Skip to toolbar

Lesson 9

Barannoo 9ffaa: BALAARRAA OF EEGI: DHUKKUBOOTA QUUNNAMTII SAALAAN DADDARBANII/ HIV/AIDS

Kaayyolee Barannoo

  • Gabaajee DHQSD maal akka bakka bu’anii fi DHQSDn maal akka ta’e ni ibsu; DHQSD warra gurguddaa sadan (cobxoo, fanxoo, karkir) maqaa dhahu, sadanuu fayyuun akka danda’ama ni hubatu.
  • Mallattoolee fi agarsiistota DHQSD sadii ni tarreessu; mallattoolee fi agarsiistotni kunneen osoo hin mullatinis qabamuun akka danda’amu ni ibsu; nama kamiyyuu ijaan ilaaluudhaan DHQSDdhaan qabamuu fi dhiisuu adda baasuun akka hin danda’amne ni hubatu; 
  • Akkaataawwan DHQSDn HIV dabalatee itti dabruu danda’an sadii fi dabruu hin dandeenye sadii ni tarreessu; 
  • HIV/AIDS irraa kan hafe DHQSD kanneen biroorraa yeroodhaan yoo beekame fayyuun akka danda’amu ni ibsu.
  • Sababoota warri dubaraa warra dhiiraa caalaa DHQSDn salphaatti akka qabaman taasisan lama ni tarreessu. 
  • Miidhaalee DHQSDn geessisan sadii tarreessu; DHQSD fi HIV qoratamuuf yeroodhaan gara buufata fayyaa deemuu akka akka qaban ni ibsu; qabamuu fi hiryaa quunnamtii saalaasaaniitttis himuu akka qaban ni ibsu. 
  • HIVn dhukkuba quunnamtii saalaatiin dabru ta’uu fi HIVn immoo AIDS kan nama qabsiisu, AIDSiin sirna qaamni namaa dhukkuba ofirraa ittisuuf fayyadamu hojiin ala kan taasisu ta’uu ibsu. 
  • DHQSDiin qabamuun vaayirasiin dhukkuba HIV qaama namaa seenuuf carraa akka ballisu ni ibsu.
  • Tooftaalee DHQSD hunda HIV dabalatee irraa of eeguuf fayyadan sadanii fi Saal-qunamtii kamirrayyuu of qusachuu jechuun quunnamtii kara huraa qaama hormaataa yookiin huraa karaa bakkee ba’anuun godhamurraa of qusachuu jechuu akka ta’e ni ibsu.
  • Jaalallee ofiitiif amanamuu DHQSD fi HIV irraa si eeguu kan danda’u yoo lamaanuu %100 amanamoo ta’aniifi yoo namoonni duraan hiryaa quunnamtii saalaa isaaniif turanis kan hin faalamne ta’uu ni ibsu.
  • Yeroo quunnamtii saalaa raawwatan mara jalqabaa hanga quunnamtii xumuraatti kondomii fayyadamuu akka qaban ni ibsu.
  • Kondomiin si’a tokko qofa akka fayyadu, bakka qabbanaa’aa, dukkanaa fi gogaa kaa’amuu akka qabu; yeroonsaa yoo dabre akka hin fayyadnee fi kondomichi yookiin mandheesaa yoo citaa ta’e akka fayyadamuun akka hin danda’amne ni ibsu.
  • Yaada dogoggoraa namoonni kondomii fayyadamuurratti qaban mormuudhaan miidhaalee fayyadamuu dhiisuun fiduu danda’u yaada falmii dhiyeessuudhaan falmu.
  • Yoo dhukkuboota quunnamtii saalaatiin dabranii qabaman ykn HIV/AIDS dhaan qabamuusaanii shakkan nama itti himan tokko maqaa dhahu.
  • Yoo dhaabbata fayyaa tokko keessatti dhangala’aan qorannaa DHQSD fi HIV isaan tuqe maal akka ta’uu ni ibsu; bakka qorannoof deemuu qaban tokko maqaa dha’u.
  • Kondomii bakka argachuu danda’an lama ni tarreessu.
  • Hiryoonni saal quunnamtii lamaan waa’ee fayyadama kondomii kan waliin dubbachuu qaban yeroo quunnamtii saalaaf fedhiin isaanii kaka’e osoo hin taane, yeroo sirriitti ta’uu akka qabuu fi wantoo gochuu qabanii fi gochuu hin qabne, barbaadanuu fi hin barbaannerratti hiryaa isaaniif ergaa ifa ta’e dabarsuu akka qaban ni ibsu.  

