Skip to toolbar

Lesson 10

Barannoo 10ffaa: HIV/AIDS: GA”EE TAPHACHUU QABDU

Objectives

  • Dhugaa jiru sirriitti adda baafatu, Attamitti nama qaba isa jedhu,
  • Miidhaa inni qaama namaa irraan ga’uuf fi hawaasa bal’aa irraan ga’uu danda’u, Karaa inni ittiin nama irraa namatti darbuu danda’u hubatanii amanu,
  • Dhiiga isaanii qorachiisuuf kaka’umsa godhatu,
  • Namoota Vaayiresii HIV/AIDS waliin jiraatanuu fi dhukkuba kanaan hubamanii jiranuuf garaa laafuu eegalu ni gadduufis.
  • Garaagarummaa HIV fi AIDS gidduu jiru, akka inni dhiiga dhukkuba namarraa ittisu keessa galee fakkaatee adeemsa isaa dadhabsiisu,
  • Dhangala’oo arfan qaama keenya keessa argamanu ni tarreessu,  
  • Karaa dhukkubni HIV/AIDS ittiinqaama namaa keessa galuu danda’u gurguddoo sadii ni tarreessu,
  • waa’ee daddabariinsa dhukubichaa Jechoota hundee hinqabne namoota keessa odeeffamu adda baasuun ni dubbatu, 
  • Gochaalee daddabariinsa dhukkubichaa keessatti balaa gugguddoo ofkeessaa qabanu afurii fi balaa salphaa qabanu shaakalli saalquunnamtii ta’an lama ni tarreessu,
  • Dhukkuboota vaayresiidhaan daddarban namni balaa HIV/ AIDS qabame yeroo hunda irraa hin dandamanne lama ni tarreessu,
  • Waa’ee fayyuu fi yaalamuu akkasumas HIV/AIDS irraa fayyuun akka hin jirre qorichas akka hin qabne ni ibsu.
  • Akka isaan duula farra HIV/AIDS keessatti kaka’umsa fi dadamaqina uumanii qooda fudhachuu  eegalan mirkaneeffadhu,
  • Nammota Dhukkuba HIV/AIDS qabaman fi maatii sababa kanaan diigamee rakkoo keessa galee jiruuf akka isaan garaa ba’aa eegalan ilaaluu,
  • Gargaarsa isaaniif gochuu keessatti, fayyaasaanii eeguufii kessatti kunuunsaaf fi gargaarsa jaalalaafi dammaqinaan hirmaachuu jalqabuu isaanii.
  • Barbaachisaa ta’ee argamnaan gara namoota dhukkuba kanaan hubamanii iddoo tokkotti ijaaramanii ofi ibsanii qoricha fudhachaa jiraatanuu deemanii daawwachuu akka danda’an amansiisuu.  
  • Haala ittiin miidhaa HIV/AIDSn namarraan ga’uu dada’u, gidiraa inni maatii diiguu keessatti qabuu fi misooma biyyatti gama hundaan laamshessuu danda’u qindeessuudhaan agarsiisuu/ nama dhukkuba kanaan qabame qaamaan ykn waa’eesaa kaasuudhaan qabachiisuu,
  • Attamitti miidhaa dhukkuba HIV/AIDS kana hambissuun ykn hanqisudhaan ofi irraa eeguun akka danda’amu ibsuu.
  • Karoora dhugoomuu danda’u kan ummaticha hirmaachisee baasuudhaan namoota dhukkuba kanaan qabamanii fi vaayiresicha baatanii jiranu haala ittiin gargaaramuu danda’amu irratti waliigaltee tokkorra ga’uu. 

Seensa

Barannoo 10; Dhukkuboota wal quunnamtii saalaatiin daddarban (DhWQSD) irratti xiyyeefatu kanatti aansee, Barannoon inni kun walumaagala HIV/AIDS qofa irratti xiyyeefata. Sababni isaas dhukkuba kanatu akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasummaatti balaa hamaafi sodaachisaa waan ta’eef. Barannoo keenyatti galuuf barattootni keenya dura dursoo wa’ee dhukkuba kanaa dhugaa tokko tokko beekuu qabu. Kanaafuu barattootni kun nama baataa vaayiresii HIV/AIDS ta’e tokko ykn dhukkuba kanaan qabamee jiru tokko waliin gaaffii fi deebii afaanii godhanu akka dhaggeeffatanu godhi. Sanaan booda barattootni gareedhaan ta’anii akka ga’eessa tokkootti itti yaadanii maal gochuu akka qabanu murteessu. Xumura irratti nama vaayiresiin dhukkuba HIV/AIDS/ dhiiga isaa keessatti argame tokko gargaaruuf kaardii ergaa qabu tokko tokko akka qopheessanuuf taasisi.   

