Skip to toolbar

Lesson 2

Barannoo 2ffaa : HUBANNOO JIJJIIRAMA CURRISAA (MIIRA)

Kaayyolee Barannichaa

  • Barattooni dargaaggoonni maalii akka burjaaja’an (confused) ni ibsu, Adeemsa guddinaa keessatti amalli (emotion) guyyaa guyyaan garaagarummaa qabaachuu akka danda’us ni ibsu (appearance, personality, future)
  •  Wantoota dargaggummaatti keessa darbanii fi itti jiran waliif muuxannoo isaanii waliif ni ibsu
  • Jijjiirama qaama isaaniirratti mul’ate afurii tarreessuun, fedhiin saalaa dagaagaa adeemuu fi jaalalli qaamuma dagaaginaa ta’uu isaanii waliif ni ibsu
  • Yoo xiqqaate amala (emotions) afur tarreessuun akkaataa itti ibsamus ni agarsiisu;
  •  Amaloota ( emotions ) dhuunfaa isaanii adda ni baafatu
  • Amalootni (emotions) fluctuate tahan jiraachuun amaloota umurii dargaggummaa tahuu ni ibsu;
  • Garaagarummaa self-awareness fi self-esteem gidduu jiru ni ibsu;
  • Akkuma dagaaginnii dabalaa adeemuun itti gaafatamummaa fudhachuun dabalaa akka deemu ni ibsu;
  • Yoo xiqqaate wantoota shank an dargaggootni itti gaafatamummaan itti dhagahamuu qabu ni tarreessu
  • Mirga waa’ee ofii ofiif murteessuu ni ibsu;
  • Akkaataa miidayaalee fi hiriyootni waa’ee isaanii irratti dhiibbaa gaarii fi gadhee fiduu danda’an irratti ibsa ni kennu. 
  • Barbaachisummaa self-awareness, self-esteem and self-respect irratti waliigalu
  • Barbaachisummaa walii fi yaada walii kabajuu ni hubatu; 
  • Mirga waa’ee ofii ofiif nurteessuu baruu isaanii gochaadhaan ni agarsiisu;
  • Barbaachisummaa muudannoo jijjiirama miiraa hiriyoota isaanii waliin mari’achuun qabu ni hubatu;
  •  Dhiibbaa miidiyaa fi hiriyummaan yaada ofii ofiif murteeffachuurratti qabu ni hubatu.
  • Akkaataa hiriyummaan itti hundaa’uu fi gargaarsa hiriyaa irraa argatanirratti scenario ni qopheessu 
  • Muuxannoo hariiroo hawaasummaa isaanii ni agarsiisu (Demonstrate social skills like listening to other people, complimenting other people);
  •  Akkaataa ittiin waldhabdee hiriyaa isaanii waliin qaban itti furatan ni agarsiisu ; 
  •  Dandeettii walquunnamtii (communication) hiriyaa fi maatii isaanii waliin godhan ni agarsiisu.

Seensa

 Barannoo kana keessatti, barattoonni dhiyeessa waa’ee jeequmsa miiraa yeroo dargaggummaa mudatu ibsu ni dubbisu. Dhimmoota yeroo dargaggummaa isaan mudatu keessatti ofiisaaniif calaqqee geggeessuudhaan akkamitti miirasaanii akka ibsanuu fi miira isaanii too’atan ga’ee taphatu.  Haala kanaan barannicha barattootatti beeksisuu dandeessa. ‘Akkuma umurii dargaggummaa ga’aa deemtuun jijjiiramni adda addaa akka si mudachuuu hubatteetta ta’a. Yemmuu saffisaan jijjiiramni qaamaa si mudatu, jeequmsi jijjiiramni miiraa ulfaataa ta’uullee ni danda’a. Tarii, “Maaltu na mudataa jiraa? Waanuma xiqqoo na mudatuun maaliifan booya? Duraan kan ani maatii koorraa adda ba’uu hin barbaanne amma maaliifan isaan waliin waliigaltee dhabe? jettanii of gaafachuun keessan hin oolu. Qaamni koo saffisaan jijjiiramaa deemuu sirriitti beekus namoonni biroo akka na ilaalanu hin fedhu!” Barannoo kana keessatti waa’ee jijjiirama miiraa kunneen ni hubatta. Waa’ee jijjiirama miiraa yeroo dargaggummaa mudataniis ni shaakalta. Barannoo itti aanu keessatti jijjiirama qaamaa yeroo dargaggummaa mudatanuu ni dubbanna. Ammaaf garuu, nagaa wal haa gaafannu!

