Skip to toolbar

Lesson 8

Barannoo 8ffaa: ULFAA’UU DHIIRAA FI DUBARAA

Kaayyolee Barannoo

  • Barattoonni waa’ee ulfaa haqawwan barbaachisoo ta’an ni baratu.
  • Barattoonni sababootaa fi dhiibbaawwan ulfaa’uuf daandii saaqanii akkamitti akka ofirraa ittisan ni hubatu. 
  • Barattoonni bu’aalee ulfaa’uuf yeroo sirrii eeggachuun qabu ni hubatu.  
  • Marsaa laguu ji’aa fi guyyaa ulfaa’uuf mijataa, akkasumas marsaan laguu dubaraa yeroo kan hineegganne ta’uu ibsu;
  • Ulfa qabachuu, ulfaa’uu, qorannaa ulfaa fi dhiibbaa ulfi umurii malee qaamaarrattii fi hawaasummaa keessatti geessisu ni ibsu;
  • Mallattoolee ulfaa’uu lama tarreessuudhaan laguun ji’aa dhabamuun yeroo mara ulfaa’uu jechuu akka hin taane ni ibsu; 
  • Yoo xiqqaate bakka yookiin kiliiniika dubarri qorannaa ulfaa itti geggeessan tokko maqaa dha’u;
  • Ulfi hin barbaadamne yemmuu isaan mudatu; yoo xiqqaate filannoolee sadii gargaaramuu danda’an ni tarreesu.
  • Tooftaalee ulfa ofirraa ittisan sadii ni ibsu.
  • Kondomii fayyadamuun ulfaa’uu fi dhukkuboota quunnamtii saalaatiin dabran kanneen akka HIV irraa of eeguuf tooftaa filatamaa ta’uu ni ibsu.
  •  Maalummaa maloota ittisa ulfaa, faayidaaleesaanii, ni ibsu, gosoota maloota ittisa ulfaa lama ni tarreessu; tokko tokkoon isaaniif fakkeenya kennuun akkamitti ulfa akka ittisan ibsu.
  • Yommuu saalqunnamtiin raawwatamu sanyii kormaa (sperm) qaama saalaa dhalaatiin alatti gadi naquu fi xurii ykn laguu irratti hundaa’uun yommuu dubartootni ulfaaf hin qophaa’in saalqunnamti raawwaachuun balaa geessisuu danda’anii fi rakkoolee hubannoo malawwan ulfa ittisuu fi baasuun walqabatan ni ibsu; 
  • Maalummaa ittisa ulfaa yeroo rakkoo ni ibsu;
  • Ulfa karaa seeraan alaa baasuun yeroo mara miidhaa kan geessisu fi haala qulqullina hin qabne keesstatti kan raawwatamu ta’uu addeessuudhaan bala dhokatan ulfa baasuun dubararraan ga’uu danda’an lama ni tarreessu
  • Ulfaa’uu fi mucaa da’uun waan gaarii ta’uu, garuu yeroo sirrii fi nama sirrii waliin yoo raawwatame qofa ta’uu amanu.
  • Ulfaa’uufis, yeroo ulfummaas, yeroo da’umsaas, da’umsa boodas dhiiironnii fi bubartoonni itti gaafatamummaa walqixa qabaachuu isaaniif xiyyeeffannoo olaanaa kennu  
  • Yeroo quunnamtii saalaa raawwatan malawwan ulfa ittisuuf gargaaran (kondomii dabalatee) fayyadamuufi karaa seeraan alaa ulfa baasuurraa of eeguuf fedhiifi kaka’umsa agarsiisu
  • Baratttoonni dhiiraa yoo hiryaansaanii dubaraa ulfoofte kan itti gaafatamu isaanis ta’uu hubachuusaanii agarsiisu.
  • Ulfi hin itti hin yaadamnee fi hin eegamne dubara yoo mudate, deeggarsa gaafachuuf fedhii agarsiisu
  • Duudhaalee hawaasaa, dhiibbaa hiryaa fi namoota naannoo isaanii dhimmoota ulfaa’uu fi ulfa baasuutiin walqabatan sirriitti hubachuusaanii agarsiisu.  
  • Fayyadama kondomii fi dawaawwa ittisa ulfaa irratti hiryaa saal-quunnamtii waliin waliigalteerra ga’uuf tarkaanfii tartiibaan fudhatan ni ibsu. 
  • Waa’ee saalummaa hiryaa quunnamtii saalaa dubbachuuf haala mijeessu
  • Waa’ee ulfa daa’immanii hawaasa waliin mariyachuuf ga’umsa agarsiisu.  

