Barannoo 12ffaa: Jaalalli Miidhuu hin Qabu
Seensa
Barnoonni boqonnaa kanaa kan irratti xiyyeeffatu dhimma mariisiisaa
ta’e irratti. Innis tuttuuqaa saalaa fi gudeedu of keessatti hammata.
Dhimmii kun dhimma wayitawaa fi qabxii irratti mar’atamu qabu dha.
Sababni isaas namootni muraasni tarii rakkoon kun irra ga’ee ta’a. Kanaaf
namoonnii dhimma kana irratti mari’achuf ni rakkatu. Kutaa kana
keessatti tuttuuqaan saalaa akkamittii fi haala kamin akka raawwatamu
ni ilaalla. Yaadota dogongoraa namootni dhimma kanaan walqabatee
kaasan ni baranna. Ogummaalee jireenyaa rakkoo kana ofirraa
qolachuuf nugargaaran ni gabbiifanna. Kanaaf dhimma kana irrattii
mari’achuuf qophaa’aa.
Gochaalee Barannoo Har’aa
• Gara kootti garmalee dhiyaattee hin dhaabbatin(daqiiqaa 5)
• Jaalallii miidhuu hin qabu(daqiiqaa 30)
• Ogummaa jireenyaa diddaa fi ittifachuu(daqiiqaa 20)
• Ilaalcha koo(daqiiqaa 30)
• Guduunfaa fi hojii manaa(daqiiqaa 5)
• Jaalallii miidhu hin qabu! Haa mari’annuu
Learning Resources



Teaching Methodologies
Jaalallii miidhuu hin qabu
Altokko tokko dhiibbaa fi humna fedhii foonii ba’achuudhaaf yookiin
raawwachuuf namoonnii tokko tokko itti fayyadamu. Altokko tokkoo
ammo namootni saalqunnamti kan raawwatan fedhii tokkollee osoo
hin qobaatin dha.Tarii akka agarsiisa jaalalaa hiriyaa dhiraa yookiin
dubaraatiin dhiibbaa godhamuun ta’uu danda’a. Dhiibbaan saalquunnamti
raawwachuuf dhufu keennaaf/ olmaa ba’uf yookiin dhiibbaa
nama guddaa, cimaa fi humna qabuun ta’uu danda’a.
Saalquunnamtii fedhiin alaa: nageenyummaa qaamaa fi sammuu
namaa jeequn ykn miidhun fi mirga namaa dhiibun saalquunnamtii
raawwatamu dha. Kun kunuunsaa, kabaja fi jaalala jaalalleef godhamu
hin agarsiisu. Nama umrii 18 gadi ta’ee waliin saalquunnamtii
raawwachun seeraan nama gaafachiisa. Kanaaf walittii dhufeenya
saalquunnamtii fedhii malee irraa of eegun barbaachisaa dha.
Waa’ee namoota fedhii keessan malee saalquunnamti humnaan ykn
dhibbaan isin irrattii raawwachuu malan adda baasun beekun barbaachisaa
dha. Saalquunnamtiin fedhii malee haala olaanaan ulfa
hin yaadamneef, dhibeewwaan saalquunnamtiin daddarban HIV dabalatee
nama saaxila. Kun baay’ee kan miira nama tuquu fi fayyuummaa
keenya miidhuu danda’a.
Tuttuuqaa saalaa: jechuun gocha kamiinu hin gammachiifne dubbii fi
gocha sirrii hin taanee isin saalquunnamtiif miirrii gaarii akka isiinittii
dhagahamu godhanii dha.
Hubaati Saalaa: tuqaatilee saalaa yookin walii galteelee gonka hin
barbaachifne kaminuu jedhuu dha. Fakkeenyaaf:- (harmaa tutuquu,
taa’umsa yookin qaamota walhormaataa) ta’uu danda’uu. Dbalataniis
humna fayyadamuun wal quunnamtii saalaa godhamu of keessatti
qabata. Fedhii irratti kan hin hundoofnee tuqaatiin kam iyyuu hubaati
saalaa jedhama.
Dirqisiisanii gudeeduu
Kun gosa hubatii saalaa cimaadha. Gochaa dirqisiisaa yookin sirrii hin
taane yoo ta’u sababa kanan humnaan saalqunnamti raawwachuuf ni
dirqama. Hubamtootni miidhaa dirqisiisaanii gudeeduu yeroo baay’ee
dubartoota. Garuu altokko tokkos warri dhiiraas ni gudeedamu. Kun
dheerotarattis ta’ee dubartootaratti yoo raawwate gochaa baay’ee suukanneessaadha.
