Skip to toolbar

Lesson 5 for Students

Barannoo 5ffaa: Saala fi Koorniyaa

Seensa

Tari garaagarummaa saalaa fi koorniyaa beekuu ni dandeessu. Boqonnaan
kun kan qophaa’e adda adduma kana akka hubattaniifidha.
Boqonnaa kana keessatti yaada fi ilaacha koorniyaaf qabnu qorachuu
fi baruuf kan nu gargaaran gilgaalota ni hojjenna. Dhuma irrattis garee
xiqqoo ta’uun yaadota haara’a, qajeelfama, fi kaayyoo ni qopheessitu
sababni isaa addunyaan beekumsa keessan arguu ni barbaaddi.
Gochaalee barannoo har’aa
• Si’eessituu: Sosochiin mul’isi(daqiiqaa 10)
• Mee waa’ee koorniyaa yaa haasofnu- dhiyeessii(daqiiqaa 40)
• Hojii Garee:-Dhimma koorniyaa, dhiirotaa fi dubartootaa ( daqiiqaa
35)
• Guduunfaa fi hojii manaa ( daqiiqaa 5)

Learning Resources

Parents and Children on Hands

Teaching Methodologies

Mee waa’ee koorniyaa yaa haasofnu
Ijoollummaa keenya irraa eegallee waa’ee adda addummaa dhiira fi
dubartii beekaa fi barachaa gudannee jirra. Dhiira fi dubartii wajjin
karaa adda addaat wailitti firoomna (fkn:Haadha, Abbaa, obboleessa,
obboleettii).
Saala: Dhiira fi dhalaa gidduu uummamaan adda addummaa jiru
yoo ta’u kan hin jijjirramnee dha. Fakkeenyaf dubartiin ulfaa’uu yoo
dandeessu dhiirri hin danda’u. Dhiirri sanyii kormaa yoo qopheessu
dubartin garuu hanqaaquu qopheessiti.
Koorniyaa: waa’ee dhiiraa fi dhalaa keessuma iyyuu dhiirummaa fi
dubartummaa mata duree ibsuudha. Dhiira ykn dhalaa ta’anii dhalachuun
dhugaadha. Yeroo tokko tokko adda addummaan kun jireenya keenya irratti gumaacha qabu. Koorniyaa jechuun hawaasni dhiira fi
dhalaaf gahee hojii, amala, gochoota fi kan kan fakkaatu kan teessisan
mul’sa.
Gahee Hojii Dhiiraa fi Dhalaa: sirriitti yoo hubattan dhiirri fi dhalaan
jireenya isaanii keessatti gahee hojii adda addaat qabu. Garuu
sanyiin isaani dabarfamee? Moo hawaasatu akkas yaa ta’u jedhee
murteesse? Gareen kan armaan gadii hojedhaa.
• Hojii ykn Gahee hojii dhiiraa kenname
• Hojii ykn gahee hojii dhalaaf kenname
• Hojii ykn gahee hojii dhiira fi dhalaa( lamaanufuu) kenname