Seensa

Barnoota kana keessatti barattoonni dhimmoota ulfaa’uu ilaaluudhaan yeroo hayyamamuu fi haala hayyamu keessatti kan uumamu yoo ta’e ulfi waan gaarii ta’uu hubatu. Barattoonni dhiyeessa “Ulfa” Dhiirotaa fi Dubaraaf jedhu waliin hordofanuun beekumsa fi haqawwan adda addaa argatu. Itti aansuun dhimmoota kunneen gilgaala ga’ee taphachuu hojjechuudhaan gadi fageenyaan xiinxalu. 

Barnooticha haala armaan gadiitiin beeksisuu ni dandeessa:  

Yoo hiryaa dhiiraa/dubraa qabda ta’e daa’ima godhachuuf hanga yeroon ga’uu fi haalli sirriin siif mijatee daa’ima keetti gammaduudhaan itti gaafatamummaa fudhattee sirriitti guddisuu dandeessutti ni turtaa? Osoo ati qophii hin ta’in yoo ulfi si mudate filannooleen ati qabdu maali? Odeeffannoo si barbaachisanitti dabalee, haala kees akka xiinxaltu si gaafanna. Dhiyeessa siif kennamu dubbistee battallee itti aanu hojjechuudhaan ulfaa’uuf qophii ta’uu fi dhiisuu kee hubatta. Dhimmoota adda addaa ga’ee taphachuudhaan ni sakattaata. Barnooticha xumuruun yaadolee dhuunfaa uummanna.

Yeroonsaa yoo ga’ee fi haalli yoo hayyame ulfi miidhagina! ‘  

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee Barnootaa

1. Calaqqee 

2. Si’eessituu – Taphoota Beekamoo (daq. 5) 

3. Ulfa: Dubaraa fi Dhiiraaf! – Dhiyeessa (daq. 40) 

4. Hojii Garee I: Ga’ee Taphachuu (daq. 40)

 5. Hojii Garee II: Aartii Dhaadannoo (daq. 40)

 6. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 5)   

1. Calaqqee (daq. Muraasa) 

Waa’ee gochaalee calaqqee barnoota dabre keessatti qabxiilee muraasaa akka dhiyeessan barattoota muraasa gaafadhuu

2. Taphoota Beekamoo (daq. – 5)  

 Galma

Barattoonni miira gaarii fi horatu; ni bashannanu.  

Akkamitti

Tartiiba 1 

Barattoonni marti geengoo uumanii dhaabatu. Tokko tokkoon barataa ibsa maqaa gaarummaa namaa ibsan kan qubee maqaasaanii isa jalqabaatiin eegalu akka yaadaan barbaadan itti himi. Fakkeenyaaf, yoo maqaan kee “Boontuu” ta’e ibsi maqaa kee “bareedduu” ta’uu danda’a. Tokko tokkoon barataa daqiiqaa fudhatee ibsa maqaa gaarummaa ibsanu argatu. Itti aansuun, barattoonni darabeedhaan maqaasaanii fi ibsa-maqaa isaanii barattootatti himu. Fakkeenya: Bareedduu Boontuu, Kormee Kumsaa, Arjaa Araggaa kkf. Barattoonni maqaalee kunneen yaadatanii barannoo kana keessatti hanga dhumaatti itti fayyadamuu danda’u.