Seensa

Barnoonni kun waa’ee balaa fi filannooti. Quunnamtiin saalaa jireenya keessatti madda gammachuu ta’uu danda’a; ta’uus qaba. Ta’us bala irraa bilisa miti. Galmi barnoota kanaa barattoonni balaawwan quunnamtiin saalaa of-eeggannoo hin qabne raawwachuun dhukkuboota quunnamtii saalaa fi HIV/AIDS tiin walqabatanii dhufanuu akka hubatan gargaaruudha.  Barnootichi dhiyeessa balaawwan quunnamtii of-eeggannoo hin qabne raawwachuudhaan dhufanii fi akkamitti of eeguun akka danda’amu ibsuudhaan ta’a.  Quunnamtii saalaarraa of qusachuun akka fala hunda caalaa filatamaatti ibsama. Haa ta’u malee, dargaggoonni parsantaa baayyeen fedhii quunnamtii saalaa olaanaa qaban waan jiranuuf, kondomiitti sirriitti walitti fufiinsaan fayyadamuunis ni ibsama. 

Dhiyeessicha booda, barattoonni beekumsasaanii madaaluuf battallee of-eeggannoo quunnamtii saalaa taphachuu danda’u. Gilgaalonni biroon barnooticha keessatti haammataman, marii, waa’ee Miidhaalee Quunnamtii Saalaatiin Dabran (MQSD) fi HIV/AIDS, quunnamtii saalaa raawwachuun dura waliigaluu shaakaluuf ga’ee taphachuu, gareedhaan hojjechuudhaan tarkaanfiiwwan dargaggoonni  fudhachuu danda’an irratti mariyachuu, fi namoota HIV/AIDSn qabaman gargaaruuf post-kaardii hojjechuudha. Hubannoo HIV/AIDS erga argatanii booda, barnootichi miidhaalee ciccimoo sababa dhukkubichaatiin namoota dhuunfaa fi hawaasarratti xiyyeeffata.  Kanaaf, barattoonni hundi namoota hawaasa isaanii keessa dhukkuboota quunnamtii saalaan dabranii fi HIV/AIDS waliin jiraatan gargaaruuf ga’ee olaanaa qabu.

Barnooticha haala armaan gadiitiin barattootaan wal-barsiisuu ni dandeessa:  

‘Quunnamtiin saalaa haqa jireenyaa ti! Yeroo gabaabaas ta’e yeroo dheeraa booda, dargaggoonni quunnamtii saalaa raawwatanii agarra. Barnoonni kun odeeffannoo waa’ee quunnamtii saalaa, rakkoowwanii fi balaawwan sababa quunnamtii saalaatiin uumamanii fi filannoolee jiran akka argattu si gargaaruurratti xiyyeeffata. Yeroo kamiyyuu, quunnamtii saalaa raawwachuuf

yemmuu murteessitu, balaan isaan walqabatee dhufuu malu maal akka ta’ee fi akkamitti hambisuun akka danda’amu yaaduu qabda.

Waa’ee HIV/AIDS baayyee dhageesseetta; ykn dubbisteetta ta’a. Tarii nama HIV/AIDSiin qabames ni beekta ta’a. Garuu waa’ee HIV/AIDS haqawwaan argachuu qabdu hunda argatteettaa? Dhiibbaa HIV/AIDS hawaasa keerratti qabu ni beektaa? Ofuma keetiifuu qorannaa dhiigaa kan HIV/AIDS fudhachuu akka qabdu yaaddee beektaa? Namoota HIV/AIDS waliin jiraatan akkamitti gargaaruu dandeessa?

Mee maal gochuu qabna jennee of haa gaafannu, sababnisaas, nutis ga’ee taphachuu qabnu ni qabna.