Gahee hojii Dhiirotaa
Hawaasa baay’ee keessatti uummamaan dhiironni qaaman jabaataa
jedhamanii waan yaaddamaniif hojii humnaa manaan alaa fakkeenyaf
qonna, hojii ijaarsaa fi kkf akka hojjetan taasifamu. Dabalataanis
bulchaa manaa fi abbaa warraa waan jedhamaniif carraa barumsaa
fi hojii fooyya’aan ni mijataaf. Karaa kamiinuu galii argachuun baasii
maatii akka uwwisu ni dirqama. Jaarsa biyyaa ta’uu fi biyya bulchuunis
gahee hojii dhiirotati. Kan armaan olitii tarreefame kana dubartoonni
hojechuu hin danda’an jettanii yaaddu?
Gahee Hojii Dubartootaa
Dubartootni sababa uummamaan ulfaa’un daa’ima daa’u. Hawaasni
garuu hojii daa’ima kunuunsanii guddisuu kan dhalaa duwwaa
gochuun waliigalanii jiru. Isinoo hojii daa’ima kunuunsanii guddisuu
kan dhalaa qofa gootanii yaaddanii? Dabalataanis dubartootni ummurii
daa’imummaa irratti argaman quxusuu isaanii akka kunuunsan taasifamu. Biyyoota tokko tokko keessatti hojiin daa’ima guddisuu kan
haadholee qofa ta’uun fudhatama. Biyyoota biraa keessatti immoo hojii
lachuu (kan dhiira fi dhalaa) ta’ee yoo fudhatamu, biyyoota muraasa
keessatti duwwaa dhiironni hojii hunda akka hojetan taasifamu.
Itoophiyaatti fakkeenya tokko yoo fudhannu abbaan warraa tokko
guyyaa hojii sadi yoo eeyyamamuuf gosa chaayinaa tokko keessatti Abbaan
manatti hafee daa’ima akka kunuunsu yoo godhamu haadholiin
garuu hojii galanii akka hojettan taasifamu. Biyya Israa’el kibutzii jedhame
iddoo beekamutti daa’imman giddugala guddisa daa’immaniitti
erguun maatin torbanitti guyyaa boqonnaa qofa dhaqanii daawwatu.
Hawaasni adda addaa gahee hojii adda addaa dhiirotaa fi dubartootaf
kennu.
Dhiironni baay’ee fi dubartootni xiqqoon bulchitoota biyyaa kan ta’an
maalif isinitti fakkaaata? Sababni isaa maali?
A. Dubartootni dandeetti waan hin qabneef
B. Dhiirotni bulchitoota fooyya’oo waan ta’aniif
C. Dubartootaf carran walqixa waan hin kennamneef
Tokko filadhaa
Deebii sirriin dubartootaf carraan walqixa waan hin kannamneef kan
jedhuudha.
Mariii
dubartootaf carraan barachuu wal qixa ni kennamaa? Biyya Keenya
keessatti naannoo adda addaatti carraan barnootaa walqita hin kennamu.
Sababni isaas gaheen hojii dubartootaa mana keessa jedhamee
waan yaaddamuuf mana barumsaa akka deeman hin deegaraman.
Maatin kanfaltii/baasii mana barumsaa hin qabne gara mana barumsaa erguuf yeroo filannoo taasisan dubartoota irra dhiirotaaf duursa
kennu.
Yaadannoo: Saayinsiin akka mirkana’etti dhiirri fi dhalaan sadarkaa
beekumsaa walqixa akka qaban beekamaadha. Biyyoota
baay’eetti dubartootni dhiirota caalaa qabxii barnootaa ol-aanaa
yeroo galmeessan ni mul’atu.
Dubartootni muraasni barumsa gahaa yoo qabaatan iyyuu sadarkaa
bulchiinsa ol-aanatti dorgomuuf carraan baay’ee hin kennamuuf.
Dubartootni fakkeenya ta’anii fi mirga dubartootatiif falman
dhabamuun marsa rakkoo dubartootaa akka hin cabne taasiseera.
Dhimmoota koorniyaa armaan gadii irratti mari’adha.
• Dhiironni akka hin boonye fi miira isaani akka eegatan itti
himama
• Kubbaan miilaa dhiiraf, kubbaan saaphanaa dubartootaf,
• Dubartootni hojii qonnaa 70% yoo hojjetan dhiironni garuu
galii irratti hordoffii baay’ee taasisu.
• Qorannaan durbummaa dubartootaf duwwaa kan taasifamu
godhamee yoo dubbatamu iyyuu durbummaan dhalaafis
dhiirafis beekun qorannoo mana yaalatiin beekamuu
hin danda’u.
• Addunyaa irratti biyyoota baay’etti hojii wal fakkaataf karaa
dhiirota irraa adda ta’een dubartootaf kanfalti xiqqaatu kanfalamaaf
• Dhiironni maatif madda galii akka ta’antu irraa eegama.

