Skip to toolbar

Lesson 8 for Students

Barannoo 8ffaa: ULFAA’UU DHIIRAA FI DUBARAA

Seensa

Boqonnaa kana keesatti barattootni waa’ee ulfaa’uu sirriitti qayyabannoo
argatu. Dabalataanis yommuu yeroon gahuu fi sirri ta’etti
ulfaa’uun sirrii (gaarii) akka ta’e beekumsa ni argatu. Dabalates
ulfaa’uun shamarranii fi dhiiraaf dubbisa jedhu keessaa dhugaa
jiraan ni barattu. Bifa baacootiinis beekumsa isaanii ni gabbifatu.
Boqonnaa kana kutaa 3ffaa isaa keessatti dhaadannoo hojjachuu
dhaan (bifa dhaadannootiin) akka addaa addaatti barumsa ni kennu.
Dhuma irratti dhaadannoo gaarii ta’e akka adda dureetti filachuun ni
olkaawwatu.
Gochaalee Barannoo Har’aa:
• Si’eessitu- maqaa walyaadachisuu(daqiiqaa 5)
• Dhiyeessa- Ulfaa’uun dubartootaa fi dhiiraaf dubbisti jedhu
(daqiiqaa 40 )
• Hojii Garee 1: Bifa baacootiin (daqiiqaa 40)
• Yookan hojii garee 2: Dhaadannoodhaan (daqiiqaa 40)
• Guduunfaa fi hojii manaa (5).

Learning Resources

Cartoon family with pregnant woman and little children
Young cute happy mother smiling hugging lovely baby with pink hearts

