Skip to toolbar

Lesson 5

Barannoo 5ffaa: DARGAGGEESSAA FI DUBARA, DHIIROTAA FI DUBARTOOTA

Kaayyolee Barannoo

  • Barattoonni ga’ee koorniyaan jireenya isaanii keessatti qabu ni hubatu. 
  • Barattoonni dubarrii fi dubartoonni rakkoolee adda addaaf akka saaxilamanu ni hubatu.
  • Barattoonni dhiiraa fi dhalaa gidduu garaagarummaa aangoo walqixxummaarratti hin hundoofne akka jiru ni hubatu.
  • Garaagarummaa saalaa fi koorniyaa ni ibsu
  • Yaad-rimeewwan koorniyaa fi ga’eewwan koorniyaa; quunnamtii yaad-rimeewwan kunneen fudhatama isaanii waliin qabanuu fi dhiibbaa isaanirrattii fi jireenya hawaasummaa keessatti geessisan ni ibsu.  
  • Dhiironnii fi dubartoonni mirga walqixa akka qabanuu; Itoophiyaa keessatti garuu dubartoonni dhiira caalaa hacuuccaaf kan saaxilaman ta’uu ibsuudhaan fakkeenyota hojiin, barnootaa fi karoora maatiitiin  walqabatan kennuun agarsiisu
  • Dhabamuu walqixxummaa dhiiraa fi dhalaa gidduutti mullatu Itoophiyaa keessatti sababoota dhukkuba quunnamtii saala hormaataa (SRH) keessaa tokko ta’uu fi rakkoolee kanneen miidhaa qaamaa, yeroo malee ulfaa’uu, HIV waliin jiraachuu fi miidhaawwa qaamaa kan jiran ta’uu gadifageenyaan ibsu. 
  • Yaadolee barsiifataa waa’ee dhiiraa ibsan lamaa fi waa’ee dubaraa ibsan lama tarreessuudhaan mudannoo jireenya isaanii keessaa kanneen koorniyaan ga’ee keessaa qabu sadii ibsu.
  •  Ga’een saalummaa dhiiraa fi dubara irraa eegamu garaagara ta’uu akka danda’u ni ibsu.
  • Dhimma koorniyaarratti ilaalcha dhuunfaasaanii qabaachuuf mirga akka qaban ni ibsu.
  • Koorniyaadhaan walqabatee sardarkaalee duudhaalee isaanii kan hubatan ta’uu ibsachuudhaan garaagarummaa kanneen birootiin qaban ibsu. 
  • Mirgoota walqixxummaa dhiira, dhalaa, dargaggoo, durba irratti ilaacha mataasaanii qabaatanii faayidaalee aangoo qooddachuutti amanu. 
  • Ilmaa fi intala, dhiiraa fi dhalaa gidduu dhabamiinsa walqixxummaa mullata, hacuuccaa fi miidhaalee qaamaa balaaleffatu;
  • Dubarrii fi dubartoonni mirga carraalee barnootaa fi hoggansa barnootaa dhiiraan walqixa akka argatan ni falmu;
  • Quunnamtii saalaa fayyaalessa jechuun yoo qaamoleen lamaan qophii ta’an kan raawwatamu,  fedhii qaamolee lamaatiin kan geggeeffamuu, kan miidhaa hin geessisne ta’uu akka qabu ni falmu;  
  • Hiryoonni, hawaasnii fi meeshaaleen quunnamtii ga’eewwan koorniyaarratti hubannoo qaban ni hubatu.
  • Dhimmoota koorniyaa waliin walqabatanirratti sadarkaa jijjiiramaa hawaasummaa naannoosaanii keessatti mirkaneessuuf akkamitti deeggarsa akka kennanu gochaan agarsiisu. 
  • Dhimma saalummaa fi koorniyaarratti kanneen biroo waliin mariyachuuf ga’umsa isaanii agarsiisu.  