Dhuguma dhiira fi dhalaa ta’uun faayidaawwan argaman
adda addaa jiru. Gareen ta’uun sa’aa murtaa’ef
mata dureewwan armaan gadii irratti mari’adhaa.
• Dhalaa ykn dhiira ta’uu keessaniif wanti jaalattan
maali?
• Dhalaa ta’uu keetif wanti jibbite maali?
• Dhiira ta’uu keetif wanti jibbite maali?
Walqixxummaa dhiiraa fi dubarttii mirkaneessun hojii hunda keenyati!
Gaafii Koorniyaaa
Garee keessaniin yaadota dhuunfaa armaan gadii kan Alam, Tarrafaa fi
Taamiraat waliin maalif akka waliigaltanii fi hin galle mari’adhaa.
• Alam: dhiirotni hojii malee mana taa’un dubartootni gara hojii
deemun madda galii maatif ta’uu yoo danda’an hojii mana jiru
hojjechuu hin qaban.
• Tarrafaa: Haadha warraa yoon qabaadhe hojii mana keessaa
kamiiyyuu hin hojjedhu. Sababni isaa hojiin mana keessaa kan
dubartootaa waan ta’eef.
• Taammiraat: hojii mana keessaa haadha warraa tiyya wajjin waliqixan
qooddadha. Hirachuu qofa osoo hin taane hojii ishees nan
gargaara. Keessumaa yeroo ulfaa fi yeroo ijoollee itti kunuunsitu
gargaarsi koo baay’ee ta’a.
Deebii
Ilaachi Alamii fi Taammiraat haqummaa qaba sababni isaa ittigaafatamummaa
qooddachuu lachuu tuqan waan ta’eef. Taarrafaan yaada dhuunfaa mataa ofii qabaachuu danda’a. Yaada isaas hiriyoota isaaf
ibsuun gocha baay’ee gaarii ta’eedha. Haata’uu malee, ittigaafatamummaa
hunda haadha warraaf dhiisun sirrii isinitti fakkaataa?
Osoo haati warraa hojii qabaatte Abbaan manaa dhabeehoo? Yaadota
kana hiriyoota keessan wajjin mari’adhaa.
Hiriyaa Durbaa
Yaada mili’oon, Tarrafaa fi Fitsum wajjin waliigaltuu?
• Mili’oon: dubrtootni kana booda si hin jaaladhu yoo jette kaballaan
rukutuun akka sirrooftu taasisuun ni danda’ama ykn
immo meeshaa isheen jaalattu bifa kenaatin kennuu dha.
• Tarrafaa: jaalalleen tiyya na dhiistee deemuf yoo yaadde akkan
mormun tilmaama.
• Fitsum: dubartootni hundumtuu adda adda. Walitti dhufeenya
gaarii jechuun ifaa fi waligaltee dhugaa taasisuu waan ta’eef
jaalalleen tiyya na dhiistee deemuu yoo yaadde baay’en gadda
garuu murtee ishee kabajuun akka narra jirun yaada.
Sadeenuu deebin isaan deebisan akkuma yaadanitti mitii?
Isin yeroo yaaddan dubartiin humnaan akka jaalattu gochuun ni
danda’amaa? Kennaa jaalattu bituu ilaachisee waan jettan qabduu?
Karaan sirrii fi qofti dubartiin maalif jaalallee ishee wajjin jaalalaan
wajjin turuu akka hin dandeenye mari’achuu dha. Karaa kanaan yoo
ilaalle fitsum duwwaatu dubartiin dhiira wajjin walqita mirga murteessu
akka qabdu hubate.