Toftaalee adda addaa yeroo barbaadne shaakallu sadiitu jiru, 

  1. Barattoota keenya kiliinika, ykn buufata fayyaa dhi’ootti argamu geessuudhaan Ykn imam hojjetaa fayyaa gara mana barumsaatti affeeruudhaan odeeffannoo sirrii akka argatan gochuu,
  2. Nama vaayiresiin dhukkubichaa dhiigasaa kessa jiru tokko gara mana barumsaatti affeeruudhaan akka inni barattootaaf ergaa barsiisaa ergaa dabarsu gochuu,
  3. Barreeffamoota waa’ee HIV/AIDS Dubbatanu (gaazeexaa, barruulee, kkf) fiduudhaan irraa barsiisuu,

Kun barannoo ati waa’ee dhukkuba kanaa barattoota kee ittiin beeksiftuudh. 

 Ati nama sirriitti waa’ee dhukkuba kanaa dubbistees haata’uu dhaggeeffattee hubannoo ga’aa qabduudha. Tarii nama dhukkuba HIV/AIDS hubamee ykn qabamee jiru argiteeta ta’a. Garuu ammam dhugaadha isa jedhu hubatteetta? Miidhaa inni hawaasa Kenya irraan ga’u beekta?

Ofuma keetiifuu dhiiga kee laalamtee bilisa ykn dhibamaa ta’uu kee mirkaneeffatteetta? Nama dhukkuba kanaan qabamee ykn hubamee jiru gargaaruuf ammam sochoote? Mee hundumti keenya gaaffiilee kanaaf maal gooneerra, ga’ee maal taphanne jennee ofi haa gaafatnu? Sababni isaas nutis ga’ee taphachuu qabnu taphachuu qabna waan ta’eef.

Ji’a tokkoo hanga waggaa kudhaniitti namni vaayresii kanaan qabame tokko mallattoowwan isaa osoo irratti hin baramne lubbuun turuu ni danda’a, garuummoo nama biraa dhukkuba kanaan faalaa daddabarsaa akka jiraatu ni odeessu. Namni HIV/AIDS posetivii ta’e tokko fayyummaan jiraachuu ni danda’a, miidhhaan isatti dhufu sodaachisaa akka hin taane suuta suuta fixaa akka deemu ni ibsu.

  Dhukkubootni saal quunnamtiin daddarbanu fi dirqisiisanii gudeeduun ammam tokko akka inni dhukuba kana balaafamaa miidhaa isaa daran dabaluu danda’u ni ibsu. Qorich antiretroviral jedhamu dhukubich carraa haadharraa mucaatti akka hin dabarre akka ittisu ni addeessu, Dhiiga ofii qorachiisuun namni tokko vaayress dhukkuba AIDS tiin  hubamuu fi bilisa ta’uusaa adda baasuuf akka ta’e ni himu.  HIV/AIDS attamitti nama tokkorraa gara nama biraatti darbuu danda’u akkasumas dhiiga qoratamuun faayidaan isaa maaliif akka ta’e gorsa barbaachisaa ta’e argachuuf.

Namoota dhimma HIV/AIDSn walqabateen rakkoo keessa jiranu lama fudhadhu; Tokko osoo dhiigasaa hin ilaalamin dhukkubsatee kan lafatti hafe ykn du’e, kan biraa kan baataa vaayresichaa ta’ee dhukkubicha waliin jiraatu jedhii adda baasii tarreessi, Ga’een Motummaan, Dhaabbatni Miti mootummaan fi dhaabbileen farra HIV/AIDS irratti hojjetanu ba’uu qabu ibsi,  

Gama biraatiinis:   Odeeffannoo waa’ee fayyaa wal hormaata saalaa ilaalchisee barnootni fi odeeffannoon argame buaa’aa qabeessa moo miti? Yaada jedhuuf murtee mataasaanii kennu.  