3. Ulfa: Dhalaa fi Dhiiraaf! – Dhiyeessa (daq. 20)  

Galma

  • Barattoonni haqawwan ulfaa’uu fi dhimmoota ulfa daa’imummaan ulfaa’uu waliin walqabatan wal-baru.

Akkamitti

Barattoonni dubbisa Kitaaba Barataa keessa jiru lameedhaan dubbisu. Dhiyeessichi qabxiilee marii barattoonni osoo fuula itti aanutti hin tarin irratti mariyatan qabatee jira. Barattoonni dhiyeessicha yemmuu xumuran battallee ulfaa kennamuuf hojjechuu danda’u

Dhiyeessichi mata-dureewwan armaan gadii of keessatti qabata: 

  • Akkamitti akka ulfooftu
  • Mallattoolee fi agarsiistota ulfaa’uu; 
  • Dhiibbaawwan ulfaa’uu; 
  • Miidhaawwan qaamaa fi hawaasummaa daa’imummaan qofaa jiraatanii ulfaa’uudhaan ga’an;
  • Malawwan ittisa ulfaa: faayidaalee fi ga’umsasaanii; bu’aalee fimiidhaaleesaanii;
  • Sheekoowwa waa’ee ulfaa’uutiin walqabatan;

Filannoolee yoo ulfi hin barbaadamne mudate fudhatamanuu fi bu’aalee fi miidhaalee tokko tokkoon isaanii qaban; 

  • Mala ulfa baasuu miidha-qabeessa
  • Dhiyeessichi dhiironnii fi dubarrii amala itti gaafatamummaa akka qabaatan gorsa.

Dhiyeessichatti dabaluudhaan waa’ee ulfaa’uu, malawwan ittisa ulfaa, ulfa baasuu, fi daa’ima guddisuu barattoota waliin mariyadhu. Waa’ee battallee ulfaa’uus waliin mariyadhu.

Barattoonni qorannaa ulfaa eessatti akka fudhatanuu fi yoo ulfa ta’anii argaman deeggarsa gaafachuuf eessa deemuu akka danda’an ibsiif. Yeroo marii meeshaalee armaan gadii fayyadamuu ni dandeessa:

  • Moodeela sirna sirna walhormaataa dubartootaa (waraqaa yookiin poosterarratti)
  • Moodeela sirna sirna walhormaataa dhiirotaa (waraqaa yookiin poosterarratti
  • Moodeelota malawwan ittisa ulfaa (IUD, kiniinota, kkf)  

KUNNEEN MARTINUU BUUFATA FAYYAATII KAFFALTII MALEE NI ARGAMU Waa’ee kondomiitti sirriitti fayyadamuu agarsiistu tartiibota armaan gadii yaadadhu:

 Tartiiba 1: Guyyaa tajaajilaa mirkaneeffadhu

Tartiiba 2: of-eeggannoodhaan bani

Tartiiba 3: Kallattii diriiru mirkaneeffadhu

Tartiiba 4: Gubbaarraan cuunfi

Tartiiba 5: Hanga inni quunxii ijaajje uwwisutti achii gadi diriirsi

Tartiiba 6: Eraga keessatti dhangalaastee booda kondomicha qabii baasi.

Dabalata

Ulfa hin barbaachisne hambisuuf dhiiroonnis dubarris itti gaafatamummaan itti dhaga’amuun barbaachisaadha; akka himatamtoota ta’an (badii dalaganitti) itti dhaga’amuu garuu hin qabu.

4. Ga’ee Taphachuu (daq. 40) 

Galma 

Barattoonni waa’ee dhimmoota muraasa ulfa dargaggummaa dubbachuu shaakalu;   Barattoonni odeeffannoo dhiyeessarraa argatan sirriitti gadifageenyaan hubatu; 

 Barattoonni dhimmoota ulfa daa’imummaa fi tarkaanfiiwwan yoo isaan mudate fudhachuu qaban irratti ilaacha adda addaa qabatu.

