Skip to toolbar

Lesson 7

Barannoo 7ffaa: MIRGAA FI ITTI GAAFATAMUMMAA KEE

Kaayyolee Barannoo

  •  Barattoonni mirgoota akka dhala namaatti qaban beeku. 
  • Barattoonni dhimmoota hojiirra oolmaa mirgoota kunneeniitti gufuu ta’an muraasa ni hubatu.
  • Barattoonni mirgoota daa’immanii kunneen akkamitti ireenya isaanii fi hawaasasaanii keessatti beeksisuu akka dabda’an irratti yaadu. 
  • Mirgoonni daa’immanii maal akka ta’an, eenyuun akka qopheesse, eessaa akka dhufan, mirgoota kunneen hojiirra oolchuuf eenyu itti gaafatamummaa akka qabu, dhalla namootaa addunyaa kanarra jiru maraaf dargaggoota dabalatee mirgoonni kunneen barbaachisaa ta’uu ibsu.
  • Yoo xiqqaate mirgoota saalummaa fi faayyaa saala hormaataa dargaggootaa fi dargaggeeyyiin walqabatan afur ni tarreessu. 
  • Mirgoonnii fi dirqamoonni akkamitti akka walqabatanuu ibsuudhaan dirqamoota lama tarreessu.
  • Dargaggoonni mart dhiiraa fi dhalaan mirga barachuu fi tajaajila fayyaa dargaggootaaf mijaawaa fi dhiibbaa namootaarraa bilisa ta’e argachuu akka qaban ni hubatu.
  • Barbaachisummaa mirgoota daa’immanii fi dargaggootaa akkasumas mirga ofiif dhaabbachuutiif falmu 
  • Namoonni marti jaras dabalatee mirgoota deeggaramuu, gargaaramuu, nageenyisaanii eegamuu fi kunuunsa maatii, hawaasaa fi mootummaa argachuu akka danda’an ni falmu.
  • Mirgoota mataasaaniifi kan namoota biroof bakka kennu; ni kabajus
  • Mirgoonni kunneen akkamitti akka jaraan walqabatanuu fi yoo mirgoota kunneen sarbaman maal gochuu akka qaban ni hubatu.
  • Mirgoota isaanii falmachuu fi beeksisuuf haala mijaawaa uumuu.

Seensa

Ijoon barannoo kanaa mirgootaa fi dirqamoota daa’immanii ti. Kana jechuun, mirgoota kee beekuu, mirgoota namoota biroos kabajuu, mirgoota hawaas keessa jiranu deeggaruu jechuudha.

Barnooticha haala kanaan barattootatti beeksisuu ni dandeessa:  Barnootichi waa’ee mirgoota daa’immaniiti. Barnoota kana booda Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii mirgoota kunneen akka siif kenne ni hubatta. Egaa, erga mirgoota kunneen hubattee booda, mirgoota siif kennamanii fi mirgoota falmachuu qabdu ni beekta. Galma biyyi keenya Itoophiyaa fi biyyoonni miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bira ga’uuf yaalaa jiran ni beekta. Dhiyeessa gabaabduu mirgoota daa’immaniirratti kennamu waa’ee mirgoota kunneenii ni beekta. Itti aansuun, mirgoonni kunneen hojiirra oolaa jirachuu fi hojiirra ooluu akka qaban ni mariyanna. Kana booda, hiryoota kee waliin ta’uudhaan mirgoota daree barnootaa keessatti hojiirra ooluu qaban keessaa kan hedduu murteessaadha jettee amantu tokkoof falmatta. Poostara qopheessuun hawaasatti deemii himi. Gabaabumatti, mirgoota kee beeki, mirgoota namoota biroommoo kabaji; mirgoota hawaasaa deeggari!

