Skip to toolbar

Lesson 15

Barannoo 15ffaa: EGZIBIISHINII

Kaayyolee Barannoo

  • Barattootnu egzibiishinii qopheessuudhaan waan barataa turan barannoo tokkoon tokkoon isaatiin agarsiisaa ibsa godhu.
  • Barattootni ergaa qalbii nama harkisuun waan saganticha keessatti barataa turan hundaaf dabarsu.
  • Barattootni egzibiishinii agarsiisaa ibsanu kun barattootni biro carraa barachuu hin sagantaa kana keessatti akka hirmaatanu kaka’umsa keessatti uuma.
  • Barattootni egzibiishinii isaanii bifa nama harkisuun itti uumanii mimmiidhagsu,
  • Baaneriiwwan, poosteriiwwani, fakkiiwwanii fiwantota ijatti tolanu adda addaatiin miidhagsu.
  • Ibsa barbaachisaa ta’e kan taasisu barattootuma, abbaan waltajjiis isaanuma.
  • Barattootni tuuta tuutaan ta’anii hojii qooddachuun dhuunfaa fi gareedhaan milkaa’ina waltajjichaatiif tattaafatu

Seensa

Barnnoon inni xumuraa kun barnoota baratamu osoo hin taane gochaadhaan kan mullatu ta’a. Egzibiishinii kana irratti barattootni ofii isaaniitiif qopheessanii ofii isaaniitiif ‘Addunyaa koo jireenya koo” egzibiishiniin agarsiisuuf hawaasaaf ibsa gochuu qabu.

Kaayyoo egzibiishinichaa: Barattootni shaakala guddaa taasisuu ummataafis ofumasaaniitiif ibsa godhu.

Barattootni hojii isaanii yeroo barataa turan keessa kuufatan, itti dadhaban, mamaxansanii, mimmiidhagsanii itti qophaa’anii egzibiit godhu.

Learning Resources

Teaching Methodologies

Tartiiba hojichaa

  1. Calaqisiisuu,
  2. Haala egzibiishinich itti hojjetamuu qabu yaad burqisiisuu,
  3. Odi Ibsaa qopheessuu,
  4. Egzibiishinii qopheessuu,

Egzibiishinii qopheessuuf yaada gabbataa maddisiisuu,

Xiyyeeffannaa

  • Barattootni akkamitti yoo ibsan daawwattootni egzibiishinii isaanii sirriitti dhaggeeffachuu danda’u isa jedhu ni baratu,
  • Barattootni daawwattoota ballaa dura dhaabbatanii waan baratan ofitti amantummaan soda tokko male ibsa kennu.
  • Barattootni Hojii gareen hojjetaniif waan itti uumanii daawwattootaf qopheessanitti ni gammadu ittiin boonus,

Attamitti?

Barattootni ayyaana isaanii godhatanii xiyyeeffannoo kennuudhaan ergaa attamii hawaasa mana barumsaaf dabarsuu qabna isa jedhu karaa kamiin yoo ergicha dabarsine wayya isa jedhu dhimmamanii hojjetu. 

Barattootni attamitti dhuunfaadhaanis ta’ee gareedhaan ergaa sirrii ta’eefi ifaa ta’e ummataaf ibsuu danda’u? Qixni filatamaan kam?

Tartii 1ffaa:

Dhuunfaanis ta’ee garee xixiqqaadhaan wantota barbaachisoofi murteessoo ta’an hawaasaaf ijaa fi gurraan ga’u. 

Tartii 2ffaa:

  •  Barattootni gaaffii armaan gadi of gaafatu:
  • Galmi egzibiishinii keenyaa maali?
  • Eenyutu nudhaggeeffachuudhaa fi nulaaluudhaaf dhufaa jira?
  • Ergaa maalii dabarsina, maalis jenna?
  • Attamitti galma keewwanne sana geenya?
  • Attamitti dhaggeeffattoota keenya qalbii hawanna, ergaa attamiis dabarsinaaf?

Tartii 3ffaa:

Barattootni gaaffiiwwan of gaafatan kanaaf deebii kan ta”u karoora gabaabaa baasu.