Haadha warraa Rukutuu
Alamaayyoo, Ayyaalaa fi Hiwoot wajjin waliigaltuu?
• Alamaayyoo:- Haati koo nama gaaridha. Abbaan koo yeroo ishee
hubu arguu baay’en jibba.
• Ayyaalaa:- Abbaan warraa haadha warraa rukutuu akka qabutu
natti dhaga’ama. Sababni isaas haadhotni warraa yoo hin rukutamne
amala gaarii waan hin agarsiifnef.
• Hiwoot:- yeroo tokko tokko Abbaan koo haadha koo yoo rukutu
nan arga. Ani yeroon heerumu Abbaa warraa akka Abbaa kootitti
nama rukutu hin barbaadu.
Deebii
Alamaayyon yeroo haati isaa rukutamtu arguun maalif akka isa gaddisiisu
fi aarsu hundi keenya iyyuu kan hubannudha. Hiwootis Abbaa
warraa ishee rukutu akka hin barbaanne jechuun ishee murtee baay’ee
gaariidha. Eenyuyyuu isin rukutuuf mirga akka hin qabne beektuu?
Abbaan warraa haadha warraa ykn haati manaa abbaa warraa rukutuun
seera Addunyaatinis ta’e kan biyyaa keessatiin dhorkaadha. Alamaayyon
dubartii rukutuun sirriidha jedheet yaada. Yaada baay’ee dogongoraa
ta’us maalif yaada akkasii qabaate kan jedhu yoo ilaallu mana keessatti
walitti dhufeenya Abbaa fi haadha isaa akka fakkeenyatti waan
fudhateefidha. Dhiira fi dubartii gidduu waliigaltee walqixummaa irratti
hundaa’e argee waan hin beeknefidha. Kuni garuu haadha warraa rukutuuf
sababa hin ta’u.

Qonna
Beeteleem, Abbabaa fi Gannat wajjin waliigaltuu?
• Beeteleem: mana keenyatti haati keenya nyaata yoo qopheessitu
abbaan keenya oomisha hangamii akka argachuu qabu
murteessa. Abbaan kiyya haadha tiyya hin dhageeffatu. Garuu
lachuu walqita murteessu danda’uu qabu.
• Abbabaa: dhiirri abbaa lafaa fi qabeenyaa waan ta’eef maaltuu
akka oomishamu qabu murteessu ni danda’a. Sababni isaas
beekumsa fooyya’aa kan qabu dhiira waan ta’eefidha.
• Gannat:- Ani yaada beeteleem wajjin walii nan gala sababni
isaas dubartootni fi daa’imman qonna qotuun maatii waan gargaaraniif
murtee kennuu irratti walqita hirmaachuu qabu.
Deebii
Tari Abbabaan irra deebi’ee itti yaaduu qaba. Dhiirri waa’ee qonnaa
sirriitti yoo beekes dubartin irra caalatti maatii ishee bulchuu muuxxannoo
qabdi. Dhugumatti Obboleessi yaada isaa ibsachuu mirga
qaba garuu wal waliin mari’achuu fi yaada nama biraa dhageefachuun
beekaa nama taasisa.
Maatiwwan
Yaada Meeron, Weynisheeti fi Gazaanyi wajjin waliigaltuu?
• Meeron: dhiironni baay’en karoora maatii fi ulfa itti hin
yaaddamne dhimma dubartootaa qofa godhanii ilaalu. Ani akkan
yaadutti garuu lachuu itti gaafatamummaa fudhachuu qabu.
• Gazaanyi: karoorri maatii fi ijoollee guddisuun dhimma dubartootaa
waan ta’eef matuma isaanitiin bahuu qabu.

