Skip to toolbar

Lesson 3 for Students

Barannoo 3ffaa: Jijjiirramni Qaama Ummurii Dardarummaa Isin Irratti ni Mul’ataa?

Seensa

Jijjiirramni Qaama Ummurii Dardarummaa Isin Irratti ni Mul’ataa?
Biqiltuun tokko gudachuuf sadarkaa guddinaa adda addaa keessa
akka darbu hunda, ilmi namaas jijjirrama baay’ee arga. Har’a jijjirama
qaama keenya akkasumas ummurii dargaggummaatti dhiira fi
dubartii irratti jijjiirrama qaamaa mul’atu odefannoo ni arganna.
Yeron daawwitin of ilaalu namoota miidhaginaaf dorgoman, taatota
fiilmii, namoota televejinii fi poosterii irraa hin fakkaadhu. Kanaafu
ani akkaatan of itti ilaalu akka nama Itoophiyaa tokkoo sadarkaa isaa
eeggatee miidhaginaaf dorgomuuf gahumsa hin qabneetti. Ta’us
kuni waan gaaridha. Of nan jaaladha eenyummaa kootis nan kabaja.
Kuni miira keessan calaqqisiisaa? Of daawwitiin yoo ilaaltu maaltu
sitti dhaga’ama? Ummurii dardarummaatti qaama, gogaa, boca
keessan irratti jijjiirramni ni mul’ataa? Tokkon tokkon keenya irratti
jijjiirramni qaamaa adda addumaa kan qabuu fi yeroo adda addaa
kan jijjiirramuudha. Kana akkamitti ilaaltu? Jijjiirrama qaama keetitti
gammadaa/dduu dha. Guddaa ta’uu keessanitti kabajni isinitti ni
dhaga’amaa? Jijjiirramni qaama keeti suuta moo ni saffisa? Gara fuula
duraatti maaltu akka uummamu beektaa?
Yeroo dardarummaa jijjiirramni qaamaa isin irratti ni mul’ataa?


Gochaalee Barannoo Har’aa

  • Si’eessituu ( daqiiqaa 5)
  • Tapha jijjiirrama Qaamaa ( daqiiqaa 30)
  • Fayya qabeesa fi Gahumsa qabaachuu-dhiyeessi ( daqiiqaaSuura ka’uuf qophaa’uu (daqiiqaa 30)
  • Suura ka’uuf qophaa’uu (daqiiqaa 30)
  • Guduunfaa fi Hojii manaa (daqiiqaa 5)

Learning Resources

Human Body Changing

Haala Raawwii Barnootaa

Jijjiirrama Qaamaa
Akkami isin? Ani ilaalan jira isin hoo?
Namni kamiiyyuu akka jijjiirramu beektuu? Waa’ee jijjiirrama qaama
isinittan hima. Gaafii murtaa’es isinan gaafadha.
Jijjiirrama kanaan gammadoo dha? Jijjiirrama qaamaa kana argitanii
beektuu?
Tole! Jijjiirrama qaamaa walfakkaata dhiirotaa fi dubartootaa sitti
hima.
• Daballi qaamaa fi dheerinni dhaabbi ni mul’ata
• Qaamnni walhormaataa ni guddatu
• Rifeensi bakka hin jirretti ni biqila
• Cululuqa fuulaa fi finnisni mul’achuu
• Namoota biroo ofitti harkisuu
Jjiirrama Qaama Dubartoota
Harma: Yeroo dardarummaa harmi dubartii ni guntuta. Sadarkaan
dargaggummaa hanga gahutti, harmi dubartii guutuu fi geengoo
ta’uu itti fufa. Akka carraa ta’ee harmi dubartii takkaa kan biraa irra
adda ta’a. kunis xiqqaa, guddaa, diriiraa fa’a ta’a.
Yaadadhaa! Harmi guddate jechuun walquunnamtii qaama saalatiif
qophiidha jechuu miti. Boqonna 8ffaa keessatti waa’ee saala fi saalummaa
ni barattu.
Luqeettuu: luqeettun dubartootaa babal’achuu fi dabaluu akkasumas
bocni mudhii mul’achuu faan dubartiin haadha ta’uu fi daa’ima daa’uuf qophii ola’anaa kan agarsiisudha.
Rifeenssa Qaama Hormaataa: Rifeensi bobaa fi naannoo qaama hormaatatti
ni biqila.
Marsaa Laguu: yeroo dardarummaa marsaa xurii arguun dubartiif jijjiirrama
guddaa ta’uu danda’a. Akkuma guddina harmaa marsaa xurii
arguun dubartin takka gara fuulduraatti haadha ta’uu ishee kan agarsiisudha.
Qaama Walhormaataa: Adeemsi qaama hormaataa ulfaaf qophii uumudha.
Afaan/seensi qaama hormaata dhalaa guddachuu akkasumas
jijjiirrama bocaa agarsiisuu ni danda’a.
Jijjiirrama Qaama Dhiirotaa
Qaama walhormaataa: Qaamni walhormaata dhiiraa guddachuu fakkenyaf
Qunxurroon guddachuu, cidhaan, sanyiin kormaa qophaa’uu ni
eegala.
Rifeensa qaamaa: Rifeensi qaama irrattii, bobaa jalatti fi qaama hormaataa
iratti biqiluu kan eegalu yoo ta’u, jalqaba yoo biqilu wal irra
hiiqeti. Akkasumas fuula irratti areedni kan biqilu yoo ta’u kuni yeroo
hunda jalaqaba irratti haphii fi lallaafaa ta’ee yoo biqilu ummurii dardarummaa
dhuma irratti jabaachu fi gurracha’uu eegala.
Babal’achuu Laphee fi Irree: Gaateettin bal’achuu fi irree baasuu fi
qaamni jabaachuu ni uummama. Qaamni hormaata dhiiraa dheerachuu,
bal’achuu fi furdachuu ni eegala.