Learning Resources

Teaching Methodologies

Wixinee barannootaa

1. Calaqqee 

2. Si’eessitu – Waardiyaa fi Diina Dhokataa (daq. 10) 

3. Dhiyeessa- of eegaadhaa (daqiiqaa 40’)

4. Gaaffii battallee saalqunnamtii of eege (daqiiqaa 20’)

5. Maree fi dandeetti amansiisu-ga’ee taphachuu (daqiiqaa 30’)

6. Hojii Garee: Qofaa dhaabbachuu (daq. 10) 

 7. Guduunfaa fi hojii manaa (daqiiqaa 5)   

1. Calaqqee    

  • Waa’ee gochaalee calaqqee barnoota dabre keessatti qabxiilee muraasaa akka dhiyeessan barattoota muraasa gaafadhuu

2. Waardiyyaa fi waa’ela  (daddamaqsuu – daq.10)    

Galma

  • Barattoonni barnooticha jalqabumarraa dammaqinaan eegaluu kaka’umsa horatu 

Akkamitti

Tartiiba 1 

Barattoonni hundi bifa geengootiin hiriiranii dhaabbatu; taphachuuf bakka hambifachuu qabu. Barataan tokko jara qabuuf dhokatee – diina dhokataa (Vaayrasicha) barataan tokkommoo nagaasaanii eeguuf waardiyaa ta’ee (Seelii Dhiiga Adii) gidduu isaaniitti akka argamuu barattootatti himi. Diinni dhokataan vaayirasicha akka bakka bu’uu fi waardiyichi Seelii Dhiiga Adii akka bakka bu’u barattootatti hin himin.

Tartiiba 2 

Barattoonni marti osoo qubaan hin agarsiisin yookiin maqaasaa hin waamin nama diinasaanii dhokataa ta’e tokko filatu. Erga barattoonni marti filatanii booda, barataa yeroo taphichi taphatamu waardiyaasaanii ta’e callisanii osoo namatti hin himin filatu.

Tartiiba 3 

Barattoonni filannoosaanii erga xumuranii booda, amma asii fi achi deemuuf bilisa ta’uusaanii itti himi. Haa ta’u malee, yeroo asii fi achi deeman barattoonni marti waardiyaasaaniitti siqanii hanga danda’ametti immoo diinasaanii dhokataarraa fagaatanii deemuu qabu.

Yeroo xumurameera jettee yaaddu taphicha dhaabi. 

3. DHQSD fi HIV irraa of eegi – Dhiyeessa (daq. 35)

Galmawwan

  • Barattoonni beekumsa balaawwan DHQSD fi HIV geessisan ni horatu.
  • Barattoonni dhimmoota DHQSD fi HIV tiin walqabatanii balaawwan sababa dhukkuboota kunneeniin uumaman irraatti yaada qaban ibsachuudhaan dhukkuboota kunneenirraa of eeguuf filannoolee jiran keessaa kan of eeggachuuf caalaatti ni fayyada jedhanii amanan filatu.  

Akkamitti

Tartiiba 1

 Dhiyeessi kun waa’ee DHQSD fi HIV fi saalqunnamtii of eege ta’uu barattootatti himi. Barannoon 10 keessatti waa’ee HIV/AIDS fi HIV/AIDS waliin jiraachuu gadi fageenyaan akka baratan itti himi. Barattoonni dhiyeessa Kitaaba Barataa keessa jiru dubbisuudhaan gara fuula itti aanuutti taru.  Dhiyeessichi yemmuu xumuramu, gilgaala dhuunfaadhaan waraqaarratti hojjetan ni kennamaaf.

Dhiyeessichi mata-dureewwan armaan gadii of keessatti haammata:

  • DHQSDn maali? 
  • DHQSDn qabamuu kee akkamitti beekta?  
  • Yoo DHQSD tiin qabamte maal gochuu qabda?
  • Dawaa DHQSD
  • DHQSDn akkamitti akka balleessuun danda’amu
  • Qorannaa HIV/AIDS geggeessuu
  • Kondomii fayyadamuu fi ilaalchawwan dogoggoraa kondomiin walqabatan
  • Dhiyeessichi amala itti gaafatamummaa dhiiraa fi dubara irraa eegamuuf xiyyeeffannoo olaanaa kenna.
  1. Beekumsa kee madaali – Gaaffilee saalqunnamtii of eege (daq. 15) (Kitaaba barataa keessa)

Galma 

  • Barattoonni maal akka beekan, dhiyeessicharraa maal akka baratan fi dhimmota muraasa irratti yaada qaban ibsatu. 