Akkamitti 

Tartiiba 1 

Oduuwwan ga’eewwan taphachuu keessatti kennaman fayyadami. Xumura barannoo kanaa ilaali.  Ijoon oduuwwan sadanii: 

  • Hiryoota dhiiraa fi dubaraa keessaa tokko quunnamtii saalaa akka geggeessan dhiibbaa uuma. Kan dhiibbaan irratti godhame quunnamtii saalaarraa bilisa ta’ee ykn taatee obsaan akka turu/turtu amansiisuu yaala/yaalti.
  • Gurbaan/dhiirri hiryaan isaa dubraa ulfaa’uu hubatee gorsaaf miiltoosaa bira deeme.
  • Intalti qofumashee daa’ima guddistu qabdu barumsa addaan kuttee turte deebitee itti fufuu barbaaddi

Barattoonni garee afuritti qoodamu. Tokko tokkoon gareef oduu tokkotu kennameefii irratti hojjetu. Tokko tokkoon garee daqiiqaawwan 10 fudhatanii mudannicha dubbisuudhaan eenyu akka qooda taphatuu fi maal jechuu akka qabu murteessu.

Tartiiba 2  

Gareewwan barattoota hunda fuula duratti ga’ee kennameef taphatu. Gareen tokko hanga hanga xumurutti ga’ee kennameef taphata. Gareewwan marti carraa hirmaachuu akka argatan yeroo sirriitti hordofi. Gareewwan hafan hordofanii filannoolee geggeeffamanii fi wantoota ga’ee taphatame keessatti dubbatamanirratii yaada kennu. Yeroo qabdu keessatti ga’eewwan meeqa taphatamuu akka danda’u murteessi.

Tokko tokkoon ga’ee taphatamanii gaaffilee adda addaa fakkeenyaaf kanneen armaan gadii fayyadamuun hoggani: 

  • Waa’ee mudannichaa maal yaadda?
  • Akkamitti amansiisuuf yaale/yaalte? 
  • Akkamitti haala itti dhiyaate/tte fooyyessuu dandeessi/danda’a ture?
  • Akkamitti deebii kenne/kennite? 
  • Waa’ee qabxiilee walfalmiii gama lamaanii maal yaadda?
  • Ati osoo gama lamaan keessaa tokko taatee qabxiin mormii ati qabattee kaatu maali?

5. Gilgaala Aartii Dhaadanoo waraqaarratti hojjetamuu qaba (daq. 40)

Galma

Barattoonni waa’ee ulfa daa’imummaa fi wantoota barbaachisoodha jedhan ifa godhanii baasanii ibsu.  

Akkamitti 

Tartiiba 1 

Barattoonni gaazexaadhaaf qola fuula jalqabaarratti ilaalcha ulfa daa’imummaarratti qaban hawaasaaf ibsuuf dhaadannoo qophessu.  Barattoonni dhaadannoowwan guddina fi halluu garaagaraa fayyadamanii irsaasaan waraqaarratti barreessu. Hojicha barattootaaf yoo ibsitu fakkeenya dhuma kitaaba barataa irratti kenname ilaali.

 Tartiiba 2       

Barattoonni waa’ee dhaadannoo dhuunfaasaanii ergaa ykn himaa yemmuu yaadan barattoonni dhimmoota ulfa daa’imummaatiin walqabatan kanneen barbaachisoodha jedhan kanneen waa’ee isaanii dubbachuu barbaadan filatanii dhimmoota kunneen gara hima tokkootti gabaabsuuf yaalu. Tartiiba 3       

Barattoonni martinuu dhaadannoosaanii, maqaasaanii fi umuriisaanii halluu fi guddina qubee filataniin waraqaarratti irsaasiidhaan barreessu:   

Tartiiba 4

Yeroo dhaadannoo isaanii qopheessuu xumuran gareewwan irra deemuun hojiisaanii haalaan ilaalii maal qabatanii akka dhiyaatan waliin mariyadhu.