 Dandeettii Ogummaa waa uumuu fi miidhagsuu

 Kaardii waa’ee HIV/AIDS maxxansuudhaan ofii isaaniitiif Hawaasaaf ibsa kennuu.

Nama isaaniif wa’ee dhukkuba kanaa barreessuudhaan ergaa dhuunfaasaa kennu filatu,

Ergaa gabaaba human qabu qopheessu. Kaardii ergaa adda addaa qabu maxxansa adda addaa irraa kukkutuudhaan, Footoo fi waraqaa poosterii adda addaa irraa kukkutuudhaan uumanii poosterii hojjetu.

 Keewwattoota barbaachisoof hawataa ta’an adda addaa gaazexootaa fi barruulee adda addaa irra jiranu kukkutuudhaan poosterii babbareedaa qopheessu.  

Learning Resources

Teaching Methodologies

Ibsa gabaabaa / Lesson out line/

1. Bu’aa tilmaamuu

2. Dadammaqsuu, qofaa dhaabbachuu (daq.5 ) 

3. Ibsa ati ga’ee kee ofuma keef taphachuu  (daq.30) 

4. Hojii garee: Maal hojjechuu akka dandeessu maryadhu (daq. 30 )   ykn: Hojii dhuunfaa: Kaardii kennaa maxxansanii ykn qopheessanii kennuu (daq.30) 

 5. Yaada xumuraa fi Hoji manee(daq.5)

  Gochaa roga biraatiin Option/ :

  • filmaata/option/1: Kiliinika HIV/AIDS daawwadhu ykn bakka ogeessotni fayyaa ijoollee abbaa fi haadha hin qabne itti kunuunsanu tokko deemii visit an HIV/AIDS clinic or orphanage or invite a health provider
  • Filannoo/ option/ 2: Ykn Nama dhukkuba HIV/AIDS hubaman ykn baattuu vaariyesii HIV ta’anii taa’an muraasa akka mana barumsaa kee akka daawwatan godhi.
  • Filannoo /option/ 3: Oduu HIV/AIDS  (daq.45) 
  1. Bu’aa argame rakkoo Dhukkuba HIV/AIDS uumamaa maqsuuf baayyina namoota condomiitti fayyadamuu eegalanii barattootaan addaan baafachuudhaan jijjiirama amalaa dhufe adda baasuu.  Haala qabatama kutaa barnootaa / umurii barataa, kutaa barnootaa olaanaa/ irratti hundaa’uudhaan, barattootni haala isaan kondomii argachuu fi barbaaduu isaanii malaan gaafadhu, isaanumti akka yaada kaasanu gochuudhaan ta’uu qaba. Yoo barbaadan attamitti akka jarri saalqunnamtii gochuuf murteessan gaafadhuu milkaa’na galma keetii madaali. Rakkoo maalii isaan muddatee jira?

 2. Qophaa dhaabbatanii (daddamaqsuu daq 5)

 Xiyyeeffannoo

Barattootni barbaachisummaa garee isaanii kessaa ba’anii qofaa dhaabbachuun  hubatanii?, Malliif barattootni isaan biro marsaadhaan hiriiranii akka dhaabbatan?, deebisuuf  tokko tkkoon gaafatamanii deebiin isaanii eeyyee yoo ta’e; gara walakkaa marsichaatti lixu. Yoo deebiin isaanii Hi’ii kan jedhu ta’e achuma marsaa hiriiraa sana keessa dhaabbatu walakkaa hin lixanu. Tapha kana yammuu taphatanu gaaffiin dhi’aatuuf dhuunfaadhaan yaada dhuunfaasaa ta’uu qaba.

