Skip to toolbar

Lesson 4 for Students

Barannoo 4ffaa: Hiriyumma fi Walitti Dhufeenya

Seensa

Hiriyumma fi Walitti Dhufeenya
Boqonnaawwan darban lamaan keessatti yeroo guddinaa jijjiirrama
qaamaa fi miira mul’atu arginee jirra. Dabalataanis jijirramoonni gar
biros ni jiru. Naannoo hiriyummaa fi walitti dhiyeenyaatti yeroo tokko
tokko hiriyoonni maatii caalaa baay’ee yeroon barbaachisan ni jiru.
Kanaafuu barnoonni keenya har’aa kan xiyyeefatu hiriyummaa fi walitti
dhiyeenyi maal jechuu akka ta’ee fi akkamitti isin irratti dhiibbaa
akka geesisuu ta’a.
Kanatti aansun Almaazi fi Taarikuun waa’e hiriyummaa fi walitti dhiyeenyaa
maal jechuu akka ta’e nu barsiisu. Booda isinis namoota isinitti
dhiyeenya qaban yaadattu. Jalqaba garuu mee qaama keesan yaa
si’eessinu.
Gochaalee Barannoo Har’aa
• Si’eessituu:-Tapha wal Amantaa( daqiiqaa 15)
• Almaazi fi Taarikuun: Hiriyummaa fi walitti dhiyeenya irratti
marii godhan (daqiiqaa30)
• Anaa fi Addunyaa koo ( daqiiqaa 10)
• Guduunfa fi Hojii manaa (daqiiqaa 10)
Almaazi fi Taarikuun: Hiriyummaa fi Walitti Dhiyeenya irratti Marii
Taasisan
Yeroo dargaggummaa hiriyoonni baay’e barbaachisoodha. Dargaggoonni
baay’en ga’eessota wajjin yeroo hasa’anii fi yaada isaanii yeroo hiran miira sodaatu itti dhaga’ama. Yaa ta’uu malee hiriyoota
isaanitiif yaada isaani salphaatti qooduu ni danda’u.Maatin keessan
hiriyoota keessan wajjin yeroo dabarsitaniif kan isin morman yoo ta’e
hiriyooni akkamittii fi maalif barbaachisoo akka ta’an itti himaa.

Hiriyoonni barbaachisoodha! Marii Almaazi fi taarikuu yaa dubbisnu.
Almaaz:-Taarikuu hiriyaan siif akkamitti barbaachisaa akka ta’e natti
himuu ni dandeessa?
Taarikuu: Eeyyen nan danda’a.Hiriyoota bay’inaan itti dhiyaattu irraa
oogummaa jireenyaf barbachisaa ta’an ni guddifatta. Fakkeenyaf
dhimma baay’ee barbaachisaa ta’e irratti mari’achuuf ilaalcha
mataa keenyaa akkasumas barachuu fi ejjenoo mataa keenyaa akka
qaabaannu nu dandeessisa. Keessumaa iyyuu hiriyoota keenya akka
baraarru nu dandeesisa.
Almaaz:- Hiriyoonni gaarin gammachuu keenya nuuf dabalu, walitti
dhiyeenya nu barsiisu, miirri ofiiti amanuu keenyaa akka gabbatu
gahee gudda nuuf taasisu. Hiriyaa gaarin miirri gaarin akka nutti
dhaga’amu nu taasisu. Yaada ykn iccitii keenya osoo nutti hin kolfaminii
fi hin qoosamin bilisaan haasa’uu dandeenya. Iccitiin keenyas akkuma
eeggametti ta’a. Yaada keenyan walii yoo hin galle iyyuu hiriyonni
keenya nu kabaju.
Taarikuu: Saala faalla wajjin walitti dhufeenya jaalalaan ala hiriyumma
hundeessuun ni danda’ama jettee yaaddaa?

Almaaz: Ni danda’ma maalif hin danda’amu! Ani akkan yaadutti dhiirri
fi dubartiin walitti dhufeenya jaalalaa malee hiriyummaa hundeessu
ni danda’u. Ani kanan filadhu saala hunda keessa hiriyoota walitti
dhufaniidha. Sababni isaas hundumaa irraa muuxxannoon argadha.
Yaa ta’uu malee namoonni biroo shakkuu hin dhiisan.
Taarikuu: kuni garuu nama gaddisiisa! Ani akkan yaadutti yoo ta’e
eenyumma mataa kootii akkan gabbifadhuuf hiriyaan koo jireenya
kiyya keessatti gahee guddaa taphata.
Hiriyoota kiyya wajjin kaayyoo fi sagantaa keenya kan gara fuulduraa
irratti ni mari’anna wal gargaarra. Jireenya keessatti gaafiwwan nu
quunnaman akka deebitti nu fayyadu. Yeroo dargaggummaa jijjiirrama
dhufu waliin haasa’uun miira gaarii akka qabaannu fi dabalataanis
yaadota hara’a akka beeknu nu dandeessisa.
Almaaz: Yaada hiriyoonni kee sitti himan hunduu gaaridha jette
yaaddaa? Mee bal’isii natti himi?
Taarikuu: Anis waa’ee dhimma kana yaadan ture. Yeroo ta’e tokko
hiriyaa qaban ture. Hiriyaan kuni wantoota hara’a baay’ee natti agarsiise
kan akka dhugaatii dhuguu dabalatee. Yeroo murtaa’e booda
garuu gaarii ta’ee natti hin mul’ane. Anis akka waan yaraa ta’e itti
himuun akka wajjin dhaabnun gaafadhe. Yoo ta’uu baate garuu hiriyoota
biraa akka barbaadatun itti hime.
Almaaz: Achumaan maal gooteree?
Taarikuu: yaadni kiyya sirrii ta’uu yoon beeke iyyuu gamadaa hin
turre. Ani fi inni hiriyaa yeroo dheeraa turre. Adda irraa bahuu hin barbannen ture. Yaa ta’uu malee gara dhumaatti murtee mataa kiyya
murteessun waan narra tureef sifaana hiriyaa ta’uu nan barbaada
garuu hiriyaa dhugduu siif ta’uu hin danda’un jedheen. Murteen fudhadhe
sirrii waan ta’eef eenyummaa keessa kiyyaatti akkan amanu na
dandessise.

