Skip to toolbar

Lesson 12

Barannoo 12ffaa: JAALALLI MIIDHAA GEESSISUU HIN QABU  (HIRAARSAA SAALUMMAA, HACUUCCAA)

Kaayyolee Barannoo

  • Barattoonni quunnamtiin saalaa kan fedhiirratti hundaa’u yookiin tasuma kan raawwatamuu hinqabne ta’uurratti waliigalu.
  • Barattoonni hacuuccaa saalaa hambisuuf tooftaalee fayyadan muraasa ni baratu
  • Barattoonni ilaalchawwan dogoggoraa muraasa ni sakatta’u
  • Barattoonni miidhamtoota hiraarsa quunnamtii saalaaf gaddatu itti dhaga’ama.
  • Quunnamtiin saalaa hinbarbaadamne, hiraarsii fi hacuuccaan saalummaa, gudeeddiin maal akka ta’anii fi miidhaalee isaan geessisan ni ibsu; quunnamtiin saalaa hinbarbaadamne, hiraarsii fi hacuuccaan saalummaa, gudeeddiin badii adabsiisan ta’uu hubatu
  • Dubaraa fi dubartoonni akka waliigalaatti, dargaggoonnii fi ga’eeyyiinis miidhamtoota hiraarsa quunnamtii saalummaa ta’uu akka danda’an ni ibsu.
  • Amaloota muraas namni quunnamtii saalaaf si girqisiisu agarsiisu, haalawwan rakkoof saaxilan muraasa fi mallattoolee haalli rakkisaan uumamuuf akka jiran agarsiisan sadii ni tarreessu.
  • Namoonni humnaan gudeedan hedduun alagaa ykn namoota hinbeekamne osoo hintaane namootuma namoonni gudeedaman beekan ta’uu isu
  • Haalawwan humnaan gudeedamuuf nama saaxilan sadii fi malawwan haalawwan kunneen jalaa miliquuf fayyadan sadii ni tarreessu
  • Kennaawwan adda addaa fi qarshii, fudhachuun,  tajaajila adda addaa argachuu fi alkoolii dhuguun, qoricha suusii qabsiisan (hashiishii) fayyadamuun hiraarsa saal quunnamtii fi gudeeddiif ka’umsa ta’uu ibsu   
  • Miidhamtoonni tasuma balaaleffatamuu akka hin qabne xiyyeeffannoo kennuun ilaalchota dogoggoraa gudeeddiin walqabatan ni sirreessu;
  • Tooftaalee hiraarsa saalummaa dhabamsiisuuf gargaaran sadii ni tarreessu
  • Namni hiraarsaa fi hacuuccaan saal-quunnamtii akkasumas gudeeddiin isa mudate maal gochuu akka qabuu fi eessaa gargaarsa akka argatu ni ibsu
  • Karaa hiryaan quunnamtii saalaa raawwachuuf dhiibbaa irratti godhu sadii fi haxawwan namoonni hiraarsa saal-quunnamtii ykn gudeeddii raawwatan sadii ni tarreessu.
  • Amanamummaa qaamaa fi sammuu isaanii fi namoota biroof kabaja agarsiisu;
  • Namni isaan jaallatu waan isaan hojjechuu hin jaallanne ykn isaaniif dogoggoraa ta’e kennaa kennuudhaan quunnamtii saalaa eeggachuu dabalatee akka hojjetan kan isaan hindirqisiisne ta’uu amanu;
  • Kan balaaleffatamuu qaban miidhamtoonni hiraarsa quunnamtii saalaa akka hin taane ni amanu;
  • Nama hiraarsii fi hacuuccaan quunnamtii saalaa isa quunname ykn gudeedameef deeggarsaa fi gargaarasa kennuun barbaachisaa ta’uu amanuusaanii agarsiisu;
  • Haalli balaa geessisu yoo isaan mudatu murtee fi miirasaaniitti ni amanu;
  • Namoota hiraarsaman ykn sarbaman bira yaadaan dhaabbatu.
  • Yoo hiraarsi, hacuuccaa saalaawaa fi gudeeddiin isaan mudatu deeggarsa gaafachuuf haala mijaawaa uumu;
  • Gochaalee saalummaarratti daangaa darbuu hin  barbaanne hiryaa jaalalaa waliin ba’an hubachiisuuf haala mijaawaa uumu;
  • Nama quunnamtii saalaaf isaan dirqisiisu akkamitti didan tariibaan ibsu;
  • Haala rakkisaa keessa yoo seenan maal gochuu akka qaban haala ni mijeessu;
  • Yoo balaan gudeeddii isaan mudatu qaamnisaanii akka hin miidhamne ofirraa ittisuuf malawwan gargaaraman sadii gochaan agarsiisu. 
  • Ilaalchasaanii ibsatu
  • Oduu hawwataa, humna-qabeessa waraqaarratti barreessu
  • Suuraalee fi fakkiiwwan barbaachisoo ta’an waraqaatti dabalu, fayyadamu 