Gaaffii:

  • Barattootni haluu diimaa jaallattanu hiriira marsaa keessaa gara gidduu gala.
  • Barattootni baadiyyaadhaa dhuftan gara gidduu gala.
  • Barattootni abbaa fi haadha keessaniif angafa taatan gara gidduu galaa.
  • Barattootni maatii keessaniif quxisuu boodaa taa’tan gara gidduu galaa.
  • Barattootni ispoortii jaallattanu gara gidduu gala
  • Barattootni michuu keessan waliin barattanu gara gidduu gala,
  • Barattootni nama dhukkuba HIV/AIDS qabamee jiru beektan gara gidduu gala.
  • Barattootni universiitii galuu barbbaaddanu gara gidduu gala.
  • Barattootni muuziqaa jaallattanu gara gidduu gala. Fi kkf. Gochuudhaan hundumtuu yaada mataasaaniitiin deemuu akka amaleeffatanu itti gammadaa akka taphich hirmaatanu gochuudhaan gaaffii adda addaas itti dabaluudhaan taphachiisuudha.;
  1. Odi ibsa

 Fakkeessitee ofuma keetii taatee ga’ee taphachuu (daq.30)

 Xiyyeeffannoo:

  • Barattootni beekumsaa fi dhugaa dhukkuba HIV/AIDS argataniiru.
  • Barattootni attamitti kitaaba/ barruulee/ hiryaa isaanii dubbisanii ibsa godhan?  Odi ibsich mata dureewwan armaan gadii ofi keessatti haammata.

 Waa’ee HIV/AIDS Odeeffannoo bu’uuraa: Attamitti haa ittifnu?

  • Amma osoo HIV +ve taatee maal goota?
  • Osoo qoratamtee nagaadha jedhamtee’oo?
  • Namoota Dhukkuba HIV/AIDS qabaman ykn waliin jiraatanu gargaaruu.
  • Qorannoo dhiigaa Kan HIV/AIDS taasisuu.
  • Itoophiyaa keessatti dhukkubni Edsii dhukkuboota biroo irra  akka caalu barattoota waliin sirriitti maryachuu. 
  1. Hojii garee:

Waan hojjechuu dandeessu maryadhu, (daq. 30 ).

 Xiyyeeffannoo

 Barattootni seenaa kanaa gaditti ibsamee fi Edsii irratti maryachuudhaan akka inni qalbiisaaniitti bu’ee keessoo isaanii galu godhu.

Barattootni waa’ee namoota HIV/AIDS fi vaayiresich baatanii jiraatanu ilaalchisee haala isaan itti gargaaramanuu deggaramanu irratti ga’ee maalii akka taphachuu qabanu ni yaadu.

Attamitti od-ibsaa isaanii akka dubbisanuuf dhaggeeffatanu gaaffii afaanii gaafatamanuun ni shaakalu.

Barattootni garee afuritti qoodamanii warren tarii olla isaaniitii dhukkuba kanaan qabamaniif maal gochuu qabna yaada jedhu kaasuudhaan gama isaaniitiin waan gargaaruu qabanu irratti maryatu.

Barattootni karoora gabaabaa hojiirra ooluu danda’u gaaffiilee armaan gadii irratti hundaa’anii baasu.

  • Gareen keenya kun maal hojechuu danda’a?
  • Eenyutu irraa fayyadamaa ta’a?
  • Galma kam milkeessuuf hojjenna?
  • Yoom hojiirra oola?
  • Yoo yeroon jiraate; barattoota muraasa bu’aa maal irraa argattu jedhii gaafadhu?

Gareewwan hundumtuu torbee kana keessa hojii maal yoo hojjetan bu’aa maal arganna isa jedhu ni murteessu.

Hojii Dhuunfaa: Kaardii ergaa gaggabaabaa qabdu qopheessanii hiryaadhaaf ergu. (daq.30)

Xiyyeeffannoo: Barattootni hundumtuu Kaka’umsa guddaa daddabariisa HIV/EdSI ittisuu keessatti mataa isaanii fi naannoo isaanii baraaruuf ga’ee fi ittigaafatamummaa dhuunfaa qabaatu.   Barattootni jechoota ergaa miira namaatti dhaga’amee garggaarsaa fi garalaafina namoota dhukkuba kanaan qabamaniif akka qabaatanu ga’ee taphatu. 

Barattootni namoota vaayresii EDSII waliin jiraatan kanaafi kanneen dhukkubsatanii siree irratti hafan kana attamitti argatu?