Akkuma nuti beeknu saalqunnamti jechuun jaalala,
waliif yaaduu, kunuunsuu jechuudha. Waan kan ta’eef isiniin eenyutu
dirqisiisaa gara saalqunnamtitti sin geessuu danda’a?
Isiniin dirqisiisanii yookin dhiibbaadhan gara saalqunnamtittinamootni
dhiiban gosa sadii jiru:
• Hiriyaa dhiiraa fi hiriyaa dubaraa
• Namoota gurguddoo aangoorra jiran, fakkeenyaaf barsiisota, abbaa
buddeenaa, abbaa taayitaa
• Qarshii fi kennaan dhiirotaa fi dubartoota gurguddoo gowomfaman.
Kan biraan kan beektan yoo jiraate?
Namni kamiyyuu yookiin waan kamiin iyyuu kanaan dura isiniif yoo
godhan kennaa sanatti fayyadamuun saalqunnamti barbaachuu yookin
waliitti dhufeenya saalaa gochuu fi humna yookin jeequmsatti fayyadamuun
yeroo hundaa dogogoradha.
Waa’ee hiriyaa dhiiraa fi hiriyaa dhalaa haa dubbannu!
Dhiirotaa fi dubartootni muraasti yookin jaalalleen dhiiraa isaanii akka
isaan jaalatan mirkanneessuf sal-qunamtii akka raawwatan dubbatu.
Warren muraasti immoo sal-quunnamtii raawwachuu baannan walqunamtii isaanii dhaabuu danda’u. Kana keessaa isin irratti kan ga’e jira
ta’aa? Isin hiriyaa dhiiraa yookin hiriyaa dubaraa keessan dhiibbaa
isaan geessisaniin akka isaa walaaltanii saalquunnamti akka raawwataniif
yoo gaafatamtani hoo? Gaafilee kanneen ofii keessaniin deebisa
- Yeroo kanatti isiniif saalqunnamti raawwachuun rakkoo hin
qabu yookiin gaariidha jettanii yaadduu? - Saalquunnamti raawwachu dhiisuuf wanta isiniif eyyamamu
isinitti fakkaataa? - Tokko tokko dhiibbaa kan fudhatan maaliif ta’u?
Deebii gaafii tokkoffaa: haala qophaa’aa mijataa yookin of eeggannoon
yoo ta’e malee saalquunnamti akka rawwanne. Kun mirgaa
keessani garuu yeroo kanatti filannoon keessan ta’uu kan qabu saalqunnamti
raawwachuu dhiisuudha.
Deebii gaaffii 2ffaa: ijoolleen dubartootaa tokko tokkoo dhiiraa hin
ta’u jedhanii deebisuu itti hin baranne. Garuu qaama ishee irratti
wantoota raawwatan murteessuu kan dandeessu ishee qofadha. Kara
biraatiin immoo dhiirotni hin ta’u yoo jedhan akka dhiira sirritti hin
ilaalaman garuu dhiirriis saalquunnamtitti dhiibamuu hin qabu.
Gaafii sadaffaaf deebii: humnaan yookin dhiibbaan saalquunnamti
raawwachuuf barmaatileen ykn sababootni dogongoraa tokko tokko
jiru. Yoon hin ta’u jedhe jaalalleen koo ana dhiisee deema. Hiriyaa
koo gammadaa gochuun qaba, kanaan dura waanan godheef ammas
gochuun qaba, yoon didee innis yookin isheen na rukkutuu danda’uu,
inni yookin isheen kennaa naaf keennaniiru inni yookiin isheen natti
hojjechiisu, inni yookiin isheen of miidhu. Garuu osoo hin qophaa’in
saalquunnamti erga raawwatanii booda ni gaabbu. Tariitii dhiirri tokko
yookan dubarri tokko yeroodhaaf gammadaa taatanii turu ni dandeessu.
Garuu kun fayyaa keessaniifis ta’ee ofitti amanamumaaf gaarii miti.
Kanafuu hin raawwatinaa waa’ee naaf ta’aa waan baranne yaadatanii?
Dhirri tokko ykn dubarri qaama isaanii fayyadamus ta’ee yoom, akkamittii
fi eenyu waliin gochuuf barbaadan murtessuu danda’uu qabu.
Namni isin jaallatu fedhii keessan malee yookin dirqamsiisee isiniin
wanta miidhuu raawwachu hin qabu. Namni tokko saalquunnamti
waan hin gooneef isin dhiisee yoo nan deema jedhe. Akka deemu eyyamaafi
sababni isaa saalquunnamtitti kan isin dhiibu ykn dirqisiisuu
taanaan jaalallee dhugaa miti.
