Barannoo 9ffaa: BALAARRAA OF EEGI: DHUKKUBOOTA QUUNNAMTII SAALAAN DADDARBANII/ HIV/AIDS
Seensa
Boqonnaa kana keessatti dhukkuboota addunyaa kana irratti lubbuu
namoota baay’ee galaafatan keessaa dhukkuboota karaa saal-quunamtiin
daddarbaniif fi HIV/AIDsi ilaalla. Saal-quunnamtiin wanta
jireenya namaa keessa jiru fi uumama ta’edha. Turrus ta’e dursinu
hundumti keenyaa saal quunnamtii ni raawwanna, xumura boqonnaa
kana keessatti hundumti keenya saalquunnamtii seeraan ala
raawwatamu balaa kan qabuu fi dhukkuboota addaa addaaf akka nu
saaxilu ni baranna.
Waa’ee HIV/AIDS waan baay’ee dubbiftanii fi dhaggessanii jirtu ta’uu
ni danda’aa ykn waa’ee HIV/AIDSi beekuu ni dandeessu. Haata’uu
malee waa’ee hundumaa beektu jechuu miti. Dhuunfaa keeessanitti
isin HIV qoramtanii (ilaalamtanii) beektuu? Namoota HIV/AIDSi
wajjin jiraatan gargaartanii beektuu? Nuti dhuunfaa keenyaan maaltu
nurraa eegamaa? Mee irratti marii gaggeessaa. Sababin isaa nuti
mataa keenyaan gahee bahachuu qabnu qabna.
Gochaalee Barannoo Har’aa
• Si’eessitu– Ittisaa balaa fi miidhaa (daqiiqaa 10)
• Tapha filannoo: qophaa dhaabbachu
• Dhiyeessa- dhukkuba saal-qunamtiin daddarban fi HIV dabalatee
irraa of eegaa (daqiiqaa 40)
• Gaaffii saalqunnamtii of eege (daqiiqaa 20)
• Marii fi dandeetti amansiisu (daqiiqaa 30)
• Hojii garee- maal gochuu akka qabdan irratti marii gaggeessaa
(daqiiqaa 15)
• Hojii dhuunfaa – kaardii (post card) ergaa qopheessuun ergu
• Guduunfaa fi hojii manaa (daqiiqaa 5)
Learning Resources








Teaching Methodologies
Dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarbanii fi HIV/AIDS irraa of eegaa
Saalqunamtii of eeggannoo hin qabne raawwatamun dhukkubootni
akka nutti dhufan ni beekna. Rakkoowwan kanneen maal maal fa’ii?
Saalquunnamtii of eeggannoo hin qabne kan jennu yoomii? Dhukkubotni
saalqunamtiin daddarban maal akka ta’e beektuu? dhukkubootni
kun kanneen saal-quunamtiin nama dhukkubsataa irraa gara fayyaatti
daddarbaniidha. Sanyii kormaatiin dhangala’oo qaama dhalaa keessaa
bahuun akkasumas dhiigaan nama tokko irraa gara nama biraatti
daddarbu. Dhukkubootni kanneen saalquunamtii dogongoraa tokkoon
raawwatamun daddarbuu ni danda’u. Dhukkubootni kunneen
atattamaan yoo yaalamne osoo hin cimin fayyuun ni danda’ama.
Dhukkubootni saal-qunamtiin daddarban Coopxoo, Fanxoo, Abbaa
seeruu fi HIV /AIDS dha.
Yaadannoo qabataa jirtuu?
Mallattoon dhukkuboota saalquunnamtiin daddarban
• Naannoo qaamota saalaa hoqsiisuu – garuu kan nama hoqsisuu
hundumaa jechuu miti.
• Qaamotni saalaa dhiita’uu
• Qamoota saalaa keessaa dhangala’oo kelloon bahuu
• Qaamota dhalaa keessaa dhangala’oon hin beekamnee fi foolii
ajaa’aa qabu gadi bahuu(dhangala’oon qaama saalaa keessaa bahan
hundinuu mallattoodha jechuu miti)
• Yeroo saalquunnamtiin raawwatamuu ykn fincaan fincaa’amuu
gubuu fi dhukkubuudha.