Akkamitti  

Tartiiba 1

 Barattoonni waa’ee DHQSD fi HIV haqawwan tokko tokko barataniiru. Battallee kanaan beekumsasaanii madaaluu danda’u. Battallichi gaaffilee hubannoosaanii sadarkaa beekumsaatti madaalan kan of keessatti qabatudha. Haa ta’u malee deebilee sirrii ta’aniif ibsi ni kennama. 

5. Maree fi dandeetti amansiisu (daqiiqaa 35’)

Galma

  • Barattoonni waan dhiyeessaa fi battallee Gaaffilee saalqunnamtii of eege keessaa baratanii fi dhimmoota kunneen irratti yaada qaban waliif qoodu.

Akkamitti

Tartiiba 1 

Gaaffilee adda addaa kanneen akka armaan gadii gaafachuun maricha hoggani:

 1. Waa’ee saalqunnamtii of eege mana barumsaa keessatti dubbachuu qabna sitti fakkaataa? Maaliif dubbachuu qabna? Maaliif dubbachuu hin qabnu?

2. DHQSD yoo si qabe eenyutti himuu qabda? 

3. Gaaffiin deebii dhabdeefii waliin rakkataa jirtu ni jira? 

4. Mata-dureewwan kunneen irratti odeeffannoo dabalataa eessaa argachuu dandeenya? 

Dandeettiiwwan Amansiisuu

Galmawwan

  • Barattoonni daandii filatan hojiirra oolchuuf deeggarsa argatu
  • Barattoonni dubbatanii amansiisuu danda’u

Akkamitti

Tartiiba 1 

Gilgaala ga’ee taphachuu kana hojjechuuf dandeettiiwwan amansiisuu fayyadami. Qajeelfamoota dandeettiiwwan amansiisuu barreessffama keessa jiran ilaali. 

1. Yeroo murteessuu – Yeroo kee sirriitti filadhu;

 2. Ergaa ifa ta’e sirriitti dabarsi;

 3. Ejjennoo cimaa qabaadhu; 

4. Murtii keetti cichi.

Tartiiba 2 

Barattoota lama lamaan Ramadi. Barattoonni lama lamaan ta’anii ga’ee taphatan keessatti qajeelfamoota amansiisuu fayyadamanii dandeettiiwwan amansiisuu shaakalu. Lameewwan maraaf oduun kenname tokkuma: dhiiraa fi dubra tokkotu waliin ba’anii jirru. Lamman keessaa tokko quunnamtii saalaa of-eeggannoo malee raawwachuu barbaada. Tokkommoo tasuma quunnamtii saalaa raawwachuu hin fedhu; yookiin immoo quunnamtii saalaa of-eeggannoo qabu raawwachuu barbaada/barbaaddi. Tokko tokkoon garee ga’ee odicha keessatti taphatan irratti ni murteessu. Murteessaan oduu san miti; murteessaan barattoonni dandeettiiwwan of-amansiisuu shaakaluusaanii isaaniiti. Barattoonni dareedhuma tokko keessatti ga’ee taphachuu ni danda’u.

 Tartiiba 3 

Lameewwan martinuu ga’eesaanii taphatanii yoo xumuran, daree fuula duratti ga’ee taphatan akka agarsiisan barattoota muraasa gaafadhu.  Marii daree hogganni: Haala kamiin adeeme? Maal baratan? Kana hojiirra ni oolchuu? Rakkoolee akkamiitu nu mudatan jedhanii yaadu?  

5. Qofaa dhaabbachuu (daq. 15) 

Galma

  • Barattoonni qaama garee ta’uusaanii fi hirmaannaan isaanii barbaachisaa ta’uu fi qofumaan maal akka fakkaatu beekuu eegalu

Akkamitti

Barattoonni hundi geengoodhaan dhaabbatu. Gaaffilee walitti aananii jiran gaafadhu. Yoo barattoonni ‘eeyyee’ jedhanii deebisan gara walakkaa deemu.