  • Barattoonni dhaadannoolee garaagaraa filataniiruu?
  • Dhaadannoolee kamtu baayyee milkaa’oodha?
  • Barataan dhaadannoo barataa biraa mormu ni jiraa?
  • Dhaadannoolee kunneen hawaasaaf yoo dhiyeessuun yaada gaarii ta’aa?

Dabalata

Barattoonni dhaadannoo hunda caalaa gaarii ta’ee argame dhiyeessa mana barnootaa isaaniif itti fayyadamuu danda’u.     

6. Goolabaa fi hoj-manee (daq. 5)       

Barbaachisummaa waantoota har’a irratti dubbannee baratoota yaadachiisuudhaan barnooticha goolabi.

Hoj-manee

 Barattoonni hiryaasaanii kan daa’ima qabu daawwatanii waan itti dhaga’amu akka gaafatan gaafadhu; yoo danda’an karaa adda addaa deeggaruu ni danda’u.

Ga’ee Taphachuu

Oduu 1: Irraa of qusachuu     

Galmawwan

  • Barattoonni irra of qusachuuf waliigaluu baratu
  • Barattoonnii quunnamti saalaa waliin akkamitti walitti dhufeenya akka qabaatan baratu.  

Seensa ga’ee tapkannaa fi qooddattootaa 

Qiddisti umuriinshee waggaa 13. Hiryaa dhiiraa maqaansaa Aantanaa jedhamu kan waggaa  14 qabdi. Lammanuu mana barumsaa tokko baratu; taphachuu fi gara manaa waliin adeemuu jaallatu.  Akka Aantaan yyadutti, Qiddis intala gaarii, kan isa gammachiistuu fi waggaa tokkoo ol waliin turuunsa isa gammachiisudha. Jaalala cimaa isheedhaaf qaba; intala bareedduu wanti tokko dafee itti dhaga’amudha. Hiryaan Aantanaa dhiiraa tokko Qiddistii fi Aantanaan waggaa tokkoo ol waliin turuu waan beekuuf akkuma filmiidhaan arge san quunnamtii saalaaf akka ishee gaafatu Aantanaarratti dhiibbaa uumaa jira; waan ta’u arguufis hariifateera. Qiddistis gama isheetiin Aantanaan gurbaa gaarii fi jaallatamaa ta’uu amanuudhaan isa waliin deemuun hedduu itti gammaddi.

 Garuu kutannoo olaanaa qabdi. Quunnamtii saalaarraa of qusattee turuudhaan mul’ata yuunivarsiitota Itoophiyaa keessa tokko seenuuf galma qabdi.

Aantanaan dhiibbaa hiryoota isaatiin irra ga’een fedhii guddaan waan itti uumameef dhumarra Qiddistiin quunnamtii saalaatiif gaafate. Dhimma kanarratti yeroo gara manaa waliin deeman irratti mariyachuufis karoorfatan. Qiddisti osoo baranoota hin xumurin quunnamtii saalaa uumuun rakkoo inni qabu waan beektuuf Aantanaan quunnamtii saalaarraa of qusatee barnootasaa irratti akka xiyyeeffatu amansiisuuf qophoofteetti.

Ga’ee taphachuu

 Aantanaa: Hi Qiddisti, gaaffii ani duratti si gaafadhe itti yaaddee jirtaa? 

Qiddisti: Eeyyee, itti yaadeen jira….  

Gaaffilee hordoftootaaf dhiyaachuu malan

  • Haalli ture maal isinitti fakkaata? 
  • Qiddisti akkamitti Aantanaadhaan araaramte?  
  • Haala Aantanaatti dhiyaattu akkamitti fooyyessiti? 
  • Aantanaan deebii akkamii kenne?  
  • Waa’ee wal-falmii isaanii maaltu sitti dhaga’ama?  
  • Ati osoo Aantanaa yookiin Qiddisti taatee yaada mormii maal dhiyeessita turte?   