Teaching Methodologies

Ulfaa’uun Shamarranii fi dhiiraaf
Ijoollee argachuuf yaaduun baay’ee gaariidha. Namni kamiyyuu
daa’immummaan dhalata. Daa’imman kunuunsuun kan jabaatu yoo
ta’ee iyyuu da’imman hundumaa kunuunsun barbaachisaadha.
• Daa’imman osoo itti hin yaadiini fi hin qophaa’in dhalataniif
kunuunsa gochuun baay’ee jabaadha. Mee ulfaa’uun nama irratti
akkamitti akka dhufuu beektuu? Mee beekumsa keessan
haa ilaallu.
• Ulfaa’uun nama irratti kan dhufu saalqunnamtii dhiiraa fi dhalaa
gidduutti raawwatamuni. Laman isaanuu dirqama qabu. Dhiirota
kun dirqama dhalaa qofaaf kenname miti. Haadhota dhaga’uun
dirqama keessani. Ulfaa’uun haadhotaa itti hin yaadamne haadhafis
ta’ee abbaaf dirqama bahachuu qabu. Faartilaayzeeshiniin
kan raawwatu walquunnamtii sanyii kormaa fi sanyii dhalaa (hanqaaquu)
gidduutti raawwatuni. Dhirootni fi dubartootni saalquunnamtii
hin yaadamne yoo raawwatan ulfaa’uun yeroodhuma tokkoon
uumamuu ni danda’a.
Saalqunnamtin of hin eeggannee yommuu raawwatamuu sanyiin kormaa
qaama dhalaa keessatti tamsa’uun gadameessa keessa bahanii
ujummoo ovaarii dhalaa galu. Seelotni sanyii kormaa qaama dhalaa
keessatti umurii guyyoota 3-5 qabu. Ji’a ji’aan ovaariin hanqaaquu
qopheessa. Kun kan ta’uu danda’uu dubartiin tokko xurii ykn laguu agarteen
booda gaafa guyyaa kudha lammaffaa ta’a.
Kun jechuun ji’a ji’aan hanqaaquun ovaarii keessatti qopha’e karaa ujummoo
ovaariitiin gara gadameessatti gadi lakkifama jechuudha. Yommuu
sana saalquunnamtiin yoo raawwatame sanyiin kormaa miliyoonatti
lakkaa’amu gara qaama dhalaa seenuun isaan keessaa cimaa fi baay’ee
fayya buleessa ta’e hanqaaquu cabsuun faartilaayseeshinii uuma. Kun
immoo ulfaa’uun jalqabuu isaa ibsa. Hanqaaquun faartilizeeshiin ittiin
uumame ujummoo ovaarii keessaa gara gadameessaa gala. Yommuu
kana gadameessi of qopheessuun faartilaayzeeshinii fi seelii uumame
fudhata. Seeliin uumame sadarkaa sadarkaan gadameessa keessatti guddachuu itti fufa. Faartilaayzeeshiin yoo hin uumamne ta’e seelii
fudhachuuf gadameessi of qopheesse diigamuu jalqaba. Ujummooleen
dhiigaa naannoo gadameessaatti uumaman ni dho’uu. Yeroo
kana gadameessi diigamee fi ujummooleen dhiigaa dhowan bifa
dhiigaatiin karaa qaama saala dhalaa gara alaatti bahu. Kun immoo
xurii ykn laguu jedhamee waamamaa.
Ulfaa’eeraa laata? Ulfaa’uun akkamitti beekamuu danda’aa? Dubartiin
tokko ulfaa’uu kan dandeessuu saalquunnamti of eeggannoo
hin qabne yoo raawwattee qofa. Yeroo baay’ee xurii ykn laguun yoo
addaan cite shamarran akka ulfaa’anitti of ilaalu. Yeroo hundaa xurii
ykn laguun addaan cituun ulfaa’uu miti. Shamarraan yeroo murtaa’aa
tokkoof xurii ykn laguu yeroo isaa hin eegamne irratti mul’achuu ni
danda’a. Sababa tokko malee xurii ykn laguun dubartoota tokko tokko
irratti turee dhufuu ni danda’a. Wantootni ulfaa’uu agarsiisan:
• Harmi guddachuu
• Ol ol/lollooju jechuu
• Dadhabiin itti dhaga’amuu k.k.f dha.
Ulfaa’uun dubartii tokko kan beekamuu gara mana yaalaa deemuun
yoo ilaalaman ykn meeshaa ulfa’uu dubartootaa ibsu bitachuun yoo
fayyadaman (ittiin) ilaalamanidha. Yaaliin ulfaa’uu dubartootaa salphaadhumatti
beekamuu danda’a. Fincaan isaanii irratti yaalii gochuun
beekuun ni danda’ama. Dhirootni dirqama bahachuun yoo isinitti
dhaga’ama ta’e dubartoota gara mana yaalaa geessuun ilaalchisuutu
isin irraa eegama.
Dubartii hin heerumne yoo taate daa’ima da’uun baay’ee ulfaataa
dha. Keessumaayyuu mana keessatti namni ishee gargaaru haati yoo
hin jiraanne ta’e baay’ee itti cima. Ilmoo da’uuf dubartiin qophii hin
goonee yoo deesse jireenyi ishee keessatti kufaatitu mudata. Sababiin
isaa:
• Dhiirri ishee ulfeessee Abbummaa isaa mormuu ni danda’a.
• Barumsa ishee addaan kutuu ni dandeessi.
• Maatii ishee jalaa baduu ni dandeessi.
• Hawwasaan qoodamuu dandeessi.
Dhiirri ishee ulfeesse akkasuma rakkoo keesa galuu ni danda’a. Fakkeenyaaf
• Dubartii ulfeesse akka fuudhuu fi daa’ima dhalate akka
gargaaru(guddisu) dirqisiisuu ni dandeessi.
• Kaffaltii baay’ee akka kaffalu ni gaafatama.
• Maatii intalaatiin reebamuu ni danda’a.
• Barumsa addaan kutuun maatii isaa irraa addaan bahuu ni
danda’a.
Dhirootni haala walfakkaataa keessa jiran martinuu yaada wal fakkaatu
kan qaban isinitti fakkaataa? Mee hiriyoota daree keessanii
wajjin irratti marii godhaa. Yoo dhuma ijoollummaan ulfaa’uu irratti
yaadotni garaa garaa ka’an iyyuu dhiirootni fi dubartootni tokko tokko
ijoollummaa isaanittiin daa’ima argachuu barbaadu. Fakkeenyaaf
• Nama guddaa fakkaatanii mul’achuu barbaadu.
• Jaalallee (dhiira ykn dhalaa) isaanii to’achuuf
• Rakkoo dinagdee isaanii furuuf
Sababootni biroo jiruu? Mee irratti marii gaggeessaa.
Ulfaa’uu itti hin yaadamne fashaleessuuf ykn hambisuuf saalquunnamti raawwachuu dhiisuu, of eeggannoo gaarii gochuu fi maloota
addaa addaa fayyadamuu dha. Qabxiin yaadatamu qabu garuu
waa’ee saalquunnamti yommuu dubbannu gahee fi dirqama keenya
bahachuu qabna. Haata’u malee dhiiras ta’e dhalaan saalquunnamti
raawwachuuf yoo murteessan maloota ulfa ittiin ittisan lamaan
isaanitu fayyadamuu qabu.
Maloota ulfa ittiin ittisan
• Ulfa itti hin yaadamne hambisuuf maloota gurguddoo Afurtu
jiru. Isaanis
• Maala uumamaa (mala gutumaan guututti amansiisaa hin
taane)
• Mala ittisaa
• Mala hoormonii
• Mala dhaabataadha.
Ulfa ittisuuf karaan gaariin walqunamtii saalaa gonkumaa raawwachuu
dhiisuu yoo ta’uu 100% of eeggannoo fi ofitti amanummaa
qaba. Kun jechuun saalqunnamti hin raawwadhu jechuun hin raawwadhu
jechuudha.
Mala uumamaa: karaa uumamaatiin ulfa itti hin yaadamne maloota
lama fayyadamuun ittisuun ni danda’ama. Inni tokkoffaan yommuu
saalqunnamti raawwatamu sanyii kormaa (sperm) qaama saalaa
dhalaatiin alatti gadi naquu yoo ta’uu inni 2ffaan immoo xurii ykn
laguu irratti hundaa’uun yommuu dubartootni ulfaaf hin qophaa’in
saalqunnamti raawwaachuudha. Malootni kanneen guutummaan
guututti amanummaa kan qaban miti. Sababiin isa muuxannoo fi yeroo
nama gaafata. Dabalataanis dhukkuboota saalqunnamtin daddarban
ittisuu hin danda’uu.
Mala Ittisaa (dhorkuu): malli kun sanyiin kormaa akka gara gadameessaa
ykn gara qaama saala dhalaa hin seenne kan ittisuudha.
Maloota kana bakka lamatti qooduun ilaaluu ni danda’ama.