Gaaffilee:  

  • Barataan halluu diimaa jaallattu walakkaa dhaabadhu
  • Barataan baadiyaadhaa dhufte walakkaa dhaabadhu
  • Barataan maatiisaaf hangafa ta’e walakkaa dhaabadhu
  • Barataan maatiisaaf quxisuu ta’e walakkaa dhaabadhu
  • Barataan kubbaa miilaa taphattu walakkaa dhaabadhu
  • Barataan nama AIDS qabu beektu walakkaa dhaabadhu
  • Barataan yuunivarsiitii galuu barbaaddu walakkaa dhaabadhu
  • Barataan muuziqaa jaallatu walakkaa dhaabadhu… 

Gaaffilee kunneen hanga danda’ametti dhuunfaadhaan walqabsiisi. Barattootatti toluu kan danda’u taasisi. Gaaffilee hedduu itti ida’i.

  • Barattoonni hiriira geengootiin ala bahan qofaa dhaabbachuudhaan waan isaanitti dhaga’ame ni mariyatu. Namoonni HIV/AIDS qaban deeggarsa akka barbaadan, dhiibamuu/qofa-galeessa ta’uu akka hin qabnee fi deeggarsa kennuu keessatti ga’een dargaggootaa olaanaa ta’uu qabachiisuun barnoota baratame xumuri.

6. Goolabaa fi Ho-manee (daq. 5) 

Barnooticha goolabuuf, barbaachisummaa wantoota guyyaa baratanii yaadachiisi: quunnamtiin saalaa qaama jireenya dhala namaa kan itti gammadan ta’uu kan danda’u yoo gareen lamaanuu qophii ta’anidha. Haa ta’u malee, qaamolee lamaaniifuu itti gaafatamummaa guddaa waliin dhufa. Kabaaf, itti gaafatamummaa kunneenis fudhachuuf qophii ta’uun barbaachisaadha.

Hoj-manee

Barattoonni turban tokkoof guyyaa guyyaan waan hojjetan kan osoo DHQSD/HIV qaban ta’ee hojjetamuu hindandeenye dabtara yaadannoo isaaniirratti akka kataban gaafadhu. Dabalataanis, rakkoolee kondomii argachuu mudatanii fi malawwan furmaataa akka xiinxalan gaafadhu.

DUBBISA 

Qajeelfamoota dandeettiiwwan amansiisuu

  1. Yeroo murteessuu – Yeroo kee sirriitti filadhu

Haasaa kee yeroo fedhii jaalalaatiin hin guutamne, yookiin yeroo quunnamtii saalaa irra jirre taasisi. Yeroo fedhii quunnamtii salaa ho’aa keessa jirtu waa’ee murtii kee dubbachuun baayyee rakkisaadha. Yeroon waliin adeemtu, yoon laaqana waliin nyaattu filatamaa ta’uu danda’a. Yoo fedhii ho’aa keessa jirta ta’e qajeelfamoota armaan gadiitti cichi.

  1. Ergaa ifa ta’e sirriitti dabarsi;

Ergaa kee ifa godhii kallattiidhaan dabarsi. Fakkeenyaaf, “Quunnamtii saalaa akkan hin raawwanne murteesseen jira. Sababnisaas, quunnamtii saalaa raawwachuu qophii miti; yookiin; dhukkuboota quunnamtii saalaatiin daddarbaniin qabamuuf; ulfaa’uuf carraa banuu hin fedhu”

jechuu ni dandeessa. Yookiin immoo, “Si waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf fedhii qaba. Yoo malawwan ittisaa adda addaa fayyadamne malee hin ta’u” jechuu dandeessa. Ergaa kee mallattoolee adda addaan osoo hin taane jechootaan sirriitti ifa godhii dabarsi. Fuula kee gudunfii dubbadhu malee kokkolfaa hin dubbatin.