Sagaleen Furdachuu: Yeroo tokko tokko sagaleen akka ciccituu ykn
kukutamuu ta’uu danda’a. Yeroo tokko ol yeroo biraa immo gad jedha.
Hin yaadinaa kuni suuta suutan ni sirrata.
Sanyii Kormaa Abjuudhan Dhangalaasuu: Dhiironni mi’oo dhangalaasuu
danda’u. Dhangala’aa jiidhaa (semen) kan akka haphee nama
qabatu adii kan ta’e keessa isaatti sanyii kormmaa kan qabatee dha.
Kuni abjuudhan isinitti dhufee beekaa. Wanta fayya qabeessa ta’ee
dha. Qaama guddinaatis. Wanti hubachuu qabdan dhiirri kana arguu
eegale dubarttii faana wal quunnamtti qaama saalaa yoo raawwate
ulfi ni uumama.
Kuni hundi yoom akka uumamuu danda’u yaadaa jirtuu? Tari kanneen
keessa tokko tokko isin irratti uummamee agrtanii ta’uu
danda’a. Dhiirota irratti waggaa 12-15 keessattii fi dubartoota irratti
waggaa 10-13 keessatti irratti uummama.
Ga’eessa fi Fayyaalessa Ta’uu
Namni kamiiyyuu fayyaalessa, gaarii, gahumsaa fi foolii gaarii qabaachuu
ni barbaada. Mata duree kana keesssatti waa’ee fayyaa,
guddinaaf jabeenya qaama fi nyaata madaallamaa kan mari’annu yoo
ta’u qaama keenyati gaarumman akka dhaga’amu wantoota godhan
ni baranna. Qaama keenyaf of eegannoo gochuu barbaachisumman
isaa kan ittin beekkamu qabxiiwwan ijoo ijoo salphaa ta’an boqonnaa
kana keessatti ilaalla. Fakkeenyaf ummurii dardarummaa yeroo geenyu
dafqa baay’ee nu dafqisiisuu eegala. Kanaaf rifeensi qaama walhormaataa
fi bobaa jalatti biqiluun dafqa burqisiisu. Guyyaa guyyaan dhiqachuun qulqulluu fi foolii gaarii akka qabaannu nu taasisa.

  1. Dhimmoota Dhiirotaa fi dubartoota Fayyadan
    Gogaa: Gogaan keessan yoo goge dibata vaaziliinii, zayitii fi kaka’oon
    lallaafisuu qabdu. Erga dhiqattanii booda qaama dibataan laallafisuun
    qaamni akka hin gogne taasisa. Finniisni yoo isin irratti mul’ate kuni yeroof
    ta’a. Finnisni yoo isin irratti mul’ate gogaa keessan bishaani fi saamunaa
    foolii hin qabneen dhiqachuun furmaata. Dabalataanis nyaata
    dibanni itti bay’ate hir’isuun filannoo fooy’adha.
    Qaama: Qaama keessan yeroo hunda saamunaa fi bishaanin dhiqachuun
    keessayyuu bobaa jalaa fi qaama walhormaataa keenyaf xiyyeefannaa
    kennuu barbaachisa. Fooxaa miseensota maatii ykn hiriyoota
    wajjin fayyadamuun dhukkuboota daddarboof waan nama saaxiluuf
    of-eegannoo gochuun filatamaadha.
    Ilkaan: Guyyaatti yoo xiqqaate si’a lama ilkaan keenya qulqulleessuu
    qabna. Ciree booda fi hirriiba dura ilkaan qulqulleessun fayyummaa
    ilkaanii fi foolii afaanii gaarii akka qabaannu nu taasisa.
  2. Dhimmoota Dubartoonni Xiyyeeffannoo kennuufi Qaban
    Qaama walhormaataa: Dubartoonni ala qaama saalaa bishaani fi saamunaadhan
    dhiqachuun qulqullina isaani eegachuutu irraa eegama.
    Keessi qaama saala dhalaa ofuma of waan qulqulleessuf dhiquun hin
    barbaachisu. Dabalataanis saamunaa farra baakteeriyaa fi urgooftuu
    qaama hormaatatti fayyadamuun hin barbaachisu. Sababni isaas
    qaama walhormaata dubartootaa keessa baakteeriyaan faallama irra
    nu ittisu baakteriyaa faayida qabeessa jedhamu ajjeesuu ni danda’a.

