Skip to toolbar

Lesson 3

Barannoo 3ffaa: Jijjiirramni Qaama Ummurii Dardarummaa

Kaayyolee Barannoo

  • Barattootni jijjiirama qaamaa wayitii dargaggummaa irratti odeeffannoo ni argatu;  
  • Jijjiiramni kunis namarraa namatti garaagarummaa akka qabuu fi jijjiiramni dhufuun rakkoo fayyaa osoo hin taane uumama ta’uusaa ni hubatu
  • Barattootni soda tokko malee waa’ee jijjiirama qaamaa isaan mudatee waliin ni mar’itu
  • Qaamolee dhiiraa fi dhalaa sadi sadi tarreessuun faayidaa isaa ni ibsu 
  • Jijjiiramoota wayitii dargaggummaa dhiiraa fi dubartii irratti dhufan afur afur ni tarreessu
  • Akkaataa dhiirotnii fi dubartootni qulqullina qaama isaanii sirriitti eeggachuu danda’an sadi sadi barreessi; 
  • Dhangaalee nyaataa qaama namaaf barbaachisoo ta’an sadi barreessi; 
  • Barbaachisuummaa sosochii qaamaa gochuun qabu barreessi; 
  • Akkaataa miira gosa garaagaraa ittiin mul’atu agarsiisi;  
  • Akkaataa itti moodesiin salphaatti hojjetamu agarsiisi
  • Fakkii gargaaramuun miirawwan garaagaraa akkamitti akka agarsiifamu kaasuun agarsiisi

Seensa

Barnoota kana keessatti dargaggoonni waa’ee jijjiirama qaamaa umurii dardarummaa keessatti dhiiraa fi dubara mudatuu ni baratu. Dorgommii Jijjiirama Qaamaatti aansee dhiyeessa “Ga’umsaa fi Nageenyaan Jiraachuu” irratti xiyyeeffatutu itti fufa. Itti aansee, barattoonni mallattoo afaanii ispoortii jabeenya qaamaan ibsamu “Strike a Pose!” jedhamurratti xiyyeeffatu.  

Barnooticha haala armaan gadiitiin barattootatti beeksista

Biqilttuun tokko gudachuuf sadarkkaa guddinaa adda addaa keessa akka darbu hunda, ilmmi namaas jijjirrama baay’ee arga.

Har’a jijjirama qaama keenya akkasumas ummurii dargaggummaatti dhiira fi dubarttii irratti jijjiirrama qaamaa mul’atu baranna.

Yemmuu daawitiin of ilaaltu maal yaadda? Qaamni kee, gogaan qaama kee, dhaabbiin kee marti umurii dardarummaatti ni jijjiiramu. Tokko tokkoon keenya saffisaa fi haalaa kanneen biroorraa adda ta’een jijjiiramna. Jijjiiramicha akkamitti simatta? Jijjiirama si mudatee fi dargaggeessa ta’uu keetti ni gammaddaa?  Jijjiiramni ati ofirratti argitu saffisaan moo suuta mul’ataa jira? Maaltu akka si eeggatu beektaa? Mee addunyaa jijjiirama qaamaa haa ilaallu.

Learning Resources

Human Body Changing

Haala Raawwii Barnootaa

Wixinee Barnootaa

1. Calaqqee  

2. Si’eessituu – Coconut (daq. 5) 

3. Tapha jijjiirrama Qaamaa (daqiiqaa 30)

4. Fayya qabeesa fi Gahumssa qabaachuu-dhiyeessi (daqiiqaa 15)

5. Suura ka’uuf qophaa’uu (daqiiqaa 30)

6. Gochaa: Huccuu qulqullinaa Qopheessuu (daq. 35)  

7. Guduunffaa fi Hojii manee (daqiiqaa 5)

  1. Calaqqee (daq. Muraasa) 

Gochaalee calaqqee barannoo dabre keessa jiran yaada akka kennan barattoota muraasa gaafadhu.  

  1. Coconut (daq. 5)   

Galma

  • Barattoonni cimoo ta’u, ni koflu, jalqaba barannootti currisaa gaariin guutamu.

Akkamitti ?

Barattoonni marti geengoo uumanii dhaabbatu. Akkamitti tapha Coconut akka sissi’eessituutti akka taphatan itti himi: 

Jecha Afaan Ingiliffaa COCONUT jedhu qaama keenyaan barreessina:  

Luqqeettuu kee gara bitaatti sochoossuun harka kee lamaan mataadhaa olitti ‘C’ akka uumutti duuffisuun qubee “C” hojjedhu  

 Harka kee lamaan maaraa keetii olitt wal tuqsiisuun qubee ‘O’ hojjedhu

Gara fuul-duraatti duufuu harka lamaan gad diriirsuun qubee ‘N’ hojjedhu

Harka kee lamaan mataa irraan ol diriirsuun qube ‘U’ hojjedhu

Harka kee lamaan gara bitaa fi mirgaatti diriirsuun qubee ‘T’ hojjedhu

Qubeewwan tokko tokkoon garichaa waliin shaakali. Itti aansuun jechicha guutuu barreessuu shaakali. Taphicha saffisaan daddabalii shaakalsiisi.