  1. Kondomii dhiiiraa yoo ta’uu sanyiin kormaa akka gara qaama
    saalaa dubartootaa keessatti gadi namine gochuun ulfaa fi
    dhukkuboota walqunamtii qaama saalaatiin dhufan ittisuun ni
    danda’ama.
  2. Kondomii shamarranii yoo ta’uu sanyiin kormaa akka gara
    gadameessaa hin seenne ittisuun ykn dhorkuun ulfa ittisa.
    Yommuu walqunamtin qaama saalaa raawwatamu kondomiin
    yoo addaan dhoohee atattamaan gara mana yaalaa deemuun
    kiniinii ulfa ittisuu fudhachuu qabna. Mala kana sa’aatii (72)
    keessatti yoo fayyadamne ulfa ittisuu ni dandeenya.
    Maloota Hoormoonii: malli kun kiniinota hormooniin akka hin uumamne
    gochuun ulfa ittisaniidha. Malootni kun of eeggannoo kan
    barbaadanii fi yeroo irratti kan hundaa’anidha. Dubartiin kiniinota
    fayyadamaa turtee tokko yommuudhuma isheen kiniinota kana
    fayyadamuu dhaabdu ovaariin ishee hanqaaquu qopheessuu jalqaba.
    Garuu malootni kun ulfa haa ittisan malee dhukkuboota karaa
    walqunamtii saalaatiin daddarban ittisuu hin danda’uu. Dubartootni
    kiniinota kana guyyaa tokko illee osoo addan hin kutiin yoo fayyadaman
    guutumaan guututti ulfa ittisuu ni danda’u. kiniinotni kanneen
    guyyaa guyyaan kan fudhataman malee yommuu walqunamtiin
    qaama saalaa raawwataman kan fudhatamanii miti.
    Dhiirotni saalqunnamti yommuu geggessan of eeggannoo fi itti