Seensa

Barannoon kun dhimmoota rakkisaa fi walxaxaarratti xiyyeeffata: hiraarsa fi hacuuccaa saalummaa, Dhimma rakkisaa kan ta’uuf, humnaan gudeeduun karaa addaa addaatiin waan uumamuufi. Walxaxaa kan ta’uuf immoo dubarrii fi dhiironni hedduun muuxannoo gadhee kan walfakkaatu waan qabaniifi. Mata-dureewwan barattoonni kaasuuf itti cimu kaasuuf deemna.

Barannoon kun ilaalcha dogoggoraa namoonni quunnamtii saalaa geggeessuuf isaan dirqisiisan sakatta’uufi dandeettiiwwan haala rakkisaa keessa dabruu barsiisuuf, barannoo kun barattoota waa’ee haala hiraarsii fi hacuuccaan saalummaa keessatti raawwatamuu malan barsiisuurratti xiyyeeffata.

Dhiyeessi kennamu dargaggoonni hiraarsaa fi hacuuccaa saal-quunnamtii akka ofirraa ittisanuu fi guutumaa guutuutti hambisan kanneen hiraarsa, hacuuccaa fi miidhaa geessisan akka hin taane kan isaan gorsudha.

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee Barnootaa

1. Calaqqee  

2. Daran natti siqxee hin dhaabatin (daq. 5) 

3. Jaalalli kan Miidhaa Geessisu ta’uu hin qabu – Dhiyeessa (daq. 30) 

4. Dandeettiiwwan diddaa fi ittisaa (daq. 20) 

5. Ilaalcha koo! (daq. 30) 

6. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 5)  

1. Calaqqee

  • Waa’ee gochaalee calaqqee barnoota dabre keessatti qabxiilee muraasaa akka dhiyeessan barattoota muraasa gaafadhuu

2. Sissi’eessituu: Daran natti siqxee hin dhaabatin (daq. 5) 

Galma

  • Barattoonni bakka dhuunfaasaanii fi yemmuu inni cabu gargar baasanii hubatu.

 Akkamitti

Gilgaala salphaa kanaan barattoonni bakka duwwaa jiru qofaasaanii naannoosaaniitti bakka dhuunfaa isaanii ta’e miiraan sammuu keessatti murteessanii dhaabatu. Barattoonni darabeedhaan suuta suutaan qalbiin walitti dhiyaachuuf adeemu. Akkuma walitti dhiyaataa adeemaniin hedduu daangaa dabree walitti siquu fi ga’aa ta’uutu itti dhaga’ama.    

3. Jaalalli kan Miidhaa Geessisu ta’uu hin qabu – Dhiyeessa (daq. 30)

Galma

  • Barattootaaf odeeffannoo fi ilaalchawwan waa’ee hiraarsa saalummaa kennuu

Akkamitti  

 Barattoonni dhiyeessicha ni dubbisu. Barattoonni osoo dubbisuu itti hin fufin qabxiilee marii dhiyeessicha keessatti dabalaman irratti mariyatu.  