 Attamittis filatu? Muraasni isaanii kan gargaarsa barbaadanu jiru kan hin barbaannes jiru waan ta’eef. Gama biraatiin immoo tokko tokko fira, hiryaa, maatii, barsiisaa, nama tasuma hin beekamnes ta’uu ni danda’a waan ta’eef, kaan immoo ijoollee maatiin dhukkubichaan jelaa dhumnaan bakkeetti hafanii iyyooman, ykn harka guddiftuu jiranu kkf

Barattootni ergaa sirrii ta’e qalbii namaa hawatee namoota kanaaf garggaarsa argamsiisuu danda’u kan namni hundi jechuu dandeessisu irratti hirmaatu qopheessuudhaan qixa laatu. Bifa kaardii ergaa qabdu miidhagsanii, itti shooganii, haa xiqqaattuu kan ergaan isheen qabatte human qabu, gaazexaafi barruulee adda addaa irraa kutamttee maxxanfamtees haa ta’u fakkiidhaan kan deeggaramte qophooftee harka, Ijaa fi Gurra namootaa ga’uu  qabdi.

  1. Yaada xumuraa fi Hoji manee (daq.5) :

Naannoo xumura mata duree keenyaa kana kessatti,  barattootni hafan maaliif walitti qabamnee, waa’ee HIV /EDSII waan haaraa’oo maal barannee jechuudhaa yaada goolabaa kaasuudhaan wal yaadachiisanii barreeffamoota adda addaa mata duree dhukkuba kanaa qabu barbaadanii dubbisuudhaan, miidi’aa ummata waa’ee kanaa kaasu dhageeffachuudhaan hubannoo isaanii kallattii hundumaan akka cimsachuu qabanu itti himuudhaan guduunfamuu qaba. 

Hojii manaa: Barattootni karoora gabaabaa baafachuu ( tarii dhukkubsatoota adda baafatanii xumuranii eenyu gargaaramuu qaba kkf.) Ykn kaardii kennaa isaanii qopheeffachuu, namaaf hiruu, Dhaabbilee farra HIV irratti hojjetenu naannoo isaanii jiranu mootummaa, miti mootummaa, iddiroota, abbootii qabeenyaa kkf. Adda baafachuu,

Ittisa HIV/EDSII, Gorsa namootaaf kennamuu qaburratti/ keessattuu dargaggoofi shamarran/

Qorannoo dhiigaa yeroo yeroodhaan geggeessuu fi kkf

Bakka qorannaan dhiigaa sun illee itti geggeeffamu adda baasuu ofi keessatti qabachuu nidanda’a.

Gama biraatiin:   Filannoo 1 /Option I/: Namoota fedhiidhaan dhiiga isaanii qorachiisanu deemanii gareedhaan akka daawwatan gochuudhaan akka isaan xiyyeeffannaa godhanu gochuudhaan fayyadamummaa isaanii cimsuu,

Qorannoon akka mullisutti adeemsa kanatu dargaggoota ga’eessa keessatti kaka’umsa uumee miira farrummaa EDSII hubachuudhaan akkaataa ittisa isaas  hubatanii baraaramuu danda’u jedha.

Filannoo /option/ 2: Hojjetaan fayyaa achi keessa jiru akka isaan ilaalanu, ilaalaniis waan isaaniif hin gallee gaafatanu, barbaadanu immoo namootuma dhiiga isaanii fedhiidhaan qorachiisanu sana waan fedhan gaafatanii deebii argatanu gochuudhaan shakkii fi soda isaan keessa jiru fixatanii dhugummaa fi hammeenya balaa dhukkuba kanaa caalmaatti akka beekanu gargaara.

 Filannoo 3/option/:  Oduu HIV/AIDS ilaalchisee (daq.45) HIV/EEDSII ilaalchisee Qabxiilee dagatamuu hin qabne ijoo, Bu’aa odeeffanoch qabu murteessuudhaan, yaada guduunfaa akka bu’aa qorannoo tokkorraa argametti carraa danda’ame kamiinuu fayyadamuudhaan of baraaruun dirqama akka ta’e akka murteessanu gochuu.

Xiyyeeffannoo: Barattootni bu’aa odeefannoon garagaraa qabu ni baratu;

Barattootni rakkoo jiru kana keessa galanii qaamolee biro waliin ga’ee isaanii taphatu.

