Skip to toolbar

Lesson 2 for Students

Barannoo 2ffaa : HUBANNOO JIJJIIRAMA CURRISAA (MIIRA)

Seensa

 Yeroo dargaggummaa wantoonni baay’en akka jijjiirraman beektuu?
Yeroo dardarumma (saal-lammeessoo) keenya jijjiirrama qaamaa
keessa dabarsina ykn jijjirama qaamaa saffisaa nurratti mul’ata. Dabalataanis
miira’ummaan keenya guddatee mul’ata. Tari of akkana
jettanii gaafattanii ta’uu mala. Maaltu ana irratti ta’aa jiraa? Maalifan
waanuma ta’ee fi hin taanef boo’aa? Maatii koo wajjin taa’uu
naan jaaladhan ture garuu amma isaan wajjin kanan walii hin gallee
maalifi? Jijjiirrama qaamaa koo tokko tokko nan beeka. Garuu jijjiirrama
kana namni akka narratti beeku hin barbaadu.
Boqonnaa kana keessatti waa’ee jijjiirrama currisaa (miiraa) fi dhiibbaa
inni yeroo dargaggummaa fidu ni baranna. Jalqaba garuu nagaya
wal yaa gaafannu.
Gochaalee Barannoo Har’aa
• Baranno Darbe yaadachuu
• Nagaya wal gaafachuu ( Daqiiqaa 5)
• Tilmaama Ofiif qabnu Guddisuu( Daqiiqaa 15)
• Jijjiirrama Currisaa(miiraa)-dhiyeessi( Daqiiqaa 30)
• Gahee Taphachuu (role play) ( Daqiiqaa 30)
• Guduunffaa fi hoji manaa( Daqiiqaa 5)
• Of-beekuu

Learning Resources

Haala Barannoon Itti Raawwatamu

Jijjiirrama Currisaa ( Miiraa)
Guddinni Nama qora ——-
Yeroo tokko tokko hiriyoota keenya wajjin yeroo haasofnu nu gammachiisa.
Yeroo tokko tokoo immoo ni dhiphanna, ni mukoofna
ykn immo nu hin gammachiisu.
kanaafuu mee yaa haasofnu. Hubadhaa! Ummurii dargaggummaa
keessa namnni jiru hunduu haala kana keessa darba. Kanaafu
kophaa kiyya jettanii hin yaadinaa. Namoonni si fakkaatan
baay’etu jiru. Mee dargaggoota murtaa’oo yeroo dargaggummaa
isaanii rakkoowwan isaan quunnamee ibsame yaa ilaallu.
Barakat: waggaa 12 yoo ta’u: Ani gabaabadha, ummurii kiyya keessa
kan jiran hundumtuu dhedheerodha. Maalan gochuu qaba?
Lemlem: waggaa 14. Qormaata nan kufa jedhee sodaadheera. Yoo
kuni ta’e immo Abbaan koo na heerumsiisuu waan barbaaduf kanfaltii
mana barumssa naaf hin kanfalu!
Masarat: Ummuriin ishee waggaa 13: Furdoo waanan ta’eef yeroo
tokko tokko hiriyoonni koo natti qoosu.
Haannaa: Ummuriin ishee waggaa 17: Haadha fi Abbaan koo yeroo
qo’anna naaf hin kennan. Yeroo kiyya guutuu obolaawwan kiyya
quxxusuu dhiira fi durbaa akkan eegu na godhu.
Teediroos: Ummuriin waggaa 14: “ Hiriyoonni koo hiriya dubaraa
qabu. Ani garuu hin qabu rakkoon qaba ta’innaa?

