Skip to toolbar

Lesson 13 for Students

Barannoo 13ffaa: Qabamuu Araadaa fi Fayyummaa Walhormaataa

Seensa

Boqonnaa kana keessattii rakkoo biyyoota Afrikaa hedduu keessattii
yaaddeessaa ta’ee jiru waa’ee qabamu araadaa fi sammuu
adoochitootaa ni baranna. Dabalataanis qorichoota sammuu nama
adoochanii fi araadan qabamu hariiroo dhibbaa fayyuummaa walhormaataa
waliin qabu fi keessumattuu rakkoo Itophiyaa keessatti
qaqqabsiisaa jiru ni baranna. Midhaan Kanaan walqabatee dhufus
dargaggoonnii umrii saalquunnamtii siirriif osoo hin ga’in saalquunnamti
akka raawwatanii fi raawwatani illeee akka maloota ittisa
da’umsaa sirnaan hin fayyadamnee taasiisun ulfa itti hin yaadamnee
fi darbees ulfa baasiisuuf saaxilaa jira.
Boqonnaa kana keessatti akka ka’umsaattii maalummaa qoricha
sammu nama adoochuu, itti fayyadama isaa fi dhibbaawwan hedduu
araadan qabamuun qoricha sammuu nama adoochuu fayyuummaa
walhormaataa irratti qabu sirnaan ragaan deeggarun dhiyeessun
jireenya keessan keessatti murtee sirrii beekumsa irratti
hundaa’ee akka gaggeessitan bifa isin dandeessiisun qophaa’ee jira.
Gochaalee Barannoo Har’aa
• Si’eessiitu (daqiiqaa 5)
• Yaada burqiisiisu: qoricha sammuu namaa adoochu maali (daqiiqaa
10)
• Dhiyeessa- araada qoricha sammuu nama adoochuu fi fayyuummaa
walhormaataa(30)
• Muudannoo dhugaa dhaggeeffachuu(daqiiqaa 10)
• Hojii garee- qorichoota sammuu adoochan ofirraa fageessuun
gaarii dha sababnii isaa….(daqiiqaa 30)
• Guduunfaa fi hojii manaa(daqiiqaa 5)

Learning Resources

Teaching Methodologies

Araadan Qabamu Qorichoota sammuu adoochu fi fayyuummaa walhormaataa
Qoricha sammuu adoochuu (drug) jechuun qorichoota uumamaa,
keemikaala’oo fi namtoolchee ykn artafishaala ta’ee dha. Nammoonnii
hedduu kan itti fayyadaman ajaja ogeessa fayyaan qorichaafi dha.
Qoricha sammuu adoochuu uumama isaanitiin qaama, sammuu fi
miira namaa irratti dhibbaa kan geessiisudha. Namoonnii dhukkubsatan
qoricha kan fayyadaman dhiphiina dhukkuubbii dhukkuba isaanii
irraafachuu fi fayyiisuufi dha. Qorichootni sammuu adoochan kanneen
jedhaman keessaa kanneen akka jimaa, sigaaraa xuuxu, dhugaati
alkooli shaayi fi buna fi shisha namoonnii akka bashannanaattii kan itti
fayyaadaman jiru. Namni tokko hanga, yeroo fi yeroo dheeraa qorichoota
kana itti fudhatu too’achu hin danda’u taanaan araadaan qabamaa
ta’u isaa agarsiisu ni bartu.
Qoricha sammuu adoochuu seeraa fi seeraan alaa maali?
Osoo hin dhukkubsatiin qoricha sammuu adoochu fayyadamun sirrii
miti. Bunaa fi shaayii sirnaan fayyadamun rakkoo kan hin qabnee
ta’ullee isuma garmalee fayyadamun irriiba dhoowwuun fi rukuttaan
onnee akka dabalu gochun fayyuumaa irriti midhaa geessiis. Qorichootni
sammuu adoochan seeraan alaa jechuun fayyadamun isaa

