Skip to toolbar

Lesson 14

Barannoo 14ffaa: MULLATA KEE, ABJUUFI KAROORA KEE

Kaayyolee Barannoo

  • Barattootni waa’ee Jiruu isaanii fuula duraa yaaduu eegalu, dandeettiifi human mullata kaawwachuufi karoora baafachuu akka uummatan,
  • Barattootni galma keewwatan milkeessuuf attamii hojiirra oolchuu akka qabanu ni baratu.
  • Barattootni eenyuun qabatanii galma ” Addunyaan koo kana jedhanii kaartaan agarsiisan “ sana fiixaan baasuufi milkeessuu itti danda’an adda ni baafatu.
  • Namni kamiyyuu jiruuf jireenya fuul duraa mataasaa abjoochuufi kana dhugoomsuufis ta’e jireenya milkaa’aa arguu mirga qaba,
  • Galma keewwatan kana milkeessuufi dhugoomsuuf, namoota fi qaamota  adda addaa irraa gargaarsa argachuuf mirga qabu.
  • Namni hundumtuu adda adda, Namni kamiyyuu hanqina hin dhabu, Garuummoo namni hundi waan ittiin boonu tokko ni qaba yaada jedhu ni hubatu.
  • Abjuu isaanii gara fuul duraa ni tarreessu,  karoora hojii abujuu isaanii ittiin dhugoomsuu danda’an duraa duubaan ni  tarreessu.
  • Ciminoota Beekamoo mullatanu, dhuunfaa fi hawaasummaa lama lama ni tarreessu, Qixa ittiin ofi fooyyessuu danda’anu, filannoowwan isaani nuuf baasa jedhanii amanan irratti dhiibbaa dhufuu danda’u lama lama barreessuun adda baafatu.
  • Abjuu isaanii dhugoomsuuf abbaan dhimma isaan mataa isaanii, yeroon isaas amma akka ta’e, ni ibsu.
  • Abjuu isaanii Fedhiifi dhugoomuuf fedhiin isaanii tokkoofi tokko karoora gagabaabaa hojiirra ooluu danda’u baaffachuudhaan qofa akka ta’e ni ibsu.
  • Karoora gabaabaa isanii keessatti, Galma isa kamtu fiixaan ba’e? attamitti? Karaa kamiin? Gargaarsa eenyuutiin? Isa jedhu agarsiisuu danda’u.
  • Fiixaan ba’iinsa galma isaaniif haala kamiin eenyuun gaafatnaan qaamni kamtu maal akka gargaaruu danda’u mala dha’u.
  • Jireenya isaanii fuul duraa akkamitti akka jiraatanuuf maal akka jaallatanu akka jibbanu addaan ni baasu.
  • Waan danddeettii isaanii ta’eefi too’achuuf humnaa oli isaanitti ta’u adda ni baafatu.
  • Fooyya’iinsa malootafi jijjiiramoota qaamaa, qabxiiwwan ijoo gaaffii isaanii fi hubannoo ga’aa argatu.
  • Osoo illee galmaa keewwanne sana milkeessuudhaaf humaa fi  kutannoo cimaa kan barbaadu ta’ellee barbaachisummaa abjuu ofii fuulduraa abjoochuu dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu.
  • Qaamoleen hawaasaa biroo maatiin galma ga’iinsa abjuu barattoota isaaniitiif akka tumsa godhanu jajjabeessuu.

Seensa

Ammaan tana, Waa’ ee fayyaa wal hormaata salaa fi jiruufi jireenya barattoota keenyaa adda addaa gara fuula duraa ilaalchisee mullata barattootni keenya irratti xiyyeeffachuu qabanu, kallattii abjuu isaan abjoochuu qabanuufi karoora attamii akka baaffachuu qabanu baratu. Yeroon isaan carraa isaanii fuulduraafi kallattii kaa’anii, karooraafi baaftuu isaanii murteessuu qabanuufi abjuusaanii dhugoomsuuf hojiitti galanu amma.

Shaakal barattootni hojjechuu qabanu:-

Tokkoffaan:-  cimina fi dadhabina of keessa ilaaluun yaadachuu danda’uu.

 Lammaffaan:- Attamiin galma isaanii ijaaruu ykn kaa’uu akka qabanu beekuu

Sadaffaan:- Kaartaa “ Addunyaa kun kooti” jedhu tokko mullata fi galma isanii waliin bocanii agarsiisuudha. Barnootich kutannoo isaan mullaticha dhugoomsuuf qabanu mirkaneessudhaan xumurama.