Learning Resources

Haala Barannoon Itti Raawwatamu

Wixinee Boqonnichaa  

1. Calaqqee 

2. Dorgommii Nagaa wal-gaafachuu (daq. 5)

3. Cimsituu ofitti-amanamummaa (daq. 15) 

4. Jijjiirama currisaa – Dhiyeessa (daq. 30) 

5. Ga’ee taphachuu

1. Calaqqee (daqiiqaawwan muraasa) 

Waa’ee gilgaala calaqqee barannoo dabre keessaa akka dubbatan barattoota muraasa gaafadhu.

2. Dorgomii Wal-baruu (daq.5)   

Galma

  • Barattoonni haala gammachiisaa ta’een asiifi achi deemanii waliin quunnamtii uumu.

Akkamitti

  • Nagaalee wal-gaafannaa adda addaarratti ibsa kenniifii barataa hogganu tokko afeeri. Itti aansuun, barattoonni bakka jirurra olii fi gadi akka adeemanuu fi barataa tokko akka isaan hogganu taasisi. Barataan hogganu dorgommii keessatti hin hirmaatu. 
  • Battalumatti, hogganaan “miiltoo barbaaddadhu” jechuudhaan gosa nagaa wal-gaafannaa tokko itti hima. Barataan miiltoosaa nagaa gaafachuudhaan gosa nagaa gaafannaa itti himame shaakala.  

Nagaa Gaafannaa 1. Hiryaa gaarii nagaa gaafadhu’ 

Nagaa Gaafannaa 2 Haadhaa fi abbaa kee nagaa gaafadhu.

Nagaa Gaafannaa 3 Keessummaa nagaa gaafadhu’ 

Nagaa Gaafannaa r4 Jaalallee kee dubraa ykn gurbaa nagaa gaafadhu’   

3. Ofitti amantaa Ijaaruu (Building confidence)  

A. Dabaltuu ofitti-amanamummaa (daq. 15) 

Galma

  • Barataan marti amaloota gaarii akka qabu barattoota yaadatu.
  • Barattoonni amaloota gaarii qabanirratti xiyyeeffatu. 
  • Aango-qabeessummaatu barattootatti dhaga’ama.

Akkamitti

Tartiiba 1 

Barataan tokko tokkoon waraqaa baafatee/ttee gubbaarratti maqaa barreessa/barreessiti.  

Tartiiba 2

Tokko tokkoon barataa waraqaasaa daree keessa akka naanna’u dabarsee kenna. Barataan waraqaa argatu jala waraqaarratti gaarummaa abbaa waraqaa san waan tokko barreessee akka namoonni biroo hindubbisnetti achii ol dachaasee barataa itti aanutti dabarsa. Barattoonni marti darabeen isaan ga’ee erga irratti barreessanii booda, abbaa waraqichaaf deebisu.

Tartiiba 3 

Dhumarratti barattoonni marti waraqaa isaanii kan amaloota gaariin isaan qaban irratti tarreeffame deebisanii argatu.

Tartiiba 4 

Wantoota waraqaa isaaniirratti barreeffame miseensota gareetiif akka qoodan barattoota muraasaaf carraa kenni.

B. Ofitti-amanamummaa Cimsuu

 1. Barattoonni waraqaa bal’aa dugda waliirratti akka maxxansan itti himi. Tokko tokkoon barataa daree keessa naanna’uudhaan barattoota ilaalee waraqaa dugda isaaniirratti maxxansamerratti waa’ee isaan waan gaarii yookiin waan itti dhaga’amu barreessa. Wanti barreeffamu sirrii /dhugaa ta’uu qaba.

