Skip to toolbar

Lesson 6

Barannoo 6ffaa: AADAA FI BARSIIFATOOTA MIIDHAA GEESSISAN (BMG)

Kaayyolee Barannoo

  • Barattoonni maalummaa aadaa ni beekuu; faayidaalee aadaa hubatu 
  • Barattoonni aadaan kan yeroo waliin jijjiiramuu danda’u, addunyaa keessatti garaagarummaa kan qabuu fi yeroodhaa yerootti kan dagaagaa adeemu ta’uu hubatu.
  • Barattoonni aadaa fi gochaaleen barsiifataa akkamitti jireenya dargaggootaarratti dhiibbaa akka geessisan ni hubatu.
  • Barattoonni akkamitti faayidaalee aadaan jireenyasaanii fi hawaasa keessatti qabuun walbaruu akka danda’anirratti ni yaadu. 
  • Barattoonni maalummaa Gochaalee Barsiifatoota Miidhaa Geessisanuu (GBMG) fi gosootasaanii beeku.
  • Barattoonni walfakkeenyaa fi garaagarummaa aadaa fi Gochaalee Barsiifata Miidhaa Geessisanii hubatu.
  • Maalummaa aadaa fi faayidaalee aadaa ibsu
  • Garaagarummaa aadaalee fi adeemsa yeroo keessa akkamitti akka jijjiiramu fakkeenyaan kennuun agarsiisu.
  • Yoo xiqqaate caaccuulee aadaa Itoophiyaa afur ni tarreessu
  • Yoo xiqqaate Itoophiyaa keessatti Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan (GBMG) sadii ni tarreessu.
  • Umurii malee eerumuun, dubara daqna qabuun, dubra butuun, niitii ofii reebuun, dubartoota hedduu fuudhuun maaliif Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisanii fi faallaa mirgoota namoomaa akka ta’an ni ibsu.
  • Umurii malee eerumuun, dubara dhaqna qabuun, butiin, haadha warraa reebuun, dubartoota heddduu fuudhuun dubararratti miidhaa qaban kan ibsu sababoota afur ni tarreessu.
  • Garaagarummaa fi heddummina aadaaf bakka kennu; ni kabaju.
  •  Faayidaa aadaan hawaasa Itoophiyaa keessatti qabu ni ajaayibsiifatu.
  • Bu’aawwan caacculee aadaa gaarii ta’an fudhatanii ittiin jiraachuu fi babal’isuu fedhii ni horatu.
  • Gochaalee Barsiifata Miidhaa Geessisan keessumattuu yeroo malee eerumuu hubatanii hambisuuf qabsaa’u. 
  • Waliigalanii jiraachuu fi misooma keessatti aadaan akkamitti fayyadamuun akka danda’amu haala mijaawaa uumu.
  • Gochaalee Barsiifata Miidhaa Geessisanirratti akkamitti qabsaa’uun akka danda’amu gochaan agarsiisu.

Seensa

Dhimmoonni koorniya walitti dhufeenya ibsan barnoota dabran keessatti ka’aniifi mata-duree fuula duratti ilaallu mirga jedhu martinuu aadaa waliin kan walqabatanidha. Yaad-rimeewwan sadan walitti dhufeenyi, koorniyaa fi mirgi haala jireenya keenyaaf murteessuu keenyarratti dhiibaa geessisu. Aadaan kuusama ilaalchawwan, duudhaalee, amantaa fi amaloota hawaasni waliin qabu jechuudha. Aadaatuu eenyummaa gartummaa keenya nuuf murteessa.