Dhukkubootni kun qoricha qabuu?
Yeroo baay’ee dhukkubootni saalquunnamtiin daddarban wal’aansa
argachuun fayyuun nurraa eegama.
Mana yaalaatiin alaa fi qorichoota aadaatiin fayyuun hin danda’amu.
Copxoon, fanxoo fi Abbaan seeruu dhukkuboota baay’ee cimoo
ta’aaniidha. Salphaadhumatti fayyuu ni dandeenya. Garuu
atattamaan yaalii argachuu baannaan rakkoowwan armaan gadii fiduu
ni danda’uu.
- Dhiiras ta’e dubartootni akka ilmoo hin arganne (maseena)
ta’uu danda’u. Akkasumas ulfa baasuu ni danda’u. - Qaamni saalaa ni dhiita’a. Gogaan bifa keelloo ta’uun dhukkuba
HIV tiif salphaatti nu saaxila. - Daa’ima dhalatu irratti miidhaa fida. Fakkeenyaaf jaamina fi
buusaa lafee irratti balaa (miidhaa) fidaa.
HIV /AIDS dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarban keessaa kan
dawaa hin qabneedha.
HIV /AIDS – dhukkuba vaayirasii yoo ta’uu kan inni keessatti argamu
dhiiga, mi’oo kormaa(semen) harma haadhaa keessatti vaayirasiin
kun seelota dhukkuba ittisan miidhuun dhukkuboota birootiif nama
saaxiluun nama ajjeesa.
HIV/AIDSiin kan gara qaama keenyaa seenu saal-quunnamtii of eeggannoo
hin qabne raawwatamu dhiiga qulqulluu hin taanee fi hin
qoratamneen fi meeshaalee qara qabaniin daddarba. Karaa biraatiin
yoo qaamni keenya madaa qabaatee dhiiga nama HIV/AIDSiin qabameen
yoo wal tuqe daddarbuu ni danda’aa. Yeroo dhiiga keenninu dhiiga
qulqulluu hin taanee fudhachuu fi meeshaalee qara qaban waliin
fayyadamuun dhukkuboota kana daddabarsuu ni danda’a.
AIDSi jechuun nama dhukkuba HIV/AIDSitiin qabamee fi sadarkaa cimaa
irra gahee jechuudha. Vaayirasiin kun seelota dhukkuba addaa addaa
irraa nama ittisan miidhuun dhukkuboota addaa addaaf nama saaxila.
Fakkeenyaaf dhukkuba sombaa. Dhukkuba HIV/AIDSii fayyisuun hin
danda’amu. Garuu dawaan Anti retroviraal jedhamanu jiru. Qorichootni
kunVaayirasii HIV/AIDS akka qaama keenya keesatti hin baay’anne
gochuun gara Edsiitti akka hin jijjiiramne godhu.
Isin HIV poozaativiidha kan jedhamtan yoo vaayrasiin HIV/AIDSii dhiiga
keessan keessatti mul’ateedha.
Namni HIV poozaativii ta’e tokkoo mallattoo tokko iyyuu osoo irraatti
hin mul’atiin yeroo bay’ee jiraachuu fi turuu ni danda’a. Garuu namoota
birootti dabarsuu ni danda’a.
Namni HIV qabame tokko osoo gara Eedsiitti hin jijjiiramin hammam
turuu danda’aa? Kana kan murteessu haala jireenya isaanii yoo ta’u
waggaa baay’ee jiraachuu ni danda’a.
Maloota dhukkuba saal-quunnamtiin daddarban ittiin ittisan
Tooftaalee ittisuu sadi jiru. Seerota sadeen armaan dura dhageessani
jirtu ta’a. Mee amma waa’ee seeroota ittisaa sadeen gadi fageessinee
haa ilaallu.