Tartii 4ffaa:

Gosa barnootaa fedhe haata’uu gosa dubbatamu kamiinuu haata’uu dhimmich: Dhugaa, yaada fi haala qabatamaa barattoota keenya bira jiru, ijaan kan mul’atu, fakkiidhaan kan ibsamuufi kkf.

3. Dhiyeessa kee qopheessi

 Barattootni meeshaalee egzibiishinichaaf jecha fayyadamanii milkaa’ina ijaa dhageettii sagantichaa bifa hawataa ta’een miidhagsanii qopheessan kana  hamilee cimaa kennuufiin barbaachisaa ta’a.

Kanneen ijaan mullachuu qabanu: kan akka poosterii, baanerii, ummata barattootaan affeeranii dhufan dabalatee, taphoota gaggabaaboo, baacoowwan ajaa’ibsiisoofi kkf. Ogummaa uumamaan qabanus kan ittiin calaqisiisan waan ta’eef bu’aa qabeessummaan isaa wal nama hin gaafachiisu

Wanti caalmaatti nama gammachiisu, kofalchiisaa kan barsiisu ta’uusaa, uumaa barattootaa kan dabalate waan ta’eef, danddeettii barattootaa dhokataa kan ifatti mullise waan ta’eef barattootni hund kan ga’ee keessatti taphatan waan ta’eef qophichi adda. Kanaafuu daawwatamuus, ilaalamuus qaba.

Odu- ibsaa qopheessuu 

Xiyyeeffanaa

Barattootni ibsa ergaa isaanii barataa turan gabaabsanii agarsiisaa dhageessisuuf ni shaakalu.

Barattootni attamitti odi ibsaa qopheeffatan sana fakkiifi poosteroota adda addaan wal simsiisuun ergaa issanii dabarsu?

Kanneen armaan gadii muraasa deebii kanaati:

 Ogummaa odu ibsa

Barattootni waan baratan irratti Odu ibsaa isaanii qopheeffatu. Odu ibsaa yoo jennu:

  1. Qophii     

Qophiisaaniitiif xiyyeeffannaa gochuudhuuf isa kamtu barbbaachisaadha? Attamitti bifa salphaadhaan ergaa dabarsuu dandeenyaa kkf.yaadannoo qabanu hunda ni fayyada kan jedhan itti gargaaramuu,

Yoo danda’ame; ibsicha osoo hin jalqabin waan nama mirqaansu dhi’eessuun eegaluu: Baacoo, gaaffii, walaloo kkf dhi’eessuu,

Jecha “Dubbadhu, Dubbadhu, Dubbadhu, jedhu qabatanii  irra deddeebi’anii ibsa isaanii irra deddeebi’uun ibsuudha.

  • Meeshaalee

Kan ati mirkaneeffachuu qabdu meeshaa egzibiishiniif qopheessite keessa kan ati hin haasofne ibsa keessa jiraachuu hin qabu.

  • Yammuu dubbattu:

Namaoota dhaggeeffattootaitti dubbattu irraa ija kee hin buqisin, Siwaliin jiraachuu isaanii mirkaneeffataa nawaliin jirtuu jechuun wanti ati dubbatte akka galeef gaafadhu. Kan yoo isaan gaaffii qabu ta’e gaafficha ofii keetii irra deebi’ii isaan kaanis akka dhaga’anu godhi, yoo deebii kennituufis gaaffiin kee siif deebi’eeraa jechuun gaaffadhu amma akka isaan siwaliin jiranu mirkaneeffadhu.

  • Sagaleekee guddisii dubbadhu.
  • Dhaabbii keefi uffannaa kee bareechi, ofi kee mirqaansi.
  • Xumura

Ibsa kee xumurtee yoo kaatu, Duub deebii gaafadhu, yoo danda’ame karoora kee keessatti xumura odi ibsaa keetiiti dhaggeeffattoota kee waliin mariin akka godhamu godhi. Qabxiiwwan ijoo ijoo ta’an tokko tokko irra deebi’uudhaan yaada isaan qabanu fedhiisaaniitiin akka kaasanii dubbatanu gochuudhaan xumura keetti guduunfaa godhi.

Handouts

Assessment

References