3. Tapha Jijjiirama Qaamaa (daq. 30)  

Galma

  • Barattoonni haala gammachiisaa ta’een jijjiiramoota qaamaa dargaggummaan walqabatanii uumaman hubatu.   

Akkamitti 

Barattoonni poostara fakkii qaamolee wal-hormaataa agarsiisuu ilaalu. Poostara kana buufata fayyaarraa ergifachuun ni danda’ama. Barattoonni garee miseensota muraasaa ykn lama lama ta’anii fakkii qaama waliisaanii waraqaa qulqulluu bal’aa kennamuuf irratti maarkariidhaan kaasu. Fakkeenya qaamoleef poostara buufata fayyaarraa ergifame yookiin dhiyeessa kitaaba barataarratti kenname ilaali.

Dabalata 1

Taphni kun daree keessatti kofla yookiin gammachuu uumuu mala. Kofluun gaarii garii boodarra kofla dhiisanii xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu itti himi. Barattoonni akka hin kofalle dhorkuurraa bu’aa guddaan hin argamu. Dabalataanis, kofluun barattoota qaana’an dadammaqsuu qilleensa gaarii uumuuf ni gargaara.  

  1. Fayya qabeesa fi Gahumssa qabaachuu-dhiyeessi (daqiiqaa 15)

Galma

  • Barattoonni waa’ee fayyaa qaamaa barumsa dabalataa argatu

Akkamitti

Barattoonni lama lama ta’anii taa’uudhaan “Fayya qabeesa fi Gahumssa qabaachuu-dhiyeessa jedhu kan Kitaaba Barataarra jiru dubbisi.

5. Suura ka’uuf qophaa’uu (daqiiqaa 30)  

Galma

  • Barattoonni waa’ee ergaa mallattoolee qaamolee dhala namaan dabranuu fi mallattoolee biroon darban sakatta’anii baasu.  

Tartiiba 1  

Fakkii dardarootaa fayyadamuun afaan mallattoo qaamaatiin walbarsiisi. Barattoonni afaan mallattoolee qaamaa fakkiiwwan kunneenii hiika maalii akka dabarsan adda baafatu.  

 Tartiiba 2 

Barataa currisawwan lama dhiyeessuuf fedhii qabu gaafadhu. Qabxiilee armaan gadii keessaa lama filata/tti. Currisa kam akka agarsiisu hin himu/tu. Gareewwan birootu ergaa cursisaa inni dabarsu tilmaama. Barataan currisa dabre san sirriitti tilmaametu darabee itti aanu fudhata. Tartiibni kun haaluma kanaan hanga yeroon ga’utti itti fufa. 

Tartiiba Currisootaa

  • Dhiirummaa fi dubartummaa; 
  • Tuttuqaa saalaa fi nama tuttuqe san diduu; 
  • Jalalaan qabamuu fi onneen cabuu; 
  • Murtii hin daddaaqamne qabachuu fi shakkii keessa seenuu.   

Tartiiba 3 

Akkuma gara fuula duraatti deemtuun barattoonni garaagaraa currisoota garaagaraa haala garaagaraatiin dhiyeessuu akka malan itti himi. Barattoonni currisawwan dhiyaataniif deebii akka kennanii fi deebiin isaan kennan amansiisaa ta’uu fi ta’uu dhabu sababaan akka ibsanu gaafadhu.

6. Gochaa: Huccuu qulqullinaa Qopheessuu (daq. 35 Gochaa kanaaf fuula 34 ilaali

Barattoonni adeemsa huccuuleen qulqullinaa wantoota naannoorraa ittiin hojjetaman hordofanii akka hojjetan taasisi. Osoo hin xumursiisin addaan hin kutin.

7. Guduunffaa fi Hojii manee (daqiiqaa 5)

Barnoota guyyaa goolabi. Barattoonni waan guyyaa san baratan gabaabsanii akka ibsan gaafadhu; mata-duree barnoota itti aanuu itti ibsi. Barattoonni dhaabbatanii faaruu faarfatanii akka ragadan yookiin sirban taasisi.

Hoj-manee  

Barattoonni namoota jireenya isaanii keessatti baayyee barbaachisoo ta’an maatii, hiryoota, barsiisota yookiin namoota yeroo dheeraa waliin dabarsanii fi jireenyasaanii keessatti dhiibbaa geessisan ja’a akka tarreessan gaafadhu. 