Firihoot: Ummuriin waggaa 14: Mucaan ummuriin isaa waggaa 15 ta’e
tokko walquunnamtii qaama saalatiif qophii akkan ta’e natti hime. Ani
garuu qophooftu akkan hin taanen itti hime. Hiriya na gargaaru natti
fakkaatet ture. Garuu inni natti aare.
Sa’aa kanatti wanni isin dhiphisu jiraa? Waa’ee wantoota isin dhiphisanii
dubbachuun mishaa dha. Sababni isaas dhukkuba isaanii kan himatan
hunduu qoricha hin dhaban akkuma jedhamu kan rakkoo nama biraaf
hiru fala hin dhabu.
Yeroo hundumaa ijoollen miidhaga, gahumsa fi jireenya gara fulduraatif
kan dhiphatan ta’uu isaanii beektaa? Fakkeenyaf Barakatii fi
Masarat dhiphatanii jiru. As irratti wantoota ta’an lamatu jiru. Isaanis
of-Kabajuu fi Hiruyummaa dha.

Kabaja Ofii
Kabaja ofii jechuun ofii keessaniif miira gaarii qabaachu dha. Tokko tokkoon
keenya hiriyoota fi obboloota keenya irraa waan adda ta’e qabna.
Adda addummaan kunis jireenyi gammachu akka ta’u godhu.
Of kabajaa! Kuni immo miira gaarii uuma. Of yeroo kabajjan, kuunis kabaja
isiniif kennu. Kabaja ofii ol-aanaa qabaachuu jechuun siruma hin
aartan jechuu miti. Garuu namni tokko kabaja mataa ofii ol-aana yoo
qabaate dogongora uummaman amanee fudhachuun dogongoricha ni
sirreessa.
Akkasumas miirri kabaja ofii ol-aanan adda adda. Kabaja ofii ol-aanaa
namoonni qaban of ni jaalatu. Kana jechuun garuu yeroo hunda sirriidha jedhanii hin yaadan.

Mee dabalata—–
Kanaafuu dargaggoota maal gorsina?
Homaa jechuu miti! Ummuriin dargaggummaa baay’ee rakkisaadha.
Dargaggoonni hunduu gahumsa qabna jedhanii hin yaadan. Of
shakku. Of fudhadhaa! Uumama keessan jijjiiruu hin dandeessan.
Eenyummaa keessaniin boona.
Barakat: Gabaabaa waan taatef gadduu hin qabdu. Namni hundinuu
sadarkaa guddinaa wal fakkaataa hin qabu. Of yoo hin fudhanne
namni biraa si hin fudhatu.
Wantoota Gaarii Ittiin Taatan Afur Tarreessa
Hiriyoota Koo: Masaratitti hiriyyoonni ishee waan itti qoosaniif
gammadduu miti. Hiriyoonni baay’ee barbaachisoodha. Hiriyoonni
keessan gammadaa ta’anii yoo hin jiraanne haasofsiisaa. Yaada
isaanii hiradhaa. Itti hin qoosinaa, itti hin kolfinaa! Hiriyoonni dhugaan
wal hin huban. “Gaalli tokko gooba gaala biraatti hin kolfu.”
Jechamni kun maal jechuu isinitti fakkaata?
Mari’achuu:- Muraasni keenya ni haasofna. Kuun keenya immoo
ni saalfanna. Hiriyoota dhiyootti duwwaa wajjin yoo mari’annu
miira gaarin nutti dhaga’ama. Namni kamiiyyuu dubbachuu fi
dhaga’amuu barbaada. Dhaga’amuun keenya nu gammachiisa.
Kanaafuu sagaleen keessan akka dhaga’amuuf waan mari’attan
dhageeffadhaa. Sirumaayyuu kan biraa waan beekuu qabdan ni
jira—
Jijjiirrama Amalaa Yeroo:- Guyyaa tokko ofitti boonuu, ofitti
amanuu fi gammachuutu nuttii dhaga’ama. Guyyaa itti aanu immoo soda, kophummaa fi shakkii ol-aanatu nutti dhaga’ama.
Miirri akkanaa kun isinitti dhaga’amee beekaa? Kun hundumtuu
waa’ee guddinaati. Ilmi namaa ibsa eenyummaa isaa qabatee ijoollummaa
irraa gara sadarkaa ga’eessummaatti ce’a. sa’aa kanatti isin
baay’ee ijoolles ga’eessas miti. Maatin, hiroyoonni fi barsiisonni
keessan tokko tokko akka daa’imaatti isin lakkaa’uu ni danda’u. Yaa
ta’uu malee, dirqama baay’etu isin eeggata. Tari gaaffiwwan armaan
gadi jiran qabaachuu dandeessu.