gaafatamummaa nama itti dhaga’amu ta’uu qabdu. Isinis dubartootni
mala ittisa da’umsaa laguu ykn xurii irratti amantaa gochuun
walqunamtii saalaa raawwachuu hin qabdanu.
Jaalalleen shamarranii keessaan salphaa dhumatti ulfaa’uu dandeessi.
Ulfi yeroo (umurii) malee uumamu jireenya gara fulduraa fi fayyaa
haadhaa irratti balaa (miidhaa) guddaa qaba.
Yaadotni dogongoraa:
• Dhaabbiin saalqunnamti raawwachuun ulfa irraa nama ittisa!
• Saalqunnamti erga raawwatanii booda qaama dhiqachuun ulfa
ittisuun ni danda’ama
• Saalqunnamti erga godhaniin booda ol utaaluun ulfa ittisuuf ni
fayyada!
• Guutummaan guututti qaama dhiiraa osoo qaama dhalaa
keessa hin galchin Saalqunnamti yoo raawwatan ulfa ittisuun
ni danda’ama kan jedhaniidha! Dhugaan isaa garuu karaa
kaminiyyuu saalqunnamti of eeggannoo ala raawwatamu ulfaaf
nama saaxila.
Hubadhaa saalqunnamti of eeggannoo hin qabne raawwachuun ulfa
irraa of ittisuun hin danda’amu.
Dargaggummaan ykn shamarrummaan yoo ilmoo (daa’ima) argattan
mana barumsaatti deebitanii barachuu qabdu. Daa’ima qabattan
iyyuu mirga barachuu qabdu. Mirga keessan fulduraatiif fayidaa
qaba waan ta’eef.
Dogongora hojjette jirta. Kun immoo dhuma adunyaa miti. Haadholiin
ilmoo qaban baay’een gara mana barumsaa deebi’uun carra
qabeessa ta’aniiru. Kana gochuu ni dandeessa. Maatii kees yoo hubachiifte
si hubachuu danda’u.
Wantoota itti gaafatamummaa fi filannoo qaban:
• Wal fuuchuu fi walitti heerumuu (fuudhaa fi heeruma raawwachuu)
• Mucaa da’uun guddisuu fi kunuunsuu
• Mucaa guddifachaaf kennuu
• Mucaa maatiin akka guddisan gochuun gara mana barumsaa
deebi’anii barachuudha.
Intalli umuriin waggaa kudha sadii (13) yoo ulfooftee filannoo kamiin
fayyadamuu qabdii? mee irratti marii gaggeessaa.
Mala ittisa dhaabbataa: malootni ulfa ittisan inni dhaabbatan karaa
sanyiin kormaa irra geejibamu kana jechuun sanyiin kormaa bakka itti
kuufame kaasee gara alaatti ittiin bahu hidhuun ykn kutuun mala namtolchee
ta’een maseensuu ni danda’ama. Malootni kanneen kan gorfaman
namoota ijoollee qabanii fi uumuriin isaanii gudda ta’ee gara fuulduraatti
ilmoo hin barbaanneef.
Seeraan ala ulfa baasuu: dubartootni ulfaa’uu isaanitti sodaatanii fi
saalfeffatanii akkasumas ilmoo dhalatu guddisuuf humna hin qabne ulficha
baasuuf murteessu. Adduunyaa keenya keessatti biyyoota kanneen
akka Gaanaa fi Afrikaa Kibbaa keessatti ulfa baasuuf mirga qabu. Dubartootni
ulfa uumame da’uufis ta’e ulfa baasuuf mirga guutuu ta’e qabu.
Biyyoota ulfa baasuun dhorkaa itti ta’e kanneen akka Itiyoopiyaa keessatti
ulfi kan baafamu mana yaalaan alatti. Yeroo baay’ee ulfa baasuun
kan raawwatamu namoota muuxannoo gaarii hin qabne fi meeshaalee
haadhota dhukkuboota addaa addaatiif saaxilaan meeshalee qulqullina