nii kan seeraan nama gaafachiisu jechuu dha. Isaanis maariwaanaa,
kokeeyini, kaanaabisii fi heeroyiini ..kkf ni dha. Kanneen akka jimaa,
sigaaraa, dhugaati alkooli, bunaaf shaayi, fayyadamun seeraan nama
hin gaafachisuu. Seeraan hin dhorkaman jechuun garuu fayyaa irrattii
midhaa hin geessiisan jechuu miti. Fakkeenya sigaaraa/tamboo
xuuxun seeraan hin gaafachisu garu kaansarii sombaa namattii fiduun
du’aaf nama saaxilu danda’a. Dhugaati alkoolii baay’isanii dhugun
boorumtaatti dhukkuubbii, garaa ammeessuu, yeroo dheeraa booda
ammo dhibee onnee fi sombaaf saaxilamummaa bal’isa.
Sammuun dargaggootaa sammuu guddachaa fi dagaagaa jiru dhugaati
alkooli fi qorichoota sammuu adoochaniin faalamuuf/summeefamuf
saaxilamoo dha. Keessuumattuu qoorichootni sammuu
adoochan seeraan alaa miidhaa ciimaa qabu. Qorichootni hedduu
kunneen sirna narvii, onnee, tiruu fi sombaa jeequn rakkoof nama
saaxilu. Dargaggoota irratti immoo dhibbaan isaani xiinsammuu ciimaa
dha. Sababni isaa raawwiin mana barumsaa isaani gad aanaa
ta’a. Amanamummaa hojii irratti qaban ni xiqqeessa.
Qoricha sammuu adoochan gosa meeqatu jira? Akkamittiis qaama,
sammuu fi miira namaa irratti dhibbaa geessisuu?
Qorichootni sammuu adoochan dhibbaa qaama, sammuu fi miira
namaa irratti geessisaniin bakka afuritti qoodamu

  1. Dammaqsiitoota- kanneen jedhaman kanneen akka kokeeyinii,
    ekistaasii, fi kkf dalagaa sammuu saffisiisun anniisaan akka
    nutti dhagahamu gochuun alatti irribnii fi dadhabbiin akka nutti
    hin dhagahamnee gochuun dhibbaan qorichichaa yoo badu
    garmalee akka dadhabnuu fi laaphoofnu taasiisani dha.
  2. Adoochitoota- kunneen immoo kanneen akka dhugaati alkooli,
    qoricha adoochaa, maastishii, yoo ta’an faallaan dalagaa sammuu
    kan hir’isani fi miira bashannanaa namatti uumani dha. Heddumminaan
    fudhatamnaan qaama irratti midhaa cimaa qabu
  3. Abjoosistoota- kanneen kun kanneen maariwaanaa, EL. ES. DI
    (LSD) yoo ta’an haaloota itti ilaallu fi dhaggeeffannu jijjiirun miira
    gammachuu olaanaa namattii uuman. Fayyadamaan addunyaa
    ofii qofa keessatti akka jiraatu gochuun hariiroo namoota waliin
    qabu akka shakku fi sodaatu gochun rakkoo dhugaa adda baasu
    irratti mul’ata.
  4. Kiniini dandamachiiftu- kanneen akka aspiriini, paaraasitaamoolii,
    herooyinii fi kkf immoo qorichoota kanneen biroo keessaa tokko
    dha. Cimina dhukkubbii xiqqeessuun fayyuumaa namattii akka
    dhagahamu taasiisu miira namaa jijjiiru.
    Jireenyi araada qorichaa irraa qulqulluu ta’e gammachisaa dha!
    Nammonnii araada qaban waa’ee qulqullina isaani dhimmi hin qaban
    hiriyoota isaani dhabu. Sababa kanaafis namoota araadan qabaman
    deeggarun fi rakkoo isaani keessaa akka ba’an gochuun nu irraa eegama.
    Namoonnii hundi mirga eegamu qabu. Namoonnii rakkoo araada
    keessa jiran rakkoo isaani amanu hin barbaadan. Waan kana ta’eefidha
    namoota araadan qabaman araada keessaa baasun rakkisaa kan ta’u.
    Dargaggoonnii araadan qabaman rakkoolee hedduuf saaxilamoo dha
    • Barnoota irraa addaan kutuu fi hojiirraa ari’amu