Yoo hiryaan kee didee si dirqisiise, erga kee keessa deebi’ii dabalii ibsa dabalataa waliin itti himi. Fakkeenyaaf akkana jechuu dandeessa: Ammaaf quunnamtii saalaa raawwachuuf hin murteessine; sababnisaas, barnoota koorratti xiyyeeffachuun fedha; quunnamtiin saalaa immoo xiyyeeffannoo kootti gufuu ta’a. Yookiin immoo “Walitti dhufeenyi keenya quunnamtii saalaa raawwachuuf cimaa ta’uu hangan mirkaneeffadhutti turuun barbaada;” jechuu dandeessa.

Yoo ammas didee si dirqisiise, maaltu sitti dhaga’amaa akka jiru itti himi. Fakkeenyaaf akkana jechuu dandeessa. “Waan ani sitti himu akka dhaggeeffataa hin jirretu natti dhaga’ama. Na dhaggeeffataa hin jirtu; waan ati yaadaa jirtu fedhii kee qofaadha; yookiin immoo, waan ati na dhaggeeffataa hin jirreef, ana jaallachuu keeyyuu nan shakka”.

  1. Ejjennoo cimaa qabaadhu

Waan siif sirriidha jettee amantu erga murteessitee booda, ejjennoo kee sanitti cichi-yaadadhu, erga murteessitee booda miirri dogoggorummaa sitti dhaga’amuu hin qabu.  Haalli akkanaa baayyee rakkisaa ta’uu danda’a. Sababnisaas, yeroo hedduu namoota baayyee nutti siqan ykn jaallannu gammachiisuu barbaanna. Ta’us, murtii ofiitti cichuu jechuun mufachiisuu, jibbuu ykn tuffachuu jechuu miti.

  1. Murtii keetti cichi

Murtii kee hordofuun adeemsa walirraa hin cinnedha. Yoo fedhii jaalaa fi quunnamtii saalaa ho’aa keessa jirta ta’e, murtiin quunnamtii saalaa fi ittisaa daddabalee yeroo hedduu dhufuu danda’a. Yoo murtiin kee quunnamtii saalaa tasuma hin raawwadhu kan jedhu ta’e, ejjennoo fi murtii kee deeggaruudhaan itti cichuudha malee dhiibbaa hiryaa keerraa dhufuuf mo’atamuu hin qabdu. Yoo murtiin kee kondomii fayyadamuudha ta’e, yeroo quunnamtii saalaa raawwattu itti fayyadamuuf kondomii ga’aa harkatti qabachuu qabda.

Yoo feetee (Optional):  Hojii dhuunfaa: posti kaardii hojjedhu (daq. 10)

Galma

  • Barattoonni matasaaniif, naannoosaaniifi dhukkuba HIV/AIDS tiif itti gaafatamummaa fudhachuuf ni onnatu;
  • Barattoonni ergaa dhukkubsataa ykn faalamaa HIV/AIDS ni fayyada jedhanii yaadan ni filatu. 

Akkamitti

  • Barattoonni nama HIV/AIDSn qabame tokko, kan deeggarsa barbaada jedhanii yaadan qabatu. Kun hiryaa, miseensa maatii, abbaa/haadha, barsiisaa/tuu, yookiin nama hinbeekne ta’uu mala.
  • Barattoonni akka dhukkubsataan sana qofummaan akka itti hin dhaga’amne gargaaruuf, ergaa dabarsan qopheessu.
  • Barattoonni posti kaardii ergaasaanii ittiin dabarsan miidhagsanii qopheessu: gabaabaa, garuu ergaa cimaa kan dabarsu! Posti kaardiin kun barruulee, gaazexoota fi maxxansamoota adda addaa keessaa kutuun, yookiin kaasuun hojjetamu ta’uu danda’a.
  • Posti kaardichi daree keessatti fannisamuu fi yeroo agarsiisaa fayyaduu ni danda’a.

5. Goolabaa fi Hoj-manee (daq. 5) 

Barattootatti maaliif akka walitti dhufne yaadachiisuun, waan haaraa waa’ee HIV/AIDS baranne gababsitee ibsuun, waa’ee gaazexoota dubbisuu itti himuun, barnoota itti aanu keessatti maal akka hojjennu itti himuun barnooticha goolabi.  