Ani Eenyu?
Kuni dargaggootaf gaafii sirrii dha. Walumaagalatti miirri haarofti
isin hin beekne miira jajjabinaati. Irra caalatti of-beekaa deemtu.
Yaadadhaa! dargaggumman wanta gaaridha. Ofitti amanuu, rakkoof
itti gaafatamummaa fudhachuu fi jireenya gara fuulduraaf yaadudha.
Har’a miira akkamiitu isinitti dhaga’amaa jira? Maalifi?
Tari kan sinitti dhaga’amu miira gammchuu, gadda, dhipphina, obsa,
gammachuu guddaa fi malalchiisuu( nama biraa ofiiti harkisuu)
ta’uu danda’a. Maaltu akka isinitti dhaga’ame baruun of-beekudha.
Kuni immo waan gaaridha. Yeroo tokko tokko miirri gaarii hin taane
isinitti dhaga’mu jiraachunii fi uummamuun sirriidha. Waan boruu ni
dhipphattu yoo ta’e, waan isin dhiphisu san adda baasun of keessaa
baasaa. Kanas nama amantan wajjin mari’adhaa.
Maal akka isinitti dhaga’amu baruun of baruudha. Maal akka jedhamu
beektuu? “Dureessa of hin beekne caalaa hiyyeessa of beeku
wayya.” Har’a maaltu isinitti dhaga’ame?

Mee waa’ee Jaalala yaa haasofnu.
Jaalala:- Maal jechuudha?
• Jaalala jechuun ofiifi fi namoota biroof miira gaarii qabaachu
dha.
• Jaalalli kunuunsa dha
• Jaalalli kabaja dha
• Jaalalli eenyumma namootaa fudhachuu dha.
• Jaalalli amntaa dha.
Maalif yeroo tokko tokko jaalalli nama rakkisa. Fakkenyaf akka
Teediroos jalalaan qabamuu dhabuun dhiphatu fi akka Firiyoot
ummuriin ishee osoo hin gahin hiriyaan ishee gara walqunnamtii
saalatti ishee dhiibuu.
Guddachaa yeroo deemtan namoota biraa ofitti harkisuu akkasumas
miira jabaa ni gabbifattu. Miirri kun yerodhaaf ta’uu danda’a.
Yeroo tokko tokko dhiira ykn dubartoota jaalachuu dandeessu.
Walitti dhiyaattanii yoo haasoftan garuu lamaan keessan keessaa
tokko hiriyaa duwwaa akka waliif taatan ni murteessitu.
Tari yeroo tokko tokko immoo nama ta’e tokko jaalachuu dandeessu.
Namni sun garuu jaalallee qabaachuu danda’a/dandeessi.
Kuni garuu isin aarsuu danda’a. Aarii kana ofirra dabarsuu kan
hin dandeenye isinitti fakkaachuu danda’a garuu ni danda’ama.
Guyyaa tokko hundi keessanuu kan keessan kan ta’e namni addaa
isin quunnama. Walitti dhufeenyi jaalalaa kan ummamaa fi fayya
qabeessa. Nama tokko wajjin walitti dhufeenya gaarii fi amanamaa uumuf fedhii qabduu?