Barannoon kun dhiyeessa maalummaa aadaa, faayidaalee eenyummaa, tokkummaa fi wal-ta’uu aadaadhaan uumamaniitiin eegala.  Gochaaleen aadaaf fakkeenya ta’an muraasnis barattootaaf ni dhiyaatu.  Barreeffama siif dhiyaatu dubbisuu fi irratti mariyachuutti dabalee, poostara hojjechuu himannaa mana murtii taphachuun barattoonni gochaawwan aadaa tokko tokko kanneen akka

dubara yeroo malee eerumsiisuu, dubara dhaqna qabuu,  butii, gudeeduu yeroo keessa kan eegalanii fi yeroo booda bu’a-dhabeessaa fi faalla mirgoota namoomaa ta’uusaanii sirriitti hubatu.  Gochaaleen aadaa kunneen uummata Itiyoophiyaa hedduurratti keessummattuu, dubara, dubartootaa fi maatiiwwan dhiibbaa jala jiranirratti miidhaa geessisaa turaniiru.  Barattoonni gochaalee aadaa garaagaraa jajjabeessuu fi gochaalee aadaa miidhaa geessisan balaaleffachuutu irraa eegama.

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee Barnootaa

1. Calaqqee

2. Sissi’eessituu– Ragadawwan Aadaa Itoophiyaa (daq. 10)

3. Dhiyeessa – Aadaa fi Gochaalee Barsiifata Miidhaa Geessisan (daq. 40)

4. Hoj-garee I: Mana Murtii keessatti (daq. 30)

5. Poostera Qopheessuu Hoj-garee II (Hoj-manee) (daq. 20)

6. Marii, goolabaa fi hoj-manee (daq. 5)

1. Calaqqee 

Waa’ee gochaalee calaqqee barnoota dabre keessatti qabxiilee muraasaa akka dhiyeessan barattoota muraasa gaafadhuu dhimmoota barannoo dabranii isa ammaa kanaan isa ammaa kana immoo kanneen dabran (koorniyaa fi mirgoota) waliin walqabsiisi.   

2. Ragadoota Aadaa (daq. 10) 

Galma

 Barsiisonnii fi barattoonni ragadawwan aadaa Itoophiyaa garaagaraa shaakalu

Akkamitti

  • Ragadawwaan aadaa Itoophiyaa adda addaa tarreessi. Oromoo, Guraagee, Gondor, Goojjam, Walaayittaa, Tigiree, Gaamoo, Hamar—-,
  • Barattoonni yeroo muraasa fudhatanii ragadawwan Itoophiyaa garagaraarratti mariyatanii kabaja aadaawwan Itoophiyaa garagaraaf qaban agarsiisu.  Barattoonni muraasni yoo qaanfatan barattoota sirriitti ragadan lama akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan agarsiisii gilgaalicha goolabi.

3. Dhiyeessa – Aadaa fi Jireenya Keenya (daq. 40)  

Galmawwan

  • Barattoonni waa’ee aadaa fi faayidaalee aadaarratti beekumsa dabalataa argatanii duudhaalee fi gochaalee aadaa hawaasa Itoophiyaa kan uummata isaanii ajaayibsiisatu.
  • Barattoonnii aadaan biyyoota addunyaa garaagara ta’uu yeroo keessa kan jijjiiramu ta’uu hubatu.
  • Barattoonni gochaalee aadaa bu’aa qaban deeggaruu fi kanneen miidhaa geessisan balaaleffachuuf ni onnatu

Akkamitti

Barattoonni barreeffama kennamuuf lama lamaan ijaaramanii dubbisanii irratti mariyatu. Barattoonni osoo dhiyeessicha dubbisuu fi irratti mariyachuu hin eegalin gaaffilee fi qabxiilee marii dhiyeessichaa waliin hojjechuu qabu.  