Oduu 2: Gurbaan Intala Ulfeesse

Galma

  • Barattoonni yoo intalti dubraa ulfoofte gurbaan ulfeessee fi intalti ulfoofte maal gochuu akka danda’an ni baratu.
  • Barattoonni osoo barataa fi barattuu ta’anii jiranuu ulfaa’uun maal akka fakkaatu muuxannoo ni horatu.   

Seensa ga’ee tapkannaa fi qooddattootaa 

Ammahaan waggaa 14ti. Adaadaasaa bira jiraata.  Adaadaan Sabileen obboleettii harmeesaa kan waggoota dheeraa dura duuteeti. Sabileen dubartii cimtuu ijoollee obboleettiishee fi ijoolleeshee ja’an erga obboleettiin duutee guddistudha. Qonjit hiryoota obboleettii Ammahaa keessaa tokkodha. Amma erga hiryaa dhiiraa fi dubaraa waliif ta’anii waggaan tokko ga’ee jira. Lamman osoo barnoota hin xumurin quunnamtii saalaa raawwachuuf qophii miti; garuu akka tasaa waliin ciisan. Qonjit laguun ji’aashee osoo hin dhufin ji’oota sadii turuu fi ulfaa’eera jettee akka yaaddu itti himte.

Ammahaan yeroo tokko qofa waan raawwatameef, dhugaa ta’uu akka hin taaneefi ta’uus akka hin dandeenye cimsee morme. Qonjit garuu ulfi akkamitti akka uumamu waan beektuuf yeroo tokko qofa waan raawwatameef osoo hin taane, umurii dardarummaa geessee qaamnishee jijjiiramee ulfaa’uuf qophii taanaan uumamuu akka danda’u ibsiteef. Kanaaf, amma maal gochuu akka qabanirratti akka xiyyeeffatan itti himte.   

Ji’oota lama keessatti lamman isaaniiyyuu qorumsa xumura barnoota sadarkaa tokkooffaa fudhatu. Hoggansi mana barnootaa Qonjit ulfa ta’uu yoo bira ga’e, qorumsicha akka fudhattu hin hayyamuuf. Maal gochuu qabu? Ulafa baasuun seeraan hin hayyamamu; balaa uumus ni qaba; daa’ima godhachuun immoo karoorasaanii gara fuula duraa balleessa.

Ulfi Qonjit amma mullachuu waan eegaleef, deeggarsi hedduu isaan barbaachisa.. Kanaaf, Adaadaan Amahaa itti dubbachuuf waan namatti hin ulfaanneef, ishee bira adeemee gorsa gaafachhuf murteeffate.   

Ga’ee Taphachuu

Ammahaa:  “Adaadaa Sabilee! Rakkoo cimaa keessan jira. Qonjit waan ulfoofte natti fakkaata. Maal gochuu akkan qabu hin beeku Maaloo na gargaaruu ni dandeessaa?”

‘   Adaadaa Sabilee: ‘Oh Ammahaa, hunda dura deeggarsa gaafachuuf na bira dhufuu keetii fi itti gaafatamummaan waan sitti dhaga’ameef galatoomi…’   

Gaaffilee hordoftootaaf dhiyaachuu malan

  • Haalli ture maal isinitti fakkaata? 
  • Ammahaan akkamitti adaadaa isaatti dhiyaate?  
  • Akkaataa itti dhiyaate kana caalaa akkamitti fooyyessuu danda’a?
  • Adaadaa Sabileen akkamitti deebii kenniteef?  
  • Furmaata jarri lamman irra ga’an akkamitti ilaalta?
  • Ati haalli Ammahaa fi Qonjitiin mudate osoo si mudatee maal goota?    