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee Barnootaa

1. Calaqqee 

2. Si’eessituu – Jireenya koo keessatti yeroo an gammachuun dabarse (daq. 15 M)

 3. Mirgoota Daa’immanii – Dhiyeessa (daq. 40) 

4. Poostera Qopheessuu fi Marii (daq. 40) 

5. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 10)

1. Calaqqee (daq. muraasas) 

Jireenyasaanii keessatti yeroo dhihoo kana keessa, haala dhimmi koorniyaa isaan fayyade yookiin isaan miidhe mudateera yoo ta’e gaafadhu.

2. Jireenya koo keessatti yeroo an gammachuun dabarse (sissi’eessituu daq – 5)  

Galma 

  • Barattoonni waa’ee waliisaanii heddumminaan barachuudhaan mudannoowwan jireenyasaanii keessatti isaan gammachiisan waliif qoodu.

 Akkamitti 

Tartiiba 1 

Barattoonni hundi akka dhaabbatan yookiin geengoo hojjetanii taa’an taasisi. Barattoonni jireenyasaanii hanga ammaa keessatti yoom baayyee akka gammadan akka himan gaafadhu. Yeroo qabdurratti hundaa’uun barattoota muraasa yookiin hundasaanii gaafadhu.

3. Mirgoota Daa’immanii Dhiyeessa (daq. 40) 

Galma

  • Barattoonni waa’ee fayyaa qaamolee wal-hormaataatiin wal-qabatee  mirgoota dhalli namaa hundi qaban ni baratu;
  • Barattoonni of danda’ummaatu itti dhaga’ama. 

Akkamitti 

Tartiiba 1 

Barattoonni barreeffama kitaaba barataa keessa jiru ni dubbisu. Qabxiileen marii dhiyeessa san waliin kennamaniiru. Barattoonni dhiyeessa itti aanutti osoo hin tarin barattoonni qabxiilee armaan gadiirratti waliin mariyachuu qabu.

Dhiyeessichi mata-dureewwan armaan gadii haammata:  

1. Mirgi maal? 

2. Mirgoonni kunneen eessaa dhufan? 

3. Mirgoonni kunneen eenyuuf kennaman? 

4. Mirgoonni kunneen maaliif barbaachisan?

5. Mirgoonni kunneen maalfaadhaa; maal jedhu?

 6. Dirqamoonni keenyammoo maali?

4. Poostera Qopheessuu fi Marii (daq. 40).  

Poostera Qopheessuu

Galmawwan

  • Barattoonni odeeffannoo mirgoota daa’immanii sirriitti ofitti fudhachuudhaan mirgoota kunneen keessaa kanneen hawaasa isaaniitiif hedduu bu’a-qabeessa jedhanii amanan kam akka ta’aniifi maaliif akka ta’an ni ibsu. 
  • Barattoonni mirgoota daa’immannii naannoosaaniitti akka hojiirra oolan barsiisuuf ni onnatu.

Gilgaalli kun waraqaa fi irsaasii fayyadamuun hojjetama: 

Dabalata

Poostarri gaariin ijatti ni tola; dubbisuufis saphaadha; ergaa ifa ta’ee fi hubatamuu danda’uu fi ergaa nama amansiisu kan qabudha. Barattoonni mallattoolee adda addaa, bakkuusaa ykn fakkiiwwan poostera isaanii lubbu-qabeessa taasisan galchuu ni danda’u.   Poosteroota hojjechuuf ofumasaaniif fakkii kaasuu ykn barruulee keessaa kutanii wal-qabsiisuu ni danda’u.

Akkamitti 

Tartiiba 1 

Barattoonni gilgaala kana lama lama ta’anii hojjetu. Tokko tokkoon lamee mirga hawaasa isaanii keessatti akka hojiirra oolu barsiisuu barbaadan filatanii poostera qopheessuuf. 

Tartiiba 2 

Barattoonni mirgichi hawaasa isaanii keessatti maaliif baayyee barbaachisaa akka ta’e ibsuuf sababoota muraasa barreessuudhaan yaadasaanii cuunfanii goolabu.  