Dhiyeessichi mata-dureewwan armaan gadii of keessatti qabata: 

  • Aadaan maalii; maaliif baayyee barbaachisaa ta’a?
  • Adda addummaa aadaa, yaadiddama garee xiqqaa aadaa, fi aadaan addunyaarratti garaagara ta’uu
  • Aadaan akkamitti haala jireenya keenyaarratti dhiibbaa geessisa.
  • Aadaan dhaabbataa miti; yeroo waliin jijjiirama
  • Caacculee aadaa fi Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan
  • Fakkeenyawwan aadaa fi Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan
  • Umurii malee eerumuu, dhaqna-qabaa, butii…..aadaalee garagaraa keessatti fi dubarri maaliif ijoollummaan akka eeruman, daqna-qabatan, butaman….
  • Dhiibbaawwan umurii ijoollummaan eerumuu, dhaqna qabachuu, butamuu….dubaraaf qabu.
  • Mirgawwan bilisummaa fi guutuu murtii ofiitiin fuudhuufi eerumu
  • Maal gochuutu danda’ama?

Dhiyeessichi marii walii galaa daree guutuun geggeeffamuun xumuramuu qaba. Maricharratti gaaffileen ni ka’u, irratti mariyatama, gaaffileen deebii argatu. Gaaffii xumuraa, dubarri umurii daa’imummaan akka hin eerumne maaltu ta’uu qaba jedhurratti ibsa kennii, waa’ee barnoota itti aanuu “poostara qopheessuufi falmii mana murtii dubbadhuu xumuri.  

4. Mana Murtii keessatti Falmii geggeessuu taphachuu (daq. 30)

Galmawwan 

  • Barattoonni daa’imummaatti eerumuu akka gochaa aadaa miidhaa geessisuutti mormuuf yaada ka’umsaa argatu  

Akkamitti:-                 

Barattoota garee shanitti qoodi:

  • Garee 1: abbaa
  • Garee 2: dubra
  • Garee 3: Abukaatoo
  • Garee 4: Abbaa Seeraa
  • Garee 5: Abbaa Murtii 

Dabalata 

Tokko tokkoon garee barataa ga’ee mana murtii keessatti taphachuuf qopheessan kan taphatuuf tokko ni filata. Miseensonni garee marti wal ta’anii ga’eesaanii qopheessu. Barataa filatan ragaan deeggaraa, taphattoonni gareewwan biroos deebii akkamii akka kennan tilmaamaa qophaa’u. Yoo taphichi xumuramu taphataa ga’een ala baasuudhaan cimina mormii dhiyaatee fi beekumsa irraa argamerratti marii geggeessu. Barattoonni hubannoo horatan ykn beekumsa argatan hawaasa isaaniif akka dabarsanu jajjabeessi.

Ga’ee Taphachuu Falmii seeraa

1. Abbaa: Obbo Daadhii 

Ati abbaa waggaa 40 kan maatii guddaa bulchitudha. Haadha manaa kee waliin ijoollee dhiiraa waggaa 5 fi 7, dubara 6 kan umurii waggaa 5 hanga 15 qaban godhatteetta. Ganna dabre roobni ga’aan waan hin turreef hoomisha ga’aa hin arganne. Galiin keemmoo lubbuun jiraachuuf qofa si ga’a.

Kanaaf, intalti kee isheen hangafni Galaanee jedhamtu osoo eerumtee ni gammada. Hawaasicha keessatti dubarri marti umuriidhuma kanatti eerguma. Kunimmoo aadaadha. Galaaneen reefuu barnoota sadarkaa tokkoffaa xumurti. Akka ilaalcha keetti eeruma geesseetti.  Ilma hangafti maatii ollaa keetii kan maqaan isaa Faasil jedhamu Galaanee fuudhuuf fedhii akka qabu hubattee jirta. Faasil amma waggaa 25 waan ta’eef haadha warraa barbaaddataa jira. Maatiinsaa si caalaa dureessa waan ta’aniif Galaaneen yoo isatti eerumte jireenya gaarii jiraatti. Faasil Galaanee fuudhuu ni barbaada; Galaaneen garuu, Faasilitti eerumuu hin barbaaddu. 

2. Dubra: Galaanee 

Ati intala abbaa umurii 40 qabuuti. Haadhaa fi abbaa kee dabalatee obbolaa lama kan umurii 5 fi 7 qabanii fi obboleettiiwwan 5 umuriin isaanii waggaa 3 hanga 13 ga’an waliin jiraatta. Sababa gogiinsa Ganna dabreetiin maatiin kee galii ga’aa hin qabanu, lubbuun turuuf qofa waan ga’u qabu.