2.  Barattoonni darabeedhaan himoota dugda isaaniirratti barreeffaman keessaa sadii darabeedhaan akka dubbisanu taasis. Ani———-jedhanii haa eegalanu.

3. Yoo jajamanu dhaga’uun hagam ulfaataa akka ta’e mariisisi. Gaaffilee armaan gadiirratti mariyadhu:

  • Gilgaala kanaan maaltu sitti dhaga’ame?
  • Barattoonni waa’ee koo waan gaarii barreessan hin qabanu jettee sodssttee turtee?
  • Amaloota gaarii namoonni biroo qaban hagam namatti dhaga’ama?
  • Waraqaa kee maal ittiin hojjetta? Amaloota kee gaarii akkamitti itti fayyadamta?

4. Jijjiirama currisaa – Dhiyeessa (daq. 30) 

Galma

  • Jijjiirama isaan mudatu akkamitti akka simatan hiryaarraa gorsa muraasa fudhatu; 
  • Barattoonni currisni qaama sadarkaa guddina dargaggummaa ta’uu fi kan hiryootaasaa maraan kan walfakkatu adda baafatu.  

Tartiiba 1  

Gaaffileen kennaman battallee beekumsa barattootaa madaaluuf osoo hin taane waan dhuunfaan amma hojjetan akka adda baafatan gargaaruudha.

5. Ga’ee Taphachuu (daq. 30)   

Galmoota

  • Barattoonni mudannoo/ta’umsa kenname keessatti ga’ee taphatu;
  • Barattoonni currisa wal-makaa ykn jijjiirama isaan mudate ibsuuf jechoota filachuu ni baratu; 
  • Barattoonni waa’ee wantoota dhuunfaa dubbachuuf muuxannoo horatu; 
  • Barattoonni namoota biroo hordofuun akkamitti haalawwan rakkisoo ittiin qabatan baratu.

Akkamitti

Tartiiba 1  

Barattoota garee afuritti qoodi. Tokko tokkoon gareetiif seenessa afur kennama. Fuulawwan dhuma barannoorratti kennaman ilaali. 

Barattoonni daqiiqaa 10 fudhatanii hojjetu: 

  • Barreeffama odeeffannoo duubee waa’ee nam-fakkiiwwanii fi haala isaan keessa jiran ibsuu dubbisiif; 
  • Ga’eewwan qoodiif; 
  • Maal akka walitti dubbatanu irratti yaadi.   

Tartiiba 2

Gareewwan ga’eewwan kennameef gareewwan biratti taphatu. Barattoonni yeroo muraasaaf hanga taateen kennameef xumuramutti ga’ee taphachuu itti fufu.  

Tartiiba 3 

Yeroo qabdurratti hundaa’uun ga’eewwan meeqa akka taphataman murteessi.  Yoo gareen tokko dhiyeessu gareewwan kanneen hordofanii booda filannoosaanii fi wantoota ga’ee taphannaa keessatti dubbataman irratti yaada kennu. Ga’eewwan taphataman irratti mariin akka geggeeffamu gargaaruuf gaaffilee kennaman fayyadamuu ni dandeessa:   

  • Waa’ee haala turee maal yaadda?
  • Akkamitti haala saniif deebii kennan?
  • Deebii miiltoo gareesaaniif kennan akkamitti fooyyeessuu danda’u?
  • Haalicha akkamitti ibsan?
  • Waan jarri haala biraatiin yookiin adda ta’een hojjechuu qaban ture maali?  

6. Goolabaa fi Hoj-manee (daq.5)  

Yaada sirreeffamaa ykn waliigalaa barannicharratti qabanii fi wanta baratanirratti qaban akka dhiyeessan barattoota gaafadhu.  

Hoj-manee 

Hoj-maneesaanii torbee itti aanuuf hojjetan itti himi. Barattoonni haala barannoo kanaan wal-qabatuu fi isaan yookiin hiryootasaanii dargaggeessa ta’uusaaniif rakkoolee mudatanii fakkeenyota sadii akka barreessan itti himi.