Daraan ulfaatin hir’isu, jijijjiiramu miiraa, sodaataa fi waakkataa
ta’u
• Qooddamuu yaadaa fi dubbiin waliigalu dhabu
• Sirnaan nyaachu dhabu fi rakkoon irriibaa qunnamu
Qorichoonni sammuu adoochan balaa tasaaf, lubbuu fi haawaasa irraan
ga’un yakka babali’isu. Araadnii biliisummaa fi guddiina dargaggootaa
irratti dhibbaa geessiisa.
Namoonnii maaliif qoricha sammuu adoochu fayyadamu?
• Waan dadhabaniif, waan barbaadan wanta dhabaniifi wanta
hojjetan dhabaniif
• Miira namattii uumu beeku waan barbaadanif
• Hiriyoonnii isaani waan yaalanii fi raawwataniif
• Namoota dhugaatii sirriitti dhugan irraa muuxannoo argachuuf
• Mirrii gammachuu yeroo gabaabaaf waan itti dhagahamuuf
• Qaama aadaafi haawaasaati jedhanii waan fudhataniif
• Homaayyuu mitwaan ta’eef jedhanii raawwatu
• Salphaattii argachuu waan danda’aniif
Garuu akkamittii qorichoota sammuu adoochan fayyuummaa walhormaataa
irratti midhaa fidan? Dhimma kana irratti yaadaati hiriyoota
daree keessan waliin irratti mari’adhaa.
Qorichoonni sammuu adoochan balaa cimaa qaban, dhugaa jal’isuun
dandeettii sirnaan murteessuu nama tokko irrattii dhibbaa geessiisu.
Tarii qoricha sammuu adoochu fayyadamtanii gocha raawwattan yeroo
biraa hin raawwatan ta’a. Fkn namnii jimaa qama’ee fi dhugaati
dhugee akka kakaafamun rakkoo akka hin qabnee itti fakkeessuun namoota
hin beeknee waliin saalquunnamtii raawwachuuf murteessuu
danda’a.
Miira akkasii keessattii namootni nama gonkumayyuu hin beekne saalquunnamtii
raawwachuf murteessuu danda’u. Namoonni dhuganii
machaa’an yeroo baay’ee kan yaadan saalquunnamtii ofeegganoo qabu
fi itti yaadame osoo hin taane kan itti hin yaadamnee fi ofeggannoo hin
qabnefi darbeeyyuu humnaan fayyadamun raawwachuuf carraaqu. Kanaaf
jimaan/caatin, dhugaati alkooli fi saalquunnamtiin wantoota waliin
deemu hin qabaannee dha.
Qorichoonni sammuu adochan jeeqama guddinaas ta’ee fayyuummaa
walhormaataa fidu. Namoonnii hedduu rakkoof kan saaxilaman sababa
qorihoonnii kunneen amalaa miira’ummaa saalummaa isaanii wanta dabalaniif.
Fayyuummaa sammuu nama tokko irratti dhibbaa geessiisu.
Kana malees namoonnii rakkoo kanaaf saaxilamam walitti dhufeenya
saalummaa itti gaafatamummaa, balaa iraa biliisa ta’ee fi waliigaltee
irratti hundaa’e akka hin murteessine taasiisu. Yeroo hunda saalquunnamtiif
sammuu biliisaa nubarbaachisa. Isin hin fedhu, hin barbaadu,
waldhungachuu qofa ta’u qaba, ofeegganoon haa gonu, mala ittisaa haa
fayyadamnu fi saalquunnamtii raawwachuu hin barbaadu jechu danda’u
qabdu. Qoricha sammuu adoochu fayyadamun murtee sirrii murteessuu
akka hin dandeenya n utaasiisa. Rakko hin barbaachifnee fi itti yaadamneef
nu saaxuluu danda’a. fkn saalquunnamtee of hin eeggannee
raawwachuf.
Qorichoota hamaa sammuu adoochan fi HIVAIDSii
Fayyuummaa walhoormaata keenyaaf qorichoonni midhaa hamaa
qabu kanneen waraansa lilmootin qaamaan fudhataman kanneen akka

heeroyini yoo fayyadmnee dha. Namoonnii lilmoon waraansaan qoricha
sammuu adoochu kana fudhatan lilmoo tokko qofa waliin fayyadamu
sababnii isaa kana gochuun hiriyuummaa waan agarsiisuuf ykn
lilmoo qulqulluu biraa argachuun ulfaataa waan itti ta’ufi dha. Garu
lilmoo tokko waliin fayyadamun dhukkuboota daddarboo vaayirasiin
dhufan adda addaa daddabarsa. Fakkeenyaaf HIV/AIDS fi vaayirasii
dhibee tiruu fidu heeppataayitasii. Itophiyaa keessattii namoota HIV/
AIDSif saaxilaman hedduun kanneen waraansa lilmoon qoricha sammuu
adoochu fudhatanii dha.
Qorichoota hamaa sammuu adoochan fi Fayyuummaa walhormaataa
Qorichoota hamaa sammuu adoochan yeroo ulfaa’utti fayyadamun
da’umsa yeroo malee, daa’imni dhalatee ulfaatinaa gadii ta’u fi du’a
daa’imaa fi haadhaa qaqqabsiisu danda’a. Kanneen dhalataniis yoo
ta’e yeroo malee waan dhalataniif rakko booddeettii hafummaa sammuu
isaan qunnama. Qorichoonnii hamaa sammuu adoochan kanneen
akka heeroyin karaa handhuuraan gara daa’imaatti darbuun
daa’ima dhalatu irkattummaa qorichaaaf saaxilu danda’a.
Qorichoota hamaa sammuu adoochan fi Ulfa
Ni beektu? Dubartiin ulfaa dhugaati alkoolii fayyadamtuu balaa
addaan cituu miciiree hin barbaachifnee fi da’umsa yeroo maleef kan
saaxilamtee ta’u.
Dargaggoota qorichoota hamaa sammuu adoochanif saaxilaman gargaaruuf
maaltu nurraa egama