Almaaz: Dhimma biraan sitti himachuu barbaada. Maatii koo wajjin
walitti dhufeenya gaarii akkan qabaadhu tattaaffi godhus amma amma
garuu yaadan akka kana duraa walii gala hin jirru. Siruma iyyuu dhimma
kamiiyyu irratti walii galuu hin dandeenye. Ati maatii kee fi namoota
gurguddoo wajjin akkuma duraatti walii galtaa?
Taarikuu: Anis akkuma si’ii rakkachaan jira.
Almaaz: Adaadaan jaaladhu tiyya takka dubisee yaada gaarii tokko
natti himtee turte. Gosa hojii rifensa haara’aa deemee hojetachuu fi
Surree faashinii haara’a haati tiyya akka naaf bittu akkan rakkisu beekta.
Maatin kiyya yaada adda ta’e kana eessaa fidde jechuun naan loluu
fi maalif akkan yeroo tookko tokko qophaa taa’uu akkan barbaadu
naaf hin beekan. Yeroo gabaabaa keessatti wantoonni baay’en jijjiirraman.
Isaan wantoota akkaataa ittiin ilaalaniin ani hin ilaallen ture.
Taarikuu: kanan sirraa hubadhe maatin gudachuu keenya fi ilaalcha
akkamii akka qabnu baruuf ykn adda baasuf guddoo akka rakkatanidha.
Kanaafuu nuti dargaggoonni maatin keenya jijjirrama kana
hanga baranitti obsuu qabna. Sababni isaas hundumaa ol nuuf gaarii
kan yaadanii fi karaa fooyya’a akka filannuuf kan nu gargaaran maatii
keenya waan ta’aniifi.

Almaaz: Yeroo tokko tokko immoo ana irratti amantii kan hin qabnee
fi anis ofitti amanamummaa akkan hin qabne godhanii akka ilaalantu
natti dhaga’ama. Adaadan tiyya akka naaf ibsitetti eenyummaa koo
har’aa fi kan gara fuulduraa bocuu keessatti maatin koo gahee guddaa
taphatu. Akka maatii koo karaa walfkaataa ta’uu baatus anis sagantaa
mataa kootii qopheefachuu na barbaachisa. Adaadan tiyya akka natii
himtetti guddina fi jijjirrama kana baruuf anaafis ta’ee maatii koof rakkisaa
akka ta’ee hubachuu danda’eera.
Rakkoo kanaaf Furmaanni jira jettaniit yaadduu? Jira moo hin jiru?
Anaa fi Maatii koo gidduu ifatti mari’achuu dhabuun rakkoon akka uumamuf
sababa ture. Anii fi maatiin koo teenyee marii ifaa fi dhugaa
taasisuun rakkisaa akka ta’ee beekun koo na dhiba. Kanaafis mala ta’a
jedhee kanan yaade jalqaba haadha tiyyatti maqaa osoon hin dhayin
rakkoo hiriyoota kootitan itti hime. Sa’aa kanatti haati koo ana akka
ijoolletti akka na hin ilaallen bare. Siruma iyyuu anaa fi haadha koo
gidduu amntaa fi waliigaluun akka gabbatu nu gargaare. Kuni furmaata
gaaridha.
Seenaa ykn muuxxanoo ani isinitti himeen kan wal fakkaatu isin quunnamee
ni beekaa?
Waa’een Guddinaa fi hiriyummaa yoo ka’u gufuuwwanii ykn rakkoowwan
nu quunnamuu danda’an maatii fi hiriyoota keessan wajjin
mari’achuu yaalaa.

Learning Resources

Haala Raawwii Barannoo

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 4

Quiz for Lesson 4

1 / 6

4.1. Hiriyummaan dargaggootaa murteessaa ta’us, waa’ee ofii murtoo kennuurratti garuu yaada ofiif dursa kennuun barbaachisaa dha.

2 / 6

4.2. Maatii ofiitiif ajajamuu fi amma danda’ametti fedhii matii ofii hubatanii giddu galeeffachuun socho’uun barbaachisaa dha.

3 / 6

4.3. Hiriyaa gaariin isa akamiin ibsama?

4 / 6

4.4. Dhiibbaan hiriyummaa dargaggoota gara kamitti geessuu danda’a?

5 / 6

4.5. Hiriyootni saala faallaa waliin jiran akka gara quunnamtii saalaatti galan kan kakaasu kami?

6 / 6

4.6. Hiriyummaa gara wal quunnamtii saala faallaatti nama kakaasu ittisuuf maal gochuutu barbaachisa?

Your score is

The average score is 0%

0%

References