Barannoo 7ffaa: Haqa Fayyummaa Sirna Hormaataa fi Ittigaafatamummaa
Seensa
Boqonnaan kun kan barsiisu daa’imman dhimmoota argachuu qaban
barumsa kennuu dha. Kana jechuun dhimmoota argachuu
qabnu beekuu, kanneen biro argachuu, kan qaban kabajuu fi hawaasni
dhimmoota argachuu qabnuuf deegarsa akka gochuu qaban
kan barsiisudha. Kaayyon boqonnaa kanaa barattootni waa’ee haqa
daa’immanii mootummoota gamtoomaniitin bahe hubannoo akka
argatanii fi daa’imman beekumsa kanaan cimaa akka ta’an taasisuu
dha. Barattoota daa’imman waan argachuu qaban marii ifa ta’e isaan
barbaachisa. Kan isaan barbaachisus kanneen biraa irraa adda ta’uu
ni mari’atu.
Barattootni bakka lamatti qoodamuun tokkoon tokkoo garee wantoota
argachuu qaban kan itti amananii fi bu’aa hawaasaf buusu
tareessun poostera qopheessun beeksisu.
Gochaalee Barannoo Har’aa
• Si’eessituu: Jireenya kiyyatti kanan hin daganne (daqiiqaa 5)
• Haqoolee Daa’immanii: Dhiyeessi (daqiiqaa 40)
• Poosterii Qopheessuu (daqiiqaa 30)
• Marii, Guduunfaa fi Hojii manaa (daqiiqaa 10)
Learning Resources





Teaching Methodologies
Haqoota Daa’immanii
Haqoota daa’immanii mootummoonni gamtoomanii teessisu keesa
daa’imman argachuu kan qaban: haqa fayyummaan eegamuu, nageenya,
gargaarsa fi yaada bilisaan ibsuu yoo tuqaman wantoota argachuu
qabaniif akka qabsa’anii fi dirqama isaanii akka beekan ni ibsa.
Wantoota argachuu qabdan eerun dura beekuu kan qabdan:
• Haqoonni kun eessaa dhufan?
• Haqoonni kun eenyufi?
• Haqoonni kun maalif kennaman?
• Haqoonni kun eenyu fa’a fi maal jechuudha?
• Eenyu ittigaafatamaan?
Haqoonni daa’immanii kun miseensota dhaabata mootummoota gamtoomaniitin
labsame. Waligalteen haqa daa’imanii kuni biyyota baay’ee
miseensa mootummoota gamtoomanii ta’aniin Itoophiyaa dabalatee
mallatteefamee jira. Haqoonni kun daa’imman waggaa 18tii gadi jiran
dhiirotaa fi dubartoota hundaaf kan bahee dha. Kunis dureessa fi hiyyeessa,
fuudha fi heeruma kan raaawate/tte fi kan hin raawanne, amantii
kamiiyyuu kan qabu, bifa, saba, saala fi haala fayyumma fakkeenyaf HIV
poosotiivii kan hin foone/adda kan hin baasne dha.
Haqoonni daa’immanii kun barattootni waan amanan akka dubbatanii
fi akka murteessaniif gahumsa akka qabaatan kan dandeessisuu dha.
Fayyummaa sirna hormaataa ilaachisee dargagoota wantoota isaan barbaachisu
ni ilaalla.
- Of-Ta’uu: Haqa of ta’uu murtessuuf bilisummaa, of-ibsuu, saalummaaf
ilaalcha gaarii qabaachu dha. Of-eegachuu, fuudhuu/heerumuu
ykn fuudhuu/heerumuu dhiisuuf, karoora maatii irratti murteessu of
keessatti qabata. Qaalkidaan garee kubbaa miilaa dubartootaa keessatti
hammatamuun taphachuu eegaltee jirti. Adaadan ishee kubbaa
miilaa taphachuun kan dhiirotaati jechuun akka dhaabdu barbaaddi.
Hiriyoonni ishees akkasuma. Qaalkidaan kubbaa miilaa taphachuu itti
yaa fuftuu? Namni kamiiyyuu ilaalcha isaa fi ilaalcha nama biraa eeguu
itti gaafatamummaa qaba. Kanaafuu Qaalkidaan nama kamiiyyuu
irratti hanga miidha hin geessisnetti tapha kubbaa miilaa itti fufuu ni
dandeessi.