- Saal-quunnamtii kam irrayyuu of qusachuu
- Jaalallee ofiitiif amanamuu
- Kondomii fayyadamuudha. Namoota amantiin isaanii dhorku
kana hin gorfaman (hin ilaallatu)
Karaa biraatiin meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuu dhiisuu
fi dhiiga qoratamee fi qulqulluu ta’e qofa fudhachuun ittisuun ni
danda’ama.
Dhiiga haadhaa keessa vaarasiin HIV jiraannan dhukkubni kun yeroo
da’umsaa fi karaa harma haadhaa silga jedhamuun waan haadha irraa
gara ilmootti daddarbuu danda’uuf yeroo ulfaa dawaa antiritrovaayiraal
jedhamu fudhachuun carraa daddarbuu hir’isuun ni danda’ama.
Seerotni kanneen armaan olitti ibsaman salphaa fakkaachuu ni
danda’uu. Garuu yeroo gochaan agarsiifnu baay’ee cimuu ni danda’uu.
Fakkeenyaaf: - Yeroo namootni filannoo isaanii sirriitti beekuu dhaban
- Namootni tokko tokko ofii isaanii of eeggannoo yoo gochuu
baatan. - Namootni jaalallee isaanii wajjin ifaan ifatti waa’ee sal-quunnamtii
marii gochuu yoo baatan - Namootni jaalallee isaanii filannoo isaanii ibsachuuf sodaatanii
fi amansiisuuf dandeettii dhabaniidha.
Kanaafuu waliin marii gochuu fi waliin dubbachuun murtee sirrii ta’ee
murteessuuf isin gargaara. Dubartootni dhiirota caalaa salphaa dhumatti
dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarbaniif saaxilamu. Maaliif
akka ta’e beektuu? sababoota afurtu jiru. - Saal-quunnamtiin of hin eegnee yommuu raawwatamuu uumamaan
qaamotni saala dhalaa haphii waan ta’eef salphumatti
baqaquu danda’a. Yeroo kana sanyiin kormaa salphumatti qaama
dhalaa keessatti gadi nammuu danda’a. - Dubartootni jaalalleen isaanii kondomii akka fayyadamu saal-quunnamtii
of hin eegne akka hin raawwatne saal-quunnamtii raawwachuu
diduuf ofitti amanummaa wanta hin qabnee fi jaalalleen
isaanii isaan dhaga’uuf eyyamamaa wanta hin taaneef - Shamarran (dubartootni) dhiirota caalaa osoo hin barbaadiin dirqiisiifamanii
saal-quunnamtii wanta raawwataniif mataa isaanii
eeggachuun itti jabaata.
Aadaa keenyaaaniis wantoota dhiirotni jedhan dubartootni tole jedhanii
akka fudhatan namootni barbaadan jiru.
Haata’u malee yeroo ammaa biyya keenya keessatti gara fuulduratti ilalcha
kana hambisuuf hojjatamaa jira. Jaalala kam keesattuu shamarraan
jaalallee isaanii wajjin wal qixa mirga qabu. Dubartootni saal-quunnamtii
raawwachuuf yeroo sirrii, bakka filachuu akkasumas raawwachuuf dhiiisuu
ni danda’u. Dubartootni gara fuulduraatti haadhoota waan taa’aniif
kunuunsa barbaadu. Dhiirotni kunuunsa isaanii keessatti shoora (gahee)
guddaa qabu.
Dhukkuboota saal-qunamtiin daddarbaniin qabamtan maal gochuu
qabduu?
Gara mana yaala deemuun yaallamaa (qoratamaa)
Naannoo keessan mana yaalaa gaarii ta’ee fi tajaajila tola kennan barbaadaa.