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee barnootichaa

  1. Calaqisiisuu
  2.  Si’eessituu  Anuma kana ( daqiiqaa 5) 
  3.  Waa’ee gaarummaa kootiirratti xiyyeeffadhu. (daqiiqaa 30) 
  4.  Galma keewwachuu (daqiiqaa 20)  
  5.  “Ani Addunyaa kan koo keessatti” II (daqiiqaa 30)
  6.  Yaada waliigalaa hidhannoo cimsachuufi hojii mana (daqiiqaa 5)

Itti aansuudhaan:

  1. Barnoota duraan dabarsan irratti gabaabinaan yaadachuun akka calaqisiisan gochuu.
  2. Dadammaqsiisa adda addaa fayyadamuun miira isaanii ho”isuu.
  3. Ana /Daqiiqaa 5/
  4. Barattootni akkamitti yaada isaanii barreeffamaan akka ibsuu danda’an ni shaakalu,
  5. Barattootni leyyoofi sodaa adda addaa  keessaa ba’u.  

Tartiiba 1ffaa:-

Barattootni tarreetti marsanii teessuma isaaniirra taa’u. fuul duri isaanii ballisanii iddoo duwwaa waltajjiif ta’u akka hund wal arguu danda’utti iddoo duwwaa hambisuudhaan taa’u.

Baratootni hundi kutaa leenjiif qophaa’e kana iddoo duwwaa waltajjiif qophaa’e kanatti dabree dabareedhaan  ba’uun hiryoota isaanii ija keessa ilaalaa sagalee olifuudhanii  “ Maqaan koo…….jedhama” jechuudhaan walbaru.

Tartiiba 2ffaa:-

Waan barattoota dadammaqsu waa muraasa dubbadhu, keessattuu barattoota leeyya’anutti. Fuula garee tokkoo dura dhaabbatanii dubbachuun namoota bayyeedhaaf muuxannoo salphaa miti.

 Barattootni fuula namaa dura dhaabbatanii dubbachuun milkaa’uuf gootummaan /ija-mukee/ ta’anii dubbachuu barbaadu.

Yeroo ga’aa kan qabdan yoo ta’e, barattoota keessan yeroo yeroon akka shaakalanu gochuudhaan waa’’ee isaanii gaarii akka yaadanu gochuudhaan jajjabeessuu, Fakkeenyaaf; “Ani hojii akkasii akkasiitiin baayyee……” jechuun jecha gaarummaa isaanii ibsuun dubbatu.  Akkuma kana barattootni keenya leeyyoo/ saalfii/ fixataa cimaa ofitti amantummaa gonfataa deemu.

  • Waa’ee isaanii qabxiiwwan gaggaarii ta’an irratti xiyyeeffachuu.

Xiyyeeffannoo:-

barattootni waa’ee eenyummaa isaanii adda baafachuun beekanii akka itti boonanu, Eenyumma isaanii keessaa jijjiirama amalaa fiduu /fooyyeffachuu/  qabanu irratti adda baafatu.

 Tartiiba 1ffa

keessatti attamitti ibsame, Jireenya fayyaallessa milkaa’aa qabaachuuf, dura dursoo barattootni ciminaafi dandeettii isaanii adda baasanii akka beekanu godhi. 

Barattoota tokkoon tokkoon isaaniitii barreeffama isaan itti shaakalanu fuula tokko tokko kenni. Ykn. Immoo barreeffamicha akka isaan yaadannoo isaanii irratti barreeffatanu taasisi.

Tartii 2ffaa:-

Barattootni muraasni akka isaan ka’anii garee isaaniitiif ibsa godhanu gaafadhu

Odeeffannoo gabaabaa

Gaaffiiwwan muraasaati barattoota garee isaaniitiif reefuu ibsa godhanii ka’an   gaafachuu qabdu:

Maaltu sitti dhaga’ame waa’ee ibsa kee ammaa yoo yaaddu? Milkoofteettaa? Maaltu itti dhaga’ame waa’ee milkaa’ina issaa yammuu ati gaaffattu?  Maaltu sitti dhaga’ama waa’ee milkaa’ina namoota biroo qulqullinaa haasaa isaanii namootni jaallataniif yoo dhageessu?, Namni guutummaa guututti milkkaa’aadha jettu ni jira? hanqina tokkollee hin qabuu?