Abbaan kee Faasilitti si eerumsiisuuf murteesse. Amma barumsa sadarkaa tokkoffaa waan xumurteef, eerumuu geesseetta jedhee yaada. Faasil, gurbaan ollaa kee jiraatu si fuudhuuf gaafateera; ati garuu eerumuuf ammaaf qophii miti.  Faasil si fuudhuuf dulloomaadha yaada jedhus ni qabda. Barnoota sadarkaa lammaffaa itti fufuu barbaadda; kanaaf immoo wasiilli kee si gargaaruu ni danda’a.

3. Abbaa Seeraa

Abbaa waggaa 40 kan maatii guddaa bulchiturraa falmiin si mudate. Haadha manaa isaa waliin ijoollee dhiiraa waggaa 5 fi 7, dubara 6 kan umurii waggaa 5 hanga 15 qaban godhateera.. Ganna dabre roobni ga’aan waan hin turreef hoomisha ga’aa hin arganne. Galiin isaammoo lubbuun jiraachuuf qofa isaan ga’a.

Kanaaf, intalti isaa isheen hangafni Galaanee jedhamtu osoo eerumtee ni gammada. Hawaasicha keessatti dubarri marti umuriidhuma kanatti eerguman. Kunimmoo aadaadha. Galaaneen reefuu barnoota sadarkaa tokkoffaa xumurti. Akka ilaalcha abbaatti eeruma geesseetti.  Ilmi hangafti maatii ollaa isaa kan maqaan isaa Faasil jedhamu Galaanee fuudhuuf fedhii akka qabu ni beeka. Faasil amma waggaa 25 waan ta’eef haadha warraa barbaaddataa jira. Maatiinsaa maatii Galaanee caalaa dureessa waan ta’aniif Galaaneen yoo isatti eerumte jireenya gaarii jiraatti. Faasil Galaanee fuudhuu ni barbaada; Galaaneen garuu, Faasilitti eerumuu hin barbaaddu. Faasil ishee fuudhuuf dulloomaadha yaada jedhus ni qabdi. Barnoota sadarkaa lammaffaa itti fufuu barbaaddi; kanaaf immoo wasiilli ishee isii gargaaruu ni danda’a.

Ati yaada Galaanee ni deeggarta. Galaanee daa’ima waan taateef murtii akkanaa fudhachuuf hin geenye. Barnoota sadarkaa lammaffaa itti fuftee gara fuula duraatti ofiishees maatiishees gargaaruu qabdi.

4. Abukaatoo

Ati akka abukaatootti Obbo Daadhiidhaaf falmuu qabda; Obbo Daadhin waggaa 40. Haadha manaa isaa waliin ijoollee dhiiraa waggaa 5 fi 7, dubara 6 kan umurii waggaa 5 hanga 15 qaban godhateera.. Ganna dabre roobni ga’aan waan hin turreef hoomisha ga’aa hin arganne. Galiin isaammoo lubbuun jiraachuuf qofa isaan ga’a.

Kanaaf, intalti isaa isheen hangafni Galaanee jedhamtu osoo eerumtee ni gammada. Hawaasicha keessatti dubarri marti umuriidhuma kanatti eerguman. Kunimmoo aadaadha. Galaaneen reefuu barnoota sadarkaa tokkoffaa xumurti. Akka ilaalcha abbaatti eeruma geesseetti.  Ilmi hangafti maatii ollaa isaa kan maqaan isaa Faasil jedhamu Galaanee fuudhuuf fedhii akka qabu ni beeka. Faasil amma waggaa 25 waan ta’eef haadha warraa barbaaddataa jira. Maatiinsaa maatii Galaanee caalaa dureessa waan ta’aniif Galaaneen yoo isatti eerumte jireenya gaarii jiraatti. Faasil Galaanee fuudhuu ni barbaada; Galaaneen garuu, Faasilitti eerumuu hin barbaaddu. Faasil ishee fuudhuuf dulloomaadha yaada jedhus ni qabdi. Barnoota sadarkaa lammaffaa itti fufuu barbaaddi; kanaaf immoo wasiilli ishee isii gargaaruu ni danda’a.