Mana yaalaa kana deemuun dhukkuboota saal-quunnamtiin
daddarbanii fi HIV/AEDsii qoratamaa. Manneen yaalaa tokko tok
ko namaqooran/yaalan kaffaltii salphaa kaffalchisu. Mana yaalaa
yommuu deemtan sodaan isinitti dhugaa’amu hin qabu. Namootni
mana yaalaa keessa hojjatan dargaggoota akka keessanii baay’ee
waan yaalii godhaniif isin kunuunsuun miirri gaariin akka isinitti
dhaga’amuu fi iccitii keessaan eeguuf dirqama qabu. Haaluma kana
ta’ee yoo sodaan isinitti dhaga’ame hiriyaa keessan wajjin deemaa.
Mana yaalaa sana yaalii gahaa ta’e yoo hin argannee isin akka lammii
tokko yaalii argachuuf mirga akka qabdanu ibsaaf. Namootni
wal’aansa kennan isin diduufis ta’ee isin rakkisuu hin danda’anu.
Mana yaalaa sanaan namni tokko dhukkuboota kanaan akka qabame
yoo itti himame dawaa keennameef osoo wal irraa hin kutiin seeraan
fudhachuu qaba. Haata’u malee jaalalleen lamaan isaaniyyuu walqixa
qoratamanii yoo dawaa fudhachuu baatan walquunnamtii saalaa
raawwachuu hin qabanu.
Namni tokko dhukkuba HIV/AIDsii tiin qabamu kan beeku qorannoo
dhiigaa qofa gochuuni. Sabani isaas qorannoon kun garaa garummaa
ji’oota sadii dura argamuu waan hin dandeenyeef. Vaayirasichi yoo
dhiigaa keenya keessatti argame ta’e of eeggannoo gaarii ta’e gochuun
vaayirasicha dadhabsiisuun ni danda’ama. Yoo vaayirasiichi qaama
keenya keessatti hin argamne ta’e namoota birootiif gorsa kennun
qabna.
Yaadota Dogongoraa
- Namni tokko fayyaa waan fakkaatuuf, qulqulina ofii waan eeggatuu
fi huccuu gaarii waan uffatuuf dhukkuba hin qabu.
• Dogongora: yomiyyuu nama tokko ijaan ilaaluun
fayyaa ykn dhukkubsataa ta’uu isaa addaan baasuun hin
danda’amu. - Dhukkubootni saal-quunnamtiin daddarbanii fi HIV/ AIDSi mana
fincaanii tokkotti fayyadamuun dadarbu ni danda’u.
• Dogongora: dhukkubootni kun huccuu waliin uffachuun
mana fincaanii tokkotti waliin fayyadamuun wajjin rafuun,
bookee buusaatiin ciniinamun, wal hammachuu fi wal
dhungachuun hin daddarbu. - Dhukkuboota saal-quunamtiin daddarbanii fi HIV/AIDSiin qabamnaan
jaalallee baay’ee qabachuutu nurra eegama.
• Dogoggora: dhukkubootni kun saal-quunnamtii of hin eegnen
raawwatamee tokko qofaan daddarbuu danda’a. - Dhiirri tokko ykn shamarreen tokko kondomii fayyadamna jette
yaada yoo dhiyeessitee dhukkuba qabdi
• Dogoggora:kun jechuun of eeggannoo fi ulfinaaf kan
gaafataniidha. - Namni HIV/AIDSi qabu daa’ima qabaachuu (argachuu) hin
danda’u.
• Dogongora: Eeyyeen ni danda’ama. Kanaan dura akka hin
danda’amnetti ilaalamaa ture. Amma garuu ni danda’ama.
Haati HIV/AIDSiin qabamte maatii argachuu ni dandeessi.
Yaalii addaa addaa hordofuu fi qorichaa (dawaa) fudhachuun
dhukkubni kun haadha gara ilmootti akka hin darbarree
ittisuun ni danda’ama. - Vaayirasiin HIV/AIDSi uraa kondomiitiin gara qaamaa seenuu ni
danda’a.
• Dogongora: eyyee / hin danda’amu. Hin danda’amu kon
domiin yoo urate malee vaayirasiin dhukkuba kana dabarsuu
ykn sanyii kormaa (sperm) dabarsuu hin danda’u.