- Haqa Beekuu: fayyummaa sirna walhormaataa keenya irratti murteessuu,
waa’ee saalummaa, karoora maatii, dhukkuboota walquunnamtii
qaama saalatiin daddarban, HIV/AIDsii fi odeefannoo biraa
argachuu ni dandeenya. Xummuriin ijoolle ummurii waggaa 14
ti. Waa’ee karoora maatii beekuu barbaaddi. Waa’ee karoora maatii
kan ibsu barreefamoota yeroo dubbistu haati ishee argitee ummuriin
kee hin geenye jechuun morman. Xummuriin waa’ee karoora
maatii odeefannoo argachuu ni dandeesii? Xummuriin akka haqa
daa’immaniitti haqa odeeffannoo argachuu qabdi jedhamee caqasamee
jira. Kanaafuu filannoo ishee irratti murteessuu ni dandeessi.
Barsiisotaa fi Maatiwwaniif: Barnootni saalummaa kuni kan fayyadu
dargaggoota sirna hormaataan fayyaalessa ta’an, walitti dhiyeenya
hiriyummaa ittigaafatamummaa qabu akka hubatanii fi karaa sirrii
akka hordofanidha. Dargaggoonni dhukkuba walquunamtii qaama
saalatiin dadddarbanii fi HIV/AIDsii, ulfa yeroo isaa hin eegganne irraa
akka of eegan ni dandeessisa. Barnootni saalummaa kan xiyyeefatu
dhimmoota saalummaa ijo ta’an irratti. Saalummaan uummamaan
kan jiruu fi qaama jireenya keessas tokkodha.
Barnootni saalummaa ilaalchota hin barbaachisne murtaa’oo irratti
kan xiyyeefatu yoo ta’u gosti barnootaa kuni dhimma uummamaa ti
Barnootni sirna walhormaataa:
• Haala walquunnamttii qaama saalaa hin ariifachiisu
• Tooftaalee walquunnamtii qaama saalaa hin barsiisu
• Ummurii giddugala kan godhateedha
Heerri mootummaa Itoophiyaa namni kaamiiyyuu waa’ee fayyummaa
sirna hormaataa odeefannoo akka argatan ni deegara. - Fayyummaa Eeggamuu: Rakkoo fayyummaa sirna walhormaataa fakkeenyaaf
HIV/Aidsin dhukkubsataa nu gochuu fi nu ajjeesuu ni danda’a.
Odeefannoo, oogummaa, fi taajajilli filannoo gaarii akka murteessinuu
nu gochuun fayyummaa keenyas ta’e kan biro eeguu nu dandeesisa. Dabalataanis - Of-eegachuu fi Eegumsa Argachuu: ulfa itti hin yaadaamnee, dhukkuboota
walquunnamtii saalan darban, HIV/AIDsi, kittaanuu, tuxuqqii
saalaa fi gudeeddii irraa eeggamuun haqa taa’e yoo ta’u kana jechuun
namni kamiiyyuu osoo hin barbaadin gocha kaamiiyyuu dhiibban raawwachuu
hin qabu.
Kittaanun dubartootaa dubartootaf sirriidha jettanii yaaddu? Eeyyee/
Miti
Barsiifanni tokko tokko fayyummaa keenya kan miidhan yoo ta’u fi
haqoota keenyas kan faallessanii dha. Kunnenis fuudha fi heeruma ummurii
malee, kittaanuu dubartootaa, qaama hormaata dubartii tatarsaasuu,
kabajaaf jecha ijoolle durbaa ajjeesuu fa’a hammata. Akka heera
Itoophiyaatti fi labsii mirga daa’immanii dhaabata mootummota gamtoomaniitti
barattootni leenjii oogummaa jireenyaa akka argatan yoo deegaru, hubaatii qaamaa garuu ni morma. Dubartootni hiriyoota fiobboloota dubaraa isaanii waantoota isaan barbaachisu beeksisuu ni danda’u. kan biraa immoo kittaanuu dubartii irraa akka eeggamani fi waa’ee haqa isaanii odeefannoo argachuu qabu.
