu ykn maloota
    dhukkuboota kanaa fi ulfa ittisan yoo fayyadamne malee salquunnamtii
    raawwachuu hin qabnu jechuudha.
    • Sal-quunnamtii raawwachuu kanan dideef barumsa irratti
    xiyyeeffachuu waanan barbaaduu fi kayyoo koo irraa waan
    ana hambisuu fi dabalataanis jaalalli keenya hanga baay’isee
    cimutti fi yeroon sirrin hanga gahutti raawwachuu hin qabnu.
  6. Amantee godhadhaa/ waliif amanamaa yeroo tokko murtee sirri
    yoo murteessitan yaada keessan irratti amanaa / boodatti deebitanii
    yaada keessan hin jijjirinaa. Hubadhaa murtee sirrii waan
    murteessitaniif yaadni dogoggoraa isiniif hin dhaga’amin kun kan
    ta’uu qabuuf namoota biraa akka hin miinef malee garaa jabinaa
    miti.
  7. Murtee keessanitti amantaa godhadhaa. Murtee keessaniin hanga
    xummuraatti turaa /dhaabbadhaa. Jaalala keessa yoo jirtan ta’e
    wa’een sal-quunnamti of eeggannoo irra deddebi’ee dhufu qaba.
    Murteen keessan sal-qunamtii hin gaggeessu kan jedhu yoo ta’e
    murtee keessanitti cimuu qabdu. Yoo dhuma isin fedhii qabaattanii
    fi jaalalleen keessan isin kakaase murtee keessaniin turu qabdu.
    Koondomii fayyadamuu yoo filattan yeroo mara sal-quunnamtii raawwattan fayyadamuu qabdu.

Maloota koondomii sirnaan fayyadamu.

  1. Yeroo koondomiin fayyadu sirriitti ilaaluu
  2. Of eeggannoon fiixee isaa kutuu
  3. Koondomicha suuta jedhanii banuu
  4. Qaama dhiiraa guutummaan guututti koondomii keessa galchuu
  5. Kondomichaan suuta jedhanii sirnaan sal-quunnamtii saalaa
    gaggeessuu
  6. Xumura irratti qaama dhiiraa irraa suuta jedhanii baasuun hidhanii
    bakka balfi gatamutti gatuu
    Of eeggannoo dursaa
    • Yeroo tokkoon olitti kondomii fayyadamuun hin danda’amu
    • Koondomii lama wal irratti dabaluuni fayyadamuun hin
    danda’amu
    • Wantootaa dibata/mucuuceessaa qaban waan mucuceessuu
    danda’aniif fayyadamu dhiisu
    • Koondoomi bakka ifaan hin jirree, qabbana’aa fi jidhinni hin
    jirre kaa’uu
    • Koondoomin yoo yeroon itti darbee fi bade fayyadamu dhiisu
    • Kondoomi fayyadamun dura harkaan shaakalu

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 10

Quiz for Lesson 10

1 / 6

9.1. Dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarbaniin qabamuu akkamitti mirkaneeffachuu dandeessa?

2 / 6

9.2. HIV fi dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarban ittisuuf isa kamtu guutummaatti amansiisaa dha?

3 / 6

9.3. Dhiiga kee qorachiistee Vaayirasiin HIV yoo dhiiga kee keessatti mul’ate maal goota?

4 / 6

9.4. Dhukkuba HIV hin qabu yoo ta’e of eeggannoowwan akkamii gochuutu sirraa eegama? Bal’inaan ibsi

5 / 6

9.5. Namoota dhukkuba HIV qaban akkamitti deeggarta?

6 / 6

9.6. Dirqisiisanii gudeeduu fi dhukkubootni qaama saalaa carraa babal’achuu HIV akkamiin dabalu?

Your score is

The average score is 0%

0%

References