Skip to toolbar

Lesson 6 for Students

Barannoo 6ffaa: AADAA FI BARSIIFATOOTA MIIDHAA GEESSISAN (BMG)

Seensa

Aadaa fi Barsiifata Miidhaa Geessisan
Barannoo 5ffaa keessatti waa’ee koorniyaa barannee jirra. Barnoota
keenya kan har’a keessatti immoo dhimmoota aadaa ilaallatan baranna.
Boqonnaa kana keessatti hiikaa aadaa, faayidaalee isaa, dinqisifamumma
isaa, fudhatamummaa isaa, hawaasa keessatti iddoo qabuu fi adda
addummaa aadaa biyyaa fi sadarkaa addunyaatti ni qoranna. Dabalataanis
waa’ee barsiifata miidhaa Geessisan fakkeenyaf ummuriin osoo
hin gahin heerumuu dhaabuf maal gochuu akka qabnu ni hubanna.
Dhiyeessii boqonnaa kanaa kan eegalu hiika aadaa isa sirrii fi faayidaa
aadaa, eenyumma, tokkummaa fi obbolummaan aadan akkamitti akka
uumamu arguunidha. Fakkenyonni gochaalee aadaa murtaa’e barattootaf
ni dhiyaatu. Boqonnaa kana keessatti kutaa dhiyeessi dubbisuu
fi mari’achuu dabalatanis odeefannoo fakkiini fi bifa diraaman barsiifata
miidhaa Geessisan kan akka ummuriin osoo hin gahin heerumuu, kittaanuu
dubartootaa, butii fi humnaan gudeeduu sirriitti hubattu.
Gochaalee barannoo Har’aa
• Si’eessituu:Nagaa walgaafachuu sabaaf sablammoota fi ummattoota
biyya keenyaa(daqiiqaa 10)
• Yaadannoo Ijoo; waa’ee aadaa fi barsiifata miidhaa Geessisan ( daqiiqaa
40)
• Hojii Garee 1: Odeefannoo fakkii hojechuu( daqiiqaa 20)
• Hojii Garee 2: Dhimmicha irratti gareen mari’achuu( daqiiqaa 15)
• Guduunfaa fi Hoji manaa( daqiiqaa 5)

Learning Resources

Teaching Methodologies

Aadaa fi Barsiifata Miidhaa Geessisan
Aadaan maali?
Aadan ilaalcha, amantii fi haala jireenyaa waliinii hawaasa keessaat
ibsa. Aadan baay’edha. Aadan biyyaa biyyatti adda adda. Itoophiyaa
keessatti fakkeenyaf sabaa fi sablammoota 80 oltu jiru. Aadan tokkon
tokkoo isaani adda adda. Aadawwan keessa gosummaan, koorniyaa fi
ummurii giddugala kan godhate aadaa ijoon jiru. Aadaa baay’en of jalaa
tokko ykn aadaa dargaggootaa baay’ee qabu. Aadan dargaggootaa
mataa ofii danda’ee fudhatama fi iddoo kan qabu ta’a. Akkaataa uffannaa,
filannoo sirbaa (sirbaa aadaa fi ammayyaa) akkamitti akka waliigalan
akkasumas akkamitti akka walquunnaman agarsiisa.
Hawaasni duudhaa, amantii fi aadaf tilmaaama qabu akkamitti akka
waliigalan yaada wal jijjiiru. Barsiifataa fi aadawwaan afuuraa, wantoota
jireenya keessatti uummamuu danda’an kan akka ijoollee, fuudhaf
heerumaa fi du’aa ni kabaju.
Ittigaafatamummaaa fi hambaalee hawaasaa fi maatii keessa jiran akkamitti
akka wal faana deeman danbii teesisu. Kunis haala jireenyaa
irratti jijjiirrama ni fida. Fakkeenyaf oogummaa, uffata, nyaata, manneen,
deemsa fi Afaan….
Aadan maalif Fayyada
Hawaasni aadaa keessa jiraachuu qaba. Aadan hawaasni nagaan, waliigalteeni,
fi waliin haasa’uun jireenya fayyaalessa akka jiraatanii fi miira
waliif yaaduu, ittigaafatamummaa fi na galchaan jiraachun dhaloota
dhufuuf kallattiin akka taa’u taasisa. Aadan hawaasa hunda keessatti sirna waliin jiraachuu mul’isa. Aadan miseensa hawaasaa keessatti tokkummaa
jabeessa. Namni kamiiyyuu bilisummaan, kunuunsan eenyummaa
fi miirri kan keenyaa itti dhaga’amee akka jiraatu dandeessisa.
Yeroo tokko tokko aadaa ka’umsa godhachuun gochaan raawwatu
dargaggoota irratti miidhaa fi dhiibba taasisu. Fakkeenyaf Kittaanuu
Dubartootaa, Ummurii malee heerumuu fi gaa’ila dhaalummaa fa’a.
Gochaalen kuni dargaggoonni barumsaa fi kaayyoo isaanii irraa akka
gufatan taasisu.
Loogummaa saalaa: kuni aadaa ka’umsa godhachuun dhiira fi dhalaaf
gargaarsa guddaa ykn xiqqaa kennuudha. Fakkeenyaf qabeenya qoodachuu
fi dhaala irratti akkasumas aadaa tokko tokko keessatti dhiironii
abbaa taasifamu.
Agarsiistonni aadaa tokko tokko dargaggoota irratti dhiibbaa badaa
ta’an geessisu jettanii ni yaadduu?
Dhugaadha: Fakkeenyaf
• Dhiirotni ol-aantummaa haadha warraa irratti agarsiisun rukutuu
akka gocha sirri ta’eetti lakka’u
• Haadha manaa takkaa ol fuudhuun immoo hawaasa keessatti kabajaa
fi iddoo ol-aanaa akka argatan taasisa.
• Hubaatii fi tuxuqaan saalaa ni jajjabeefama.
Fuudha fi Heeruma Maatin Qophaa’e
Aadaa tokko tokko keessatti dubartootni maatii isaanitiif qabeenya argamsiisu.
Sababni isaas dubartiin takka yoo herumtu kennaan ni kennamaaf.
Fakkeenyaf loon gaanfaa. Aadan jireenya gara fuulduraa dubartootaa ni murteesa jedhamee yaaddama. Bilicceen aadaa akkanaa
kuni yeroo tokko tokko maatin ijoollee dubartootaa irratti heeruma
ummurii malee fi heeruma humna of keessaa qabu akka raawwatamu
taasifama..