- Tajaajila Eegumsa Fayyaa: dargaggoonni tajaajila fayyaa argachuu
isaan barbaachisa. Namni kamiiyyu tajaajila fayyaa haqa, kabaja,
qulqullina qabu gatii madaalawaan argachuu qaba. Teediroos
gara buufata fayyaa deemun dhukkuboota walquunnamtii saalatiin
darban qoratamuuf gaafate garuu ni sodaate. Sababni isaas walquunnamtii
qaama saalaa of-eeggannoo hin qabne gochuu isaa fi
ijoolle ta’uu isaatin Narsiin deemi jetteeni. Narsiin akkana jechuun
ishee sirriidhaa? Eeyyen/ Miti
Dhugummaan isaa Narsiis ta’ee ogeessi fayyaa kamiiyyu ummurii fi
amala nama kamiiyyuu murteessuu hin danda’an. Dargaggoonni ofii
isaanitii murtee sirrii akka murteessaniif gorsaa fi tajaajila quubsaa
kennuu dirqama qabu. - Murtee irratti Hirmaachuu: murteewwan waa’ee fayyumma sirna
walhomaataa keessan irratti yoo murtaa’u isin dhimmicha keessatti
murtee kennuu gahee qabdu. Miirri fi yaadni keessan kaan biratti
fudhatama qaba. - Odeefanono Hiruu: Hundi keesanuu waa’ee eegumsa fayyummaa
sirna walhormaataa beekuu ni dandeessu. Fakkeenyaf qamni
keenya akkamitti akka hojjetu, waa’ee ulfaa, qusanno maatii, waa’ee
dhukuba walquunnamtii qaama saalaa fi waa’ee maalii akka barattan
hiriyoota wajjin mari’achuu, beeksisuu, fi fayyadamuu ni dandeessu.
Hawaasa waa’ee fayyummaa sirna hormaataa barsiisuu, hubannoo
qusannoo maatii irratti qabu guddisuun ni danda’ama. Bara 2000tti
paarlaamaa dargaggootaa sadarkkaa idila Addunyaatti dhukkuboota
walquunnamtii saalaa HIV/Aidsii dabalatee fi dhimmoota saalaa hubannoo
kenuuf waligaltee irra gahamee jira.
Haqaa fi Dirqama
Akkuma ilaallu haqoota baay’etu jiru. Haqoota nama barbaachisan kaneen
hojiirra oolchuf ittigaafatamummaa kan fudhatu eenyu?
• Mootummaa
• Maatii
• Hawaasa
• Isa/ishi/Isin
Deebin sirriin: Hunduma
Mootummaa fi hawaasni gahee guddaa qabu. Isinis gahee guddaa qabdu.
Haqa keessan barbaaduu fi ol kaasun namootni naannoo keessan
jiran haqa isaanii akka kabajanii fi kan namoota biraa immo akka hin
dhiibne dirqama qabu.
Dirqamni dargaggootaa kan armaan gadiit hammata:
• Fayyummaa sirna walhormaata dhuunfaa eeguu akkasumas kan
hiriyootaa fi jaalallewwanii eeguu
• Dargaggoota kaanif waa’ee sirna hormaataa odeefannoo fi barumsa
kennuu
• Naannooo jiraattutti waa’ee fayyummaa sirna walhormaataa irratti
hirmaannaa hoo’aa gochuun beeksisuu qabdu
Itti gaafatamumma mootummaa fi dhaabbile Dargaggoota Tajaajilanii
• Fayyummaa sirna walhormaata dargaggootaa eeguu fi eegumsa
taasisuu
• Dargaggoota, hawaasa, bulchitoota fi maatii sirna walhormaataa
fi haqa isaanii irratti odeefannoo kennuu fi barsiisuu
• Tarsimoo/poolisii dargaggootaa irratti dargaggoonni hundinuu
sagantaa bahu, raawwatamuu fi qorannaa irratti akka hirmaatan
taasisuu
• Dargaggoota miira hiriyummaan itti hiiqun tajaajila fayyummaa
sirna hormaataa sirrii, ifaa fi osoo hin komatin tajaajila fayyaa
kennuu
Haqaa fi Dirqama keessan yaadadhaa!