  1. Gochaa: Huccuu Qulqullinaa Hojjechuu (daq. 35)

 Huccuun qulqullinaa akkamitti akka hojjetamu

Meeshaalee barbaachisan:

  • Huccuu jibrii, lallaafaa, T-shartii ykn hucuu lallaafaa kamiyyuu
  • Maqasii yookiin qarabaa, Lilmoo fi kirrii

Adeemsota Hordofamuu Qaban:

  • Huccuu san keessaa bal’ina seentiimeetira 16X7 kan qaban lama muri. Bal’ina isaanii safaruuf sarartuu fayyadami.
  • Huccuuwwan lamaan gara oliitti banaa dhiisii walitti hodhi.
  •  Huccuicharraa kirrii gabaaboo lama kuti.
  •  Kirroota lamaan gamaa gamana huccuu qulqullinaa sanitti hodhi. Kirriiwwan lamaan paadicha akka qabanutti butaanttiitti hidhamuu danda’u.
  • Huccuu pooliistaraa cimaa paadichaan safarii muri.
  •  Paadicha jalaan suuqi. 
  • Huccuu jibrii ciccitaa isa hodhame keessatti huccuu poolistaraa san gubbaadhaan naqi.
  • Akka dhangala’aa xuuxuu danda’utti huccuu hodhame san keessatti jibrii heddumminaaitti guuti. 

Amma huccuun (paadiin) qulqullinaa atti hojjette tajaajila kennuuf qophiidha.

  • Yoo xiqqaate huccuu qulqullinaa ykn paadii 6 jajaajilaaf qopheessi. Amma kanneen qulqulluu ta’an muraasa jijjiirraaf qabattee gara mana barumsaa deemuu ni dandeessa. Inni ati fayyadamte yoo dhiigaan guutamu jijjiiradhu!
  • Paadii tajaajila kenne hanga mana barumsaatii gara manaatti galtutti feestaala keessatti qabachuu ni dandeessa.

Erga itti fayyadamtee booda: 

  • Yeroo mara erga itti fayyadamtee booda sirriitti itti fayyadamuu kee mirkaneeffadhu.
  • Wantoota keessa jiran baasii qofa qofaatti bishaan ga’aa fi saamunaadhaa miicci.
  • Wantoota mara aduu keessa kaa’uudhaan hanga guutumaa guutuutti gogutti tursi.
  • Ammas tajaajilaaf qophii ta’u.   

Mala yeroo rakkinaa fayyadu kan biraa:

  • Huccuu jibriirraa hojjetame gosa kamuu (fakkeenyaaf naxalaa) tarsaasi 
  • Akka dhiiga xuuxuu danda’uttii sirriitti dadachaasii itti fayyadami
  • Erga itti fayyadamtee booda miiccii, gogsii kaawuyyaan tokkosi. Dabaltee itti fayyadamuuf qophii ta’a.
  • Yoo dhiigni guutu yeroodhaan jijjiiri.
  • Mana barnootaa keessatti paadiis ta’e huccuu fayyadamte hanga mana galtee miiccitutti feestaala keessa kaa’i.

Barattootni geengoo uumuun dhaabatu. Akkaataa Coconut game itt geggeeffamu barattootaaf ibsi. Jecha COCONUT jedhu uumuuf qaama barattoota taphicharratti hirmaatanii gargaaramna. Qaama kee gargaaramuun ‘C’, O, C, O, N, U, T tokko tokkoon uumuun jechichi uumta. Akkaataa taphni kun itti taphatamu bal’inaan barsiisaan isiniif haa ibsu!

 Homework  

Barattootni namoota jireenya isaanii keessatti iddoo gudaa qaban ja’a akka tarreessan godhi

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 3

Quiz for Lesson 3

1 / 8

3.1. Umuriin dargaggummaa dhiiraaf:

2 / 8

3.2. Jijjiiramoota umurii dargaggummatti dhiirota fi dhalaa keessatti mu’atan sadi sadi ibsi.

3 / 8

3.3. Dargaggummaan dubartootaaf:

4 / 8

3.4. Dhangaalee nyaataa keessaa amma xiqqaan kan barbaadamu kami?

5 / 8

3.5. Ispoortii hojjechuun dargaggootaaf baay’ee barbaachisaa dha

6 / 8

3.6. Amaloota saala lammeessoo yeroo jennu?

7 / 8

3.7. Qulqullummaa qaama kee maaliif eeggatta?

8 / 8

3.8. Jireenya kee irratti kan jalqaba dhiibbaa guddaa uumu eenyu?

Your score is

The average score is 0%

0%

References