Barreeffama 1 

Oduuwwan ga’ee taphachuu

Oduu 1: Boontuu fi Caalaa: Guntutaa?   

Galmawwan

  • Barattoonni dargaggeessi yookiin dargaggeettiin kamiyyuu jijjiiramni currisaa haala adda addaa fi saffisa adda addaatiin kan mudatu ta’uu ni baratu;
  • Barattoonni dhimmoota saalfii adda addaarratti saala faallaa waliin haasa’uu baratu; 
  • Barattoonni dandeettiiwwan ofitti amanamummaa shaakalu; 
  • Barattoonni muuxannoo deeggarsa ogeeyyii fayyaarraa fudhachuu horatu. 

Seensa ga’ee taphannaa fi nam-fakkiiwwanii

Boontuun durbee waggaa 13 kan jijjiiramaa fi dhaabbiin qaamashee ishee dhiphisudha. Guntutoonnishee kan dubara dareeshee keessa jiranuu mara caalaa guddataniiru. Caalaan barattoota dareeshee keessaa tokkodha.

Inniniifi barattoonni dhiiraa tokko tokko guntutawwan ishee kunneen ittiin qoosu. Quunnamtii saalaa waan eegalteef guntutawwanshee akkan guddatan dubbatu.

Boontuun quunnamtii saalaa akka hin eegalle ni beekti. Ta’us, guntutawwan ishee guntutawwan dubara dareeshee keessa jiran hunda caalaa guddachuu yoo argitu ni dhiphatti. Hiryoonni Boontuus guntutnishee maaliif akka guddatan hin beekanu; garuu narsii ollaasaanii jirtu akka gaafattu ishee gorsu.

Narsii isheen gaafattes akkana jette: “Oduun akkanaa dhiphinarratti dhiphina waan dabalanuu baayyee miidhaa geessisu. Waan jijjiiruu hin dandeenye tokko jijjiiruu akka yaaddu si taasisa. Qaamoleen dargaggootaa/dargaggeeyyii marti ni jijjiirama. Kan tokko tokkoo suuta, kan tokko tokkoo saffisaan haala adda addaatiin jijjiirama. Siin, wanti sidhiphisu hin jiru. Kanaaf, hiryoonni kee dogoggoruu isaanii itti himi!”

Ga’ee Taphannaa

Caalaan yoo Boontuun mana narsiitii baatu argee carraa kanaan ishee qaanessuu barbaade:

 Caalaa:  ‘Akkam Boontu, waa’ee durbummaa dhabuu keetu si dhiphisee?’, jedhee itti baace quba harkasaatiin gara mana narsittiitti agarsiisee.

Caaltuu: ‘Na dhagayimee siifan ibsaa…’    

Gaaffilee hordoftoonni deebisuu malan: 

Haalli ture maal fakkaata? 

Boontuun akkamitti Caalaadhaaf deebii kennite?  

Deebiishee keessaa qabxiilee gaariin kamfaadha? 

Deebii yoo Caalaaf kennitu qabxiin isheen haala adda ta’een ibsuu qabdu ture ni jiraa?  

Haalicha akkamitti ibsite?   Wanti isheen bifa kanarraa adda ta’een ibsuu qabdu tureeraa? 

Oduu 2: Almaazii fi Burtukaan: Gegeeddarama miiraa

Galma

  • Barattoonni rakkoolee isaan mudatan hiryootaaf qooduu baratu;
  • Barattoonni dhimmoota dubbachuuf saalfachiisanirratti namoota wal-beekumsa hedduu hin qabne waliin dubachuu baratu; 
  • Barattoonni barbaachisummaa deeggarsa hiryaa hubatu.

Seensa ga’ee taphannaa fi nam-fakkiiwwanii

Almaaz dubra umurii waggaa 12 geeddaramni miiraa ishee mudatedha. Akkuma dargaggeeyyii hedduu miirawwanshee sababa hormoonotaatiin jijjiirama. Yeroo muraasaaf ni gammaddi; ni mirqaanti. Battalumattimmoo booyichi ishee qaba. Guyya tokko ofitti boonti; guyyaa itti aanummoo of jibbiti. Burtukaan ofitti amantummaa qabdi; yeroo tokko tokkommoo ni qaanfatti. Almaaz intala gaariidha jettee amanti. Ta’uyyuu ishee hin beektu.