- Namoota sooreyyiif dawaa (qorichi) jira.
• Dogongora: Eyyee /miti. Miti hanga ammaatti dhukkuba
kanaaf dawaan hin argamne. Garuu umurii dheeressuuf
(tursiisuuf) qorichoonni fayyadan jiru. Dawaan kun garuu
bakka maratti hin argamu. Dhiigni guutumaan guututti
jijjiramu iyyuu vaayirasichi xannachoota keessatti argamuu
ni danda’a.
Haala fayyadama kondomii
• Dhukkuboota saal-qunamtiin daddarban HIV/AIDSi fi ulfa itti hin
yaadamne irraa of eeguuf kondomii sirnaan fayyadamuu qabna.
• sirnaan koondomii akka itti fayyadamtan beektuu?
• Namootni baay’ee koondomii akkataa itti fayyadaman sirriitti
hin beekan. Yaadota dogongoraa ykn ilaalcha hin taane qabu.
Fakkeenyaaf
• Koondomiin namoota Afrikaaf hin ta’u
• Koondomii keessa vaayirasiin darbuu danda’a
• Bal’achuu ykn dhiphachuu danda’a
• HIV/AIDSin nama filata
• Koondomiin feedhii saal-quunnamtii saalaa hir’isa .
Hubadhaa ilaalchi akkanaa koondomii fayyadamuuf fedhii dhabuu fi
dirqama ofii bahachuu dhabuu irraa kan ka’ee wantoota oodeeffamaniidha.
Koondomii sirnaan fayyadamuun 98% dhukkuboota saal-qunamtiin
daddarbanii fi ulfa itti hin yaadamne ittisuu ni danda’ama.
Murtee murteessuuf maal gochuu qabna?
Namni tokko filannoolee jireenyaa keessaa murtee kam murteessuuf
yommuu rakkatu filannoowwaan jiran kaa’un bu’aa isaanii fi miidhaa
isaanii addaan baafachuu qaba. Fakkeenyaaf sal-quunnamtii irraa of
qusachuu fi koondomii fayyadamuu yommuu filannu: - Waraqaa qulqullu tokko bakka lamatti qooduun gara tokkotti
walquunnamtii saalaa irraa of dhorkuu jedhaa barreessaa. Gara
isa birootti ammoo koondomii fayyadamuu jedhaa barreessaa. - Bakka sirrii ta’etti maaliif saal-quunnamtii irraa of qusachuu ykn
kondomii fayyadamuu barbaadaniif barreessaa.
Fakkeenyaaf, saal-quunnamtii irraa of qusachuuf amma saal-quunnmatii
raawwachuuf qophii hin qabu. - Maatii kootiif hanga umuriin koo gahutti saal-quunnamtii akkan
hin raawwanne waadaa galeera. - Yeroo ammaatti anaaf namni ta’u hin jiru
Fayyadamuu: - Saal-quunnamtii raawwachaa wantan jiruuf dhukkuboota karaa
saal-qunamtii daddarbaniin qabmu hin barbaadu. - Koondomiin ulfa itti hin yaadamne, dhukkuboota karaa saal-quunnamtii
daddarbani fi HIV/AIDSi irraa na ittisa. - Maaloota lamaanuu erga tarreessitanii booda taa’atii gadi fageenyaa
waliin madaluun murtee keessan filadhaa. Kunis filannoon
keessan maal akka ta’e isinitti ibsa.
Murtee sirrii ta’e murteessaa. Namni biraa barbaadeef qofa wanta
hin fedhin tokko hin raawwatinaa. Filannoo dhunfaa keessanitu isinis
ta’e jaalallee keessan ittisuuf maqaa keessan eeguuf isin gargaara. Yeroo
kana garuu isiniif filannoo ta’uu kan qabu sal-quunnamtii irraa of
dhorkuudha.
Adaraa isin of eeggadhaa!
Dhukkuba HIV/AIDSi tiin namoota qabaman qooduu dhiisuu.
Vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabamne jechuun dhukkubsataadha jechuu
miti. Guutummaan guututti hojii hojjachuu ni dandeenya. Namootni
baay’een nama vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabame akkamitti akka qabame
osoo hin beekiin namoota vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabaman
kunuunsa isaan barbaachisa. Dhukkubicha caalaa kan isaan miidhaa
irraan gahu namootaan qoodamanii ilaalamuudha.
Vaayirasii HIV/AIDSi tiin yoo qabamtan maal gochuu dandeessuu?
• Namoota birootti dabarsuu dhiisuu
• Mataa ofii fi hiriyaa keenya eeggachuu
• Vaayirasichi gara dhukkuba Eedsiitti akka hin jijjiramne carraa
isaa hir’isuun of eeggachuu. Hubadhaa vaayirasii HIV/AIDSi tiin
qabamtan iyyuu gammachuu fi fayyaan jiraachuu ni dandeessuu.
• Yommuu yaaddoon isinitti dhaga’amu hiriyaa amanamaa kee
wajiin marii gochuu qabdu.
• Boqonnaa (haara galfii) gahaa argachuu qabdu.
• Nyaata sirnaan nyaachuu qabdu. Yeroo yeroodhaan mana
yaalaa deemuun ilaalamuu qabdu.
• Gargaarsa isiniif godhamuutti gammaduu qabdu.
Vaayirasii HIV/AIDSi tiin yoo hin qabamne maal gochuu qabdu?
• HIV/AIDSin akka hin qabamne of eeggachuu
• Hiriyoota keessaan gargaaruu. Ollaa fi hiriyoota keessan waa’ee
HIV/AIDSi odeeffannoo kennuu
• Namoota vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabaman kunuunsuu
• Namoota vaayirasii HIV/AIDSi tiin qabaman akka namootaan
addaan hin qoodamne ittisuu
• Miidhaa karaa saal-quunnamtiitin dhufan dirqisifamanii gudeedamuu
dabalatee rakkoowwan uumaman atattamaan gara qaama
ilaallatutti beeksisuu.
• sHawaasa keessa jiraatan akka vaayirasii HIV/AIDSi tiin hin qabamne
odeeffannoo kennuu.
Hubadhaa! Hiriyaan vaayirasii HIV tiin qabame ammas hiriyaa dha!
Walgargaaruu qabdu.
Hubadhaa! Ittisa vaayirasii HIV/AIDSi keessatti isinis gahee qabdu.
Gaaffilee Saal-quunnamtii of hin eegne geggeeffamuuf dhiyaatan
- Sal-qunamtii of eeggannoo hin qabne rakkoon isaa maalii ?
• Dhukkuboota karaa sal-qunnamti daddarbanii fi HIV/AIDSi
tiif nama saaxila.
• Ulfa hin barbaachifne fida
• Laamanuu - Nama tokko ilaaluun dhukkuboota sal-quunnamtiin daddarban
qabaachuu isaa beekuun ni danda’amaa?
• Eeyyeen
• Hin danda’amu
• Yeroo hundaa yoo ta’uu baatus - Akkamitti ulfa itti hin yaadamne, dhukkuboota sal-qununamtii
daddarbanii fi HIV/AIDSi ittisuu dandeenyaa?
• Yommuu sal-quunnamtii raawwannu maraa koondomii
fayyadamuu
• Dhaabbatanii sal-quunnamtii raawwachuun
- Jaalalleen (hiriyaan) keessan koondomii fayyadamuu barbaachuu
yoo baate maal gootuu?\
• Hiriyaa keenya waan jaalannuuf amansiisuu
• Koondomiin mallattoo jaalalaa ta’uusaa hubachiisuu - Dhukkuboota sal-quunnamtii daddarban qaba jettanii yoo of
shakkitan maal gochuu qabduu?
• Hamma fayyamutti callisnee ilaalla.