Tartiiba 3

Barattoonni ergaasaanii sirriitti dabarfachuuf poosteroota isaaniif miidhaginaa teessuma gaarii uumuudhaan kuulu. Poosterichi waraqaa bal’ina A4 tokko akka wal-simutti qophaa’a. Barattoonni poostera isaanii waraqaarratti qopheessu.

Tartiiba 4 

Barattoonni poostera isaanii halluu dibuu ykn qalamaan kuuluu danda’u.

Poosterootarratti Mariyachuu

Akkamitti

  • Barattoonni walitti qabamanii poosteroota hojjetaman hunda ilaalu.
  • Barattoonni poosteroota ilaan keessaa kan hunda caalaa milkaawaa ta’ee fi maaliif milkaawaadha akka jedhan ni mariyatu.
  • Barattoonni poosteroota hawaasni ergaasaanii arguu akka danda’utti eessa kaa’uun akka danda’mus yaada ni kennu.
  • Bakka barattoonni poosteroonni akka kaa’aman yaada kennan mijaawoo ta’uu fi dhiisuu mirkaneeffadhu.

5. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 10)  

Barattoonni ergaawwan baratan cuunfanii ibsu.

Hoj-manee

Tokko tokkoon barataa dabtara yaadannoo irratti hawaasa isaanii keessatti mirgoonni daa’immanii yoo sarbaman waan argan barreessu.  Barattoonni bakka poosteroota isaanii itti fannisan barbaaddachuu qabu.

Barreeffamoota: 

Fuula itti aanu irratti barreeffama seerawwan biyya keenya Itoophiyaa kanneen fayyaa qaama hormaata saalaatiin walqabatan ni ilaalta. Barsiisonni barreeffamicha akka odeeffannoo bu’uuraatti akka dubbisanu ni gorsamu. 

Barruu: Seerawwan Itoophiyaa kanneen fayyaa qaama hormaata saalaatiin walqabatan

Hiika umurii hayyamamuu:  Umuriin hayyamamu umurii namni tokko quunnamtii saalaa raawwachuuf ykn gaa’ela ijaarrachuuf ga’aa ta’u jechuudha. Akka heera Rippabiliika Itoophiyaatti waggoota 18. 

  • Akka Heerichaa, Keeyyata. 31(1) tti: Dhiirri fi dhalaa waggaa kudha saddeetii fi isaa olii fuudhee ykn eerumee maatii waliin ijaarrachuuf, mirga qabu; gaa’ela keessattis, yeroo gaa’elaa fi addaan kutuufis mirga walqixa qabu.  Hiika gudeeduu:  Akka Seera Adabaa, keeyyata xiqqaa 123:  namni kamiyyuu seeraan ala dubartii ykn dubra waliin quunnamtii saalaa hayyamasheetiin ala, yookiin hayyama sheetiin, yoo hayyamni sun humnaan, sodaachisuun, doorsisuun, miidhaa qaamaa irra ga’u sodaachuun,

haala quunnamtichaarratti hundaa’uun gowwoomsuun, yoo dubartii abbaa manaa qabdu taate dhirsasheetiin walqabsiisuun badiin dalagame jechuudha.

  • Keeyyata xiqqaa 124. Adabbii gudeeddii: Namni badii gudeeddiin himatamee irratti ragaan mirkanaa’e du’aan adabama.
  • Keeyyata xiqqaa 125. Gudeeduuf yaalii godhamu: Namni gudeeduuf yaale kamiyyuu badiin yoo itti mirkanaa’ee hidhaa umurii guutuu adabbii qaamaa waliin yookiin addabbii qaamaa malee adabama.

Hiika durbummaa balleessuu: Durbummaa balleessuu jechuun dubra umurii waggaa 18 waliin seeraan ala quunnamtii saalaa geggeessuudha.