Namoota saalquunnamtiif nama dhiiban ykn dirqamsiisuu danda’an - Ga’eessota aangoo qaban. Fakkeenyaaf:- barsiisota mana barumsaa
qabxii dabaluun yookaan qarshii keennuun gowomsuu - Qarshiif, uffannaaf yookiin kennaaf jedhanii shamarran duuka
wal quunnamtii saalaa ga’eessota raawwatan, dubartoota yookiin
dhiirota waliin wal quunamti saalaa kanneen taasisan. - Matii ofii yookiin fira.
Yoomiyyuu taanaan kennaawwan tolaan hin kennaman. Dudduuba
isaanii wanta ta’e tokko fedhun ni dhufa. Yeroo muraasa booda
ga’eessonni kaffaltii yookaan kennaa isaaniif olmaa deebi’u barbaadu.
Ijoolleen dargagootaas /shamaraniis dirqisiifamanii walquunnamtii
saalaa raawachuu danda’u. Walitti dhufeenyi kun dhukkuboolee wal
quunamtii saalaan dodarban, HIV/AIDS fi ulfaa’uuf nama saaxilu. Kun
addaan cituu barumsa keessanii fi nama ga’eessaaf kan aarii itti ba’an
taatu.
Yeshiiwarqi:kan umuriin ishee waggaa 15 taate hiriyaan qaba ture. Isheenis
umuriin kan ishee caalu fi wanta isheen gaafatte hundumaa kan
bituuf hiriyaa qabdi turte. Guyyaa tokko namni kun gara mana barumsaatti
liiftii yeroo kennuuf /konkolaataan ga’uun/ jedhee garuu mana
barumsaa osoo hin taane gara bakka bashanannaa gesseenii osoo isheen
hin barbaadin wal quunnamtii salaa irratti raawwate. Kana booda
isheen ni ulfoofte, garuu namni sun argamuu hin dandeenye.
Wantootni akka kanaa waan uumamuu danda’aniif qarshii fi kennaa namoota
hin beekne irraa hin fudhatinaa. Akka nama liqiin irra jiruu of
gootanii walitti dhufeenya jaalala keessanii itti hin fufinaa. Rakkoon kun
yoo jiraates nama beektaniin mari’achuun furmaata barbaadaa. Qabeenyaan
sadarkaa gadaanara kan jiran haati tokko fi abbootni /maatiwwan/
ijoollee dargaggoota isaanii walitti dhufeenya jaalalaa qarshii fi
kennaa irratti hundaa’ee akka isaan qabaatan dhiibbaa gochuu danda’u.
Isiniis haala akkasii keessa yoo jiraattan itti yaaduun isinirraa eegama.
Tooftaalee namoota dhiibbaa taasisanii
Miidhuudhaan, dirqisiisuun, iciitii baasuun sodaachisuun, kaballaan rukutuun,
humnaan rukutuun, reebuudhaan, hidhuufi dhiphisuun wanta
barbaadan argachuu ta’uu danda’a. Namootni kun wanta barbaadan
argachuuf humna kamiin iyyuu ni fayyadamu. Kun baay’ee leeyyaasisaa
fi keessaa ba’uuf wanta cimaa ta’e dha.
Haala akkanaa keessatti yoo jiraattan isiniin gargaaruun kan danda’an,
seenaa keessaan isiniif dubbachuu fi furmaata isiniif namoota laachuu
danda’an barbaadaa, icitiilee namoota tokko tokkoof dubbachuu qabdan
jiru!
Hubaatii of irraa hambisaa murtee mataa keessaniin dhaabadha. Hubatii
saalaa, miidhaa saalarraa ga’ufi dirqisiisanii gudeeduu mirga
namaa hunda dhiibuu dha.
Hubaatii akkamitti dhabamsiisna
Hanga ammaatti akka waliin dubbanneen /akka waliin mari’anneen
eenyuufi akkamitti dhiibbaan akka nurra ga’an beekneerra. Ofii keenya
rakkoo akkasii keessa yoo jiraannee of baasuu ni dandeenya. Kanaafuu
seerota shan (5) yaadachuu qabnu jiru.
• Yoomillee yoo ta’e walquunnamtii saalaa raawachuu ykn dhiisuuf
fillannoon kan keessani
• Keessa keessan /ejjeenno keessan amana
• Nama hin beekne ykn nama hin amannee waliin qophaa keessan
hin taa’inaa.