Oduu 3: Haati dhirsa hin qabne mana barumsaatti deebi’uu barbaaddi

Galmawwan

  • Barattoonni dandeettiiwwan ofitti amantummaa baratu; 
  • Barattoonni mirgoota isaanii falmachuu baratu.

Seensa ga’ee tapkannaa fi qooddattootaa

Masarat intala waggaa 14ti. Mucaa waggaa tokkoo qabdi. Masarat yeroo mara abjuunshee doktora ta’uudha. Abjuushee kana bira ga’uuf tasuma abdii kutattee hin beektu.

Dura bu’aan mana barumsichaa jaarsa dulloomaa fi baayyee kabajamaadha. Naamusa gaarii qabachuu fi cimanii hojjechuutti amana. Dubri osoo hin eerumin mucaa godhatte barattoota biroof fakkenya gadhee taati ilaalcha jedhu qaba. Abbaan daa’imashee gurbaa isheen waliin ba’aa turtedha. Yeroo qofaa turan waan hedduu humna isheetiin ol isheerraa eegaa ture. Akka carraa ta’ee, yemmuu ulfooftu barumsa addaa kuttee da’uuf fi mucaashee kunuunsuuf mana barumsaatii ba’uuf dirqamte.  Masarat ammayyuu harmeeshee kan ishee gargaartu waliin jiraatti. Masarat daa’imashee baayyee jaallattullee, hanga ammaatti, waan ishee mudate baastee ibsuuf shakkii keessa jirti. Isaa kennuuf maal of harkaa qabdi?

Yeroo dhiyoo kanaa as Masarat mirgoota jireenya ishee keessatti duraa hir’atan deebitee guuttachuuf, ammas yeroo lammaffaaf yaaliishee itti fufuuf, haala keessa jirtu ibsuuf, kaka’umsa qabdu ibsitee carraa lammaffaan akka kennamuuf gaafachuuf barbaaddetti. Dura bu’aan mana barumsichaa ishee waliin gaaffii fi deebii geggeessuuf afeereenii jira.

Ga’ee Taphachuu

Masarat: “’Dhimma koo ibsachuuf carraa waan naaf kennitaniif galatoomaa.”

Dura bu’uaa mana barumsaa: ‘Yaa dubartii dhimmichi akka ati yaaddu waan salphaa miti. Seerota mana barumsa keenyaa cabsinee akka barattee eebifamtu akkamitti nu gaafatta?’

 Masarat: ‘Maal isinitti fakkaate…’    

Gaaffilee hordoftootaaf dhiyaachuu malan

  • Haalli ture maal isinitti fakkaata? 
  • Masarat akkamitti dhimmashee falmatte?  
  • Waa’ee yaada falmii yaada furmaataa isheen dhiyeeffattee maal yaadda?  
  • Dura bu’ichi gaaffiisheef akkamitti deebii kenne?  
  • Wanti masarat kana caalaa gochuu qabduu fi dubbachuun irra ture maali?
  • Haala kana keessatti furmaata yookiin yaada falmii ati kennitu maali?

Handouts

Assessment

1
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 8

Quiz for Lesson 8

1 / 8

8.1. ulfaa’uuf yeroo sirriin isa kami?

2 / 8

8.2. Marsaan laguu dubartoota hundaayyuu dhaabbataa miti

3 / 8

8.3. Ulfa karaa seeraan alaa baasuun dhiibbaan inni qabu

4 / 8

8.4. Ulfa karaa kamiin ittisuun danda’ama?

5 / 8

8.5. Ulfaa fi dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarban biroo ittisuuf kan gargaaru kami?

6 / 8

8.6. Ulfaa’uun haala mijataa fi yeroo isaa eeggatee taanaan waan bareedduu dha

7 / 8

8.7. Ulfaa’uun itti hin yaadamne_________________tti nama geessa

8 / 8

8.8. Dubartootni deeggarsa qorannoo ulfaa fi deeggarsa dabalataa kan argachuu danda’an

Your score is

The average score is 0%

0%

References