Dhiyeessichi mata-dureewwan armaan gadii of keessatti haammata:

  • Saal-quunnamtiin humnaawaan maali; 
  • Saal-quunnamtii humnaanii yoom raawwatama? Eenyuun? Jaalallee dargaggeessaa/dhalaa, ga’eeyyii, jaarsolii fi jaartii; 
  • Garaagarummaa hiraarsuu, hacuucuu fi gudeeduu (harassment, abuse and rape 😉 tooftaalee hiraarsotaa, hiraarsuu akkamitti dhabamsiisuun danda’ama; icitii waliin ba’uu;
  • Akkamitti “LAKKII” jedhuu qabu; tarkaanfiiwwan yeroo rakkoon uumamu qaama ofii balaarraa eeggachuuf fudhataman, ilaachota dogoggoraa waa’ee gudeeddii, yoo gudeeddiin mudatu wantoota godhamuu qban;
  • Rakkoolee gudeeddii booda nama gudeedame mudatan. 
  • Dhiyeessichi dargaggoonni hiraarsaa fi hacuuccaa saal-quunnamtii akka ofirraa ittisanuu fi guutumaa guutuutti hambisan kanneen hiraarsa, hacuuccaa fi miidhaa geessisan akka hin taane kan isaan gorsudha.
  • Qabxiilee ijoo dhiyeessichaarratti barattoota waliin mariyadhu. Miidhamtoota saal-quunnamtii, hiraarsa saalaa fi gudeeddiif of eeggannoo godhi! Yoo barbaachisaa ta’e deeggarsas kenniif.   

4. Dandeettiiwwanii Diddaa fi Of-eeggannoo (daq. 20) 

Galma

  • Barattoonni dandeettiiwwan diddaa: akkamitti “LAKKII” jechuu ni shaakalu

Akkamitti    

Tartiiba 1: 

Barattoonni dandeettiiwwan diddaa (LAKKII jechuu) dhiyeessa Kitaaba Barataa keessa jiran yaadatu. Dabalataanis dubbisa 1 ilaali. 

Tartiiba 2: 

Barattoonni lameedhaan dandeettiiwwan diddaa waliin shaakalu. Tokko tokkoon lamee dubaraa fi dhiira ta’anii akka waliin ba’anitti ga’ee taphatu; lamman keessa tokko saal-quunnamtii akka raawwatan dhiibbaa uuma. Dhiibbaan kun dhiirarraas dubararraas ta’uu danda’a. Tokko tokkoon barataa LAKKII jechuu shaakaluu qaba.

Tartiiba 3: 

Barattoonni hayyamamoo muraasni dandeettii diddaa isaanii daree fuul-duratti agarsiisuu danda’u. Agarsiisni dhiyaatan amansiisaa ta’uu fi dhabuu barattoota gaafadhu. Maaliif akka ta’anii fi maaliif akka hintaanellee gaafadhu. Kun barattoonni akkamitti LAKKII jechuu akka qaban akka ifa taasisan ni gargaara.

Tartiiba 4:   

Barattoonni barreeffama tooftaalee duraa-duubaan yoo balaan isaan mudate jalaa miliquu danda’an ibsuuf tarreeffaman ilaalu. Dubbisa 2 ilaali.  

5. Ilaalcha Koo! (daq. 30) 

Galma 

  • Barattoonni yaadawwan qaban walitti qindeessuudhaan dhimmi isaan irratti mariyataa jiran hagam ulfaataa akka ta’e hubatu

 Akkamitti

Barattoonni marti seenessa gabaabaa ykn ilaalcha hiraarsa saal-quunnamtii, fi gudeeddii irratti qaban barreessu. Maal akka baratan, qabxiilee ijoon ka’anirratti yaada qaban, maaltu ta’uu qaba jedhanii akka yaadan barreessu. 

Seenessichii walakkaa waraqaa A4 irratti katabamuu qaba. Waraqaaleen kunneen, agarsiisa Barannoo 13 keessatti dhiyaachuu danda’u.

6. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 5) 

Hiraarsi saalaa fi gudeeddiin dhimmoota cimoo hunda keenya miidhuu danda’an ta’uu yaadachiisuun barnooticha goolabi. Barattoonni nama hiraarsi saalaa ykn gudeeddiin irra ga’e yoo ni beeku ta’e, akka gorsa kennaniif gorsi.