Almaaz daree biraa keessa jirti.

 Dubarrii gareen tokko yeroo barnootaa booda waliin ta’anii yaa’u. Yeroo tokko tokko Almaaziinis gareesaaniitti akka makamtu ni afeeru. Dubartoonni kanneen immoo gaariidha. Ta’us callisoodha.  Almaaz jara garee san waliin ta’uu filatti; yeroo tokko tokko garuu nageenyi itti hin dhaga’amu. Kanaaf, yeroo mara garee san waliin hin deemtu. Guyyaa tokko Burtukaan osoo Almaaz qofaashee gara manasheetti galtuu argitee maaliif garee dubaraa waliin deemuu akka hin barbaanne gaafatteen;

Ga’ee Taphannaa

Burtukaan: Akkam Almaaz, wanti an si gaafadhuu maaliif mana barnootaa keessatti nu waliin ta’uu diddaa?

Almaaz: Umm, dhugaa dubbachuuf isin waliin ta’uu nan barbaada; garuu yeroo tokko tokko ofuma kootiif nageenyi natti hin dhaga’amu. Kunimmoo yeroodhuma dhihoo kana na mudachuu eegale. Kanumatti dabalee, currisni koos yeroodhaa yerootti jijjiirama.

Burtukaan: ‘ Maal akka ta’e beektaa Almaaz, Anas waanuma akkanaatuu natti dhaga’ama. Sababnisaas—–

Gaaffilee hordoftoonni deebisuu malan: 

Haalli ture maal fakkaata? 

Almaaz haala gaariidhaan Burtukaaniin simattee? 

Burtukaan akkamitti deebii kennite?  

Almaaz haala keessa turte sirriitti ibsitee?  

Wanti jarri lammanuu bifa adda ta’een dubbachuu irra ture ni jiraa?  

Oduu 3: Misgaanaa fi Tasfaanash: Hiryaan koo ni xiroofti

Galmawwan

  • Barattoonni tooftaalee qulqullinaan itti jiraatan ni baratu; 
  • Barattoonni mata-dureewwaan jajjaboorratti hiryootasaanii waliin haasa’uu baratu; 
  • Barattoonni barbaachisummaa deeggarsa hiryaa hubatu.

 Seensa ga’ee taphannaa fi nam-fakkiiwwanii

Misgaaneen umuriinshee waggaa 10. Intala baayyee haasoftuu fi iftooma qabdudha. Misgaaneen obboleettii quxisuu lama qabdi. Lamman keessaa tokko ammayyuu manuma jirti. Tasfaanash hiryoota misgaanee keessaa tokko; baayyee ishee jaallatti. Gama biraatiin immooTasfaanash misgaaneetti ni hinaafti. Bahaatuu fi abshaala yoo taatu obboleettii hangafa waliin dubbattu tokko qabdi.

Misgaanee fi Tasfaanash amma waggoota muraasaaf hiryaa walii ta’anii turaniiru.  Tasfaanash qaanoftuu fi waa’ee ofiishee dubbachu nama hin barbaannedha. Booda kana Misgaaneen, Tasfaanash akka dafqa dafqa urgooftu hubattee jirti. Tarii, Tasfaanashis hubatteetti ta’a.  Obboleettiin Misgaanee doodiraantii kan jedhamu urgaa akkasii dhabamsiisuuf kan fayyaduusaa Misgaaneetti himteetti.  Misgaaneen akka Tasfaanashitti tolu waan barbaaddeef waa’ee doodiraantii kana itti himuu yaalte.  

Ga’ee Taphannaa

Misgaanee: Tasfaanash, booda kanaa muraasa keenyarraa waan ani hubadhe beektaa——‘ 

 Tasfaanash: ‘Natti himi …’  

Gaaffilee hordoftoonni deebisuu malan:  

Haalli ture maal fakkaata? 

Misgaaneen dhimmicha sirriitti beeksistee?  