Seensa

Barannoon kun waa’ee koorniyaa fi ga’ee inni jireenya keessatti qabu ibsa. Barnoota kana keessatti barattoonni gareedhaan hojjetu. Gareen tokko miseensota afur qabata; yoo danda’ame dhiiraa fi dhalaa makaa ta’a. Tokko tokkoon garee dhiyeessa kennemeef gaaffiilee jiran deebisaa waliin ilaalu. Dhimmoota dhiyeessa keessa jiran muraasa irratti erga mariyatanii booda, tokko tokkoon garee dhiyeessa barreeffama-bu’uureffate kan waa’ee dhimmoota koorniyaa ibsu yookiin himoota waa’ee dargagoo fi dubaraa waldorgomsiisuu qopheessu. Barnooticha haala armaan gadiitiin beeksisuu ni dandeessa:  

Koorniyaan wanta qaamaan walqabatu miti. Ga’ee dhiironnii fi dhalaan hawaasa keessatti taphatan baayyee garaagara ta’uu danda’a. Yeroo hunda garaagarummaan kun nutti hinhubatamu. Dhiironni hoggansaa fi aangoo mootummaa olaanaa qabaachuun gaaffii nutti hin ta’u.

Yeroo ammaa kana dubartoonni heddumminaan waajjiraalee keessatti aangoo olaanaa qabataa akka jiran hubattetta ta’a. Namoonni hedduun walumaagalatti dhiironni maaliif dubartoota caalaa aango-qabeessa ta’an jedhanii of gaafatu. Ga’een dhiiraa fi dhalaa maaliif garaagara akka ta’e si ajaayibsiisee beekaa? Kun egeree gaa’ela ijaarrachuu fi walitti dhufeenya keerratti dhiibbaa inni qabaatu yaaddee beektaa? Jalqabuuf akka tolutti, waa’ee dhimma koorniyaarratti odeeffannoo dhiyeessina. Itti aansuun, gilgaala dhimmoota kunneenirratti yaada qabdu xiinxaluuf si fayyadutu siif kennama. Dhumarratti, dandeettii waa uumuu kee fayyadamtee ilaalcha kee ibsatta, karoora kee gara fuula duraarrattis ni yaadda. Addunyaan kun sumarraa dhaga’uu barbaaddi!  

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee Barnootaa

1. Calaqqee

2. Sissi’eessituu – Ga’ee Taphadhu (daq. 10)

 3. Tapha Koorniyaa – Maatii keessaa itti gaafatamummaa eenyutu qaba?

4. Dhiyeessa (daq. 40) 

5. Hojii Garee: Dargaggootaa fi Dubara… (daq. 15) 

6. Goolabaa fi hoj-manee (daq. 5)  

1. Calaqqee (daq. Muraasa) 

Waa’ee gochaalee calaqqee barnoota dabre keessatti qabxiilee muraasaa akka dhiyeessan gaafadhu.

2. Ga’ee Taphadhu (daq. 10) 

Galma

Barattoonni haala bashannansiisaa ta’een yaada ijoo dhimma koorniyaa eegalu.  

Akkamitti

Barattoonni haala garaagaraatiin akkeessanii akka taphatan itti himi. Fakkeenyaaf: 

  • Akka dargaggeessaa/ga’eessaatti tarkaanfadhu
  • Akka dubraatti deemi
  • Akka jaartii dulloomtuu ba’aa ulfaataa baattuutti adeemi
  • Akks jaarsa dulloomaa ulee qabateetti adeemi
  • Akka dubartii ulfaatti adeemi
  • Akka dubraatti nyaadhu
  • Akka dargaggeessaatti nyaadhu
  • Akka dubraatti kofli
  • Akka dardaraatti kofli
  • Akka dubraatti dhaabbadhu
  • Akka dargaggeessaatti dhaabbadhu
  • Akka dargaggootaatti nagaa walgaafadhaa
  • Akka dubaraatti nagaa walgaafadhaa

Hojjedhu: Agarsiisa ammaan olii barattoota waliin mariyadhu

3. Tapha Koorniyaa – Maatii keessaa itti gaafatamummaa eenyutu qaba? (daq. 5)  

Galma

  • Barattoonni yaada ijoo koorniyaa fi ga’eewwan koorniyaarratti qaban muraasa sakatta’u

Akkamitti 

Tapha kana keessatti, barattoonni gochaaleen kunneeniif kan itti gaafatamummaa qabu dhiira, dhalaa yookiin lammaanuu ta’uu murteessuutu irraa eegama.

Tartiiba 1:  Waraqaalee sadiirratti katabi: 

DHIIRA                                DUBARTII                                     LAMMAANUU

Tartiiba 2:  Waraqaalee kunneen fannisi

Tartiiba 3:   Gochaalee armaan gadii keessaa tokko sagalee ol kaasii dubbisi.