Barattootni ammam dhukkubni kun akka jabaatu hubannoo ga’aa ni qabaatu, namoota meeqaa fi meeqatu dhukkuba kanaan hubame maatii meeqatu bakkeetti hafee, ijoollee meeqatu hiyyummaa gadadoo keessatti haftee yaada jedhu adada dhukkubich miidhaa geessise qalbeeffatu.

 Barattoota  meeqatu attamitti? Yoom? gaazeexaa fi barreeffamoota adda addaa dubbisuudhaan hubannoo cimsatu? Isumayyuu meeqansaaniitu argatee dubbisa? Dubbisa dhumaa irraa ilaalii dubbisi;

Dhukkuba HIV/EEDSII kanaan daddarbanu ilaalchisee keewwattoota adda addaa ;

  • Dhugaan akka biyya keenya Itoophiyaatti jiru:-
  • Balaa dadabariinsa HIV.EDSII fi Ittisa isaa,
  • Guddina inni yeroo yeroodhaan agarsiisu /facaatiisaa/, Miidhaa inni dinagdeefi hawaasa biyyattii irraan qaqabsiisaa jiru,
  • Tartii tarkaanfii gama mootummaa, Miti mootummaa adda addaa fi hawaasa ummata biraa too’achuudhaaf jecha itti fudhatame,

Waa’ee HIV/AIDS qabxiiwwan baayyeetu bifa maxxansaatiin, yaadaatiin, xalayaatiin gaazeexoota guyyaa guyyaa irratti maxxanfamu waan ta’eef barnoota dabalataa argachuuf eessaa maal akka argatanu itti agarsiis.  

 Ibsa qaamoleen mootummaa federaalaas ta’e mootummaan naannoo dhimmamanii jelamuranii kaasanu keessatti, gaazexeessitootniniifi beektotni walaloodhaan, asoosamaan bilcheessanii ergaa dabarsan irratti hhiika fi ibsa godhiif.

Barattoota kee garee sadii ykn afuritti qoodi. Garee tokkoon tokkoon isaaniitiif toftaa haasaa dargaggoon haasa’uu danda’u /maal jechuu danda’u?/ waa’ee HIV/AIDS isa jedhu gaazeexaa dubbisan sanarraa akka isaan tarreessanu godhi. 

  Hojii garee tiifi odi-ibsa:-

 Gareen hundumtuu waliin akka taa’anii gaazeexaa dubbisanu taasisi. Yeroo murtaa’ee daqiiqaa 10 hin caalle kenniif. Daqiiqaa 10-15 immoo akka waliin maryatanii gaaffii tarreessan sanaaf deebii barbaadanuuf yeroo kenniif. Atis gaaffii dabalataa kaasiitii garee isaaniitiin akka irratti maryatanu godhi,

  Gareen hundumtuu mare booda waan irratti maryatan irratti karaa bakka bu’aa nama lama lama filachuudhaan isaanii odi-ibsaan deebii kennu

Bakka bu’aan inni dura ka’u gaaffiilee ka’an sana dubbisa, inni lammaffaan immoo deebii kenna. Miseensotni garee immoo dhaggeeffatanii deebica irratti yaada isaanii kaasu, Akkanatti kaka’msaa fi dammaqina guddaadhaan waliin morkachuudhaa fi waliin wal mormuudhaan hanga yaadicha bilcheessanii irratti walii galanutti maryatu.  

Ammam tokko akka isaan yaada walii gala irra ga’an gaafadhuu mirkaneeffadhu.

Dubbisa 1ffaa:- Waa’ee HIV/AIDS dhugaan harkaa qabnu maal? 

  1. Gaaffii?

Waa’ee dhukkuba HIV/AIDSI gaaffii heddu kaafnee maryannee turre, ati keessaa kamiin yaadata? Gaaffii inni yaadatee kaasu sana keessaa gaaffich haqummaa/dhugaa/ (facts) kanta’eedha moo kan dhugaa hin taanee gaafate? Deebii’oo qaba?   