• Weynisheet: dubartootni itti gaafatamummaa baay’eee waan
qabaniif itti gaafatamummaa isaanii bahuutu irraa eegama.
Deebii
Walitti dhufeenyi gaarin yoo jiraate waliif yaadun ni danda’ama. Weynisheet
fi Gazaanyi karoorri maatii fi ijoollee kunuunsun fedhii dubartootaatin
kan hojiirra oolu jedhaniit yaadu. Haata’uu malee dhiirris
qaama maatii waan ta’eef itti gaafatamummaa fudhachuu dirqama
qaba. Hundumti keessanuu murtee irratti hirmaachuu yoo feetan
jalqaba wal dhageefachuu qabdu. Tari Weynisheeti fi Gazaanyi dhimma
gochaan argan irraa ka’uun yaadanii ta’uu danda’a. Yaadni Meeron
dhiyeesite garuu baay’ee faayida qabeessa fi hundumaa kan waligalchiisudha.
Durbummaa
Yaada Ammahaa, Burtukaani fi Tizitaa wajjin waliigaltuu?
• Ammahaa: Durbummaan dhiirotaaf hin jiru. Dhiironni waggaa
18 guutanii walquunnamti qaama saalaa raawwachuu dhabuun
gocha nama qaanessudha. Dhiironni walquunnamti qaama saalaa
dubartoota baay’ee wajjin taasisu gameeyyidha.
• Burtukaan: dhiirri jaalalleen isaa durbumma akka qabaattu yoo
barbaade innis durbummaa qabaachuu qaba.
• Tizitaa: Dhiirri dubartoota bay’ee wajjin akka ciisu yoo eeyyamameef
dubartootafis eeyyamamuu qaba.
Deebii
Dhiira fi dubartiif walqunnamtii qaama saalaa raawwachuun adda
addummaa qaba jedhanii amanuun ni ulfaata. Namni hundinuu gara gochaatti osoo hin seenin waa’ee walqunnamti qaama saalaa odeefannoo
qabaachuu qabu. Durbummaa jechuun dhiiras ta’e shaamarran
walquunnamti qaama saalaa kamiiyyuu kan hin raawwanne jechudha.
Durbummaan itti gaafatamummaa saala lameenuti. Durbummaan
dhalaa duwwaaf osoo hin taane dhiiras ni dabalata.
Ammahaan dubartoota baay’ee wajjin walquunnamti qaama saala
dhiironni raawwatan gameeyyi dha jedhe garuu kuni dogongora.
Namni hundumtuu ilaacha dhuunfaa qaba. Haata’uu malee dubartota
baay’ee wajjin walquunnatti qaama saala taasisuun gameeyyummaa fi
kan hin rawwanne immo duubatti hafummaa yaadni jedhu dogongora.
Walquunnamti qaama saalaa gochuun dura waligaltee irratti kan
hundaa’e fi dabalataanis rakkoof kan nama hin saaxille ta’uu akka
qabu hubachuu qaba.
Dhuma irrattis dhiira fi dhalaa gidduu ibsitoota addaa fi adda addummaan
ni jiru. Adda addummaan kuni dhiirotaaf bilisummaa, dubartootaf
immoo dhiibbaa uumuu hin qaban. Lamaanuu wajjin ta’uun
dandeettii isaanii walitti fiduun hawaasa maatii gaarii fi walqixxummaan
itti mirkanaa’e uumun irraa eeggama.
Walqixxummaa koorniyaa Addunyaa Gaariif !!

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 5

Quiz for Lesson 5

1 / 7

5.1. Garaagarummaan koorniyaa fi saala gidduu jiru maali?

2 / 7

5.2. Wantoota walqixxummaa dhiiraa fi dhalaa gidduutti akka hin jiraanne godhan ibsi!

3 / 7

5.3. Namootni waa’ee koorniyaa irratti yaada garaagaraa akka qabaatan kan godhu maali

4 / 7

5.4. Walquunnamtii saalaa itti gaafatamummaa qabu yeroo jennu

5 / 7

5.5. Waa’ee gahee koorniyaarratti hubannaa uumuuf eenyutu itti gaafatamummaa qaba?

6 / 7

5.6. Wal qixxummaa dhiirotaa fi dubartootaa mirkaneessuuf

7 / 7

5.7. Miidiyaaleen akka raadiyoo fi televizhinii waa’ee gahee koorniyaa irratti hubannaa sirrii uumuuf gahee guddaatu irraa eegama.

Your score is

The average score is 0%

0%

References