Tartiiba 4:   Maaliif akka filatan barattoota waliin mariyadhu

Gochaalee

  • Qarshiin maatii akkamitti akka baasii ta’u
  • Dhimmota gara fuula durraa karoorsuu
  • Lafa qotuu ykn qoonfaruu
  • Daa’imman kunuunsuu
  • Firoota dhukkubsatan kunuunsuu ykn gargaaruu
  • Qarshii barbaaduu fi fiduu
  • Hojii mana keessaa
  •  Lakkoofsa daa’immanii murteessuu
  • Gosa midhaanii faca’u murteessuu

Tartiiba 5:  

Barattoonni deebiisaaniirratti yaada qaban akka ibsatan gaafadhu

4. Dhiyeessa: Koorniyaa: Dhimmootaa fi Marii (daq. 30)

 Galmawwan

  • Barattoonni yaad-rimee koorniyaa jedhuufi dhimmoota koorniyaan walqabataniin wal baru.  
  • Barattoonni gareewwan miseensota muraasa qabuun mariyatanii ilaalchasaanii murteeffatu.

Akkamitti

Seensa Dhiyeessaa

Barattoonni garaagarummaa dubaraa fi dhiiraa gabatee armaan gadii keessatti kennamanii fakkeenyota muraasa waraqaarratti akka kennan gaafadhu.  Fakkeenyota garaagarummaa uumamaa, hawaasummaa, ga’eewwan aadaa, amalootaa kkf— akka kennan gargaari. Garaagarummaan kam kan uumamaa akka ta’an mariyadhu. Fkn. Dubarri ni ulfaa’u; dhiironni hin ulfaa’anu. Kamtu garaagarummaa hawaasummaa ykn aadaati; dubarri dhiira caalaa nyaata qopheessu.  

Galma gochichaa: Garaagarummaa uumamaa jijjiiruun hin danda’amu; kunimmoo addunyaa mara keessatti waluma fakkaata. Garaagarummaa uumamaa jechuun kanneen gaariidha; kanneen immoo gadheedha jechuu miti. Garaagarummaawwan koorniyaa aadaadhaan murtaa’an jijjiiramuu danda’u.  Kanneen kamtu akka jijjiiraman barbaaddu? Akka dubaraatti ykn dhiiraatti waa’ee keetiin kan walqabatan yaadoleen akka jijjiiraman barbaaddu kami?  Jijjiiruuf maal gochuu dandeessa?

DubaraGaraagarummaa uumamaa/ hawaasummaaDhiiraGaraagarummaa uumamaa/ hawaasummaa
    
    
    
    
    
    

Barattoonni dhiyeessa isaanii akka dubbisanu gaafadhu. Qabxiilee marii tokko tokko kan barattoonni osoo isa itti aanutti hintarin irratti waliigaluu qaban of keessatti haamata.  Dhiyeessichi mata-dureewwan armaan gadii of keessatti qabata: 

  • Hiika koorniyaa;
  • Ga’eewwan koorniyaa; 
  • Hoggansa; 
  • Barnoota; 
  • Aangoo dubartootaa; 
  • Battallee walqixxummaa koorniyaa mata-dureewwan kanneen akka haadha manaa dhaanuu fi durbummaa.   

Barattoonni wayitii barannoo guutuu garee miseensota muraasa qabuun hojjetu. Hanga danda’ametti gareen saalaa makaadhaan haa ijaaramu.

Goolaba irra ga’an barreessuuf barattoota waraqaan isaan hin barbaachisu. Galmisaa dhimmoota koorniyaa irratti mariyachuudha.  Barattoonni battallee walqixxummaa koorniyaa eegalan kaayyoonsaa barattoonni osoo qabxii itti aanutti hin dabrin akka gareetti ilaalcha qabanirratti mariyachuudha. Tokko tokkoon barataa ilaalcha gareedhaan irratti waliigalu ni filata. Kun ilaalcha hiryoonni isaanii dhimmoota coorniyaarratti qaban hubachuuf isaan gargaara.