  • Adabbii durbummaa balleessuu:  Keeyyata xiqqaa 129 tti namni dubra umurii waggaa 18 waliin seeraan ala quunnamtii saalaa geggeesse dubummaa balleesse: 
  • Namni dubra umurii waggaa 18 waliin seeraan ala quunnamtii saalaa geggeessee ragaan itti mirkanaa’e du’aan adabamuu danda’a. 
  • Namni kamiyyuu dubra umurii waggaa 18 waliin seeraan ala quunnamtii saalaa geggeessuuf yoo yaalee ragaan itti mirkanaa’e hidhaa waggaa 18 adabbii qaamaa waliin yookiin adabbii qaamaa malee adabama.  

Hiika ulfa addaan kutuu ykn baasuu:   Ulfa baasuu jechuun itti yaadanii ulfa garaa keessaa umurii daa’imni itti dhalatu ji’oota sagal dura garaa haadhaa keessaa baasuudha.

Heerri Mootummaa Rippuubiliika Yugaandaas gocha kana ni dhorka. Akkana jedha:

Keeyyata 22: 

 Namni kamiyyuu osoo mana murtii seera-qabeessa badii dalagamerratti murtii kennuuf ga’umsa qabuun yoo itti murtaa’e malee seera Yugaandaa jalatti lubbuusaa dhabuu hin qabu.  Murtiin du’aa kan dabruu danda’u mana murtii olaanaa Yugaandaa qofaan ta’a.

Namni kamiyyuu, yoo seeraan hayyamameef malee lubbuu mucaa garaa (garaa keessa jiru) addaan kutuuf mirga hin qabu.

Dhaalmiyaa fi Gochaalee Aadaa kanneen Miidhaa Geessisan

Keeyyatoonni armaan gadii mirga walqixxummaa dhaalmiyaa qabeenyaa dhiiraa dhalaa mirga miidhaa gochaalee aadaa miidhaa geessisan irraa bilisa ta’uu ibsu.

Keeyyata 33:

Dubartoonni dhiirota waliin kabaja guutuu fi walqixxa qabu. (4)  Dubartoonni dhiiraan walqixa keessummeessamuuf mirga qabu; mirgoonni kunneenis, mirgoota siyaasa, dinagdee fi gochaalee hawaasummaa mara dabalata.

(6) Seeronni, aadaawwan, barsiifatoonni kabaja, nageenya fi fedhii dubartootaan faallaa ta’anii fi sadarkaa dubartootaa xiqqeessan heera kanaan dhorkamaniiru.  

Keeyyata 32:

 Wantoonni Heera kana keessatti tuqaman akkuma jiranutti ta’anii, mootummaan qaamolee koorniyaa, umurii, miidhaalee qaamaa ykn dhimmoota biroos seenaadhaan, aadaadhaan, barsiisfataa ka’umsa godhachuun uumaman bu’uura godhachuudhaan isaanirra ga’uuf garaagarummaa mullatu sirreessuuf mootummaan deeggarsa addaa taasisa.

Carraa walqixa uumuuf gargaaran irratti komishinii hojjetu hundeessuu fi seerawwan dabalataa baasuun mirgawwan keeyyata kana keessatti kennaman hojiitti hiikuuf paarlaamaan seerawwan dabalataa ni baasa.

Handouts

Assessment

0
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 7

Quiz for Lesson 7

1 / 5

7.1. Akka biyya keenyaatti dargaggootni dhimma fayyummaa saalaa isaanii akka murteessan ni eeyyamamaa?

2 / 5

7.2. dargaggootni hunduu:

3 / 5

7.3. Dargaggootni hunduu mirga:

4 / 5

7.4. Maatiin ijoollee isaaniif deeggarsa fi eegumsaa gochuuf dirqama qabu

5 / 5

7.5. Dargaggootni mirgi isaanii kabajamuufii akkuma qabu, mirga nama biraas kabajuu qabu

Your score is

The average score is 0%

0%

References