hin qabneenidha. Tokko afuraffaan 1/4 duuti haadhotaa kan uumamuu
rakkoowwan ulfa baasuutiin kan walitti dhufeenya qabaniidha.
Yeroo ulfa baasan gadameessi haadhotaa waan miidhamuu sana
booda ilmoo da’uun carran qaban gadi aanaa dha. Ulfa baasuuf qorichoota
baala adda addaa irraa qophaa’an namoota beekkumsa hin
qabneen kennamaaf. Kanneen fudhachuun ykn fayyadamuun barbaachisaa
miti. Gargaarsi godhamuufii kan qabu namoota wal’aansa
mana yaalaaf beekkumsa gaha qaban qofaani
Dammituun intala umurii waggaa kudha Afurii lammii Itiyoopiyaati.
Ani ulfa ta’uu koo yeroo jalqabaaf yeroon baru baay’ee naasuun
natti dhaga’amee ture. Ulfi kun narratti ni uumama jedhees yaadee
hin beeku. Yeroo jalqabaaf hiriyaa natti dhiyaatan mari’achisee akka
gara kawonsilii dhaquu na ergan. Isaanis ani kaniin yaadu waa’ee ulfa
baasuu akkan dhiisu na gorsan. Hiriyyoota koo baay’es nan dhabe.
Dogongora koo beekeen yeroo ammaa intala baay’ee bareedduuf
haadha ta’een jira. Mudannoon akkanaa akka na mudatu gonkumaa
hin barbaadu. Isinis dubartootni of eeggannoo baay’ee gochuu qabdu.
• Isin dhiirotni hubadhaa! Dhiironni fi shamarraan lamaan keesanuu
itti gaafatamummaa wal qixa ta’ee qabdu.
• Intala shamarrummaa isheetiin ulfooftee argitaanii beektuu?
• Isin ulfa osoo taatanii maal gochuu dandeessuu?
• Jaalalleen kee yoo ulfoofte maal gochuu dandeessaa? Armaan
gaditti wantootni ta’ani fi yaadotni filannoo ta’an kaa’amaniiru.
Haa ta’u malee mee jalqaba gaaffiiwwan armaan olii akka
mataa keessanitti ilaaluun ibsuuf yaalaa.
• Murtee cimaa ta’ee murteessuuf yaadotni fala ta’an:
• Iccitii gochuu irraa maatii fi hiriyyoota keessan irraa gorsa
fudhachuuf (argachuuf) yaalii godhaa.
• Murtee atattamaa murteessuu irraa of eeggachuu
• Murtii sirrii ta’e murteessuuf jalqaba gorsaa fi beekkumsa
gahaa ta’e argachuuf yaalaa.
• Gara fuulduraatti yaaduun fayyaa keessani fi ilmoo dhalatuu
karaa ittiin kaayyeeffachuudha. Karaa dogongora ta’een
ykn yaada dogongoraatiin ulfaaf saaxilamuu gonkumaa hin
qabdu. Daa’ima da’uu jechuun itti gaafatamummaa baay’ee
cimaadha.
• Mootumootni biyyoota Afrikaa gorsi dhiiraa fi dubartootaaf
kennan itti gaafatamummaa keessaan akka bahattanii fi barnoota
keessan seeraan akka barattani ulfa tursiisuu akka
qabdaniidha. Daa’ima argachuuf qophooftanii jirtuu? Deebii
argachuuf gaaffilee armaan gadii hojjadhaa.
• Daa’imni keessaan isin akka fakkaatu barbaadduu?
• Eeyyeen ykn miti.
• Ilmoo(daa’ima) keessan gargaaruuf humna qabduu?
• Eeyyeen ykn lakkii
• Daa’ima (ilmoo) keessan wajjiin ta’uun isin gammachiisaa?
• Eeyyeen ykn lakki.
• Ati yeroo ammaa dargaggeessaa ykn ati yeroo ammaa shamarreedhaa?
• Eeyyeen ykn miti.

Handouts

Assessment

1
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 8

Quiz for Lesson 8

1 / 8

8.1. ulfaa’uuf yeroo sirriin isa kami?

2 / 8

8.2. Marsaan laguu dubartoota hundaayyuu dhaabbataa miti

3 / 8

8.3. Ulfa karaa seeraan alaa baasuun dhiibbaan inni qabu

4 / 8

8.4. Ulfa karaa kamiin ittisuun danda’ama?

5 / 8

8.5. Ulfaa fi dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarban biroo ittisuuf kan gargaaru kami?

6 / 8

8.6. Ulfaa’uun haala mijataa fi yeroo isaa eeggatee taanaan waan bareedduu dha

7 / 8

8.7. Ulfaa’uun itti hin yaadamne_________________tti nama geessa

8 / 8

8.8. Dubartootni deeggarsa qorannoo ulfaa fi deeggarsa dabalataa kan argachuu danda’an

Your score is

The average score is 0%

0%

References