• Atattamaan yaalamuun rakkoo guddaa irraa of hambifna. - Mallattoowwan armaa gadii keessaa kamtu kan dhukkuboota
sal-quunnamtiin daddarban hin taane?
• Foolii hajaawaa
• Mataa bowwuu
• Dhangala’oon qaamota wal hormaataa keesaa gadi bahuu - Shamarreen tokko sal-quunnamtii hin raawwadhu gaafa jettuu
maal jechuu barbaadde?
• Hin ta’u / hin raawwadhu
• Eyyee
• Ittaan yaada. - Dhukkuboota sal-quunnamtii daddarbaniif HIV/AIDSin kan salphaati
saaxilamuu eenyuu?
• Dhiirota jaalallee baay’ee qaban
• Dubartoota jaalallee baay’ee qaban
• Namoota sal-quunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwatan
• Hunduma.
Bu’aa qorannoo beekuun/ baruun dura deebii keessan irra deebitanii
ilaaluu barbaadduu? - Sal-quunnamtii of hin eegne rakkoowwan kan akka HIV/AIDSi
dhukkuboota sal-quunnamtii daddarbanii fi ulfa ittin hin yadamneef
nama saaxilaa. - Namni tokko dhukkuboota sal-quunnamtii daddarban nama
qabu ilaale qofa beekuu/ addaan baasuun hin danda’amu garuu
miidhaa isaan geessisaan irraa ka’uun dhukkuboota maal akka
ta’an beekuun ni danda’aama. - Dhukkuboota tarreeffaman kana furuuf carraan qabnu sal-quunnamti
raawwachuu dhiisuudha. Filannoon lammafaa kondomii
fayyadamuudha. Dhaabbatanii sal-quunnamtii gaggeessuun
garuu maaluma irraa nu ittisuu hin danda’uu. - Jaalalleen keessan koondomii fayyadamuu yoo baatee waliin
dubbachuun walii galuun sal-quunnamtii of eeggannoo qabu
raawwachuutu isin irraa eegama.
• Sal-quunnamtii alatti wantoota jaalala calaqqisiisan kanneen
akka wal dhungachuu, wal hammachuu fi k.k.f raawwachuun
ni danda’ama. Haata’u malee hiriyaa keessan
sal-quunnamtii geggeessinu malee hin ta’uu yoo jedhe ykn
jettee dhiisuutu nu irraa eegama. Sal-quunnamtii of hin eegne
yoomiyyuu jaalala ibsuu hin danda’u. - Dhukkuboota sal-quunnamtiin daddarban qaba jettanii yoo of
shakkitan atattamaan gara mana yaalaa deemuun ilaalamuu
qabdu. Fayyaa keessan miidhuu ni danda’a. Gara fuldurratti akka
ilmoo /daa’imaa hin argamne godha. Dabalatanis namoota birootti
dabarsuu ni dandeessuu.
- Kanneen tarreeffaman keessaaa mallattoo dhukkuboota salquunnamtii
daddarbanii kan hin taanee mataa bowwuudha.
Kanneen biro kan akka foolii ajaa’aa, dhangala’oon qaama
wal hormataa keessaa gadi bahuu fi qaamota wal hormataa
hooqsiisuu mallattoolee dhukkuboota sal-quunnamtii saalaatiin
daddarbaniiti. - Shamarreen tokko sal-quunnamtii hin raawwadhu jechuun
ishee hin raawwadhu / hin ta’u jechuu isheeti, kolfaa hin ta’u
jechuun ishee jaalallee ishee akka itti hin dallanneefi. - Dubartootni sal-quunnamtii namoota hedduu wajjin raawwatan
carraan isaan dhukkuboota sal-quunnamtii daddarbaniif
saaxilaman ol’aanadha. Sababiin isaa qaamni walhormaata
dhalaa salphaadhumatti dhukkuboota addaa addaaf saaxilamu
danda’a. Dhirootni dubartoota hedduu wajjinis sal-quunnamtii
raawwatan akkasuma. Dhiiras ta’ee shamarran yeroo
jalqabaatiif sal-quunnamtii rawwatan sadarkaan saaxilamuu
isaanii guddaadha.