Itoophiyaa keessatti barsiifata jireenya Dargaggootaa irratti miidhaa
Geessisan
Fuudha fi Heeruma Ummurii malee
Fuudha fi heerumni jireenya keessatti baay’ee barbaachisaadha. Fuudha
fi heerumni filannoodha. Filachuuf gahumsa barbaachisa. Biyyoota
guddachaa jiran keessatti dubartootni ummuriin isaanii heerumaaf
osoo hin gahin heerumu. Dubartootni baay’en ummurii waggaa
18ti gaditti heerumu. Ummurii malee heerumuun biyyoota sahaaraa
gadii fi kibba Eeshiyaa keesatti ni mul’ata. Itoophiyaa keessatti tarsimoon
(policy) dargaggootaa ummurii malee heerumuu fi adeemsa
fuudha fi heeruma humnaani ni morma.
Abbaan Masarat, Masarat barnoota sadarkaa 1ffaa akkuma fixxeen
Suuratti akka heerumtu gochuun waggaa tokko booda daa’ima ishee
jalqaba yeroo deessu qarqara boolla du’aa irraa hafte. Daa’imni
masaratii fi Suuraa lammaffaan durba turte. Haati suuraa immoo
ijoollen ijoollee isaani dhiira akka ta’u ture. Kana booda abba warraa
ishee faana dafani dafanii wal loluu eegalan. Masarat galii ishee dabaluuf
mana barumsaa Teekinikaa fi oogummaa seente.
Masarat ummurii malee heerumuuf Rakkoo isheerra Gahu Tarreessaa?

Filannoon fuudhaf heerumaa bilisaa fi fedhii Irratti kan hundaa’e:
Waliigalteen mirga daa’immanii Mootummoota gamtoomanii dargaggoonni
ilaacha mataa isaanii ibsuu akka danda’an teesisa. Isaanis
mirga hubaatii/miidhawwan kamiiyyuu irraa eeegamuu, barsiifata miidhaa
qaban irraa of eeguu, akkasumas waligalteen mootummoota
gamtoomanii loogummaan saalaa akka hafu fi ummurii malee heerumuun
dubartootaa akka dhoorkamu ni dandeesisu.
Rakkoolee fuudha fi heeruma Ummurii Malee
• Barnoota adda kutuu
• Carraa fi gahumsa ijoolle durbaa xiqqeessuu
• Hiyyummaan dabaluu. Kunis sababni ta’uuf barnoota isaanii itti
fufuu dhabuun galii idilee akka hin arganne waan taasisuufi
• Sababa adda addaatin hawaasa keessaa carraan qophaatti
baasuu ni dabala. Fakkeenyaf rakkoo Feestullaa yoo qabaatte.
• Ulfaa’uu irraa eegalee hanga deessutti rakkkoo xaxamaan ni quunnama
• Hubaatii saalaa ol-aanaa fi dhukkuba HIV tiif ni saaxilamu
• Ofitti amanamummaa fi carraa murtee kennuu fi oogummaa ni
dhabu
• Feestullaaf ni saaxilamu

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 6

Quiz for Lesson 6

1 / 8

6.1. Barbaachisummaan aadaa

2 / 8

6.2. Dhiibbaa aadaan boodatti hafaa tahe Itoophiyaa keessatti uumu kan ta’e kami?

3 / 8

6.3. Aadaalee boodatti hafoo ta’an keessaa tokko kan ta’e umurii malee heerumsiisuu mormuu qabna.

4 / 8

6.4. Dhiibbaan dhaqna qabaan dubartootaa, butii fi haadha manaa tokkoo ol fuudhuun dubartootarratti qabu maali?

5 / 8

6.6. Barmaatilee miidhaa fidan keessaa  bal’inaan bifa walfakkaataa ta’een Itoophiyaa keessatti kan raawwatamuu fi dhaabsifamuun irra jiraatu isa kami?

6 / 8

6.7. Aadaan yeroo hundumaa wanti gaarii tahe of keessaa qaba

7 / 8

6.8. Aadaan haala jireenyaa keenyarratti dhiibbaa geessisuu danda’a

8 / 8

6.9. Dhiibbaan umurii malee heerumsiisuun fidu kami?

Your score is

The average score is 0%

0%

References