• Seera itti hiriyaa jaalalaa qabnu baru.
• Rakkoo keessa yoo jiraattan nama amantaniif rakkoo keessan hiraa.
Ejjennoo Keessan Amanaa: namni itti dhiyyataan yookaan namni ittin
walii galtan waliif mijaa’uu dhabuu yookaan mirri dhiphinaa yoo isinitti
dhaga’ame ejjennoo keessan amanaa. sababiin isaas yeroo baayyee
sirrii waan ta’eef bakkees ta’ee mana keessa nama sirritti hin beekne
duuka amanuun waliin hin taa’inaa. Gareen yookiin hiriyoota keessan
kan biroo waliin ta’uun bashananuu ni dandeessu.
Seerota Hiriyumma Shaakalaa: Waa’ee daangaa keessanii hiriyaa
jaalalaa keessaniitti himaa walquunamtii saalaa raawwachuu yoo hin
barbaanne, walitti dhufeenya hiriyummaa jalqabaa irra kaastanii ifa
gochuun ejjennoo mataa keessanii murteessaa. Hiriyaa ykn jaalallee
keessanitti erga himtanii isin irraa oolmaa walquunnamtii saalaa hin
malleef isiniif qarshii baasuu isaatiif ykn keennaa kennusaatiif isiniraa
hin eegu. Dhugaatii alkoolii yookiin qorichoota sammu addoochan
hin fayyadaminaa. Dhugaatiifi qoorichootni sammuu adoochan
daangaa keessan ifa akka akka hin taane godha. Fira kan biraaf dubbachuu
ni dandeessu. Tarii kaffaltiin mana barumsaa keessanii isinii
kaffaluu fi maatii keessan amansiisanii walitti dhufeenya jaalalaa kan
akka dhaabdan gochuu ni danda’u.
Hawaasa keessaa dubbachiisuu fi haasofsiisuu kan dandeessan namni
jiraa? Mana kiristaanaa yookiin maskiida keessa namoota jiran yookiin
mana barumsaa keessaa barsiisaan, hogannaan /tuun amantaniin
ykn gumii dargagootaa keessa nama jiru tokkotti himu dandeessuu?
Kennaa fudhachuu irra karaa itti qarshii argatan jiraa? Kuduraa fi muduraalee
gurguruun, ocholoonii fi boqolloo gurguruun, wanta adda
addaa kan akka akaayi, dinnicha, fi jallaatti mana barumsaa booda
gurguruun qarshii argachuu dandeesisuu? Tariitii mana rifeensaa
naannoo keessanittti qacaramuu dandeessuu? Maaloo hanga isinii
danda’ametti rakkoolee isin mudatanii fi furmaatawwan barbaadaa,
jireenya keessan gara fuul duraas eega.
Ogummaalee Jireenyaa Diddaa
Namnii tokko saalquunnamtiif isin dirqiisiisuu ykn dhiibu ni yaala jettanii
yaaddan deebii sirrii irra dhaabbatanii dubbachuu isin nandeessiisan
- Jalqaba bifa tasgabbii fi iftoomina qabun hin ta’u jechu. Sochii
qaamaan ykn mallattooleen diddaa keessan cimsu. Mamiin fi
kolfaa hin ta’u hin jedhinaa - Deebi keessanitti quufu baannaan ammas irra deebi’aa sagalee
keessan olkaasun iddoo biraa fi osoo hin kolfiin hin ta’u jedhaa. - Kanas dinnaan bakka sanaa baqadhaa
- Carraa kana isin dhorkinaan iyyaa ykn humna fayyadamaa
Wanti hamaan yoo sin mudatu maloota fayyadan - Naannoo keessanitti dirqisiisanii gudeeduun yoo baramaa ta’e
borsaa keessan keessatti biyyoofi barbaree walitti makuun qabattanii
deemuun sin dirqisiisuuf yeroo isaan yaalanitti ija isaaniiti
facaasuun gudeeddii jalaa ba’uu. - Osoo wal irraa hin kutin sagalee ol kaasuun iyyuu
- Qubaaf qeensa keessanitti fayyadamuun ija nama isin miidha
sanaa humnaan waraanuu. Isaaniin miidha jattanni hin sodatina
sababni isaas isaan sin miidhuuf dhufaan waan ta’eef - Qaama saalaa nama isin miidhu saana jilba keessannitti fayyadamuudhaan
humnaan rukutaa
Miidhaa hubamtoota irra gahu
Hubaatiin saalaa, miidhaam saalaa, dirqisiisanii gudeeduun hundumtuu
haala gadhee ta’een miidhamtoota irratti miidhaanii geessisa.