Dhimmicha haala caalaatti fooyya’aa ta’een dubbachuu ni dandeessi ture? 

Misgaaneen haalicha sirriitti ibsitee?  

Tasfaanash deebii quubsaa kennitee? 

 Want Tasfaanashii fi Misgaaneen haala adda ta’een ibsuu qaban maali? 

Oduu: Tolasaa fi Harmeesaa: ‘Na gargaari, rifeensa qaama koo mararratti  

Galmawwan 

  • Barattoonni dhimmoota jajjaboo kanneen akka currisaa fi jijjiirama qaamaa maatiisaanii waliin dubbachuu baratu; 
  • Barattoonni muuxannoo deeggarsi maatii argachuu horatu

Seensa ga’ee taphannaa fi nam-fakkiiwwanii

Tolasaan taphataa kubbaa miilaa piroofeeshinaalaati. Tolasaan giddu-galeessaan daa’ima waggaa 13 fakkaata. Harmeen Tolasaa ijoollee kudhan qabu. Kanneen keessaa torba lubbuudhaan maatiidhuma waliin jiraatu. Abbaan Tolasaa erga du’ee waggaa tokko ta’eera. Harmeen Tolasaa ijoolleeshee nyaachisuu fi uwwisuu waan qabduuf ko’eettiidha. Tolasaadhaaf kaffaltii mana barumsaa kan kafalus isheedhuma. Tolasaan ilma quxisuudha. Hanga ammaatti mallattoon dargagguummaa yoo irratti hin mullannellee, yeroo dhihoo kana akka duraa amala gaarii agarsiisaa hin jiru.  Tolasaan qaamaasaa bakka adda addaatti rifeensi biqilaa waan jiruuf jeeqameera. Dhukkubsadheen jira jedhee yaada.

Dhumarrattis, harmeesaatti himuuf kutatee ka’e.  Natti hin kofaltu jedhee yaade. Yoo kana beekan hiryoonni koos natti koflu; shamarranis waa’ee rifeensasaa yoo beekan fokkisaadha naan jedhu jedhee yaade.

Ga’ee Taphannaa

 Tolasaan harmeensaa akka isa dhaggeeffattu waan abdateef itti himuuf murteeffate

Tolasaa: ‘Harmee, waan tokkon sitti hima.’   

Gaaffilee hordoftoonni deebisuu malan:  

Haalli ture maal fakkaata? 

Tolasaan gara harmeesaatti deebi’uu gaarumaansaa maali?

 Haala harmeesaan haasa’e akkamitti caalaatti fooyyessuu danda’a ture? 

Waa’ee rifeensa saphii sirriitti ibsitee?

Wanti isheen bifa adda ta’een gochuu yookiin dubbachuu qabdu maali?

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 2

Quiz for Lesson 2

1 / 12

2.1. Jechoota armaan gadii keessaa jechi gaarummaa agarsiisu kami?

2 / 12

2.2. Yeroo dargaggummaa dargaggoonni karaalee garaagaraan of danda’uu eegalu

3 / 12

2.3. Waa’ee kee murteessuuf namni jalqaba aangoo qabu eenyu?

4 / 12

2.4. Kamtu umurii dargaggummaatti hin barbaachisu

5 / 12

2.5. Hariiroo hawaasummaa keessatti maal gochuu qabda?

6 / 12

2.6. Dargaggootni akkuma guddachaa adeemaniin maatii isaaniirraa bahuun of danda’uutti adeemu

7 / 12

2.7. Yaadni gaariin kami?

8 / 12

2.8. Umurii dargaggummaatti yaada ijaarsaa fi amanaa eenyurraa jalqaba argatta?

9 / 12

2.9. Guddina nama tokkoorratti  dhiibbaa kan qabu kami?

10 / 12

2.10. Namummaa gaarii kan hin ibsine kami?

11 / 12

2.11. Namummaan nama tokkoo walitii dabalama

12 / 12

2.12. Umuriin dargaguummaa umurii ulfaataa kan tahu karaa kamiini?

Your score is

The average score is 0%

0%

References