  1. Miseensii maati kanaaf saaxilame yoo jiraate
    • Rakkinicha ifaan irrattti mari’achu isin ifa taatani waa’ee
    araada hin mar’annee taanaan miidhaa isaa namni biraa
    hubachuun nama gargaaru hin danda’u. Isin dhuunfaan
    rakkoo kana fuuruf hin yaalinaa
  2. Hiriyaa araadan qabamee ykn qorichoota hamaa sammuu
    adoochan fayyadamu yoo qabaattan
    • Nama amantan waliin mar’achuun maalii fi akkamitti gargaaru
    akka dandeessan hubachu dandeessuu. Maatin
    hiriyaa keessani dhimma kana quba qabaachu isaani mirkaneeffadhaa.
    Dandeenyaan rakkoo ykn dhiphiina isin qunname
    maati keessaniif hubachisuu yaalaa. Hiriyoota keessan
    onnee muraasaaf yaadicha ibsuun akka isin deeggaran
    gochu. Tarii isin didu danda’an illee kana kan gootan hiriyaa
    keessanif waan yaaddaniif ta’usaa akka ta’e ibsaafi.
  3. Qabamaa araada fi fayyadamaa qorichoota hamaa sammuu
    adochan yoo taatan
    Deeggarsa barbaadaa isin kan rakkoo furtoota malee saaxilamtoota
    rakko ta’u akka hin qabne hubachuu qabdu. Maalummaa araada fi miidhaawwan
    isaan walqabatanii dhufan irratti hubannoo gadifageenyaa
    qabaadhaa. Miidhaamtoota araada fi qorichoota sammuu adoochan fi
    maati isaani deeggaruuf gahee taphadhaa. Yoomiyyuu taanaan meeshaa
    qara qabu nama biraa waliin qoddattani hin fayyadaminaa.
    Isin dargaggoonnii waa’e fayyadamu qoricha sammuu adoochuu ykn
    araadan qabamu hubannoo uumuf maal gochuu dandeessuu?
    • Haawaasa sassaabun mariisisuu

• Barnoota hiriyaa waliiwaliini mana barumsaa keessatti kennuu
• Dhabbilee amantaa fi gargaarsaa naannootti argaman waliin
hojjechu
• Hiriyoota keessan maloota kaayyoof dhaabbachu fi diddaa akka
dagaagfatan barsiisaa.
Kana malees yeroo bashannanaa sirnaan fayyadamu, iddoo bu’aa
qabeessa filachu, dandeetti walmari’achuu fi madaalu, fi iddoolee
namoota rakkoo adda addaa qaban itti gargaaraman, miidhamtoota
araada qorichoota sammuu adoochuf saaxilaman deeggarsii itti godhamu
daawwachu faayidaa qabeessa tu’u isaa hubachiisu qabna.
Dargaggootaaf murteessaan araada irraa fagaachu dha!

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 13

Quiz for Lesson 13

1 / 7

13.1. Qorichoota biyya keenya keessatti seeraa fi seeraan alaa (dhorkaman) ta’an bal’inaan ibsi.

2 / 7

13.2. Gosoota qorichoota biyya keenya keessa jiranii fi beekamoo ta’anii tarreessi.

3 / 7

13.3. Dhiibbaa araadni qorichaa/addiction/ jireenya nama tokkoorratti fiduu danda’u tarreessi

4 / 7

13.4. Namootni akkamitti araada qorichoota adda addaatiif saaxilamuu danda’u?

5 / 7

13.5. Dhiibbaa qorichootni fayyaa qaamota saalaarratti qabanii fi HIV fi ulfaaf saaxiluu keessatti qban tarreessi

6 / 7

13.6. Hiriyootni kee araada qorichootaa akka hin godhanne akkamitti gorsita?

7 / 7

13.7. Rakkoon barataa araada qorichoota garaagaraan qabaman mudachuu danda’u maali jettee yaadda?

Your score is

The average score is 0%

0%

References