Haala isaa fi namoota hojii kana raawwatan sababa isaaniin miidhamtootni
waggoota dheeraadhaaf na’uu yookiin soddachuu danda’u
wanti kun salphaa’umatti ofiitti amanamuummaa isaanii kan xiqqeessuu
dha. Rakkoon miidhamuu fayyaa fi miiraa irra ga’uu danda’u.
Hubaatiin saalaa fi miidhaan saala namummaa fi mirga namaa kan
hubudha. Yommuu waraanaa dirqisiisanii gudeeduun baayyinaan ni
dabala. Dhiirotni dubartoota irratti akka garaa itti jabeessan taasisa.
- Dubartoonnii dirqiin gudeedamu isaaniin ni gammadu. Dirqisiifamanii
gudeedamun gaddisiisaa fi sodaachisaa curriisaafis
ta’ee qaamaaf dhukkuba. Eenyuniyyuu gudeedamun hin gammadu.
Kanaafuu soba ta’a jechuudha. - Dubartootni walqunamtii saalaatiif kannen kakaasan huccuwwan
gaggababoo ufatanii yommuu deeman gudaadamuu akka
fedhan ta’eetu lakka’ama. Kun dhugaa miti. Namni kamiyyuu
dirqisiifamee gudeedamuu hin barbaadu. Dubartiin kamiyyuu
akka barbaadde uffattee osoo miidhaan irra hin ga’in deemuu
ni dandessi. Dhiirotni shamarraniif kabaja kenuuf of eegachuutu
irraa eegama. Of eegachuu hin dandeenyu kan jedhan namootni.
Tokko tokko ni sobu
• Dhiirri tokko of eegachuu dadhabnaan rakko qaba jechuudha.
Kun immoo karuma kamiin iyyuu kan dhiifamni
godhamuufi miti. - Namoonnii dirqisiisanii gudeedan namoota hin beekne fi alagaa
dha. Soba - Dhugaa dha gudeeddiin bal’inaan kan raawwatamu nama miidhamaan
beekun. Isaanis hiriyaa dhiiraa, ollaa fi hiriyaa maatit - Dubartiin tokko hin barbaadu jechuun ishee akka barbaadutti
ilaalama. Kun immoo soba. Dubartiin tokko hin barbaadu
jennaan hin barbaadu jechuudha. Kun fedhii ishees ta’ee itti
yaaduu ishee kan ibsu miti. - Dirqisiifamanii kan gudeedaman shamarraan qofa. Kunis dhugaa
kan hin taanee fi dhiironnis dirqisiifamanii kan gudeedamaniidha.
Kun immoo akkuma dubartootaa dhiirotaa fi dhukkuba
kan qabuu fi miidhaa kan geessisuudha. Inumayyuu dhiirronni
dirqisiifamanii gudeedaman miidhama isaani baasanii namoota
birootti wan hin dubbanneef bay’ee miidhamuu ni danmda’u. - Dubartii tokkorraa hubatii saalaa fi dirqisiifamanii gudeedamun
kan irra ga’e balleessaa isheetin. Kun soba. Namni miidhaan irra
ga’e namaan hamatamu hin qabu. Namni dirqisiisee gudeede
tokko balleessaa kan qabuu fi wanta sirrii nama hin hojjenneedha.
Dirqisiisanii gudeeduun yoo raawwate yaadotni armaan gadii maal gochuu
akka qabdan ibsu.
• Hatattamaan yaalii argachuu qabdu
• sWaanta uumame qaama ilaallatutti beeksisuu qabdu.
Marii ifa ta’ee walkabaju fi waldeeggarun safartu walittii dhufeenya
gaariti. Humni fi dirqisiisun asitti iddoo hin qaban. Waliitti dhufeenyi
saalquunnamti fedhummaa irratti hin hundoofne hamaa dha. Kunis
rakkowwaan adda addaaf nama saaxila fkn ulfa hin karoorfamneef,
dhukkuboota saalquunnamtiin daddarban HIV/AIDSi fi miidhaa xiinsammuuf
nu saaxilu danda’a. Kun immoo fayyuummaa miira keenyaaf
gaari hin ta’u. Ogummaalee jireenyaa diddaa fi ofirraa ittisuu shaakalu
of eeguf isin gargaara
Addunyaa keenya balaa irraa qulqulloofte gochuuf haa hojjeennuu!