Odeeffannoo dabalataa
Dhiiraafis ta’ee dubaraaf maloota dhukkuboota sal-quunnamtiin
daddarban ittisuuf sal-quunnamtii raawwachuu dhiisuu, koondomii
fayyadamuu fi maloota biros fayyadamuuf - 1. Yeroo sirrii filachuu – jaalala keessa yommuu jirtan maloota
armaan olii hiriyaa keessan waliin dubbachuun ni cima. Garuu
yommuu karaa waliin deemtan laaqana nyaattani fi bashanantan
waliin dubbachuun wal amansiiftanii murtee keessan murteesschuu
qabdu. - Ergaa / yaada ifa ta’e dubbachuu murtee keenya wanta ibsachuu
barbaannuu ifaan ifatti dubbachuu fi ibsachuu qabna. Fakkeenyaaf
akkana jechuu ni dandeenya:
• Sal-qunamti raawwachuu hin barbaadu sababiin isaa qophii
wantan hin taaneef ykn ulfaa’uu fi dhukkuboota sal-quunnamtiin
daddarbaniif saaxilamuu hin barbaadu ykn maloota
dhukkuboota kanaa fi ulfa ittisan yoo fayyadamne malee salquunnamtii
raawwachuu hin qabnu jechuudha.
• Sal-quunnamtii raawwachuu kanan dideef barumsa irratti
xiyyeeffachuu waanan barbaaduu fi kayyoo koo irraa waan
ana hambisuu fi dabalataanis jaalalli keenya hanga baay’isee
cimutti fi yeroon sirrin hanga gahutti raawwachuu hin qabnu. - Amantee godhadhaa/ waliif amanamaa yeroo tokko murtee sirri
yoo murteessitan yaada keessan irratti amanaa / boodatti deebitanii
yaada keessan hin jijjirinaa. Hubadhaa murtee sirrii waan
murteessitaniif yaadni dogoggoraa isiniif hin dhaga’amin kun kan
ta’uu qabuuf namoota biraa akka hin miinef malee garaa jabinaa
miti. - Murtee keessanitti amantaa godhadhaa. Murtee keessaniin hanga
xummuraatti turaa /dhaabbadhaa. Jaalala keessa yoo jirtan ta’e
wa’een sal-quunnamti of eeggannoo irra deddebi’ee dhufu qaba.
Murteen keessan sal-qunamtii hin gaggeessu kan jedhu yoo ta’e
murtee keessanitti cimuu qabdu. Yoo dhuma isin fedhii qabaattanii
fi jaalalleen keessan isin kakaase murtee keessaniin turu qabdu.
Koondomii fayyadamuu yoo filattan yeroo mara sal-quunnamtii raawwattan fayyadamuu qabdu.
Maloota koondomii sirnaan fayyadamu.
- Yeroo koondomiin fayyadu sirriitti ilaaluu
- Of eeggannoon fiixee isaa kutuu
- Koondomicha suuta jedhanii banuu
- Qaama dhiiraa guutummaan guututti koondomii keessa galchuu
- Kondomichaan suuta jedhanii sirnaan sal-quunnamtii saalaa
gaggeessuu - Xumura irratti qaama dhiiraa irraa suuta jedhanii baasuun hidhanii
bakka balfi gatamutti gatuu
Of eeggannoo dursaa
• Yeroo tokkoon olitti kondomii fayyadamuun hin danda’amu
• Koondomii lama wal irratti dabaluuni fayyadamuun hin
danda’amu
• Wantootaa dibata/mucuuceessaa qaban waan mucuceessuu
danda’aniif fayyadamu dhiisu
• Koondoomi bakka ifaan hin jirree, qabbana’aa fi jidhinni hin
jirre kaa’uu
• Koondoomin yoo yeroon itti darbee fi bade fayyadamu dhiisu
• Kondoomi fayyadamun dura harkaan shaakalu