5. Hojii-garee – Dhiironnii fi Dubarri… (daq. 15)     

Galmawwan

  • Barattoonni yaadolee bu’uura hin qabne kanneen dhiiraa fi dubaraan walqabatan irratti gaafii kaasuu baratu.  Dubarris dhiirris saalawwan lamaanuu ga’eewwan kennameef akka qaban ni baratu. Dhiiroonnii fi dubarri marti ga’eewwan kunneenitti gammaduu dhiisuu malu. Ga’eewwan muraasni isaaniif mijaawoo ta’uu dhiisuu danda’u.
  • Barattoonni dhiironnis dubarris ilaalcha yookiin amala namoonni biroo isaanirraa eeggatan guutuu danda’uusaanii shakkuu akka danda’an ni baratu.

Akkamitti

Barattoota gareewwan miseensa muraasa qabutti qoodi. Tokko tokkoon gareetiif waraqaa himoonni waa’ee dhiiraa fi dubaraa ibsan irratti tarreeffaman kenniif:

Himmota waa’ee dhiiraa fi dubaraa

Dhiirota

 Dhiironni hin booyanu.

Dhiironn quunnamtii saala qofa barbaadu

Dhiironn waa’ee quunnamtii saalaa waan hundayyuu ni beeku

Dhiironn jaboodha.

Dhiironn deeggarsa hin barbaadanu

Dhiironni alkoolii hindhugne dhiira miti.

Dhiironni dubara caalaa dheeroodha.

Dubara

Dubarri waa’ee quunnamtii saalaa waan hunda beekuu hinqabanu

Dubarri callisoodha

Dubarri waan hundarraa of qusachuu qabu.

Dubarri giiftii fakkaachuu qabu

Dubarri quunnamtii saalaatiif dhiira gaafachuu hinqabanu

Dubarri dhiirota caalaa qulqulluudha.

 Himoota hawaasa keessaa dhaga’an kanneen biroos yoo jiraatan akka itti dabalan itti himi. Barattoonni gaaffilee armaan gadii of gaafachaa himoota kennaman dubbisu:

  • Dhugaadha jettee yaaddaa? 
  • Fakkeenya kun yeroo mara dhugaa akka hin taane ibsu agarsiisu kan ati beektu ni jiraa?
  • Gareen tokko garee biraa filatee bu’aa marii gareesaa dhiyeessaaf;

6. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 5)

Barattoota muraasa muraasa akka yaadolee ijoo guyyaa akka gabaabsanii ibsanu gaafachuun goolabi.

Qabxiin goolabaa inni bu’uuraa garaagarummaan koorniyaa muraasni kan uumamaa yoo ta’an jijjiiramuus kan hindandeenyedha. Walqixxummaan dhibuus hin ibsanu. Garaagarummaa kunneen ajaa’ibsiifachuudhaan ba’aa jiru qooddachuun barbaachisaadha. Garaagarummaan biroommoo kan aadaatii; aadaarraa aadaattis garaagarummaa qaba. Garaagarummaan akkanaa kanneen muraasa ta’an walqixxummaan dhibuu agarsiisu keessumattuu; dubaraa fi dubartootaaf. Garaagarummaan kunneen jijjiiramuu danda’u.

Hoj-manee

 Barattoonni umuriisaanii keessatti taatee koorniyaan ga’ee gaarii taphatee fi ga’ee gadhee taphate tokko tokko dabtara yaadannoo isaaniirratti katabu.       

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 5

Quiz for Lesson 5

1 / 7

5.1. Garaagarummaan koorniyaa fi saala gidduu jiru maali?

2 / 7

5.2. Wantoota walqixxummaa dhiiraa fi dhalaa gidduutti akka hin jiraanne godhan ibsi!

3 / 7

5.3. Namootni waa’ee koorniyaa irratti yaada garaagaraa akka qabaatan kan godhu maali

4 / 7

5.4. Walquunnamtii saalaa itti gaafatamummaa qabu yeroo jennu

5 / 7

5.5. Waa’ee gahee koorniyaarratti hubannaa uumuuf eenyutu itti gaafatamummaa qaba?

6 / 7

5.6. Wal qixxummaa dhiirotaa fi dubartootaa mirkaneessuuf

7 / 7

5.7. Miidiyaaleen akka raadiyoo fi televizhinii waa’ee gahee koorniyaa irratti hubannaa sirrii uumuuf gahee guddaatu irraa eegama.

Your score is

The average score is 0%

0%

References