Gama biraatiin:-

Yaada waliigalaa; Kan akka:

Namni tokko nama biro kamiinuu waliin wal hinfakkatu adda, Garuu hundumti ilma namaa waan adda ta’e waan ittiin boonu tokko ni qabaata; Ofitti amanamummaa, kabaja barbaaduu, Gad- aantummaan akka itti hindhaga’amne fi kkf. Inni guddaan attamiin cimina keenya caalmaatti gabbisaa dadhabina keenya fooyyessuu dandeenya isa jedhu hubachuudhaan fooyya’iinsa uumaa deemuudha. Gama biraatiin immoo namoota biros kabajuu, haalaafi amala adda addaallee yoo qabaatan yaada isaanii keessummeessuu danda’uu qabna. Akkuma keenyaa isaanis waan gaarii ittiin boonanu tokko ni qabaatu waan ta,eef.

5, Galma keewwachuu /daqiiqaa 20/:- 

Xiyyeeffannoo:-

Barattooni attamiin akka galma isaanii keewwatanu shaakaluu qabu.

Barattootni attamitti yoo karoorfatan galma isaanii dhugoomsuu danda’u isa jedhu hubatu.

Tartiiba 1ffaa :-

Barattootni Galma isaanii keessa tokko ni fudhatu. Galma gabaabaa ykn dheeraa tokko ta’uu ni danda’a. Barattootni isa irratti hundaa’anii karoora galmicha dhugoomsuuf isaan danddeessisu ni baasu. Shaakala kanaaf barreeffama wabii lakk.II fayyadamuu danddeessa.

Tartiiba 2ffaa:-

Barattootni muraasni ba’anii galma isaanii gareelee kutaa keessa jiranuuf akka ibsanu affeeri. Barattootni biro akka gaaffii, yaada dabalataaf, waan sirraa’uu qaba fi yaada addaan qaba jedhan  kaasanii hirmaatanu gochuu.

Sadarkaalee attamiin galma ijaarrachuu dandeenya jedhuufi dhimmoota achi keessatti xiyyeeffatamuu qaban irratti maryachiisuudhaan yaada waliigalaa kennuufiin goolabi.

Akkana jechuudhaan:

  • Isin barattootni mirga mullata keessaniifi galma keessan gara fuula duraa ifaa ta’e ijaarrachuuf  karoora hojiirra ooluu danda’u baafattanii dhugoomffachuuf mirga qabdu,
  • Galma keessan milkeessuuf hojiidhaan dhugoomsuuf mirga qabdu,
  • Galma keewwatan kana dhugoomsuuf karoora baafatan raawwachuuf sochii godhanu kamiinuu keessatti argaarsa maatii, hiryaa,  qaamolee hawaasa adda addaa, qaamolee mootummaafi miti mootummaa, jaarmiyaalee hawaasaafi  kanneen biros argachuuf mirga qabdu.

Galmoota kana fiixaan baasuu keessatti:-

  • Karoora gaggabaabaa yeroon murtaa’e baafataa deemuu akka qabanu,
  • Fayidaa argachuu qabanu, rakkoolee isaan muddachuu danda’an fi furmaata kennamuu qabu addaan baasanii hubannoo ga’aa  akka qabaatanu,
  • Qaamolee isaan deggaruufi gargaaruu danda’an addaan baasanii beekuu akka qabanu,
  • Galma kewwatan sana milkeessuuf qaamolee itti gaafatamummaa qabanu irraa  deggarsaafi gargaarsa argachuuf attamitti ofi kennanii kutannoon hojechuu akka qabanu;

5. “Anaafi Addunyaa koo” Waraqaa irratti kaasuu

“Anaafi addunyaa koo” qajeelfama jedhu  waraqaarratti maappii kaasuuf ( barannoo 4ffaa xumura kitaaba barataa irra jiru ilaaluun gaarii ta’a.

Barattootni hundumtuu:-

  1. Warqaa gugurdaa/ baballaa / irratti kaasanu qopheeffachuu qabu, Qajeelffamoota armaan gadii hordofuun gaarii ta’a.
  2. Dursanii fakkii mataa isaanii kun ana jedhanu waraqicha walakkaatti kaasu,
  3. Maqaa isaaniis irratti barreessuu, / miili-jela ykn walakkeessatti /
  4. .  Geengoo gurguddaa lama suuraa isaanii waraqicha gidduu jirutti marsanii kaasuu.
  • Iddoowwan duwwaa gidduu jiranu keessatti  maappii addunyaa kooti jedhanu kaasu, fakkiiwwan jaha namoota isaanitti dhihaatanu kan bakka bu’u suuraa ofiisaanii sana naannessanii kaasu, nama baayyee isaanitti dhi’aachuun isaan gargaaruu danda’an geengoo isa gidduu isaanitti aanu keessatti isa hafe immoo akkuma duraa duuba dhi’eenya isaaniitiin geengoo isa alaa keessatti ramaduun kaasu.
  • Maqaalee namoota jahan kana suuraa tokkoon tokkon isaanii jelatti barreessu.
  • Walitti dhi’eenya isaan wajjin qabu agarsiisuuf hundumasaanii waliin xiyyaadhaan wal qabsiisuudhaan firooma maalii akka waliin qabanu /abbaa, obboleessa , adaada, eessuma, durbii hiryaa, kkf. / jechuudhaan jelatti barreessu.
  • Namootni kun waa’ee koo maal yaadu?; Kanaaf anis immoo attamittan isaan laala jedhanii haala qabatamaa isaan gidduu jiru barreessu.
  • Namootni ykn qaamotni jedhaman kun jiruufi jireenya isaanii keessatti dhiibbaan isaan uumuu danda’anu ammam akka ta’e, maal jedhu /dubbatu /? Murteessummaa jireenyaa koo fuula duraa keessatti Ga’ee maaliis taphachuu akka danda’anu  tarreessuudha.