5. Abbaa Murtii

Ati akka abbaa murtiitti eenyu akka qabu murteessuu qabda. Obbo Daadhin waggaa 40. Haadha manaa isaa waliin ijoollee dhiiraa waggaa 5 fi 7, dubara 6 kan umurii waggaa 5 hanga 15 qaban godhateera.. Ganna dabre roobni ga’aan waan hin turreef hoomisha ga’aa hin arganne. Galiin isaammoo lubbuun jiraachuuf qofa isaan ga’a.

Umuriin waggaa 15 kan taate intaltisaa isheen hangafti Galaaneen, akkuma aadaa hawaasa naannootti dubarri waggaa 15 eerumuu danda’an Faasilitti eerumsiisuu barbaade. Ilmi hangafti maatii ollaa isaa kan maqaan isaa Faasil jedhamu Galaanee fuudhuuf fedhii akka qabu ni beeka. Faasil amma waggaa 25 waan ta’eef haadha warraa barbaaddataa jira. Maatiinsaa maatii Galaanee caalaa dureessa waan ta’aniif Galaaneen yoo isatti eerumte jireenya gaarii jiraatti. Faasil Galaanee fuudhuu ni barbaada; Galaaneen garuu, Faasilitti eerumuu hin barbaaddu. Faasil ishee fuudhuuf dulloomaadha yaada jedhus ni qabdi. Barnoota sadarkaa lammaffaa itti fufuu barbaaddi; kanaaf immoo wasiilli ishee isii gargaaruu ni danda’a.

4. Aadaa fi Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan irratti Deeggarsa kennuu: Poostera Qopheessuu fi Hoj-manee (daq. 20) 

Galmawwan

  • Barattoonni gochaalee aadaa bu’a-qabeessa ta’an deeggaruufi gochaalee aadaa miidhaa geessisan mormuun barbaachisaa ta’uurratti mariyatu.
  • Barattoonni gochaalee aadaa filataman irrattipostera qopheessu.

Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan dhiyeessa keessatti ka’an keessa kanneen hedduu miidhaa hin geessisneefi kanneen caalaatti miidhaa geessisanii fi umurii dubarri itti eeruman akkamitti dheeressuu akka danda’an irratti barattoota waliin mariyadhu. Odeeffannoo koorniyaa fi mirgootaa barnoota 6 keessaa argatte maricha keessatti fayyadami.  Barattoonni Gochaalee Barsiifataa hagana miidhaa hin geessisnee fi hedduu geessisan keessaa kan kanneen deeggaruu barbaadan garee afur afuriin ijaaramanii filachuudhaan tartiibaan akka kaa’an taasisi.

 Marii kana keessatti dargaggoonnis hirmaachuu qabu. Yaada furmaataa akka kennan jajjabeessi. “Ati osoo dubara taatee, dhaqna akka qabattu, daa’imummaan akka eerumtu, si dirqisiisan, dhirsi kee si reebe, sirratti fuudhe maal goota?” jedhii gaafadhu…

Poostera Qopheessuu: 

Akkamitti

Tartiiba 1

  • Barattootatti odeeffannoo poostarri akkamitti akka hojjetamu ibsu agarsiisi. (Xumura barannoo kanaa ilaali).