Yeroo hunda erga dhiqannee booda qaama keenya gogsuun qulqulluu
fi hucuu keessaa (paantii) jirbii irraa hojjetame qopheefachuu barbaachisa.
Qophii kanaafis moodesii ykn hucuu qulqulluu jirbii irraa hojjetame
fayyadamuun ni danda’ama. Wantoonni fayyadamnu kunis yeroodhaaf
waan ta’aniif yerodha yerotti jijjiiruu fi osoo hin jijjiirinii fi erga
jijjiirre harka keenya dhiqachuu qabna.

  1. Dhommoota Dhiironni Xiyyeefannoo kennuufii qaban
    Qaama walhormaataa: akkuma kutaa qaama keenya kan biraa guyya
    guyyaadhan qaama saala dhiiraa dhiquu fi qulqullina isaa eeguu qabna.
    Dabalataanis qaama hormaataa kan biro qulqulleessuu qabna.
    Dhiironni hin kittaanamne gogaa qaama saala isaanii gara duubatti
    harkisuun foolii badaaf sababa kan ta’u wanta akka dhangala’aa adii
    qulqulleessuu barbaachisa.
    Qulqullinni dhuunfaa keessanii akkami?
    Qulqullina qabduu? Isinitti tolee?
    Maal fooyyessuu barbaaddu?
    Nyaata Madaallamaa Soorrachuu
    Dargaggoonni nyaata madaallamaa yoo sooratan fayya qabeessa
    fi miira gaariitu itti dhaga’ama? Dargaggoonni tokko tokko nyaata
    madaallame soorranne jedhanii yaadu garuu miti. Mee dhugumma
    kanaa yaa ilaallu.

Qaama keenyaf Gosa Nyaataa Gurguddoo 4 barbaachisa
Isaanis
• Nyaata Anniisaa kennan:- fakkeenyaf Boqqoolloo, Dinnicha,
Misingaa, fi kkf
• Viitaminoota fi Albuudota:- kunneen kuduraa fi muduraa
irraa argamu.
• Pirootinii:- Fakkeenyaf Atara, Baaqelaa, Qurxxummii, Anqaaquu,
aannan fi kkf.
• Dabalataanis bishaan qulqulluu dhuguun barbaachisaadha.
Gahumsa Qaamaa fi Fayyummaa
Gahumsa qaamaa eegun faayidaalee adda addaa qaba.
• Gahumsi qaamaa miira gaarii uuma. Qaama keenya yoo sochoosnu
fayyumman nutti dhaga’ama. Kanaafu guyyaa keessatti
sochii qaamaa gahaa taasisuu keessan mirkaneefadhaa.
• Jabina Onnee, sonba fi irree keenyaf sosochiin barbaachisaadha.
• Jijjiirramni miidhagina keessa keenya jiru miidhagina gubbaa
keenya irratti ni calaqa’a
Taphoota ispoortii adda addaatti dabalataan deemsi miilaa sosochii
qaamaa keessatti kan hammatamuudha. Ispoortin fayyummaa keenya
eegun alatti ofitti amanummaa fi fedhii gaarummaa ni guddisa.
Sosochii booda boqonnaa gahaa fudhachuu akka qabdan hin dagatinaa.
Guyya keessatti qaamni keessan sa’aa 8 boqonnaa argachuu barbaachisa.

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 3

Quiz for Lesson 3

1 / 8

3.1. Umuriin dargaggummaa dhiiraaf:

2 / 8

3.2. Jijjiiramoota umurii dargaggummatti dhiirota fi dhalaa keessatti mu’atan sadi sadi ibsi.

3 / 8

3.3. Dargaggummaan dubartootaaf:

4 / 8

3.4. Dhangaalee nyaataa keessaa amma xiqqaan kan barbaadamu kami?

5 / 8

3.5. Ispoortii hojjechuun dargaggootaaf baay’ee barbaachisaa dha

6 / 8

3.6. Amaloota saala lammeessoo yeroo jennu?

7 / 8

3.7. Qulqullummaa qaama kee maaliif eeggatta?

8 / 8

3.8. Jireenya kee irratti kan jalqaba dhiibbaa guddaa uumu eenyu?

Your score is

The average score is 0%

0%

References