Haalli barreeffamich ittiin ifu; Fakkeenyaaf:-

Jaalala, Miira moo’annaa, fakkeenyummaa, namoota biraa waliin wal ta’anii rakkoof furmaata barbaaduu, kolfuu, muuziiqaa, faashinii, Jechoota haaraa nabarsiisi, Dhiibbaa Ilaalchi ani saala faallaa koo ta’eef qabu, Dhiibbaa ilaalch ani barnoota kootiifi mana barumsaa kootiif qabu, Dhiibbaa ilaalchi ani qabu maatii keetiif, akaakayyuu keetiif qabu dhiibbaa inni abjuu koo fi jireenya koo fuul duraa irratti uumu.

Bakka ramaddii keetii adda baasi, garuummoo amma danda’metti maaliin akka ta’e adda baasuudhaan.

 Iddoon itti barreessanu muraasa waan ta’eef dhimmi ballaan yoo jiraatellee gabaabsuudhaan akka ibsanu godhi.

Xumura:- Marsaa Korboon haabbatanii waan hojjetan

Tartii 1:-

Tokkoon tokkoon isaanii akka dhaabbatanu, Faaru jaallatanu tokko filannoo kee ykn filannoo

isaaniitiin waliin ta’anii sagalee tokkoon akka faarsanu taasisi.

Tartii 2:-

Yeroo hunda xumura barnoota keetii dura barattoota kee marsaa /geengoo/ gamsaan dhaabbatanii akka ergaa qalbiitti nama bu’u tokko dabarsuun akka goolabanu taasisi.

Tartii 3:-

Gareewwan hundumaafuu hamilee ho’aa fkn. Harka walitti rukutuu, abaaboo kenuu…. Erga taasifamee booda barattootni hundumtuu walkeessa deemanii akka harka walfuudhanu, baga gammaddan baga gammadne barnoota kana fakkaatu raawwatne jedhanii misraachuu waliif dhaamu. Hundumtuu muuxannoo waljijjiiran kanaafi beekumsa gonfatan kana hojiirra oolchuu keessatti itti gaafatamummaa akka qabanu yaadachiisi.

Kanatti aansee barannoo hiryaa fi waa’ela akkasumas qophii egzibishinii /agarsiisaa / kan barattootni hojii isaanii mara mamaxansuudhaan daawwattootaafi hawaasa mana barumsichaa hundaaf  ibsa itti godhanu ta’a.

Hojii manaa

  1. Barattootni galma isaanii gara fuula dura ofii isaaniitiin of danda’anii ni barreeffatu, rakkoo isaan muddachuu danda’u addaan baasuu, nama gaafatanii deebii furmaata ta’u kennuufii danda’u adda baasuu. Barnoota kanatti aanuun duratti yeroo argataniin,
  2. Galma isaanii dhugoomsuuf carraan isaan qabanu maal maal akka ta’e addaan baasuu,
  3. Gaama isaan deggaruu ykn gargaaruu danda’u dhuunfaanis ta’e gareedhaan jaarmiyaalees ta’e qaama mootummaa deggarsa ni gaafatu.

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 14

Quiz for Lesson 14

1 / 5

14.1. Namni kamiyyuu waa’ee boruu isaaf mul’ata gaggaarii qabaachuutu irra jira

2 / 5

14.2. Barataan kamiyyuu mul’ata isaa galmaan gahuuf deeggaramuu qaba

3 / 5

14.3. Mul’atni kee akka galma gahuuf eenyufaatu si deeggaruu qaba?

4 / 5

14.4.  Waa’ee ciminoota kee hubachuurratti maal yaadda?

5 / 5

14.5. Namni cimina malee hanqina hin qabne jira jettee yaaddaa?

Your score is

The average score is 0%

0%

References