  1. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti dhugaan /Facts/ waa’ee HIV/AIDS jiru: Lakkoofsaan dhiirrii fi dubarri wal qixa dhukkuba kanaaf hinsaaxilaman; Dubartootatu caalmaatti dhukkuba kanaaf saaxilamaadha. Isumaa kanneen umuriin waggaa 15-19 jiranuudha. Akka gabaasni qorannoo kanaa addeessetti dhiira %12, dubara %88 jechuudh, kana jechuun akka gabaasichaatti dhiira tokko caala harka torbaan dhukkuba kanaanhubamuuf saaxilamaa ta’uusaaniiti.
  1. Kana beekttu?:-

Beektotni ga’eessi biyya keenya Ethiopia tilmaamaan %9.5 kana jechuunis ummatni miliyoonni 1.9 dhukkuba HIV/AIDS Kan vaayiresicha waliin jiraatanu magaalota Itoophiyaa keessatti darbees gara ummata keenya baadiyyaa keessas galee weeraree jira. Yeroo ammaas ballinni lakkoofsa ummata dhukkuba kanaan hubamanii oli dabalee ykn gad bu’ee jira ta’a.  

  1. Kana Beektuu?-  Biyya keenya keessatti haadholiin mucaa garaatti baatanutti beekaniis ta’ee osoo hin beekin vaayiresii dhukkuba kanaa itti dabarsan %15-25 ta’u. Haata’u malee vaayresii kana ilmoo garaa jiru irraa ittisuuf qorichi ni jira  ture. Rakkoon inni guddaan dafanii dhiiga ofii qarachiisuuf yammuu ulfaa’an gara mana yaalaatti deddeebi’anii qoratamuu danda’uu dhiisuutu ture.
  2. Kunis jira:-Itoophiyaan lakkoofsa ijoollee abbaafi haadha hinqabne/iyyeeyyii/ qabachuudhaan ummattoota afrikaa kutaa sahaaraa keessa kanneen umuriin isaanii waggaa 15 ta’an tilmaamaan Mil. 1.1 haadha ykn haadhaafi abbaa isaanii dhukkuba AIDS kanaan dhaban.

Wanti nama sodaachisu haalli qabatamaa ummatni keenya itti jiraataa ture aadaaleen barsiifataa nuwaliin dhufe saffisa dadabariinsa dhukkuba kanaaf ga’ee mataasaa taphatee jira. Giddugaleessi umurii ummata Itoophiyaa bara 1990tti  48 ture bara 1997 gara 38tti  gadi bu’uusaa qorannoon geggeeffame ni agarsiisa.

Garuu:- Biyyi keenya Itoophiyaan soda dhukkuba HIV/AIDS kanaaf qabdu sekteroota fi qaamolee Mot. Biyya keessaa fi alaatti ibsuudhaan duula ittisa balaa HIV/AIDS kana keessatti bara 1998 eegaltee guutummaa guutuutti itti galtee akka biyyaatti milkaa’eefii mullachuu dandeesseetti.     

6. Mootummaan keenyaafi qaamoleen miti mootummaa dhukkuba kana ittisuuf qindaa’anii maal godhaniiru?

 Hojiin inni guddaan Mootummaaniif Dhaabbileen miti mootummaa akka ummatni keenya naannoo, Aanaalee fi gandaa walumaagala dhaabbileen hawaasaa undinuu akka hubannoo argatanu kallattii hundumaan, Dhukkubni kun maali? Maal miti? Kan jedhu hubatameera.

  1. Gaaffii yeroo hunda ka’u qabu 
  2. Waa’itta ammaa keessa waa’ee fayyaa keenyaa maal dagachuu hin qabnu?
  3. Maalii fi wa’ita kana waa’ee fayyaa keenyaa dagachuu hin qabnu jenna?
  4. Haati manaa qorannoo dhiigaatiin qulqulluu taate tokko abbaa manaa qoratamee +ve ta’e tokko waliin jiraachuu hin dandeessi?
  5. Karaan inni ittiin danda’amu biro ni jira?
  6. Saalquunnamtii dubartii tokkoo oli waliin jiraachuundhaan yeroo hunda HIV/AIDS qabamuun ammam dhugaadha? 

 Erga namni tokko dhukkuba HIV/AIDS erga qabamee booda, yeroo hunda ji’a sadii sadiin qoricha vaayresii kana dadhabsiisu ga’aa ta’e fudhachuun barbaachisaadha.