Hoj-manee 

Barattoonni karoora isaanii baafatu dhukkubsataa ykn daa’imma maatiin irraa du’an daawwachuu). Posti kaardii isaanii maxxansu ykn nama tokkoof kennu. Hawaasa isaanii keessa dhaabbanni HIV irratti hojjetu, (ittisuu, gorsuu ykn gargaaruun) jiraachuufi dhiisuu barattoota

gaafadhu. Keessumattuu, barattoonni bakka gorsi tolaan itti kennamu, dhiigni itti qoratamu kan daawwachuu danda’an argachuu qabu.

Dubbisa I: HIV/AIDS: Haqawwan Jiran

1. Gaaffilee? 

Dhugaa dubbachuudhaaf hara’ayyuu gaaffileen HIV/AIDSn walqabatan hedduutu jiru. Ati gaaffii qabdaa? Mee haqawwan tokko tokkoo fi gaaffilee yeroo hedduu gaafataman kaasuudhaan gaaffii keetiif deebii argachuufi dhiisuu kee haa ilaallu!

2. HIV/AIDS irratti haqawwan Itoophiyaa keessatti mullatan

 Itoophiyaa keessatti lakkoofsi dhiirotaa fi dubartoota HIV/AIDSn qabamanuu walqixa miti. Dubartootatu heddummninaan saaxilama. Kana beekuun ni danda’ama. Sababnisaas, namoota umurii waggaa 15-19 keessa jiran kanneen dhukkubichaan faalaman kanneen mana yaalaatti gabaasame keessaa %12 dhiira yoo ta’u, % 88 dubartoota. Kana jechuun dhiira qabame tokkoon dubartoota ja’atu qabaman jechuudha.

3. Kana beektuu laata… 

Ga’eessota Itoophiyaa keessaa tilmaamaan %9.5 kana jechuun miliyoona 1.9 HIV/AIDSn faalamaniiru. HIV/AIDSn magaalaawwan hedduu fi naannootti saffisnisaa garmaleedabalee jira. Haa ta’u malee saffisni faalamaa baadiyyaawwan muraasa keessatti yookiin dabalaa yookiinimmoo saffisuma duraan deemaa jira.

4. Kanas ni beektuu … 

Sadarkaan haadharraa-daa’imatti dabruu %15.25tti tilmaamama. Carraa haadharraa daa’imatti dabruu hir’isuuf qorichi haadhaaf kennamu ni jira.

5. Kana hoo beektuu …

 Itoophiyaan daa’imman abbaa fi haadha hin qabne qabaachuudhaan biyyoota Sahaaraa Gadii keessaa hunda ni caalti. Daa’imman umurii waggaa 15 gadi qaban keessaa miliyoona 1.1tti kan

tilmaaman sababa HIV/AIDStiin haadha ykn lamaanuu du’aan dhabaniiru. Rakkoon kun haala kanaan yoo itti fufe sirni aadaa ijaarsa maatii ba’aa ulfaataa itti fe’amu kana baachuu hin danda’u jedhamee sodaatama. Sadarkaan jireenya umurii Itoophiyaanotaa bara 1990 48 kan ture bara 1997 gara 38tti gadi bu’eera.

6. Garuu … 

Tarkaanfii Itoophiyaa sodaa HIV/AIDS uumamerratti fudhatteen bara 1998 as jijjiiramatu jira. Duula walitti fufiinsaan HIV/AIDS irratti geggeessamaa jiruun carraan milkaa’inaa olaanaan akka jiru mullataa jira.

7. Dhukkubicha too’achuuf Mootummaa fi Dhaabbileen Mit-mootummaa maal hojjetu?

Hojii Mootummaa fi Dhaabbileen Mit-mootummaa hojjetan inni guddaan uummanni Itoophiyaa hundi, jiraattonni aanaalee, magaalaawwanii, fi gandootaa hubannoo waa’ee HIV/AIDS argachuusaanii mirkaneessuudha. Maal akka inni ta’ee fi maal akka inni hin taane:

8. Gaaffilee yeroo hedduu gaafataman

 1. “Wayitiin foddaa” (‘window period’ maali? >>

 2. Wayitiin foddaa maaliif barbaachisaa ta’a? >>

 3. Haati warraa HIV qoratamtee nagaatiivii taatee abbaan manaa poosatiivii ta’uu ni danda’aa?  Abbaan manaa nagatiivii ta’ee haati manaa poosatiivii ta’uu hoo ni dandeessii?