Mee daqiiqaa muraasaf itti yaadaa.
Amma waa’ee jaalalaa wanta murtaa’e beeknerra. Kanaafuu Teediroos,
Firihooti fi Barakatiif gorsa murtaa’e yaa kenninuuf.
Teediroos: Jaalala keessa waan hin jiraannef hin dhiphatin yeroo
isaa eeggatee waan dhufuuf.
Firihoot: Jaalalli walquunnamtii qaama saalaa akka hin taane beekta.
Eenyumtuu walquunnamti qaama saalaf kan si dhiibu sababa
kamiiyyuu yoo qabaate jaalalaf miti.
Itti gaafatamummaa
Guddachaa yoo dhuftan mana barumsaatti, mana keessatti fi naannoo
jiraattanitti itti gaafatamummaa baay’ee qabdu. Maatin lemlem
wantoota baay’ee eegu. Abbaan lemelem akka isheen heerumtu
lemelem dubbattee jirti. Mee gorsa xiqqoo yaa kenninuuf
Lemlem: Akka heera mootummaatti namni tokko fuudhuu ykn
heerumuu kan danda’u ummuriin isaa/ishee waggaa 18 fi isaa ol
yoo guute/tte qofa. Hanga danda’ame carraaqqii akka gootu fi mana
barumsaa akka turuu dandeessu abbaa keetitti himi. Kana gochuuf
immoo, naamusa, obsa, oogummaa nama amansiisuu fi sodaachuu
dhiisuu si barbaachisa.
Haannaa: Akka dubarti ykn dargaggeetti takkaatti mirga taphachuu,
naannoo kee beekuu fi ittigaafatamummaa dubbisuu ni qabaatta.
Barnoota kee fooyyessuuf yeroo kee sirnaan karoorfachuu si barbaachisa. Dhimmota lachuufu karoora baasi.
Kana dura kan ilalle ykn kan hojjenne of kabajuu, hiriyummaa,
jaalalaa fi itti gaafatamummaa dha. Kanneen keessa isiniif rakkisaa
kan ta’e kam fa’a? Rokkowwan kana isa guddaa irra gara salphaatti
teessisaa.
• Eenyummaa keessan fudhadhaa
• Hiriyoonni gaarin wal gargaaru
• Enyumtuu walquunnamtii qaama saalatiif isin dhiibuu hin
qabu
• Mirga akkuma qabdan dirqmas ni qabdu

Namoonni tokko tokko yeroo ilaaltan miidhagoo dha. Tokko tokko
immo ija namootaa keessatti iddoo qabaatu. Kanneen biro immo
arjaadha. Haa ta’uu malee hundi keenya iyyuu adda. Namni hunduu
waan hojjete dhiiset darba.
Mariin Keenya Itti Fufa!

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 2

Quiz for Lesson 2

1 / 12

2.1. Jechoota armaan gadii keessaa jechi gaarummaa agarsiisu kami?

2 / 12

2.2. Yeroo dargaggummaa dargaggoonni karaalee garaagaraan of danda’uu eegalu

3 / 12

2.3. Waa’ee kee murteessuuf namni jalqaba aangoo qabu eenyu?

4 / 12

2.4. Kamtu umurii dargaggummaatti hin barbaachisu

5 / 12

2.5. Hariiroo hawaasummaa keessatti maal gochuu qabda?

6 / 12

2.6. Dargaggootni akkuma guddachaa adeemaniin maatii isaaniirraa bahuun of danda’uutti adeemu

7 / 12

2.7. Yaadni gaariin kami?

8 / 12

2.8. Umurii dargaggummaatti yaada ijaarsaa fi amanaa eenyurraa jalqaba argatta?

9 / 12

2.9. Guddina nama tokkoorratti  dhiibbaa kan qabu kami?

10 / 12

2.10. Namummaa gaarii kan hin ibsine kami?

11 / 12

2.11. Namummaan nama tokkoo walitii dabalama

12 / 12

2.12. Umuriin dargaguummaa umurii ulfaataa kan tahu karaa kamiini?

Your score is

The average score is 0%

0%

References