Tartiiba 2

  • Barattoonni garee miseensota afur qabu ijaaruun hojjetu. Lama lamaan qoodamanii gochaalee aadaa filatu. Lama gochaa aadaa bu’a-qabeessa, lamammoo miidha-qabeessa filatu. Itti aansanii lameedhaan gochaa miidhaa qabu yookiin bu’aa qaburratti poostera qopheessu. Jalqaba, fayyadamtoota poostera isaanii filatanii ergaasaa qindeesu. Ergaan kun miidhagaa fi nama simatu, hunda galeessa, ergaa ifaa kan dabarsu, kan nama amansiisuu fi amantaan irra kaa’amuu fi fayyadamtoonni akka eenyummaa isaaniitti ilaalan ta’uu qaba.

Tartiiba 3

  • Barattoonni poostaroota isaanii gochaalee aadaa tokko tokko jajjabeessuu fi kanneen immoo hambisuuf akka tajaajilanutti ni miidhagsu. Poostaricha waraqaaa A4 kan wal gitu ta’uu qabu. Barattoonni haala naannoo isaaniirratti hundaa’uudhaan poostara isaanii qopheessu.

Tartiiba 4 

  • Barattoonni daree keessa naanna’anii poostaroota aadaarratti qophaa’an hunda ilaaluudhaan qeequ yookiin yaada irratti kennu. Barattoonni gochaalee aadaa baayyee gaarii ta’an jajjabeessuu ilaalcha keessa galchuudhaan poostaroota irratti mariyatu.
  • Bakka poostarri isaanii fayyadamtoota ergaa waa’ee aadaa akka dabarsu filatamaniif ifatti maxxansamu irrattis yaada kennu.

Tartiiba 5  

  • Barattoonni poostaricha fannisuuf bakka baayyee mijataa naanoo hawaasa isaanii keessaa adda baafatu. Achiin booda, poostaroota kunneen sassaabii daree keessatti maxxansi.

5. Marii, Goolabaa fi Hoj-manee (daq.10) 

Galma 

 Barattoonni ergaawwan ijoo barannicha keessatti dhiyaatan cuunfanii ibsu.

Akkamitti  

  • Barattoonni daree keessa naanna’anii poostaroota aadaarratti qophaa’an hunda ilaaluudhaan qeequ yookiin yaada irratti kennu. Barattoonni gochaalee aadaa baayyee gaarii ta’an jajjabeessuu ilaalcha keessa galchuudhaan poostaroota irratti mariyatu. Bakka poostarri isaanii fayyadamtoota ergaa waa’ee aadaa akka dabarsu filatamaniif ifatti maxxansamu irrattis yaada kennu.

Hoj-manee

  • Barattoonni hawaasa isaanii keessatti Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan keessaa kanneen baayyee miidha geessisanuu fi baayyee hin geessisne akka adda baasan jajjabeessi. Tokko tokkoon barataa baayyee Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Geessisan lamaa fi kanneen baayyee hin geessisne lama adda baasanii dabtara yaadannoo isaaniirratti katabuudhaan akkaataa irratti qabsaa’uun danda’amus yaada kennu.

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 6

Quiz for Lesson 6

1 / 8

6.1. Barbaachisummaan aadaa

2 / 8

6.2. Dhiibbaa aadaan boodatti hafaa tahe Itoophiyaa keessatti uumu kan ta’e kami?

3 / 8

6.3. Aadaalee boodatti hafoo ta’an keessaa tokko kan ta’e umurii malee heerumsiisuu mormuu qabna.

4 / 8

6.4. Dhiibbaan dhaqna qabaan dubartootaa, butii fi haadha manaa tokkoo ol fuudhuun dubartootarratti qabu maali?

5 / 8

6.6. Barmaatilee miidhaa fidan keessaa  bal’inaan bifa walfakkaataa ta’een Itoophiyaa keessatti kan raawwatamuu fi dhaabsifamuun irra jiraatu isa kami?

6 / 8

6.7. Aadaan yeroo hundumaa wanti gaarii tahe of keessaa qaba

7 / 8

6.8. Aadaan haala jireenyaa keenyarratti dhiibbaa geessisuu danda’a

8 / 8

6.9. Dhiibbaan umurii malee heerumsiisuun fidu kami?

Your score is

The average score is 0%

0%

References