Bu’aan qorannoon dhiigaa HIV dhaaf godhamu yeroo hunda (–ve ) ta’uu qaba. Kun kan joota sadan duraan darbanii kan ibsu ta’a. Yeroon ykn waa’ittiin namichi qoratamee –ve ta’e fi gidduu

kanaafi hanga ji’oota sadii vaayresich dhokatee guddachuu danda’u gidduu jiru “Window period” / ji’a sadan vaayiresich riphee taa’u/ jedhama. Kanaaf qorannoon ji’a sadii sadiin godhamuu qaba jenna.

  2.  Window period jedhamu kun baayyee barbaachisaadha. Sababni isaas namni tarii vaayresii HIV/AIDS qabame garuu immoo humni ittisa dhiiga isaa keessa jiru osoo hin dadhabin ji’a sadii keessatti yoo qoricha ittisa HIV/AIDS eegale dafee dhiiga isaa qoatamee qoricha ittisaa fudhate dhiigni isaa qoratamee –ve ta’uu ni danda’a. Yeroo kana keessatti nama biraa waliin yoo saalqunnamtii gochuubaatee qoratamee yeroon qoricha yoo eegaluu dhiise, vaayresii kanaan qabame nama tokkollee waliin qunnamttii gochuu dhiisus “window period” dabarraan qoricha ittisaa eegaluu dhiisnaan qoratamee +ve ta’a. Nama biraas dhukkuba kanaan faaluu danda’a.  Kanaaf namni kamiyyuu daddafee ji’a 3-6 gidduutti dhiiga isaa qoratamuu qaba jenna, Namni dhimma fayyaa kana sirriitti beeke gochaa saal qunnamtii eeggannoo hin qabnerraa ofi eegee /abstain/ta’ee jiraachuu qaba.

 3. Eeyyee lammanuu ni danda’ama.HIVn yeroo hunda saalquunnamtii eeggannoo hin qabneen darba jennee jela muruu hin dandeenyu, Qaama namaa keessa dhokatee yeroo dheeraa fudhachuus ni danda’a.

Kun kan nuhubachiisu yeroo hunda waa’ee fayyaa keenyaa qoratamnee beeknee ofi eeggannaan jiraachuun barbaachisaa ta’uusaati. Yoo kana taasifne beekne jaalallee keenyallee hambifnee maatii keenyaaf abdi kaa’uu dandeenya waan ta’eef.

3.  Ofii keetiifis yeroodhaan dhiiga kee qorachiiftee ofi baruun qamtus/+ve/ taatus qoricha eegalttee yeroo dheeraa jiraachuu dandeessa. Saal quunnamttii gootu hunda kondomiidhaan fayyadamuun kee dirqama ta’uus ni hubatta.

  1. Gochaan altokko nama vaayresii HIV qabu waliin saalquunnamtii gootuun dhukkubni vaayresii HIV/AIDS qabamuu dandeessa. No, a single sexual encounter can be enough to pass HIV to an uninfected person.

Balaan carraa dhukkuba HIV/AIDSn qabamuu karaan inni ittiin baballatu:

Namoota michuu (jaalallee) baayyee waliin saalqunnamtii geggeessanu carraan qabamuusaanii ballaadha.

 Yeroo saal quunnamtii raawwattu laguu ji’aa, madaan duraan ture ykn madaa’ee kan dhiigni uumamuu danda’u yoo ta’e,

 Dhukkuboota biro saalqunnamtiin daddarbanu kan jiru yoo ta’e (Isaan lamman keessaa tokko) jechuudha.

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 10

Quiz for Lesson 10

1 / 6

9.1. Dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarbaniin qabamuu akkamitti mirkaneeffachuu dandeessa?

2 / 6

9.2. HIV fi dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarban ittisuuf isa kamtu guutummaatti amansiisaa dha?

3 / 6

9.3. Dhiiga kee qorachiistee Vaayirasiin HIV yoo dhiiga kee keessatti mul’ate maal goota?

4 / 6

9.4. Dhukkuba HIV hin qabu yoo ta’e of eeggannoowwan akkamii gochuutu sirraa eegama? Bal’inaan ibsi

5 / 6

9.5. Namoota dhukkuba HIV qaban akkamitti deeggarta?

6 / 6

9.6. Dirqisiisanii gudeeduu fi dhukkubootni qaama saalaa carraa babal’achuu HIV akkamiin dabalu?

Your score is

The average score is 0%

0%

References