Hoj-manee

  Barattoonni hanga barnoota itti aanuuf dhufanitti haala adda addaa isaan mudatan keessatti yoom Lakkii akka jedhan dabtara yaadannoo isaaniirratti barreessanii akka dhufan hoj-manee kenniif.

DUBBISA 1 

Dandeettiiwwan Diddaa – Akkamitti LAKKII akka jedhan

Yoo namni tokko si dirqisiise, jecha ifa ta’ee fi ergaa cimaa dabarsuun LAKKII jechuun baayyee barbaachisaadha.

Tartiibawwan afur LAKKII jechuuf hordofaman armaan gaditti kennamaniiru.

Sagalee xiqqaa fi jechoota sirrii ifa ta’aniin LAKKII jedhi. Yoo LAKKIIn kee fudhatama dhabe diddaa kee sagalee cimaa fi guddaadhaan irra deebi’ii idabalii itti himi: 

  • LAKKII yemmuu jettu, waan si shakkisiisu tokkollee hin hambisin!
  • Hiryaa kee saal-quunnamtii kallattiin ija keessa ilaali
  • Hin seeqqatin ykn waan qaanfatte of hin fakkeessin
  • Akka si amansiisu hiryaa keef kallattii hin kenniniif akka yaalu daandii hin saaqiniif
  • Yoo ‘LAKKII’n keeIf fudhatama dhabe haala keessa jirtu san saffisaan dhiisii bahi.
  • Yoo akka ati hin baane si dhorke ykn si baasuu dide iyyi ykn humna gargaarami

DUBBISA 2 

Tarkaanfiiwwan qaamaa haala rakkisaa keessatti fudhatamu

  • Gudeeddiin naannoo keetti kan aadeffatame yoo ta’e barbaree fi ashawaa walitti makii qabadhuu deemi. Yoo namni humnaan si gudeeduu dhufe ijasaatti facaasi.
  • Sagalee ol kaasii iyyii deeggarsa gaafadhu
  • Quba harkaa kee fi qeensa quba harkaa fayyadamii hanga dandeessu ija nama humnaan si gudeeduuf keessa tumadhu. Ni miidhama jettee hin gaddiniif; inni/isheen si miidhuuf murteeffate/murteeffatte waan ta’eef!
  • Ciqilee jilba kee fayyadamii nama si qabe/dde san cinaan keessa dhiiti. Yoo cimsitee rukutte kun miidhuu danda’a; dhukkubbii lama itti ta’a.
  • Yoo fuula kee gadi gombisee sirra taa’ee jira ta’e faana miila kee fayyadamii lafee dugdasaa gara gadiirra dhiiti; fagaara gararraa.
  • Yoo humnaan caalamte, of laaffisii goyyoomsii akka namni sun of gatu godhi. Kanaa booda, ija keessa tumadhu, ykn dugdarra rukuti. Yoo gudeedaan/dduun dhukkubsatee xiqqoo dhaabbatu fiigii baqadhu.

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 12

Quiz for Lesson 12

1 / 5

12.1. Walquunnamtii saalaa gochuun fedhii hiriyoota lamaaniitiin alatti raawwatamuun irra hin jiraatu

2 / 5

12.2. Barannoo kana keessatti akkaataa ittiin rakkoowwan qorichoota araada qabsiisan uumaman ofirraa ittisuun danda’amu baratteetta jennee abdanna

3 / 5

12.3. Obboleettota keenyatti yaada deeggarsaa fi kabajaa agarsiisuutu nurra jira.

4 / 5

12.4. Namootni yakka dhiibbaa mirga dubartootaa raawwatan himatamuu hin qaban.

5 / 5

12.6. Dhugaatiin, qorichootni garaagaraa, kennaawwan garaagaraa fi maallaqni akkamitti dubartoota walquunnamtii saalaa ofeeggannoo hin qabneef saaxiluu danda’a jettee yaadda? Yaada kee bal’inaan ibsi.

Your score is

The average score is 0%

0%

References