4. AIDSn qabamuuf namoota hedduu waliin quunnamtii saalaa raawwachuun barbaachisaadha yaanni jedhu dhugaadhaa?

Deebiiwwan  

1. Namni tokko HIVdhaan faalamee hanga ji’a sadiitti vaayirasii HIV ofirraa ittisuu seelota gargaaran oomishuu ni danda’a. Qorannaan HIV seelota kunneen waan ga’umsaan jiraachuu mirkaneeffachuurratti waan xiyyeeffatuuf hanga ji’a sadiitti qorannaan geggeeffamu nagatiivii ta’uu danda’a. Guyyoonni namni tokko HIV n erga faalamee eegalee hanga seelota dhukkuba

ittisan ga’aa oomishuutti jiran ji’oota sadii keessaa kunneen “Wayitiin foddaa” (‘window period’ maali jedhamu. Ji’oota sadan kunneen keessa qorannaan dhiigaa geggeeffamu nagatiivii ta’a.

2. “Wayitiin foddaa” (‘window period’ baayyee barbaachisaadha. Sababnisaas, namni tokko HIVn qabamee garuu seelota dhukkuba ittisan ga’aa qabaachuu waan danda’uuf, yoo qorannaan geggeeffamus seelonni ga’aan waan jiranuuf nagaativii jedhamuu danda’a. Garuu namni kun HIV dabarsuu ni danda’a. Yemmuu “Wayitiin foddaa” (‘window period’ xumuramu qorannaan yoo irratti geggeeffame poosatiivii ta’a jechuudha. Kanaaf, nama tokkorratti qorannaan dhiigaa yeroo lama irratti geggeeffama; inni lammaffaan ji’a sadii hanga ji’a ja’aatti ta’a. Yeroodhuma kana keessa namichi sun quunnamtii saalaa raawwachuurraa of qusachuu qaba.

3. Eeyyee lammaanuu ni danda’ama. HIVn quunnamtii saalaa yeroo mara geggeeffamuun hin dabru. Kana jechuun, osoo hiryaa quunnamtii saalaa hin qabsiisin yeroo fudhachuun ni mala jechuudha. Kanaafuu, vaayirasii HIVn faalamuu kee beekuun barbaachisaadha.  Ofirraas hiryaa keerraas HIV ittisuu ni dandeessa. Barattoota keerraas ittisuu ni dandeessa. Haala kana keessatti yeroo quunnamtii saalaa mara kondomii fayyadamuun barbaachisaa ta’a.

4. Lakkii, HIV gara nama fayyaatti dabarsuuf quunnamtiin saalaa yeroo tokkoo qofti ga’aadha. Balaan quunnamtii saalaa haala kanaan geggeeffamuun qabamuu kan dabalu yoo: 

  • namni tokko namoota hedduu waliin quunnamtii eeggannoo malee raawwate;
  • dhiigni yeroo quunnamtii saalaa sababa madaa ykn laguu ji’aatiin, rigamuun jiraate; 
  • Lamaan keessaa tokko dhukkuboota quunnamtii saalaatiin daddarban kanneen biroon qabameera ta’e.

Handouts

Assessment

1
Created on By adminadmin

Quiz for Lesson 9

Quiz for Lesson 9

1 / 6

9.1. Dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarbaniin qabamuu akkamitti mirkaneeffachuu dandeessa?

2 / 6

9.2. HIV fi dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarban ittisuuf isa kamtu guutummaatti amansiisaa dha?

3 / 6

9.3. Dhiiga kee qorachiistee Vaayirasiin HIV yoo dhiiga kee keessatti mul’ate maal goota?

4 / 6

9.4. Dhukkuba HIV hin qabu yoo ta’e of eeggannoowwan akkamii gochuutu sirraa eegama? Bal’inaan ibsi

5 / 6

9.5. Namoota dhukkuba HIV qaban akkamitti deeggarta?

6 / 6

9.6. Dirqisiisanii gudeeduu fi dhukkubootni qaama saalaa carraa babal’achuu HIV akkamiin dabalu?

Your score is

The average score is 50%

0%

References